١ الْحَمْدُ لِلَّهِ فَاطِرِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ جَاعِلِ الْمَلَائِكَةِ رُسُلًا أُولِي أَجْنِحَةٍ مَثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۚ يَزِيدُ فِي الْخَلْقِ مَا يَشَاءُ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
1 Faaruun hundi kan Rabbii samiileefi dachii kanuume taheeti, kan maleykota ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadihiifi afur afurii taasise. Uumama keessattis waan fedhe dabala. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.1
٢ مَا يَفْتَحِ اللَّهُ لِلنَّاسِ مِنْ رَحْمَةٍ فَلَا مُمْسِكَ لَهَا ۖ وَمَا يُمْسِكْ فَلَا مُرْسِلَ لَهُ مِنْ بَعْدِهِ ۚ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ
2 Rahmata irraa wanta Rabbiin namaaf bane wanti ishee dhorgu hin jiru. Wanta Inni dhorge Isa boodaan wanti ishee gadi dhiisu (ergu) hin jiru. Inni injifataa, ogeessa.
٣ يَا أَيُّهَا النَّاسُ اذْكُرُوا نِعْمَتَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ۚ هَلْ مِنْ خَالِقٍ غَيْرُ اللَّهِ يَرْزُقُكُمْ مِنَ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ فَأَنَّىٰ تُؤْفَكُونَ
3 isin yaa ilmaan namaa! Ni’imaa Allaah tan isinirratti taate yaadadhaa. Sila Rabbiin malee uumoon biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Akkamitti isa (irraa) garagaltan?
٤ وَإِنْ يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كُذِّبَتْ رُسُلٌ مِنْ قَبْلِكَ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ
4 (Yaa Muhammad!) Yoo si kijibsiisan, ergamtoonni si duraas (akkuma kee) kijibsiifamanii jiru. Dhimmoonni gara Rabbiitti deebifamti.
٥ يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّ وَعْدَ اللَّهِ حَقٌّ ۖ فَلَا تَغُرَّنَّكُمُ الْحَيَاةُ الدُّنْيَا ۖ وَلَا يَغُرَّنَّكُمْ بِاللَّهِ الْغَرُورُ
5 Yaa ilmaan namaa! Waadaan Allaah dhugaadha. Kanaafu jireenyi addunyaa akka isin hin gowwoomsine. Gowwoomsaan (Sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin akka isin hin gowwoomsine.
٦ إِنَّ الشَّيْطَانَ لَكُمْ عَدُوٌّ فَاتَّخِذُوهُ عَدُوًّا ۚ إِنَّمَا يَدْعُو حِزْبَهُ لِيَكُونُوا مِنْ أَصْحَابِ السَّعِيرِ
6 Sheyxaanni isiniif diinaa, isinis diina isa godhaa. Gareewwan isaa akka warra ibidda boba’aa (seenu) ta’aniif isaan waama.
٧ الَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ كَبِيرٌ
7 Isaan kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Isaan amananii, gaggaarii hojjatan immoo araaramaafi mindaa guddaatu isaaniif jira.
٨ أَفَمَنْ زُيِّنَ لَهُ سُوءُ عَمَلِهِ فَرَآهُ حَسَنًا ۖ فَإِنَّ اللَّهَ يُضِلُّ مَنْ يَشَاءُ وَيَهْدِي مَنْ يَشَاءُ ۖ فَلَا تَذْهَبْ نَفْسُكَ عَلَيْهِمْ حَسَرَاتٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ بِمَا يَصْنَعُونَ
8 Sila namni fokkataan hojii isaa isaaf bareechifame, kan bareedaa taasisee isa ilaalu (isa karaa qajeelaa irra jiruu wajjin wal qixa ta’aa)? Allaahn nama fedhe ni jallisa; nama fedhe immoo ni qajeelcha. Isaan irratti lubbuun kee sheenaadhaan akka hin baane. Allaahn waan isaan hojjatan beekaadha.
