Luqman · Luqman · سورة لقمان · 34 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

الم

Alif Laam Miim.

تِلْكَ آيَاتُ الْكِتَابِ الْحَكِيمِ

Tun keeyyattoota kitaaba ogummaan guutameeti.

هُدًى وَرَحْمَةً لِلْمُحْسِنِينَ

Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame).

الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَهُمْ بِالْآخِرَةِ هُمْ يُوقِنُونَ

Isaan warra salaata (haqaan) sagadaniifi zakaas kennataniidha. Isaan isaanumatu Aakhiraa dhugoomsa.

أُولَٰئِكَ عَلَىٰ هُدًى مِنْ رَبِّهِمْ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ

Isaan sun qajeeluma Gooftaa isaanii irraa ta’e irra jiru. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.

وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يَشْتَرِي لَهْوَ الْحَدِيثِ لِيُضِلَّ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ بِغَيْرِ عِلْمٍ وَيَتَّخِذَهَا هُزُوًا ۚ أُولَٰئِكَ لَهُمْ عَذَابٌ مُهِينٌ

Namoota irraa nama haasawa taphaa bituutu jira. beekumsaan malee karaa Rabbiirraa ittiin (nama) jallisuuf, meeshaa taphaa ishee taasifachuuf. Isaan sana adabbii xiqqeessaatu isaaniif jira.

وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِ آيَاتُنَا وَلَّىٰ مُسْتَكْبِرًا كَأَنْ لَمْ يَسْمَعْهَا كَأَنَّ فِي أُذُنَيْهِ وَقْرًا ۖ فَبَشِّرْهُ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ

Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, boonaa ta’ee irraa garagala akka waan ishee hin dhaga’iniitti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, Adabbii laalessaan isa gammachiisi.

إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ جَنَّاتُ النَّعِيمِ

Isaan amananii gaggaarii hojjatan jannatoota qananiitu isaaniif jira.

خَالِدِينَ فِيهَا ۖ وَعْدَ اللَّهِ حَقًّا ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ

Ishee keessa zalaalam jiraatoo tahanii (ishee seenu). Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif seene. Inni injifataa, ogeessa.

خَلَقَ السَّمَاوَاتِ بِغَيْرِ عَمَدٍ تَرَوْنَهَا ۖ وَأَلْقَىٰ فِي الْأَرْضِ رَوَاسِيَ أَنْ تَمِيدَ بِكُمْ وَبَثَّ فِيهَا مِنْ كُلِّ دَابَّةٍ ۚ وَأَنْزَلْنَا مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَنْبَتْنَا فِيهَا مِنْ كُلِّ زَوْجٍ كَرِيمٍ

Samii utubaalee malee uumne; (isin) ishee ni agartu. Gaarreen (gadi dhaabdota) dachii keessa kaaye, akka (dachiin) isiniin hin sochooneef. Lubbu qabeeyyii hunda irraas ishee keessatti facaase. Bishaan Samii irraa buufnee, gosoota gaggaarii hundarraa ishee keessatti magarsine.

هَٰذَا خَلْقُ اللَّهِ فَأَرُونِي مَاذَا خَلَقَ الَّذِينَ مِنْ دُونِهِ ۚ بَلِ الظَّالِمُونَ فِي ضَلَالٍ مُبِينٍ

Kun uumaa Rabbiiti. Mee waan warreen Isaa gadii uuman na agarsiisaa. Dhugumatti miidhaa hojjattoonni jal’ina ifa galaa keessa jiru.

وَلَقَدْ آتَيْنَا لُقْمَانَ الْحِكْمَةَ أَنِ اشْكُرْ لِلَّهِ ۚ وَمَنْ يَشْكُرْ فَإِنَّمَا يَشْكُرُ لِنَفْسِهِ ۖ وَمَنْ كَفَرَ فَإِنَّ اللَّهَ غَنِيٌّ حَمِيدٌ

Dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra.“Rabbiif galata galchi. Namni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti) Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun).

