The Ant · an-Naml · سورة النمل · 93 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

طس ۚ تِلْكَ آيَاتُ الْقُرْآنِ وَكِتَابٍ مُبِينٍ

Xaa Siin tun keeyyattoota Qur’aanaafi kitaaba ibsaa ta’eeti.

هُدًى وَبُشْرَىٰ لِلْمُؤْمِنِينَ

(Qur'aanni kun) Mu’umintootaaf qajeelfamaafi gammachiisaadha.

الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَهُمْ بِالْآخِرَةِ هُمْ يُوقِنُونَ

(Isaan) warra Salaata dhaaban, kan zakaa kennaniifi isaan Aakhiraatti amananiidha.

إِنَّ الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِالْآخِرَةِ زَيَّنَّا لَهُمْ أَعْمَالَهُمْ فَهُمْ يَعْمَهُونَ

Isaan Aakhiraatti hin amanin, (gadhee) dalagaalee isaanii isaaniif miidhagsine. Isaan ni dhama’u (haqatti hinqajeelan).

أُولَٰئِكَ الَّذِينَ لَهُمْ سُوءُ الْعَذَابِ وَهُمْ فِي الْآخِرَةِ هُمُ الْأَخْسَرُونَ

Isaan sun warra (addunyaa keessatti) adabbiin hamaan isaaniif jiruudha. Isaan Aakhiraatti isaanumatu hoonga’oodha.

وَإِنَّكَ لَتُلَقَّى الْقُرْآنَ مِنْ لَدُنْ حَكِيمٍ عَلِيمٍ

Ati Qur'aana (Rabbii) ogeessa, beekaa ta’e irraa kennamta.

إِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِأَهْلِهِ إِنِّي آنَسْتُ نَارًا سَآتِيكُمْ مِنْهَا بِخَبَرٍ أَوْ آتِيكُمْ بِشِهَابٍ قَبَسٍ لَعَلَّكُمْ تَصْطَلُونَ

Yeroo Muusaan maatii isaatiin “ani ibidda argeen jira; (deemeetin) isii irraa odeeffannoo (waa’ee karaa) isiniif fida. Yookiin immoo xombooraa (xuxee) qabsiifamaa wahii isiniif fida akka isin ho’ifattaniif” jedhe (yaadadhu).

فَلَمَّا جَاءَهَا نُودِيَ أَنْ بُورِكَ مَنْ فِي النَّارِ وَمَنْ حَوْلَهَا وَسُبْحَانَ اللَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ

Yeroma inni ishee bira dhaqu akkana jechuun isatti lallabame: “Inni ibidda keessa jiruufi Inni cinaa ishee jiru khayriin isaa baay’ate; Rabbiin gooftaa aalamaa ta’e qulqullaahe.

يَا مُوسَىٰ إِنَّهُ أَنَا اللَّهُ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ

Yaa Muusaa! Dubbiin Ani Allaah injifataa, ogeessa ta’eedha.

وَأَلْقِ عَصَاكَ ۚ فَلَمَّا رَآهَا تَهْتَزُّ كَأَنَّهَا جَانٌّ وَلَّىٰ مُدْبِرًا وَلَمْ يُعَقِّبْ ۚ يَا مُوسَىٰ لَا تَخَفْ إِنِّي لَا يَخَافُ لَدَيَّ الْمُرْسَلُونَ

Ulee tee darbi.” (Ni darbe) yeromasan akka bofaatti kan isheen sochootu argu of duuba deebi’ee dheesse, ufduuba hindeebine, “Yaa Muusaa! hin sodaatin, ani ergamtoonni na biratti hin sodaatanu (jenneen).

إِلَّا مَنْ ظَلَمَ ثُمَّ بَدَّلَ حُسْنًا بَعْدَ سُوءٍ فَإِنِّي غَفُورٌ رَحِيمٌ

Nama miidhaa dalagee ergasii hamtuu boodaan toltuu bakka buuse malee. Ani (isaaf) araaramaa, rahmata godhaadha.

وَأَدْخِلْ يَدَكَ فِي جَيْبِكَ تَخْرُجْ بَيْضَاءَ مِنْ غَيْرِ سُوءٍ ۖ فِي تِسْعِ آيَاتٍ إِلَىٰ فِرْعَوْنَ وَقَوْمِهِ ۚ إِنَّهُمْ كَانُوا قَوْمًا فَاسِقِينَ

Harka kee bobaa tee keessa seensisi; isheen adii taatee baati, fokkachuudhaan (dhukkuba barasiin) maleetti. Mallattoowwan saglaniin gara fir’awniifi ummata isaa (deemi). isaan ummata finciltoota ta’anii jiru.”

فَلَمَّا جَاءَتْهُمْ آيَاتُنَا مُبْصِرَةً قَالُوا هَٰذَا سِحْرٌ مُبِينٌ

Yeroma mallattoowwan keenya ifa taatee isaanitti dhuftu “kun Sihrii (falfala) ifa bahaadha” jedhan.