٩ وَاللَّهُ الَّذِي أَرْسَلَ الرِّيَاحَ فَتُثِيرُ سَحَابًا فَسُقْنَاهُ إِلَىٰ بَلَدٍ مَيِّتٍ فَأَحْيَيْنَا بِهِ الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ كَذَٰلِكَ النُّشُورُ
9 Allaahan Isa qilleensa ergee, duumessa ol kaafti. gara lafa duutieetti (goggoydeetti) isa oofnee (roobsine). dachii erga isheen duutee booda isaan jiraachifne. Kaafamni Qiyaamaas akkuma kana.
١٠ مَنْ كَانَ يُرِيدُ الْعِزَّةَ فَلِلَّهِ الْعِزَّةُ جَمِيعًا ۚ إِلَيْهِ يَصْعَدُ الْكَلِمُ الطَّيِّبُ وَالْعَمَلُ الصَّالِحُ يَرْفَعُهُ ۚ وَالَّذِينَ يَمْكُرُونَ السَّيِّئَاتِ لَهُمْ عَذَابٌ شَدِيدٌ ۖ وَمَكْرُ أُولَٰئِكَ هُوَ يَبُورُ
10 Namni jabeenya fedhe (Rabbiin bira haa barbaadu) Jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Haasofni gaariin gara isaa ol baha. Dalagaa gaariitu isa ol fuudha. warreen hamtuu shira xaxan adabbii cimaatu isaaniif jira. shirri isaanii ni bada.
١١ وَاللَّهُ خَلَقَكُمْ مِنْ تُرَابٍ ثُمَّ مِنْ نُطْفَةٍ ثُمَّ جَعَلَكُمْ أَزْوَاجًا ۚ وَمَا تَحْمِلُ مِنْ أُنْثَىٰ وَلَا تَضَعُ إِلَّا بِعِلْمِهِ ۚ وَمَا يُعَمَّرُ مِنْ مُعَمَّرٍ وَلَا يُنْقَصُ مِنْ عُمُرِهِ إِلَّا فِي كِتَابٍ ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ
11 Rabbiin biyyee irraa isin uume, ergasii bishaan saalaa irraa. ergasii cimdii isin taasise. dubartiin tamillee hin ulfooftu; hin deessus Beekumsa Isaatiin malee. Namni umrii dheereffame tokkollee, umriin isaa hin dheereffamu. Umrii isaa irraa hin hir’ifamus kitaaba keessatti tahu malee; sun Allaah irratti laafaadha.
١٢ وَمَا يَسْتَوِي الْبَحْرَانِ هَٰذَا عَذْبٌ فُرَاتٌ سَائِغٌ شَرَابُهُ وَهَٰذَا مِلْحٌ أُجَاجٌ ۖ وَمِنْ كُلٍّ تَأْكُلُونَ لَحْمًا طَرِيًّا وَتَسْتَخْرِجُونَ حِلْيَةً تَلْبَسُونَهَا ۖ وَتَرَى الْفُلْكَ فِيهِ مَوَاخِرَ لِتَبْتَغُوا مِنْ فَضْلِهِ وَلَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ
12 Galaanni lamaan walhinqixxaatan; inni tokko mi’aawaa, dheebu kutaa, dhugaatiin isaas mijaa’aadha; inni kun immoo soogidda akkaan kuraawaadha. Hunduma irraayyuu foon haarawa ni nyaattu; faaya ishee uffattanis ni baafattu. dooniiwwan isa (galaana) keessa baqaqsituu taatee (kan deemtu) agarta, Akka tola isaa irraa barbaaddattanuufi akka isa galatoomfattanuuf
١٣ يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ وَسَخَّرَ الشَّمْسَ وَالْقَمَرَ كُلٌّ يَجْرِي لِأَجَلٍ مُسَمًّى ۚ ذَٰلِكُمُ اللَّهُ رَبُّكُمْ لَهُ الْمُلْكُ ۚ وَالَّذِينَ تَدْعُونَ مِنْ دُونِهِ مَا يَمْلِكُونَ مِنْ قِطْمِيرٍ
13 Inni halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Aduufi ji’as ni laaffise; hunduu hanga beellama beekamaa ta’eetti (orbitii isaanii irra) yaa’u. Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahdha. mootummaan isaaf tahe, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qaban.2
١٤ إِنْ تَدْعُوهُمْ لَا يَسْمَعُوا دُعَاءَكُمْ وَلَوْ سَمِعُوا مَا اسْتَجَابُوا لَكُمْ ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكْفُرُونَ بِشِرْكِكُمْ ۚ وَلَا يُنَبِّئُكَ مِثْلُ خَبِيرٍ
14 Yoo isaan kadhattan, kadhaa keessan hin dhagahan; odoo dhagahaniis isiniif hin owwaatan. Guyyaa Qiyaamaas shirkii keessan ni mormu. (Yaa Muhammad!) Akka Rabbii keessa beekaatti homtuu siif hin odeessu.
