١ يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمُ الَّذِي خَلَقَكُمْ مِنْ نَفْسٍ وَاحِدَةٍ وَخَلَقَ مِنْهَا زَوْجَهَا وَبَثَّ مِنْهُمَا رِجَالًا كَثِيرًا وَنِسَاءً ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي تَسَاءَلُونَ بِهِ وَالْأَرْحَامَ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَيْكُمْ رَقِيبًا
1 isin yaa ilmaan namaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Rabbiin isin to’ataadha.1
٢ وَآتُوا الْيَتَامَىٰ أَمْوَالَهُمْ ۖ وَلَا تَتَبَدَّلُوا الْخَبِيثَ بِالطَّيِّبِ ۖ وَلَا تَأْكُلُوا أَمْوَالَهُمْ إِلَىٰ أَمْوَالِكُمْ ۚ إِنَّهُ كَانَ حُوبًا كَبِيرًا
2 Yatiimotaaf qabeenyaalee isaanii kennaa. Gaggaarii fokkataan hin jijjiiratinaa. Qabeenya isaanii gara qabeenya keessaniitti (makuun) hin nyaatinaa. inni badii guddaa ta'eera.
٣ وَإِنْ خِفْتُمْ أَلَّا تُقْسِطُوا فِي الْيَتَامَىٰ فَانْكِحُوا مَا طَابَ لَكُمْ مِنَ النِّسَاءِ مَثْنَىٰ وَثُلَاثَ وَرُبَاعَ ۖ فَإِنْ خِفْتُمْ أَلَّا تَعْدِلُوا فَوَاحِدَةً أَوْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ ۚ ذَٰلِكَ أَدْنَىٰ أَلَّا تَعُولُوا
3 Yoo yatiimota (fuudhuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama lama, sadi sadi, afur afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo takkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa). Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha.2
٤ وَآتُوا النِّسَاءَ صَدُقَاتِهِنَّ نِحْلَةً ۚ فَإِنْ طِبْنَ لَكُمْ عَنْ شَيْءٍ مِنْهُ نَفْسًا فَكُلُوهُ هَنِيئًا مَرِيئًا
4 Dubartootaaf mahriiwwan isaanii jaalalaan kennaafii. Yoo isaan jaalala lubbuu isaaniitiin isa irraa isiniif kennan, halaala gaarii haala ta'een isa nyaadhaa.3
٥ وَلَا تُؤْتُوا السُّفَهَاءَ أَمْوَالَكُمُ الَّتِي جَعَلَ اللَّهُ لَكُمْ قِيَامًا وَارْزُقُوهُمْ فِيهَا وَاكْسُوهُمْ وَقُولُوا لَهُمْ قَوْلًا مَعْرُوفًا
5 Qabeenyaalee keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee irraas masruufa kennaaf; isaan uffisaas, jechoota gaggaarii isaaniin jedhaa. (abdachiisaa beellama gaarii qabaafii).