وَجَحَدُوا بِهَا وَاسْتَيْقَنَتْهَا أَنْفُسُهُمْ ظُلْمًا وَعُلُوًّا ۚ فَانْظُرْ كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الْمُفْسِدِينَ

Ishee morman Odoo lubbuuleen isaanii mirkaneessituu, miidhaafi boonaaf jecha. booddeen badii raawwattootaa akkam akka ture ilaali.

وَلَقَدْ آتَيْنَا دَاوُودَ وَسُلَيْمَانَ عِلْمًا ۖ وَقَالَا الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي فَضَّلَنَا عَلَىٰ كَثِيرٍ مِنْ عِبَادِهِ الْمُؤْمِنِينَ

Dhugumatti, Daawuudiifi (ilma isaa) Suleeymaaniif beekumsa kennineerra. Isaan lamaan nijedhan “faaruun hundi kan Rabbii Isa gabroota Isaa mu’uminootaa baay’ee irra nu caalchiseeti".

وَوَرِثَ سُلَيْمَانُ دَاوُودَ ۖ وَقَالَ يَا أَيُّهَا النَّاسُ عُلِّمْنَا مَنْطِقَ الطَّيْرِ وَأُوتِينَا مِنْ كُلِّ شَيْءٍ ۖ إِنَّ هَٰذَا لَهُوَ الْفَضْلُ الْمُبِينُ

Suleeymaan (abbaa isaa) Daawuudiin ni dhaale, Ni jedhe: “isin Yaa ilmaan namaa! Qooqa simbiraa barsiifamneerra. Wanhundarraa kennamnee jira. dhugumatti kun tola ifa bahaadha.”

وَحُشِرَ لِسُلَيْمَانَ جُنُودُهُ مِنَ الْجِنِّ وَالْإِنْسِ وَالطَّيْرِ فَهُمْ يُوزَعُونَ

Suleeymaaniif waraanni isaa jinnoota, namootaafi allaattii irraa walitti qabame; isaanis walitti ittifamoodha (sirnaan oofamuudha).

حَتَّىٰ إِذَا أَتَوْا عَلَىٰ وَادِ النَّمْلِ قَالَتْ نَمْلَةٌ يَا أَيُّهَا النَّمْلُ ادْخُلُوا مَسَاكِنَكُمْ لَا يَحْطِمَنَّكُمْ سُلَيْمَانُ وَجُنُودُهُ وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ

hanga dhooqa mixii (Dagandaa) (bakka biyya shamiitti taate) irra dhufanitti, mixiin takka nijette “isin Yaa tuuta mixii! manneen keessan seenaa, akka Suleeymaaniifi waraanni isaa odoo hin beekin isin hin caccabsineef ”.

فَتَبَسَّمَ ضَاحِكًا مِنْ قَوْلِهَا وَقَالَ رَبِّ أَوْزِعْنِي أَنْ أَشْكُرَ نِعْمَتَكَ الَّتِي أَنْعَمْتَ عَلَيَّ وَعَلَىٰ وَالِدَيَّ وَأَنْ أَعْمَلَ صَالِحًا تَرْضَاهُ وَأَدْخِلْنِي بِرَحْمَتِكَ فِي عِبَادِكَ الصَّالِحِينَ

Inni jecha ishee irraa kolfuun ni seeqate. Ni jedhes: “Yaa Gooftaa kiyya! Akkan ni’imaa kee ishee anaafi abbaa haadha kiyya qanansiifte galateeffadhuufi hojii gaarii ati jaalattu hojjadhu na barsiisi. Rahmata keetiin gabroota kee gaggaarii keessa na seensisi.”

وَتَفَقَّدَ الطَّيْرَ فَقَالَ مَا لِيَ لَا أَرَى الْهُدْهُدَ أَمْ كَانَ مِنَ الْغَائِبِينَ

Simbirroo to’atee ni jedhe: “maaliifan hududdee (Hud-hud) arguu dhabe? (anumaatu arguu dhabe) Moo sila isumatu haftoota (fagaattota) irraa ta’e?

لَأُعَذِّبَنَّهُ عَذَابًا شَدِيدًا أَوْ لَأَذْبَحَنَّهُ أَوْ لَيَأْتِيَنِّي بِسُلْطَانٍ مُبِينٍ

(hafuu isaa hubatee nijedhe) Dhugumatti, adabbii cimaan isa adaba, Yookiin isan gorra’a, Yookiin immoo ragaa ifaa ta’een natti haa dhufu.”

فَمَكَثَ غَيْرَ بَعِيدٍ فَقَالَ أَحَطْتُ بِمَا لَمْ تُحِطْ بِهِ وَجِئْتُكَ مِنْ سَبَإٍ بِنَبَإٍ يَقِينٍ

(Allaatichi) (Yeroo hanga) fagoo hin taane turee (dhufee) ni jedhe: “waan ati hin argin argeen jira, Saba’i irraa oduu dhugaa ta’een sitti dhufeera.

إِنِّي وَجَدْتُ امْرَأَةً تَمْلِكُهُمْ وَأُوتِيَتْ مِنْ كُلِّ شَيْءٍ وَلَهَا عَرْشٌ عَظِيمٌ

Ani Dubartii isaan bulchitun arge, Tan Waan (moototaaf barbaachisu) hunda irraa kennamte, isheedhaaf sireen guddaan jiru.