١٥ يَا أَيُّهَا النَّاسُ أَنْتُمُ الْفُقَرَاءُ إِلَى اللَّهِ ۖ وَاللَّهُ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ
15 Isin yaa ilmaan namaa! Isin gara Allaahtti haajamoodha; Allaahn Isumatu dureessa, faarfamaadha.
١٦ إِنْ يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ وَيَأْتِ بِخَلْقٍ جَدِيدٍ
16 Yoo fedhe isin (dachii irraa) deemsiseeti uumama haaraa fida.
١٧ وَمَا ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ بِعَزِيزٍ
17 Suni Allaah irratti ulfaataa miti.
١٨ وَلَا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ ۚ وَإِنْ تَدْعُ مُثْقَلَةٌ إِلَىٰ حِمْلِهَا لَا يُحْمَلْ مِنْهُ شَيْءٌ وَلَوْ كَانَ ذَا قُرْبَىٰ ۗ إِنَّمَا تُنْذِرُ الَّذِينَ يَخْشَوْنَ رَبَّهُمْ بِالْغَيْبِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ ۚ وَمَنْ تَزَكَّىٰ فَإِنَّمَا يَتَزَكَّىٰ لِنَفْسِهِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ الْمَصِيرُ
18 (Lubbuun) badii hojjattu (takkas) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate takkas gara ba’aa ishee (namni biraa irraa baadhachuutti) yoo kadhattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaata gadi dhaabaniidha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.
١٩ وَمَا يَسْتَوِي الْأَعْمَىٰ وَالْبَصِيرُ
19 Jaamaafi namni Ija qabu wal hin qixxaatu.3
٢٠ وَلَا الظُّلُمَاتُ وَلَا النُّورُ
20 Dukkanootaafi iftis (akkasuma).4
٢١ وَلَا الظِّلُّ وَلَا الْحَرُورُ
21 Gaaddisniifi oo’inis.5
٢٢ وَمَا يَسْتَوِي الْأَحْيَاءُ وَلَا الْأَمْوَاتُ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُسْمِعُ مَنْ يَشَاءُ ۖ وَمَا أَنْتَ بِمُسْمِعٍ مَنْ فِي الْقُبُورِ
22 kanneen lubbuun jiraniifi isaan du’an wal qixaa miti. Allaahn nama fedhe ni dhageessisa. Ati nama qabrii keessa jiru dhageessisaa miti.6
٢٣ إِنْ أَنْتَ إِلَّا نَذِيرٌ
23 Ati akeekkachiisaa malee waan biraa hin taane.
٢٤ إِنَّا أَرْسَلْنَاكَ بِالْحَقِّ بَشِيرًا وَنَذِيرًا ۚ وَإِنْ مِنْ أُمَّةٍ إِلَّا خَلَا فِيهَا نَذِيرٌ
24 Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taatee si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan (ergamaan Rabbii) isaan keessatti dabru malee hintaane.
٢٥ وَإِنْ يُكَذِّبُوكَ فَقَدْ كَذَّبَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ جَاءَتْهُمْ رُسُلُهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ وَبِالزُّبُرِ وَبِالْكِتَابِ الْمُنِيرِ
25 Yoo si kijibsiisan, warri isaaniin duraas dhugumatti (ergamoota) kijibsiisanii jiru. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifa ta’aniin, kitaabota (wanta hunda of keessatti hammatanii)fi kitaaba ibsaa ta’een, isaanitti dhufanii turan.