٦ وَابْتَلُوا الْيَتَامَىٰ حَتَّىٰ إِذَا بَلَغُوا النِّكَاحَ فَإِنْ آنَسْتُمْ مِنْهُمْ رُشْدًا فَادْفَعُوا إِلَيْهِمْ أَمْوَالَهُمْ ۖ وَلَا تَأْكُلُوهَا إِسْرَافًا وَبِدَارًا أَنْ يَكْبَرُوا ۚ وَمَنْ كَانَ غَنِيًّا فَلْيَسْتَعْفِفْ ۖ وَمَنْ كَانَ فَقِيرًا فَلْيَأْكُلْ بِالْمَعْرُوفِ ۚ فَإِذَا دَفَعْتُمْ إِلَيْهِمْ أَمْوَالَهُمْ فَأَشْهِدُوا عَلَيْهِمْ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ حَسِيبًا
6 Yatiimota hanga isaan umrii gaa'ilaa ga’anitti qoradhaa (leenjisaa). Yoo isaan irraa qajeeluma argitan, qabeenyaalee isaanii gara isaaniitti deebisaa. (Sodaa) guddachuu isaanii ariifatoo taatanii balleessuuf jecha ishee hin nyaatinaa. Namni dureessa ta’e, (irraa) of haa qabu. Namni hiyyeessa ta’e immoo (karaa) beekamaadhaan haa nyaatu.Yeroo qabeenya isaanii gara isaaniitti deebiftan isaan irratti ragaa godhaa. qorataa tahuuf Rabbiin gahaadha.4
٧ لِلرِّجَالِ نَصِيبٌ مِمَّا تَرَكَ الْوَالِدَانِ وَالْأَقْرَبُونَ وَلِلنِّسَاءِ نَصِيبٌ مِمَّا تَرَكَ الْوَالِدَانِ وَالْأَقْرَبُونَ مِمَّا قَلَّ مِنْهُ أَوْ كَثُرَ ۚ نَصِيبًا مَفْرُوضًا
7 Dhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni (yeroo du'an) dhiisan irraa qoodatu jira. Dubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni (yeroo du'an) dhiisan irraa qoodatu jira. Waan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera).5
٨ وَإِذَا حَضَرَ الْقِسْمَةَ أُولُو الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينُ فَارْزُقُوهُمْ مِنْهُ وَقُولُوا لَهُمْ قَوْلًا مَعْرُوفًا
8 Yeroo firoonni, yatiimonniifi hiyyeeyyiin (bakka) qoodaa dhufan isa irraa isaaniif kennaa; jecha gaariis isaaniin jedhaa.
٩ وَلْيَخْشَ الَّذِينَ لَوْ تَرَكُوا مِنْ خَلْفِهِمْ ذُرِّيَّةً ضِعَافًا خَافُوا عَلَيْهِمْ فَلْيَتَّقُوا اللَّهَ وَلْيَقُولُوا قَوْلًا سَدِيدًا
9 Warri odoo duuba isaaniitti ilmaan dadhaboo (xixiqqoo) dhiisaanii (du'anii) isaan irratti sodaatanu, (yatiima miidhuu) haa sodaatanu. Rabbiin sodaatanii jecha haqaa haa jedhanu.
١٠ إِنَّ الَّذِينَ يَأْكُلُونَ أَمْوَالَ الْيَتَامَىٰ ظُلْمًا إِنَّمَا يَأْكُلُونَ فِي بُطُونِهِمْ نَارًا ۖ وَسَيَصْلَوْنَ سَعِيرًا
10 isaan qabeenyaalee yatiimotaa miidhuudhaan nyaatan, wanti isaan garaalee isaanii keessatti gadi nyaatanu ibidduma. Fuulduratti ibidda boba’aa seenu.6
١١ يُوصِيكُمُ اللَّهُ فِي أَوْلَادِكُمْ ۖ لِلذَّكَرِ مِثْلُ حَظِّ الْأُنْثَيَيْنِ ۚ فَإِنْ كُنَّ نِسَاءً فَوْقَ اثْنَتَيْنِ فَلَهُنَّ ثُلُثَا مَا تَرَكَ ۖ وَإِنْ كَانَتْ وَاحِدَةً فَلَهَا النِّصْفُ ۚ وَلِأَبَوَيْهِ لِكُلِّ وَاحِدٍ مِنْهُمَا السُّدُسُ مِمَّا تَرَكَ إِنْ كَانَ لَهُ وَلَدٌ ۚ فَإِنْ لَمْ يَكُنْ لَهُ وَلَدٌ وَوَرِثَهُ أَبَوَاهُ فَلِأُمِّهِ الثُّلُثُ ۚ فَإِنْ كَانَ لَهُ إِخْوَةٌ فَلِأُمِّهِ السُّدُسُ ۚ مِنْ بَعْدِ وَصِيَّةٍ يُوصِي بِهَا أَوْ دَيْنٍ ۗ آبَاؤُكُمْ وَأَبْنَاؤُكُمْ لَا تَدْرُونَ أَيُّهُمْ أَقْرَبُ لَكُمْ نَفْعًا ۚ فَرِيضَةً مِنَ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا
11 Rabbiin (dhaalmaya) ilmaanii keessan keessatti isiniif dhaama. Dhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jira. Yoo (ilmaan dhaaltonni) dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jira. Yoo (ilmoon dhaaltu dubara) takkitti qofa taate walakkaatu isheef jira. Yoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jira. Yoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira. (Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin daynii (isarra jiru kafaluu)tiiyyi. Abbootiin keessaniifi ilmaan keessan kamii isaaniitu isinfayyadutti irra dhihoodhaa hin beektan. Murtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.