وَإِذْ قَالَ لُقْمَانُ لِابْنِهِ وَهُوَ يَعِظُهُ يَا بُنَيَّ لَا تُشْرِكْ بِاللَّهِ ۖ إِنَّ الشِّرْكَ لَظُلْمٌ عَظِيمٌ

(yaadadhu) Yeroo Luqmaan ilma isaatiin jedhe odoo isa gorsuu “yaa ilma kiyya! Allaahiitti waa hin qindeessin; dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha”.

وَوَصَّيْنَا الْإِنْسَانَ بِوَالِدَيْهِ حَمَلَتْهُ أُمُّهُ وَهْنًا عَلَىٰ وَهْنٍ وَفِصَالُهُ فِي عَامَيْنِ أَنِ اشْكُرْ لِي وَلِوَالِدَيْكَ إِلَيَّ الْمَصِيرُ

ilma Namaatiif haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaa dadhabbii dadhabbii irratti ta’een (garatti) isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti, “Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchi, Deebiin gara kiyyatti” (jechuun isa ajajne).

وَإِنْ جَاهَدَاكَ عَلَىٰ أَنْ تُشْرِكَ بِي مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ فَلَا تُطِعْهُمَا ۖ وَصَاحِبْهُمَا فِي الدُّنْيَا مَعْرُوفًا ۖ وَاتَّبِعْ سَبِيلَ مَنْ أَنَابَ إِلَيَّ ۚ ثُمَّ إِلَيَّ مَرْجِعُكُمْ فَأُنَبِّئُكُمْ بِمَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ

Yoo isaan lamaan waan isa keessatti beekkomsi siifhinjirre akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara kiyya deebi’ee hordofi. eegasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa. (galatas isiniifin galacha).

يَا بُنَيَّ إِنَّهَا إِنْ تَكُ مِثْقَالَ حَبَّةٍ مِنْ خَرْدَلٍ فَتَكُنْ فِي صَخْرَةٍ أَوْ فِي السَّمَاوَاتِ أَوْ فِي الْأَرْضِ يَأْتِ بِهَا اللَّهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَطِيفٌ خَبِيرٌ

(Luqmaan) “yaa ilma kiyya! isheen (badiin) yoo hanga madaala firii raafuu taatee, yoo dhagaa guddaa yookiin samiilee yookiin dachii keessa taate, Rabbiin ishee fida. keessa beekaa rahmata godhaadha.

يَا بُنَيَّ أَقِمِ الصَّلَاةَ وَأْمُرْ بِالْمَعْرُوفِ وَانْهَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَاصْبِرْ عَلَىٰ مَا أَصَابَكَ ۖ إِنَّ ذَٰلِكَ مِنْ عَزْمِ الْأُمُورِ

Yaa ilma kiyya! Salaata gadidhaabi (sirritti sagadi). Toltuutti (nama) ajaji. Hamtuu irraa (nama) dhorgi. Waan si mudate irratti obsi. sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi.

وَلَا تُصَعِّرْ خَدَّكَ لِلنَّاسِ وَلَا تَمْشِ فِي الْأَرْضِ مَرَحًا ۖ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ

(Boonaan) maddii (boqoo) kee namarraa gara hin galchin; dachii keessas uf tuulaa hin deemin. Rabbiin uf tuulaa, uf dhaadaa hunda hin jaalatu.

وَاقْصِدْ فِي مَشْيِكَ وَاغْضُضْ مِنْ صَوْتِكَ ۚ إِنَّ أَنْكَرَ الْأَصْوَاتِ لَصَوْتُ الْحَمِيرِ

Deemsa kee keessatti giddu galeessa ta’ii, sagalee kee gadi qabi. irra jibbamaan sagaleewwanii sagalee harreeti.”