٢٦ ثُمَّ أَخَذْتُ الَّذِينَ كَفَرُوا ۖ فَكَيْفَ كَانَ نَكِيرِ
26 Ergasiis isaan kafaran qabeen jira. adabbiin kiyya akkam ta’e! (bakka isaati argate).
٢٧ أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ أَنْزَلَ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً فَأَخْرَجْنَا بِهِ ثَمَرَاتٍ مُخْتَلِفًا أَلْوَانُهَا ۚ وَمِنَ الْجِبَالِ جُدَدٌ بِيضٌ وَحُمْرٌ مُخْتَلِفٌ أَلْوَانُهَا وَغَرَابِيبُ سُودٌ
27 Sila ati hin laallee Rabbiin bishaan samii irraa buusee, fuduraalee bifti isaa adda adda ta’e ittiin magarsine. Gaarreen irraas karaalee adaadiifi diddiimaa, bifti ishee gara gara ta’eefi akkaan gurraacha ta’anis (akka uumne hin arginee?)
٢٨ وَمِنَ النَّاسِ وَالدَّوَابِّ وَالْأَنْعَامِ مُخْتَلِفٌ أَلْوَانُهُ كَذَٰلِكَ ۗ إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُورٌ
28 Namoota, lubbu qabeeyyiifi beyladoota irraahis akkasuma warra bifti isaanii waldhabaa tahe uume. Gabroota Isaa irraa kan Allaah sodaatan beektota qofa. Rabbiin injifataa, araaramaadha.7
٢٩ إِنَّ الَّذِينَ يَتْلُونَ كِتَابَ اللَّهِ وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَأَنْفَقُوا مِمَّا رَزَقْنَاهُمْ سِرًّا وَعَلَانِيَةً يَرْجُونَ تِجَارَةً لَنْ تَبُورَ
29 Dhugumatti, isaan kitaaba (Qur’aana) Rabbii dubbisanii, salaata sirnaan dhaabaniifi kan waan Nuti isaaniif kennine irraa dhoksaafi ifattis kennan, daldala kasaaraa hin qabne kajeelan.
٣٠ لِيُوَفِّيَهُمْ أُجُورَهُمْ وَيَزِيدَهُمْ مِنْ فَضْلِهِ ۚ إِنَّهُ غَفُورٌ شَكُورٌ
30 Akka Inni (Rabbiin) galatoota isaanii guutee isaaniif kennuufi tola isaa irraas isaanii dabaluuf (kajeelu). Inni araaramaa, galateeffataadha.
٣١ وَالَّذِي أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ مِنَ الْكِتَابِ هُوَ الْحَقُّ مُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيْهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِعِبَادِهِ لَخَبِيرٌ بَصِيرٌ
31 Kitaaba (Qur’aana) irraa waani Nuti gara keetti buufne isatu dhugaadha, (kitaabban) isa duraa kan dhugoomsuudha. Rabbiin gabroota isaa akkaan beekaa, argaadha.
٣٢ ثُمَّ أَوْرَثْنَا الْكِتَابَ الَّذِينَ اصْطَفَيْنَا مِنْ عِبَادِنَا ۖ فَمِنْهُمْ ظَالِمٌ لِنَفْسِهِ وَمِنْهُمْ مُقْتَصِدٌ وَمِنْهُمْ سَابِقٌ بِالْخَيْرَاتِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَضْلُ الْكَبِيرُ
32 Ergasii kitaabicha (Qur’aana kana) isaan gabroota keenya keessaa filanne dhaalchifnee jirra. Isaan irraa nama lubbuu ofii miidhutu jira; isaan irraas iddugaleessa jira. Isaan irraas warra hayyama Rabbiitiin hojiiwwan gaggaarii irratti dursantu jira. Sun isumatu tola guddaadha.