١٢ وَلَكُمْ نِصْفُ مَا تَرَكَ أَزْوَاجُكُمْ إِنْ لَمْ يَكُنْ لَهُنَّ وَلَدٌ ۚ فَإِنْ كَانَ لَهُنَّ وَلَدٌ فَلَكُمُ الرُّبُعُ مِمَّا تَرَكْنَ ۚ مِنْ بَعْدِ وَصِيَّةٍ يُوصِينَ بِهَا أَوْ دَيْنٍ ۚ وَلَهُنَّ الرُّبُعُ مِمَّا تَرَكْتُمْ إِنْ لَمْ يَكُنْ لَكُمْ وَلَدٌ ۚ فَإِنْ كَانَ لَكُمْ وَلَدٌ فَلَهُنَّ الثُّمُنُ مِمَّا تَرَكْتُمْ ۚ مِنْ بَعْدِ وَصِيَّةٍ تُوصُونَ بِهَا أَوْ دَيْنٍ ۗ وَإِنْ كَانَ رَجُلٌ يُورَثُ كَلَالَةً أَوِ امْرَأَةٌ وَلَهُ أَخٌ أَوْ أُخْتٌ فَلِكُلِّ وَاحِدٍ مِنْهُمَا السُّدُسُ ۚ فَإِنْ كَانُوا أَكْثَرَ مِنْ ذَٰلِكَ فَهُمْ شُرَكَاءُ فِي الثُّلُثِ ۚ مِنْ بَعْدِ وَصِيَّةٍ يُوصَىٰ بِهَا أَوْ دَيْنٍ غَيْرَ مُضَارٍّ ۚ وَصِيَّةً مِنَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَلِيمٌ
12 walakkaa waan haati manaa keessanii dhiisaniitu isiniif jira Yoo ilmoon isaaniif hin jiraatin. Yoo ilmoon isaaniif jiraate immoo tokko arfaffaa waan isaan dhiisaniitu isiniif jira. (Kun) booda dhaamsa isaan dhaammatanii yookiin daynii (irraa kafalanii)tiiyyi. Yoo ilmoon isiniif hin jiraatin tokko arfaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniifis jira (jaartiiwwan teessaniif). Yoo ilmoon isiniif jiraate immoo tokko saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniif jira. (Kun) booda dhaamsa isin dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Haala obboleessa yookiin obboleettii qabuun yoo dhiirri kan abbaa haadhaafi ilmaan hin qabne ta'ee dhaalamu argame yookiin dubartiinis tokko tokkoon isaaniitiif (obboleessaafii obboleettii isa dhaalaniitiif) tokko jahaffaatu jira. Yoo sanaa ol ta'an immoo isaan tokko sadaffaa wajji argatan. (Kun) haala miidhamuun hin argaminiin booda dhaamsa dhaamamtee yookiin dayniitiiyyi. Dhaamsa Rabbi irraa ta’e (isiniif dhaame) Rabbiin beekaa, obsaadha.7
١٣ تِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ ۚ وَمَنْ يُطِعِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ يُدْخِلْهُ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ وَذَٰلِكَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
13 Isheen kun daangawwan Rabbiiti. Namni Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajame jannattoota jala ishee laggeen yaatu keessatti hafoo ta'anii isaan seensisa. Kun milkii guddaadha.