وَجَدْتُهَا وَقَوْمَهَا يَسْجُدُونَ لِلشَّمْسِ مِنْ دُونِ اللَّهِ وَزَيَّنَ لَهُمُ الشَّيْطَانُ أَعْمَالَهُمْ فَصَدَّهُمْ عَنِ السَّبِيلِ فَهُمْ لَا يَهْتَدُونَ

Isheefi ummata ishee kan Rabbii achitti Aduuf sujuudanin arge. Sheyxaanni dalagaalee isaanii isaaniif miidhagse. karaa (qajeelaa) irraa isaan deebise. Isaan hin qajeelan.

أَلَّا يَسْجُدُوا لِلَّهِ الَّذِي يُخْرِجُ الْخَبْءَ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَيَعْلَمُ مَا تُخْفُونَ وَمَا تُعْلِنُونَ

Akka isaan Rabbii waan dhokataa Samiileefi Dachii ifatti baasuufi waan isin dhoksitaniifi mul’iftan beekuuf sujuuda hin goone (isaan dhorgee jira).

اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ رَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ ۩

Allahn Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru Inni Gooftaa arshii guddaati.”

قَالَ سَنَنْظُرُ أَصَدَقْتَ أَمْ كُنْتَ مِنَ الْكَاذِبِينَ

[Suleymaan] ni jedhe: “Dhugaa jetteefi warra kijibdoota irraa taatee kee fuuldura ilaalla.

اذْهَبْ بِكِتَابِي هَٰذَا فَأَلْقِهْ إِلَيْهِمْ ثُمَّ تَوَلَّ عَنْهُمْ فَانْظُرْ مَاذَا يَرْجِعُونَ

Xalayaa kiyya kanaan deemii gara isaaniitti darbi eegasii isaan irraa gara galii maal akka deebisan ilaali.”

قَالَتْ يَا أَيُّهَا الْمَلَأُ إِنِّي أُلْقِيَ إِلَيَّ كِتَابٌ كَرِيمٌ

(Mootittiin yeroo xalayaa gartu) ni jette: “isin Yaa qondaaltota (kiyya) ani xalayaan kabajamaan natti darbameera.

إِنَّهُ مِنْ سُلَيْمَانَ وَإِنَّهُ بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

Inni Suleymaan irraayyi, Innis (qabiyyeen isaa) ‘maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa taheetiin’.

أَلَّا تَعْلُوا عَلَيَّ وَأْتُونِي مُسْلِمِينَ

Narratti hin booninaa; Muslimtoota ta’aatii natti kottaa (jedha).”

قَالَتْ يَا أَيُّهَا الْمَلَأُ أَفْتُونِي فِي أَمْرِي مَا كُنْتُ قَاطِعَةً أَمْرًا حَتَّىٰ تَشْهَدُونِ

Ni jette: “Yaa qondaaltota (kiyya)! Dhimma kiyya irratti yaada na akeekaa; Ani hangan isin hirmaattanitti dhimma kamillee murteessitu hin taane.”

قَالُوا نَحْنُ أُولُو قُوَّةٍ وَأُولُو بَأْسٍ شَدِيدٍ وَالْأَمْرُ إِلَيْكِ فَانْظُرِي مَاذَا تَأْمُرِينَ

(Qondaalonnis) nijedhan “Nuti abbootii humnaafi abbootii lola cimaati, Ajajni gara keeti, Maal akka ajajju ilaali (nuti ajaja kee raawwachuuf qophiidha)”.

قَالَتْ إِنَّ الْمُلُوكَ إِذَا دَخَلُوا قَرْيَةً أَفْسَدُوهَا وَجَعَلُوا أَعِزَّةَ أَهْلِهَا أَذِلَّةً ۖ وَكَذَٰلِكَ يَفْعَلُونَ

Ni jette: “Mootonni yeroo magaalaa tokko seenan (ajjeechaafii saaminaan) ishee balleessu. Kabajamtoota warra ishees xiqqaatoo taasisu, akkasuma dalagu.

وَإِنِّي مُرْسِلَةٌ إِلَيْهِمْ بِهَدِيَّةٍ فَنَاظِرَةٌ بِمَ يَرْجِعُ الْمُرْسَلُونَ

Ani kennaa wahii gara isaaniitti ergituudha, Ergamtoonni maaliin akka deebi'an eeyduudha.”

فَلَمَّا جَاءَ سُلَيْمَانَ قَالَ أَتُمِدُّونَنِ بِمَالٍ فَمَا آتَانِيَ اللَّهُ خَيْرٌ مِمَّا آتَاكُمْ بَلْ أَنْتُمْ بِهَدِيَّتِكُمْ تَفْرَحُونَ

Yeroma Suleymaanitti dhufu ni jedhe: “Sila isin qabeenyaan na gargaartanii? Wanti Rabbiin naaf kenne (nabiyyummaa, mootummaa fii qabeenyarraa) waan isiniif kennerra caala. Dhugumatti isin kennaa keessaniin gammaddu.