٣٣ جَنَّاتُ عَدْنٍ يَدْخُلُونَهَا يُحَلَّوْنَ فِيهَا مِنْ أَسَاوِرَ مِنْ ذَهَبٍ وَلُؤْلُؤًا ۖ وَلِبَاسُهُمْ فِيهَا حَرِيرٌ
33 Jannata qubannaa kan ishee seenan, ishee keessattis gumeewwan warqee irraa ta’aniifi faaya uffifaman. Uffanni isaaniis ishee keessatti hariira
٣٤ وَقَالُوا الْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَذْهَبَ عَنَّا الْحَزَنَ ۖ إِنَّ رَبَّنَا لَغَفُورٌ شَكُورٌ
34 Ni jedhu: “faaruun kan Rabbii gadda nurraa deemsiseeti. Gooftaan keenya araaramaa, galateeffataadha.
٣٥ الَّذِي أَحَلَّنَا دَارَ الْمُقَامَةِ مِنْ فَضْلِهِ لَا يَمَسُّنَا فِيهَا نَصَبٌ وَلَا يَمَسُّنَا فِيهَا لُغُوبٌ
35 (Inni) Isa tola Isa irraa ta’een mana jireenyaa (jannata) nu qubachiiseedha. kan ishee keessatti rakkoon nu hin tuqneefi kan ishee keessattis dadhabbiin nu hin tuqne keessa.
٣٦ وَالَّذِينَ كَفَرُوا لَهُمْ نَارُ جَهَنَّمَ لَا يُقْضَىٰ عَلَيْهِمْ فَيَمُوتُوا وَلَا يُخَفَّفُ عَنْهُمْ مِنْ عَذَابِهَا ۚ كَذَٰلِكَ نَجْزِي كُلَّ كَفُورٍ
36 Isaan kafaran ibidda jahannamtu isaaniif jira. Isaanitti murteeffamtees hin du’anu. adabbii ishee irraas homtuu isaan irraa hin salphifamu. akka kanatti haalaan kafaraa hundaa galata galchina.
٣٧ وَهُمْ يَصْطَرِخُونَ فِيهَا رَبَّنَا أَخْرِجْنَا نَعْمَلْ صَالِحًا غَيْرَ الَّذِي كُنَّا نَعْمَلُ ۚ أَوَلَمْ نُعَمِّرْكُمْ مَا يَتَذَكَّرُ فِيهِ مَنْ تَذَكَّرَ وَجَاءَكُمُ النَّذِيرُ ۖ فَذُوقُوا فَمَا لِلظَّالِمِينَ مِنْ نَصِيرٍ
37 Isaan ishee keessaa (iyyanii) waywaatu “(Yaa) Gooftaa keenya! Isa duraan hojjachaa turreen malee toltuu hojjennaa nu baasi” jechuun. “Sila (umrii dheeraa) namni gorfamuu fedhe isa keessatti gorfamuu danda’u isin hin jiraachifnee? akeekkachiisaan isinitti hin dhufnee? (Adaba kiyya) dhandhamaa; miidhaa hojjattootaaf tumsarraa homaa hin jiru.”
٣٨ إِنَّ اللَّهَ عَالِمُ غَيْبِ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ
38 Rabbiin beekaa fagoo samiifi dachiiti. Inni beekaa wantoota qoma keessa jiraniiti.(waan nami yaadu)
٣٩ هُوَ الَّذِي جَعَلَكُمْ خَلَائِفَ فِي الْأَرْضِ ۚ فَمَنْ كَفَرَ فَعَلَيْهِ كُفْرُهُ ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ عِنْدَ رَبِّهِمْ إِلَّا مَقْتًا ۖ وَلَا يَزِيدُ الْكَافِرِينَ كُفْرُهُمْ إِلَّا خَسَارًا
39 Inni Isa dachii keessatti bakka bu’oota isin godhe. Namni kafare kufriin isaa isuma irratti. Kaafiroota kufriin isaanii Rabbii isaanii biratti jibbaa malee homaa isaaniif hin dabalu. Kaafiroota kufriin isaanii hoongoo malee homaa isaaniif hin dabalu.
٤٠ قُلْ أَرَأَيْتُمْ شُرَكَاءَكُمُ الَّذِينَ تَدْعُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ أَرُونِي مَاذَا خَلَقُوا مِنَ الْأَرْضِ أَمْ لَهُمْ شِرْكٌ فِي السَّمَاوَاتِ أَمْ آتَيْنَاهُمْ كِتَابًا فَهُمْ عَلَىٰ بَيِّنَتٍ مِنْهُ ۚ بَلْ إِنْ يَعِدُ الظَّالِمُونَ بَعْضُهُمْ بَعْضًا إِلَّا غُرُورًا
40 “Sila hiriyoota (shariikoota) keessan kan Rabbiin malee gabbartan mee naaf himaa? Dachii irraa waan isaan uuman mee na argisiisaa. moo Sila samiilee (uumuu) keessatti hirmaannaan isaaniif jiraa? Moo kitaaba isaaniif kenninee, kan isaan ragaa qabatamaa isa irraa ta’e irratti jiran? Lakkisaa; miidhaa hojjattoonni gariin isaanii gariif wal gowwoomsuu malee homaa waadaa waliif hin galanu.