١٤ وَمَنْ يَعْصِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَيَتَعَدَّ حُدُودَهُ يُدْخِلْهُ نَارًا خَالِدًا فِيهَا وَلَهُ عَذَابٌ مُهِينٌ
14 Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira.
١٥ وَاللَّاتِي يَأْتِينَ الْفَاحِشَةَ مِنْ نِسَائِكُمْ فَاسْتَشْهِدُوا عَلَيْهِنَّ أَرْبَعَةً مِنْكُمْ ۖ فَإِنْ شَهِدُوا فَأَمْسِكُوهُنَّ فِي الْبُيُوتِ حَتَّىٰ يَتَوَفَّاهُنَّ الْمَوْتُ أَوْ يَجْعَلَ اللَّهُ لَهُنَّ سَبِيلًا
15 Dubartoota keessan irraas isaan hojii fokkataa (sagaggaalummaa) raawwatan, namoota afur kan isin irraa ta’an isaan irratti ragaa baasaa. Yoo isaan ragaa ba’an hanga duuti isaanitti dhufutti yookiin (hanga) Rabbiin karaa (biraa) isaanii godhutti manneen keessatti isaan qabaa.8
١٦ وَاللَّذَانِ يَأْتِيَانِهَا مِنْكُمْ فَآذُوهُمَا ۖ فَإِنْ تَابَا وَأَصْلَحَا فَأَعْرِضُوا عَنْهُمَا ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ تَوَّابًا رَحِيمًا
16 Isin irraa namoonni lamaan (dhiiraafi dubartii) isii (sagaggaalummaa) hojjatan isaan lamaanuu akkaan rakkisaa. Yoo isaan tawbatanii hojii gaarii hojjatan, isaan (rakkisuu) irraa gara galaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.9
١٧ إِنَّمَا التَّوْبَةُ عَلَى اللَّهِ لِلَّذِينَ يَعْمَلُونَ السُّوءَ بِجَهَالَةٍ ثُمَّ يَتُوبُونَ مِنْ قَرِيبٍ فَأُولَٰئِكَ يَتُوبُ اللَّهُ عَلَيْهِمْ ۗ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا
17 Tawbaan (qeebaltiin isii) Rabbirratti taate warra wallaalumaan hamtuu hojjatanii ergasii dhihootti (osoo duuti itti hindhufin) tawbataniifi, Warra san Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebala, Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.
١٨ وَلَيْسَتِ التَّوْبَةُ لِلَّذِينَ يَعْمَلُونَ السَّيِّئَاتِ حَتَّىٰ إِذَا حَضَرَ أَحَدَهُمُ الْمَوْتُ قَالَ إِنِّي تُبْتُ الْآنَ وَلَا الَّذِينَ يَمُوتُونَ وَهُمْ كُفَّارٌ ۚ أُولَٰئِكَ أَعْتَدْنَا لَهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا
18 Tawbaan hintaane warra badiilee hojjatanii hanga tokkoon isaaniitti duuti dhufutti (yoggus) "ani amma tawbadhe" jedhaniifi. isaannan kaafiroota ta’anii du’aniifis (qeebalamtuu hin taane). Warra san Nuti azaaba laalessaa isaaniif qopheessinee jirra.10
١٩ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَحِلُّ لَكُمْ أَنْ تَرِثُوا النِّسَاءَ كَرْهًا ۖ وَلَا تَعْضُلُوهُنَّ لِتَذْهَبُوا بِبَعْضِ مَا آتَيْتُمُوهُنَّ إِلَّا أَنْ يَأْتِينَ بِفَاحِشَةٍ مُبَيِّنَةٍ ۚ وَعَاشِرُوهُنَّ بِالْمَعْرُوفِ ۚ فَإِنْ كَرِهْتُمُوهُنَّ فَعَسَىٰ أَنْ تَكْرَهُوا شَيْئًا وَيَجْعَلَ اللَّهُ فِيهِ خَيْرًا كَثِيرًا
19 Isin Yaa warra amantan! dubartii dirqamaan dhaaluun isiniif hin hayyamamu. garii waan (mahrii) isaaniif kennitanii fudhachuuf (heeruma) isaan hin dhorginaa, Yoo balleessaa mul'ataa taheen dhufan (hojjatan) malee; Akkaataa gaariin isaan horadhaa. Yoo isaan jibbitan (obsaa); waan tokko isin jibbitanii Rabbiin isa keessa khayrii baay’ee godhuun ni kajeelama.11