ارْجِعْ إِلَيْهِمْ فَلَنَأْتِيَنَّهُمْ بِجُنُودٍ لَا قِبَلَ لَهُمْ بِهَا وَلَنُخْرِجَنَّهُمْ مِنْهَا أَذِلَّةً وَهُمْ صَاغِرُونَ

(suleeymaan ergamticha keenaa irratti didee nijedheen) Gara isaanii deebi’i, Nuti waraana isaan dura dhaabbachuu dandeettiin isaaniif hinjirreen isaanitti dhufna, Ishee irraa (saba'i irraa) salphinaan xiqqaatoo ta’anii isaan baafna.”

قَالَ يَا أَيُّهَا الْمَلَأُ أَيُّكُمْ يَأْتِينِي بِعَرْشِهَا قَبْلَ أَنْ يَأْتُونِي مُسْلِمِينَ

(suleeymaan qondaalota isaatiin) Ni jedhe: “Yaa qondaaltota (kiyya)! eenyutu Isin irraa siree ishee natti fida Odoo isaan Muslimtoota ta’anii natti hin dhufeen duratti ?”

قَالَ عِفْرِيتٌ مِنَ الْجِنِّ أَنَا آتِيكَ بِهِ قَبْلَ أَنْ تَقُومَ مِنْ مَقَامِكَ ۖ وَإِنِّي عَلَيْهِ لَقَوِيٌّ أَمِينٌ

Jabaan Jinnoota irraa ta’e tokko ni jedhe: “Ani isaan sitti dhufa (siifin fida) odoo ati iddoo teessuma keetii irraa hin ka'in dura. Ani kana irratti cimaa amanamaadha.”

قَالَ الَّذِي عِنْدَهُ عِلْمٌ مِنَ الْكِتَابِ أَنَا آتِيكَ بِهِ قَبْلَ أَنْ يَرْتَدَّ إِلَيْكَ طَرْفُكَ ۚ فَلَمَّا رَآهُ مُسْتَقِرًّا عِنْدَهُ قَالَ هَٰذَا مِنْ فَضْلِ رَبِّي لِيَبْلُوَنِي أَأَشْكُرُ أَمْ أَكْفُرُ ۖ وَمَنْ شَكَرَ فَإِنَّمَا يَشْكُرُ لِنَفْسِهِ ۖ وَمَنْ كَفَرَ فَإِنَّ رَبِّي غَنِيٌّ كَرِيمٌ

Inni beekumsi kitaaba irraa ta’e isa bira jiru ni jedhe: “Ani (libsattee) odoo ijji kee sitti hin deebinen siif fida (jedhee)(Rabbi kadhatee fideef)” (Suleymaan) yeroma isa biratti ragga’ee argu ni jedhe: “kun tola Gooftaa kootii irraayyi. Akka ani Isa galateeffadhuufi Isatti kafaru na mokkoruuf (kana godhe). Namni Isa galateeffate, kan inni galateeffatu lubbuma isaatiif. Namni kafare (isuma irratti). Gooftaan kiyya dureessa, arjaadha” (jedhe).

قَالَ نَكِّرُوا لَهَا عَرْشَهَا نَنْظُرْ أَتَهْتَدِي أَمْ تَكُونُ مِنَ الَّذِينَ لَا يَهْتَدُونَ

Ni jedhe: “siree ishee isheef wallaalchisaa (Siree ishee beekuutti) ni qajeelti moo warra hin qajeelle irraa taatii ilaalla.”

فَلَمَّا جَاءَتْ قِيلَ أَهَٰكَذَا عَرْشُكِ ۖ قَالَتْ كَأَنَّهُ هُوَ ۚ وَأُوتِينَا الْعِلْمَ مِنْ قَبْلِهَا وَكُنَّا مُسْلِمِينَ

Yeroma isheen dhuftu sireen kee akka kanaa jedhame, Isheenis “inni akkuma waan isaati” jette. (Suleymaanis) “dura ishee beekumsa kennamnee, Muslimtoota taaneerra” (jedhe).

وَصَدَّهَا مَا كَانَتْ تَعْبُدُ مِنْ دُونِ اللَّهِ ۖ إِنَّهَا كَانَتْ مِنْ قَوْمٍ كَافِرِينَ

Wanti isheen Rabbii gaditti gabbaraa turte (Islaama irraa) ishee deebise. Isheen ummata kaafirootaa irraa turte.

قِيلَ لَهَا ادْخُلِي الصَّرْحَ ۖ فَلَمَّا رَأَتْهُ حَسِبَتْهُ لُجَّةً وَكَشَفَتْ عَنْ سَاقَيْهَا ۚ قَالَ إِنَّهُ صَرْحٌ مُمَرَّدٌ مِنْ قَوَارِيرَ ۗ قَالَتْ رَبِّ إِنِّي ظَلَمْتُ نَفْسِي وَأَسْلَمْتُ مَعَ سُلَيْمَانَ لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ

“Gamoo seeni” isheedhaan jedhame, Yeroma isa argitu haroo isa seetee, mogolee ishee lamaan irraa saaqxe, (Suleymaan) ni jedhe: “Inni kun masaraa mucuceeffamaa daawwitii irraa ta’ee (bishaan keessaan mul’atuudha).” (Isheen) “Gooftaa kiyya! Ani lubbuu Tiyya miidheera, Suleymaaniin wajjin Allaah Rabbii aalama hundaa ta’etti harka kenne (Islaamawe)” jette.