٤١ إِنَّ اللَّهَ يُمْسِكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ أَنْ تَزُولَا ۚ وَلَئِنْ زَالَتَا إِنْ أَمْسَكَهُمَا مِنْ أَحَدٍ مِنْ بَعْدِهِ ۚ إِنَّهُ كَانَ حَلِيمًا غَفُورًا
41 Rabbiin samiileefi dachiin akka hin deemne qaba. Odoo bakkaa deemaniis Isa malee tokkolleenuu isaan lamaan hin qabu. Inni obsaa, araaramaa ta’eera.
٤٢ وَأَقْسَمُوا بِاللَّهِ جَهْدَ أَيْمَانِهِمْ لَئِنْ جَاءَهُمْ نَذِيرٌ لَيَكُونُنَّ أَهْدَىٰ مِنْ إِحْدَى الْأُمَمِ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُمْ نَذِيرٌ مَا زَادَهُمْ إِلَّا نُفُورًا
42 kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatan Yoo akeekkachiisaan (ergamaan Rabbii) isaanitti dhufe ummatoota kamillee caalaa qajeelaa tahan jechuun. Yeroma akeekkachiisan isaanitti dhufu (dhugaa irraa) dheefa malee homaa isaaniif hin daballe.
٤٣ اسْتِكْبَارًا فِي الْأَرْضِ وَمَكْرَ السَّيِّئِ ۚ وَلَا يَحِيقُ الْمَكْرُ السَّيِّئُ إِلَّا بِأَهْلِهِ ۚ فَهَلْ يَنْظُرُونَ إِلَّا سُنَّتَ الْأَوَّلِينَ ۚ فَلَنْ تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَبْدِيلًا ۖ وَلَنْ تَجِدَ لِسُنَّتِ اللَّهِ تَحْوِيلًا
43 Dachee keessatti boonaafi shira hameenyaa (malee isaaniif hin daballe). shirri hammeenyaa warra isaatti malee hin marsu. Sila karaa warra durii malee waan biraa nieeganii? Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu; karaa Rabbiitiif (nama biraatti) naannessuu hin argitu.
٤٤ أَوَلَمْ يَسِيرُوا فِي الْأَرْضِ فَيَنْظُرُوا كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ وَكَانُوا أَشَدَّ مِنْهُمْ قُوَّةً ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعْجِزَهُ مِنْ شَيْءٍ فِي السَّمَاوَاتِ وَلَا فِي الْأَرْضِ ۚ إِنَّهُ كَانَ عَلِيمًا قَدِيرًا
44 Sila isaan dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ture hin laalanii? humnaan isaan irra jajjaboo ta’anii turan. Rabbiin samiilee keessattiifi dachii keessattis wanti isa dadhabsiisu hin jiru. Inni beekaa, danda’aa ta’eera.
٤٥ وَلَوْ يُؤَاخِذُ اللَّهُ النَّاسَ بِمَا كَسَبُوا مَا تَرَكَ عَلَىٰ ظَهْرِهَا مِنْ دَابَّةٍ وَلَٰكِنْ يُؤَخِّرُهُمْ إِلَىٰ أَجَلٍ مُسَمًّى ۖ فَإِذَا جَاءَ أَجَلُهُمْ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِعِبَادِهِ بَصِيرًا
45 Rabbiin odoo ilmaan namaa waan isaan hojjataniin isaan qabee dugda ishee (dachii) irratti lubbu qabeeyyii tokkoyyuu hin dhiisu ture. Garuu hanga yeroo beekamaatti (qiyaamaatti) isaan booda aansa. Yeroon isaanii hoggaa dhufe (hoji isaaniirratti galata galchaaf) Rabbiin gabroota isaa argaa ta’eera.