٢٠ وَإِنْ أَرَدْتُمُ اسْتِبْدَالَ زَوْجٍ مَكَانَ زَوْجٍ وَآتَيْتُمْ إِحْدَاهُنَّ قِنْطَارًا فَلَا تَأْخُذُوا مِنْهُ شَيْئًا ۚ أَتَأْخُذُونَهُ بُهْتَانًا وَإِثْمًا مُبِينًا
20 yoo niitii takka bakka niitii biraa jijjiirrachuu barbaaddan Haala tokkoo isaaniitiif (tan hiikuu barbaaddaniif) qabeenya guddaa kennitanii jirtaniin, isarraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattanii?
٢١ وَكَيْفَ تَأْخُذُونَهُ وَقَدْ أَفْضَىٰ بَعْضُكُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ وَأَخَذْنَ مِنْكُمْ مِيثَاقًا غَلِيظًا
21 Sila akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu? kan gariin keessan gara garii gayee jiruun, kan isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa seenanii jiraniin.
٢٢ وَلَا تَنْكِحُوا مَا نَكَحَ آبَاؤُكُمْ مِنَ النِّسَاءِ إِلَّا مَا قَدْ سَلَفَ ۚ إِنَّهُ كَانَ فَاحِشَةً وَمَقْتًا وَسَاءَ سَبِيلًا
22 Dubartoota irraa isaan abbootiin keessan fuudhan hin fuudhinaa. waan dabre malee, inni fokkataa, jibbamaafi karaan isaa hamaa ta'ee jira.12
٢٣ حُرِّمَتْ عَلَيْكُمْ أُمَّهَاتُكُمْ وَبَنَاتُكُمْ وَأَخَوَاتُكُمْ وَعَمَّاتُكُمْ وَخَالَاتُكُمْ وَبَنَاتُ الْأَخِ وَبَنَاتُ الْأُخْتِ وَأُمَّهَاتُكُمُ اللَّاتِي أَرْضَعْنَكُمْ وَأَخَوَاتُكُمْ مِنَ الرَّضَاعَةِ وَأُمَّهَاتُ نِسَائِكُمْ وَرَبَائِبُكُمُ اللَّاتِي فِي حُجُورِكُمْ مِنْ نِسَائِكُمُ اللَّاتِي دَخَلْتُمْ بِهِنَّ فَإِنْ لَمْ تَكُونُوا دَخَلْتُمْ بِهِنَّ فَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ وَحَلَائِلُ أَبْنَائِكُمُ الَّذِينَ مِنْ أَصْلَابِكُمْ وَأَنْ تَجْمَعُوا بَيْنَ الْأُخْتَيْنِ إِلَّا مَا قَدْ سَلَفَ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَحِيمًا
23 Haadholeen keessan (fuudhuun) isinirratti haraama godhamte, dubri keessanis, obboleettiwwan keessanis, adaadowwan keessanis, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessanis, dubara obboleessaas, dubara obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisarraa ta’anis, haadholee niitiiwwan teessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan teessan itti seentan irraa dhalatanis (fuuchuun isin irratti haraama godhamteetti); yoo isaanirra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru. Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugdoowwan keessan irraa ta'anis, jidduu obboleettiiwwan lamaa walitti qabuunis (akkasuma haraama).waan dabre malee. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa tahee jira.13