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا إِلَىٰ ثَمُودَ أَخَاهُمْ صَالِحًا أَنِ اعْبُدُوا اللَّهَ فَإِذَا هُمْ فَرِيقَانِ يَخْتَصِمُونَ

Dhugumatti, gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalih “Allaah qofa gabbaraa” jechuun erginee jirra, Yerama san isaan garee lama tan walfalmitu tahan.

قَالَ يَا قَوْمِ لِمَ تَسْتَعْجِلُونَ بِالسَّيِّئَةِ قَبْلَ الْحَسَنَةِ ۖ لَوْلَا تَسْتَغْفِرُونَ اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ

(Saalihis) ni jedhe: “Yaa ummata kiyya! Maaliif toltuu dura hamtuu (adabbii) jarjarsiifattan? maaliif Rabbiin araarama hin kadhanne Akka rahmanni isinii godhamuuf?”

قَالُوا اطَّيَّرْنَا بِكَ وَبِمَنْ مَعَكَ ۚ قَالَ طَائِرُكُمْ عِنْدَ اللَّهِ ۖ بَلْ أَنْتُمْ قَوْمٌ تُفْتَنُونَ

(Isaan) “Nuti siifi namoota si waliin jiraniin hooddane (milkii laallanne)” jedhan, (Saalih) nijedhe "hooddannaan keessan Rabbiin bira, Garuu isin ummata mokkoramoodha”.

وَكَانَ فِي الْمَدِينَةِ تِسْعَةُ رَهْطٍ يُفْسِدُونَ فِي الْأَرْضِ وَلَا يُصْلِحُونَ

Magalattii keessa namoota sagal kan gaarii hin hojjanne, (kufriifii diliin) lafa balleesantu ture.

قَالُوا تَقَاسَمُوا بِاللَّهِ لَنُبَيِّتَنَّهُ وَأَهْلَهُ ثُمَّ لَنَقُولَنَّ لِوَلِيِّهِ مَا شَهِدْنَا مَهْلِكَ أَهْلِهِ وَإِنَّا لَصَادِقُونَ

Ni jedhan Rabbiin waliif kakadhaa isaafi maatii isaa halkan keessa akka balleessinu, eegasii fira isaatiin nijenna ‘nuti ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota."

وَمَكَرُوا مَكْرًا وَمَكَرْنَا مَكْرًا وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ

Isaan shira shiran, Nutis shira shirre odoo isaan hinbeekin.

فَانْظُرْ كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ مَكْرِهِمْ أَنَّا دَمَّرْنَاهُمْ وَقَوْمَهُمْ أَجْمَعِينَ

Booddeen shira isaanii akkam akka ta’e ilaali! Nuti isaaniifi ummata isaanii guutumatti balleessine.

فَتِلْكَ بُيُوتُهُمْ خَاوِيَةً بِمَا ظَلَمُوا ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ

Tun manneen isaaniiti sababa isaan miidhaa hojjataniin ontuu taate. kana keessa namoota beekaniif mallattootu jira.

وَأَنْجَيْنَا الَّذِينَ آمَنُوا وَكَانُوا يَتَّقُونَ

Isaan amananii Rabbiin sodaataa turan nagaya baafne.

وَلُوطًا إِذْ قَالَ لِقَوْمِهِ أَتَأْتُونَ الْفَاحِشَةَ وَأَنْتُمْ تُبْصِرُونَ

(yaadadhu) Luuxiin yeroo inni ummata isaatiin jedhe “sila odoo argitanii baalagummaa hojjattanii?” (baalagummaan isaanii dhiirti dhiira fuudhuu) .

أَئِنَّكُمْ لَتَأْتُونَ الرِّجَالَ شَهْوَةً مِنْ دُونِ النِّسَاءِ ۚ بَلْ أَنْتُمْ قَوْمٌ تَجْهَلُونَ

“Sila isin fedhii (qunnamtii saalaatiif) dubartii dhiiftanii dhiiratti dhuftuu? Dhugumatti isin ummata wallaaltota.”

فَمَا كَانَ جَوَابَ قَوْمِهِ إِلَّا أَنْ قَالُوا أَخْرِجُوا آلَ لُوطٍ مِنْ قَرْيَتِكُمْ ۖ إِنَّهُمْ أُنَاسٌ يَتَطَهَّرُونَ

Deebiin ummata isaas hintaane jechuu malee “Maatii Luux magaalaa keessan irraa baasaa, isaan namoota qulqulleeffatanii”

فَأَنْجَيْنَاهُ وَأَهْلَهُ إِلَّا امْرَأَتَهُ قَدَّرْنَاهَا مِنَ الْغَابِرِينَ

Isaafi maatii isaa ni baraarre, niitii isaa malee warra (adabbii keessatti) hafan irraa ta’uu ishee murteessine.