أَلَمْ تَرَوْا أَنَّ اللَّهَ سَخَّرَ لَكُمْ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ وَأَسْبَغَ عَلَيْكُمْ نِعَمَهُ ظَاهِرَةً وَبَاطِنَةً ۗ وَمِنَ النَّاسِ مَنْ يُجَادِلُ فِي اللَّهِ بِغَيْرِ عِلْمٍ وَلَا هُدًى وَلَا كِتَابٍ مُنِيرٍ

Sila akka Rabbiin wantoota samiilee keessaatiifi wantoota dachii keessaas isaaniif laaffisee, tola isaa mul’attuufi dhokattuus isin irratti dhangalaase hin argitanii? Namarraa kan beekumsa, ragaafi kitaaba ibsaa ta’een maletti (waa’ee) Rabbii keessatti falmutu jira

وَإِذَا قِيلَ لَهُمُ اتَّبِعُوا مَا أَنْزَلَ اللَّهُ قَالُوا بَلْ نَتَّبِعُ مَا وَجَدْنَا عَلَيْهِ آبَاءَنَا ۚ أَوَلَوْ كَانَ الشَّيْطَانُ يَدْعُوهُمْ إِلَىٰ عَذَابِ السَّعِيرِ

Yeroo “Waan Rabbiin buuse hordofaa” isaaniin jedhame “Lakkisaa; nuti waan abbootii keenya isarratti argine hordofna” jedhu. Oduma Sheyxaanni gara azaaba boba’aatti kan isaan waamullee ta’ee moo?

وَمَنْ يُسْلِمْ وَجْهَهُ إِلَى اللَّهِ وَهُوَ مُحْسِنٌ فَقَدِ اسْتَمْسَكَ بِالْعُرْوَةِ الْوُثْقَىٰ ۗ وَإِلَى اللَّهِ عَاقِبَةُ الْأُمُورِ

Namni toltuu hojjataa fuula isaa gara Rabbiitti kenne (bute) dhugumatti funyoo cimtuu qabateera; booddeen amriiwwan (hundaatuu) gara Rabbiiti.

وَمَنْ كَفَرَ فَلَا يَحْزُنْكَ كُفْرُهُ ۚ إِلَيْنَا مَرْجِعُهُمْ فَنُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ

Namni kafare kufriin isaa si hin yaachisin. Deebiin isaanii gara keenya; waan isaan dalagan isaanitti ni odeessina. Allaahn beekaa waan qoma keessaati.

نُمَتِّعُهُمْ قَلِيلًا ثُمَّ نَضْطَرُّهُمْ إِلَىٰ عَذَابٍ غَلِيظٍ

Yeroo xiqqoof isaan ni qanansiifna. Sana booda (guyyaa qiyaamaa) gara azaaba guddaatti isaan dirqisiifna.

وَلَئِنْ سَأَلْتَهُمْ مَنْ خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ لَيَقُولُنَّ اللَّهُ ۚ قُلِ الْحَمْدُ لِلَّهِ ۚ بَلْ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْلَمُونَ

“Samiileefi dachii eenyutu uume?” (jettee) yoo isaan gaafatte “Rabbi” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi “Faaruun hundi kan Rabbiiti”, Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ

Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran (hundi) kan Allaahti. Rabbiin Isatu dureessa, faarfamaadha.

وَلَوْ أَنَّمَا فِي الْأَرْضِ مِنْ شَجَرَةٍ أَقْلَامٌ وَالْبَحْرُ يَمُدُّهُ مِنْ بَعْدِهِ سَبْعَةُ أَبْحُرٍ مَا نَفِدَتْ كَلِمَاتُ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ

Odoo wanti dachii keessa jiru muka irraa qalamiiwwan ta’ee, baharri booda isaatii kan galaanni torba jiru itti ida’amuudhaan (gargaaree ittiin barreeffamee) jechoonni Rabbii hin dhumu. Rabbiin injifataa beekaadha.

مَا خَلْقُكُمْ وَلَا بَعْثُكُمْ إِلَّا كَنَفْسٍ وَاحِدَةٍ ۗ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ بَصِيرٌ

Isin uumuufi isin kaasuunis akkuma lubbuu tokkittii malee hin taane. Rabbiin dhaga’aa, argaadha.

أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِي إِلَىٰ أَجَلٍ مُسَمًّى وَأَنَّ اللَّهَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Sila hingarree Rabbiin halkan guyyaa keessa seensisa, guyyaas halkan keessa seensisa, aduufi ji’as laaffise. hundumtuu hanga beellama beekamaatti nideeman. Rabbiin wanta isin hojjattan hunda keessa beekaadha.

ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ هُوَ الْحَقُّ وَأَنَّ مَا يَدْعُونَ مِنْ دُونِهِ الْبَاطِلُ وَأَنَّ اللَّهَ هُوَ الْعَلِيُّ الْكَبِيرُ

Kun waan Rabbiin Inni dhugaa ta’eefi wantoonni Isaa gaditti isaan waammatan soba ta’eefi. Allaahn Isatu ol ta’aa, guddaadha.

أَلَمْ تَرَ أَنَّ الْفُلْكَ تَجْرِي فِي الْبَحْرِ بِنِعْمَتِ اللَّهِ لِيُرِيَكُمْ مِنْ آيَاتِهِ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِكُلِّ صَبَّارٍ شَكُورٍ

Sila akka dooniin tola Rabbiitiin galaana keessa deemtu hin arginee? (kuni) (Rabbiin) mallattoollee Isaa irraa isinitti agarsiisuufi. kana keessa mallattooleetu jira haalaan obsitootaafii galateeffattootaa hundaaf .

وَإِذَا غَشِيَهُمْ مَوْجٌ كَالظُّلَلِ دَعَوُا اللَّهَ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ فَلَمَّا نَجَّاهُمْ إِلَى الْبَرِّ فَمِنْهُمْ مُقْتَصِدٌ ۚ وَمَا يَجْحَدُ بِآيَاتِنَا إِلَّا كُلُّ خَتَّارٍ كَفُورٍ

Yeroo danbaliin akka gaaraa isaan haguuge amantaa (kadhaa) Isaaf qulqulleessanii Allaah qofa kadhatu. Yeroma inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo, isaan irraa nama (Rabbi galateeffachurraa) uf qusatutu jira. Mallattoolee keenya hinmormu waadaa diigaa, kafaraa hunda malee.

يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمْ وَاخْشَوْا يَوْمًا لَا يَجْزِي وَالِدٌ عَنْ وَلَدِهِ وَلَا مَوْلُودٌ هُوَ جَازٍ عَنْ وَالِدِهِ شَيْئًا ۚ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا وَلَا يَغُرَّنَّكُمْ بِاللَّهِ الْغَرُورُ

Yaa namootaa! Rabbii keessan sodaadhaa. Guyyaa abbaan ilma isaa (irraa hindeebifne) hin fayyadne, kan ilmis abbaa isaa homaa (irraa hindeebifne) hin fayyadne san sodaadhaa. waadaan Rabbii dhugaadha. Jiruun addunyaa isin hin gowwoomsin. (Sheyxaanni) gowwomsaan (obsa) Rabbiitiin isin hin gowwoomsin.

إِنَّ اللَّهَ عِنْدَهُ عِلْمُ السَّاعَةِ وَيُنَزِّلُ الْغَيْثَ وَيَعْلَمُ مَا فِي الْأَرْحَامِ ۖ وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ مَاذَا تَكْسِبُ غَدًا ۖ وَمَا تَدْرِي نَفْسٌ بِأَيِّ أَرْضٍ تَمُوتُ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ

Rabbiin beekumsi Qiyaamaa Isuma bira jira. Roobas ni buusa (niroobsa); waan gadaamessaalee keessa jirus ni beeka. Lubbuun takkas waan boru carraaqqattu hin beektu. Lubbuun takkas dachii tamitti akka duutus hin beektu. Rabbiin beekaa, keessa hubataadha.