٢٤ وَالْمُحْصَنَاتُ مِنَ النِّسَاءِ إِلَّا مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ ۖ كِتَابَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ۚ وَأُحِلَّ لَكُمْ مَا وَرَاءَ ذَٰلِكُمْ أَنْ تَبْتَغُوا بِأَمْوَالِكُمْ مُحْصِنِينَ غَيْرَ مُسَافِحِينَ ۚ فَمَا اسْتَمْتَعْتُمْ بِهِ مِنْهُنَّ فَآتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ فَرِيضَةً ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ فِيمَا تَرَاضَيْتُمْ بِهِ مِنْ بَعْدِ الْفَرِيضَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا
24 Dubartoota irraa isaan (dhiiraan) tikfaman (jaartii namaa) kan harki keessan dhuunfatte malee (fuudhuun dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa) Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun (fuudhuun) isiniif eeyyamameera. Isaan irraa (warra fuutanii qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) itti qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaa. Waan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiru. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.14
٢٥ وَمَنْ لَمْ يَسْتَطِعْ مِنْكُمْ طَوْلًا أَنْ يَنْكِحَ الْمُحْصَنَاتِ الْمُؤْمِنَاتِ فَمِنْ مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ مِنْ فَتَيَاتِكُمُ الْمُؤْمِنَاتِ ۚ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِإِيمَانِكُمْ ۚ بَعْضُكُمْ مِنْ بَعْضٍ ۚ فَانْكِحُوهُنَّ بِإِذْنِ أَهْلِهِنَّ وَآتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ بِالْمَعْرُوفِ مُحْصَنَاتٍ غَيْرَ مُسَافِحَاتٍ وَلَا مُتَّخِذَاتِ أَخْدَانٍ ۚ فَإِذَا أُحْصِنَّ فَإِنْ أَتَيْنَ بِفَاحِشَةٍ فَعَلَيْهِنَّ نِصْفُ مَا عَلَى الْمُحْصَنَاتِ مِنَ الْعَذَابِ ۚ ذَٰلِكَ لِمَنْ خَشِيَ الْعَنَتَ مِنْكُمْ ۚ وَأَنْ تَصْبِرُوا خَيْرٌ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ
25 Isin irraa namni (dubartoota) tikfamoo mu’umina ta’an fuuchuu qabeenyaan hin danda’in, shamarran keessan kan mu’uminaa kan harki keessan dhuunfatte (gabroottan) irraa (haa fuudhanu). Rabbiin iimaana keessan beekaadha. Gariin keessan garii irraayyi. hayyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaanii haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tikfamtoota ta'anii, sagaagalummaa kan hin raawwanneefi kan hiriyaa dhiiraa hin qabne ta'anii (fuudhaa). Yoo yeroo heeruman hojii fokkataa (sagaggaalummaa) raawwatan, adabbii irraa walakkaa kan isaan walaba ta’an irra jiruutu isaan irra jira. Kun isin irraa nama zinaa sodaateefi; obsuutu immoo isiniif caala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.15
٢٦ يُرِيدُ اللَّهُ لِيُبَيِّنَ لَكُمْ وَيَهْدِيَكُمْ سُنَنَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ وَيَتُوبَ عَلَيْكُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
26 Rabbiin (waan eeyyamamaafi dhorgamaa ta’an) isiniif ibsuu barbaada, karaalee warra isin dura turanii isin qajeelchuufi tawbaa keessan qeebaluu (barbaada). Rabbiin beekaa, ogeessa.