وَأَمْطَرْنَا عَلَيْهِمْ مَطَرًا ۖ فَسَاءَ مَطَرُ الْمُنْذَرِينَ

Rooba (dhagaa) isaan irratti roobsine, Roobni warra dinniinamanii waafokkatee.

قُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ وَسَلَامٌ عَلَىٰ عِبَادِهِ الَّذِينَ اصْطَفَىٰ ۗ آللَّهُ خَيْرٌ أَمَّا يُشْرِكُونَ

(Yaa Muhammad) Jedhi: “Faaruun hundi kan Rabbiiti, nageenyi gabroota Isaa kan (Inni) filate irra haa jiraatu, Sila Rabbi moo wantoota isaan (Isatti) qindeessantu caala?”

أَمَّنْ خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ وَأَنْزَلَ لَكُمْ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَنْبَتْنَا بِهِ حَدَائِقَ ذَاتَ بَهْجَةٍ مَا كَانَ لَكُمْ أَنْ تُنْبِتُوا شَجَرَهَا ۗ أَإِلَٰهٌ مَعَ اللَّهِ ۚ بَلْ هُمْ قَوْمٌ يَعْدِلُونَ

Sila Inni samiileefi dachii uumee, samii irraa bishaan (rooba) isiniif buusee ergasii ashaakiltiiwwan miidhagoo ta’an isaan magarsine (akka isa homaa hin uumneetii)? Mukkeen ishee biqilchuun (dandeettiin) isiniif hintaane, Sila Allaah wajjin gooftaan biraa ni jiraa? Isaan ummata Rabbitti qindeessaniidha.

أَمَّنْ جَعَلَ الْأَرْضَ قَرَارًا وَجَعَلَ خِلَالَهَا أَنْهَارًا وَجَعَلَ لَهَا رَوَاسِيَ وَجَعَلَ بَيْنَ الْبَحْرَيْنِ حَاجِزًا ۗ أَإِلَٰهٌ مَعَ اللَّهِ ۚ بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْلَمُونَ

Sila Isa dachii raggaatuu taasise, kan ishee keessattis laggeen taasise, kan isheef (gaarreen) gadi lixan taasise, kan gidduu galaanota lamaatti girdoo taasise moo (warra isaan isatti dabalantu caala)? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Dhugumatti irra hedduun isaanii hin beekan.

أَمَّنْ يُجِيبُ الْمُضْطَرَّ إِذَا دَعَاهُ وَيَكْشِفُ السُّوءَ وَيَجْعَلُكُمْ خُلَفَاءَ الْأَرْضِ ۗ أَإِلَٰهٌ مَعَ اللَّهِ ۚ قَلِيلًا مَا تَذَكَّرُونَ

Sila Isa yeroo namni rakkataan (muddamaan) Isa kadhate jalaa awwaatee hamtuu saaquufi bakka bu’oota dachii isin taasisu (moo waan isaan Rabbitti dabalantu caala)? Sila Rabbii wajjin gabbaramaan biraa ni jiraa? Hangi isin gorfamtan xiqqaadha.

أَمَّنْ يَهْدِيكُمْ فِي ظُلُمَاتِ الْبَرِّ وَالْبَحْرِ وَمَنْ يُرْسِلُ الرِّيَاحَ بُشْرًا بَيْنَ يَدَيْ رَحْمَتِهِ ۗ أَإِلَٰهٌ مَعَ اللَّهِ ۚ تَعَالَى اللَّهُ عَمَّا يُشْرِكُونَ

Sila isa dukkanoowwan dachii goggoyduufi galaanaa keessatti isin qajeelchu; kan qilleensa rahmata Isaa dura gammachiisaa godhee ergu (caalamoo warra isaan Rabbii achitti gabbarantu caala?) Sila Rabbii wajjiin gabbaramaan biraa ni jiraa? Allaahn waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’e.

أَمَّنْ يَبْدَأُ الْخَلْقَ ثُمَّ يُعِيدُهُ وَمَنْ يَرْزُقُكُمْ مِنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ ۗ أَإِلَٰهٌ مَعَ اللَّهِ ۚ قُلْ هَاتُوا بُرْهَانَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ

Sila inni uumuu jalqabee ergasii isa deebisu (du'a boodaa kaasu) eenyu? Ammas eenyutu samiifii dechiifi irraa hiree isiniif hira? Sila gabbaramaan biraa Allaah wajjin ni jiraa? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa” jedhi.

قُلْ لَا يَعْلَمُ مَنْ فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ الْغَيْبَ إِلَّا اللَّهُ ۚ وَمَا يَشْعُرُونَ أَيَّانَ يُبْعَثُونَ

“Wanti samiileefi dachii keessaa hunduu Rabbiin malee wanta fagoo (ghaybii) hin beeku. Yoom akka kaafaman hin beekann” jedhi.

بَلِ ادَّارَكَ عِلْمُهُمْ فِي الْآخِرَةِ ۚ بَلْ هُمْ فِي شَكٍّ مِنْهَا ۖ بَلْ هُمْ مِنْهَا عَمُونَ

Sila beekumsa isaaniitu waa’ee Aakhiraatti dhaqqabee? Lakkisaa isaan ishee irraa shakkii keessa jiru; dhugumatti isaan ishee irraa jaamoodha.

