أَرَأَيْتَ الَّذِي يُكَذِّبُ بِالدِّينِ
Isa qormaata (galata guyyaa qiyaamaa) sobsiisu argitee?
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
أَرَأَيْتَ الَّذِي يُكَذِّبُ بِالدِّينِ
Isa qormaata (galata guyyaa qiyaamaa) sobsiisu argitee?
فَذَٰلِكَ الَّذِي يَدُعُّ الْيَتِيمَ
Sun isa yatiima humnaan deebisu.
وَلَا يَحُضُّ عَلَىٰ طَعَامِ الْمِسْكِينِ
Hiyyeessa nyaachisuu irrattis (lubbuu isaatiifii namoota) hin kakaasu.
فَوَيْلٌ لِلْمُصَلِّينَ
Warra (xiqqeessaa) salaataniif badiin mirkanaa’e.
الَّذِينَ هُمْ عَنْ صَلَاتِهِمْ سَاهُونَ
Isaan sun warra salaata isaanii irraa dagatoo tahan (kan dantaa hinqabne).
الَّذِينَ هُمْ يُرَاءُونَ
Isaan warra (salaataafii dalagaa namatti) agarsiifatan.
وَيَمْنَعُونَ الْمَاعُونَ
Isaan meeshaa ergisaa dhorgataniif (badiin mirkanaa’e).