٢٧ وَاللَّهُ يُرِيدُ أَنْ يَتُوبَ عَلَيْكُمْ وَيُرِيدُ الَّذِينَ يَتَّبِعُونَ الشَّهَوَاتِ أَنْ تَمِيلُوا مَيْلًا عَظِيمًا
27 Rabbiin tawbaa keessan qeebaluu (isinitti araaramuu) fedha. Warri fedha lubbuu isaanii hordofan immoo isin jallina guddaa jallachuu fedhu.16
٢٨ يُرِيدُ اللَّهُ أَنْ يُخَفِّفَ عَنْكُمْ ۚ وَخُلِقَ الْإِنْسَانُ ضَعِيفًا
28 Rabbiin isinirraa laaffisuu fedha. Ilmi namaa dadhabaa ta’ee uumame.
٢٩ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَأْكُلُوا أَمْوَالَكُمْ بَيْنَكُمْ بِالْبَاطِلِ إِلَّا أَنْ تَكُونَ تِجَارَةً عَنْ تَرَاضٍ مِنْكُمْ ۚ وَلَا تَقْتُلُوا أَنْفُسَكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ بِكُمْ رَحِيمًا
29 Yaa warra amantan! qabeenya keessan gidduu keessanitti dharaan hin nyaatinaa, Yoo daldala jaalala keessan irraa taateen tahe malee, Lubbuulee keessan hin ajjeesinaa. Rabbiin isiniif rahmata godhaadha.17
٣٠ وَمَنْ يَفْعَلْ ذَٰلِكَ عُدْوَانًا وَظُلْمًا فَسَوْفَ نُصْلِيهِ نَارًا ۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرًا
30 Namni kana dalage (qabeenya namaa haraamiin nyaate) daangaa dabruufii miidhaaf, fuulduratti (qiyqqmqtti) ibidda (jahannam) isa seensifna. Kun Rabbirratti salphaadha.
٣١ إِنْ تَجْتَنِبُوا كَبَائِرَ مَا تُنْهَوْنَ عَنْهُ نُكَفِّرْ عَنْكُمْ سَيِّئَاتِكُمْ وَنُدْخِلْكُمْ مُدْخَلًا كَرِيمًا
31 Yoo badii gugurdoo irraa dhoowwamtanirraa fagaattan, badiilee (xixiqqaa) teessan isin irraa haqna, seensa kabajaa (jannata) isin seensifna.
٣٢ وَلَا تَتَمَنَّوْا مَا فَضَّلَ اللَّهُ بِهِ بَعْضَكُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ ۚ لِلرِّجَالِ نَصِيبٌ مِمَّا اكْتَسَبُوا ۖ وَلِلنِّسَاءِ نَصِيبٌ مِمَّا اكْتَسَبْنَ ۚ وَاسْأَلُوا اللَّهَ مِنْ فَضْلِهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمًا
32 Wantoota Rabbiin garii keessan garii irra ittiin caalchise hin hawwinaa. Dhiirotaaf qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jira. Dubartootaafis qooda waan isaan hojjatan irraa ta’etu jira. Rabbiin tola Isaa irraa kadhaa. Rabbiin waan hunda beekaa yahee jira.18
٣٣ وَلِكُلٍّ جَعَلْنَا مَوَالِيَ مِمَّا تَرَكَ الْوَالِدَانِ وَالْأَقْرَبُونَ ۚ وَالَّذِينَ عَقَدَتْ أَيْمَانُكُمْ فَآتُوهُمْ نَصِيبَهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدًا
33 Hunda isaaniitiif (dhiiraafi dubartiif) waan abbaa haatiniifi firoonni dhiisan irraa dhaalaa taasifnee jirra. Isaan kakuun keessan (firummaan) hiites qooda isaanii isaaniif kennaa. Rabbiin waan hunda irratti ragaa taheera.19
٣٤ الرِّجَالُ قَوَّامُونَ عَلَى النِّسَاءِ بِمَا فَضَّلَ اللَّهُ بَعْضَهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ وَبِمَا أَنْفَقُوا مِنْ أَمْوَالِهِمْ ۚ فَالصَّالِحَاتُ قَانِتَاتٌ حَافِظَاتٌ لِلْغَيْبِ بِمَا حَفِظَ اللَّهُ ۚ وَاللَّاتِي تَخَافُونَ نُشُوزَهُنَّ فَعِظُوهُنَّ وَاهْجُرُوهُنَّ فِي الْمَضَاجِعِ وَاضْرِبُوهُنَّ ۖ فَإِنْ أَطَعْنَكُمْ فَلَا تَبْغُوا عَلَيْهِنَّ سَبِيلًا ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيًّا كَبِيرًا