وَقَالَ الَّذِينَ كَفَرُوا أَإِذَا كُنَّا تُرَابًا وَآبَاؤُنَا أَئِنَّا لَمُخْرَجُونَ

Isaan kafaran (mormuudhaaf) ni jedhan: “Sila yeroo (duunee) biyyee taane, nuufi abbootiin keenya, nuti kaafamoodhaa?

لَقَدْ وُعِدْنَا هَٰذَا نَحْنُ وَآبَاؤُنَا مِنْ قَبْلُ إِنْ هَٰذَا إِلَّا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ

Dhugumatti, nuufi abbootiin keenya nuun duratti kana waadaa galamnee turre. kun ogbarruu warra durii malee hin taane” [jedhan].

قُلْ سِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَانْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الْمُجْرِمِينَ

“Dachii keessa deemaatii booddeen badii raawwattootaa akkam akka ta’e ilaalaa” jedhi.

وَلَا تَحْزَنْ عَلَيْهِمْ وَلَا تَكُنْ فِي ضَيْقٍ مِمَّا يَمْكُرُونَ

Isaan irratti hin gaddin, shira isaan baasanirraa dhiphina keessatti hin ta’in.

وَيَقُولُونَ مَتَىٰ هَٰذَا الْوَعْدُ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ

“Waadaan kun yoomi Yoo warra dhugaa taatan?” jedhu.

قُلْ عَسَىٰ أَنْ يَكُونَ رَدِفَ لَكُمْ بَعْضُ الَّذِي تَسْتَعْجِلُونَ

“Gariin wanta isin ariifachiifattanii kan isinitti dhihaate ta’uun dhugaadha” jedhi.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَذُو فَضْلٍ عَلَى النَّاسِ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَشْكُرُونَ

Dhugumatti, Rabbiin kee namoota irratti abbaa tola guddaati, Garuu irra hedduun isaanii hin galateeffatan.

وَإِنَّ رَبَّكَ لَيَعْلَمُ مَا تُكِنُّ صُدُورُهُمْ وَمَا يُعْلِنُونَ

Dhugumatti, Rabbiin kee waan qomoonni isaanii dhoksiteefi waan isaan ifatti mul’isan ni beeka.

وَمَا مِنْ غَائِبَةٍ فِي السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ إِلَّا فِي كِتَابٍ مُبِينٍ

Wanti fagoon samiifi dechii keessaa kamiyyuu, kitaaba ifa galaa keessa jiraatu malee hintaane.

إِنَّ هَٰذَا الْقُرْآنَ يَقُصُّ عَلَىٰ بَنِي إِسْرَائِيلَ أَكْثَرَ الَّذِي هُمْ فِيهِ يَخْتَلِفُونَ

Dhugumatti, Qur’aanni kun Ilmaan Israa’iil irratti irra hedduu waan isaan isa keessatti wal dhabanii isaaniif odeessa.

وَإِنَّهُ لَهُدًى وَرَحْمَةٌ لِلْمُؤْمِنِينَ

Inni mu’uminootaaf qajeelfamaafi rahmata.

إِنَّ رَبَّكَ يَقْضِي بَيْنَهُمْ بِحُكْمِهِ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْعَلِيمُ

Dhugumatti, Rabbiin kee murtii Isaatiin gidduu isaanitti murteessa. Inni injifataa, beekaadha.

فَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۖ إِنَّكَ عَلَى الْحَقِّ الْمُبِينِ

Allaah irratti irkadhu. Ati dhugaa ifa ta’e irra jirta.

إِنَّكَ لَا تُسْمِعُ الْمَوْتَىٰ وَلَا تُسْمِعُ الصُّمَّ الدُّعَاءَ إِذَا وَلَّوْا مُدْبِرِينَ

Ati namoota du’an (kanneen qalbiin isaanii kufriin duute) hin dhageessiftu. Namoota gurri duudes waamicha hin dhageessiftu. yeroo isaan dugda deebisuun (sirraa) garagalan.

وَمَا أَنْتَ بِهَادِي الْعُمْيِ عَنْ ضَلَالَتِهِمْ ۖ إِنْ تُسْمِعُ إِلَّا مَنْ يُؤْمِنُ بِآيَاتِنَا فَهُمْ مُسْلِمُونَ

Namoota jaamaa jallina isaanii irraa kan isaan qajeelchitu hin taane. Namoota Muslimtoota ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee kan dhageessiftu hin taane.

وَإِذَا وَقَعَ الْقَوْلُ عَلَيْهِمْ أَخْرَجْنَا لَهُمْ دَابَّةً مِنَ الْأَرْضِ تُكَلِّمُهُمْ أَنَّ النَّاسَ كَانُوا بِآيَاتِنَا لَا يُوقِنُونَ

Yeroo jechi (adabbiin) isaan irratti murtaa’e bineensa dachii irraa isaaniif baafna tan “namoonni keeyyattoota keenya kan hin dhugoomsine ta’aniiru” jettee isaanitti dubbattu.

وَيَوْمَ نَحْشُرُ مِنْ كُلِّ أُمَّةٍ فَوْجًا مِمَّنْ يُكَذِّبُ بِآيَاتِنَا فَهُمْ يُوزَعُونَ

Guyyaa ummata hunda irraa garee warra keeyyattoota keenya sobsiisan irraa ta’an walitti qabnee isaan walitti ittifaman [yaadadhu].

حَتَّىٰ إِذَا جَاءُوا قَالَ أَكَذَّبْتُمْ بِآيَاتِي وَلَمْ تُحِيطُوا بِهَا عِلْمًا أَمَّاذَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ

Hanga Yeroo isaan dhufan (Rabbiin isaaniin) jedha “sila isin odoo beekumsaan ishee hin marsin keeyyattoota kiyya sobsiiftanii? Moo maaluma hojjataa turtan?”.

وَوَقَعَ الْقَوْلُ عَلَيْهِمْ بِمَا ظَلَمُوا فَهُمْ لَا يَنْطِقُونَ

Waan isaan miidhaa dalaganiif jechi (adabbiin) isaan irratti argame Kanaafuu isaan (sababa dhiheeyfachuuf) hindubbatan.

أَلَمْ يَرَوْا أَنَّا جَعَلْنَا اللَّيْلَ لِيَسْكُنُوا فِيهِ وَالنَّهَارَ مُبْصِرًا ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِقَوْمٍ يُؤْمِنُونَ

Sila isaan hinlaallee Akka nuti halkan yeroo isa keessa boqataniifi guyyaa immoo kan keessa arganii (hojjatan) isaaniif goone. Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.

وَيَوْمَ يُنْفَخُ فِي الصُّورِ فَفَزِعَ مَنْ فِي السَّمَاوَاتِ وَمَنْ فِي الْأَرْضِ إِلَّا مَنْ شَاءَ اللَّهُ ۚ وَكُلٌّ أَتَوْهُ دَاخِرِينَ

Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu wantoonni samiilee keessa jiranuufi dechii keessa jiran hunduu wantoota Rabbiin fedhe malee yeroo isaan rifatan [wanta ta’u yaadadhu] Hundumtuu salphatoo ta’anii gara Isaa (Rabbii) dhufan.

وَتَرَى الْجِبَالَ تَحْسَبُهَا جَامِدَةً وَهِيَ تَمُرُّ مَرَّ السَّحَابِ ۚ صُنْعَ اللَّهِ الَّذِي أَتْقَنَ كُلَّ شَيْءٍ ۚ إِنَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَفْعَلُونَ

(guyyaa qiyaamaa) Gaarreen niargita kan dhaabbattu ishee sehaa odoo isheen akka duumessaatti deemtuu. Hojii Rabbii wanta hunda jabeessee [ilaali] Inni waan isin hojjattan keessa beekaadha.

مَنْ جَاءَ بِالْحَسَنَةِ فَلَهُ خَيْرٌ مِنْهَا وَهُمْ مِنْ فَزَعٍ يَوْمَئِذٍ آمِنُونَ

Nama gaariin dhufe (dalage) mindaa ishee caalutu isaaf jira; isaan guyyaa san rifannaa irraa nagaa bahoodha.

وَمَنْ جَاءَ بِالسَّيِّئَةِ فَكُبَّتْ وُجُوهُهُمْ فِي النَّارِ هَلْ تُجْزَوْنَ إِلَّا مَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ

Namni hamtuun (kuriifii diliin) dhufe (dalage) fuulleen isaanii ibidda keessatti gonbifamtee “sila waan dalagaa turtan malee mindeeffamtuu?” [isaaniin jedhama].

إِنَّمَا أُمِرْتُ أَنْ أَعْبُدَ رَبَّ هَٰذِهِ الْبَلْدَةِ الَّذِي حَرَّمَهَا وَلَهُ كُلُّ شَيْءٍ ۖ وَأُمِرْتُ أَنْ أَكُونَ مِنَ الْمُسْلِمِينَ

Kan ani ajajame Gooftaa biyyattii tanaa (makkaa) kan ishee kabaje gabbaruu qofa. Wanti hunduu kan isaati. Muslimoota irraa ta’uutti ajajameera.

وَأَنْ أَتْلُوَ الْقُرْآنَ ۖ فَمَنِ اهْتَدَىٰ فَإِنَّمَا يَهْتَدِي لِنَفْسِهِ ۖ وَمَنْ ضَلَّ فَقُلْ إِنَّمَا أَنَا مِنَ الْمُنْذِرِينَ

Qur’aana dubbisuuttis (ajajameera). Namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma isaatiifi. Nama jallate “Ani akeekkachiiftota irraayi malee kan biraa hin taane” jedhiin.

وَقُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ سَيُرِيكُمْ آيَاتِهِ فَتَعْرِفُونَهَا ۚ وَمَا رَبُّكَ بِغَافِلٍ عَمَّا تَعْمَلُونَ

“Faaruun hundi kan Allaahati, Innis fuulduratti mallattoolee (Rabbummaa) Isaa isinitti agarsiisa. Isinis ishee beekuuf jirtu” jedhiin. Rabbiin kee waan isin dalagdan irraa dagataa miti.