34 Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseefi, qabeenyaalee isaanii irraas waan kennaniifi. Dubartoonni gaggaariin (Rabbiifi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitoota. Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan tumaa. Yoo isaan isiniin ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Rabbiin ol ta’aa, guddaa taheera.20
٣٥ وَإِنْ خِفْتُمْ شِقَاقَ بَيْنِهِمَا فَابْعَثُوا حَكَمًا مِنْ أَهْلِهِ وَحَكَمًا مِنْ أَهْلِهَا إِنْ يُرِيدَا إِصْلَاحًا يُوَفِّقِ اللَّهُ بَيْنَهُمَا ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا خَبِيرًا
35 Yoo gidduu isaan lamaaniitti (jaarsaaf jaartiitti) waldhabbii sodaattan. araarsaa (manguddoo) tokko warra isaa irraa, araarsaa (manguddoo) tokko immoo warra ishee irraa ergaa. Yoo isaan lamaan araara fedhan, Rabbiin gidduu isaani waliigalcha. Rabbiin beekaa, hubataa tahee jira.21
٣٦ وَاعْبُدُوا اللَّهَ وَلَا تُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا ۖ وَبِالْوَالِدَيْنِ إِحْسَانًا وَبِذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَالْجَارِ ذِي الْقُرْبَىٰ وَالْجَارِ الْجُنُبِ وَالصَّاحِبِ بِالْجَنْبِ وَابْنِ السَّبِيلِ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ مَنْ كَانَ مُخْتَالًا فَخُورًا
36 Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaas. Abbaa haadhatti tola oolaa, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis, ollaa firooma qabuufis, ollaa firooma hin qabneefis, hiriyaa maddii keessan jiruufis, kara deemaafis, waan (gabroota) mirgi keessan dhuunfateefis (tola oolaa). Rabbiin nama boonaa dhaaddataa ta’e hin jaalatu.22
٣٧ الَّذِينَ يَبْخَلُونَ وَيَأْمُرُونَ النَّاسَ بِالْبُخْلِ وَيَكْتُمُونَ مَا آتَاهُمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ ۗ وَأَعْتَدْنَا لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا مُهِينًا
37 Isaannan dony'oomanii, namootas dony'ummatti ajajaniifii waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenne dhoksan (Rabbiin hin jaalatu). Kaafirootaaf adabbii salphisaa qopheessinee jirra.
٣٨ وَالَّذِينَ يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ رِئَاءَ النَّاسِ وَلَا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَلَا بِالْيَوْمِ الْآخِرِ ۗ وَمَنْ يَكُنِ الشَّيْطَانُ لَهُ قَرِينًا فَسَاءَ قَرِينًا
38 Isaannan qabeenya isaanii agarsiifannaa namaatiif arjooman, kan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis hin amanne, (isaan hiriyoota sheyxaanati). Namni sheyxaanni hiriyaa isaaf ta’e, hiriyummaan isaa waa fokkate!23
٣٩ وَمَاذَا عَلَيْهِمْ لَوْ آمَنُوا بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَأَنْفَقُوا مِمَّا رَزَقَهُمُ اللَّهُ ۚ وَكَانَ اللَّهُ بِهِمْ عَلِيمًا
39 Sila odoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananiifi waan Rabbiin isaaniif kenne irraa kennatanii maaltu isaan irra jira? Rabbiin isaan beekaadha.
٤٠ إِنَّ اللَّهَ لَا يَظْلِمُ مِثْقَالَ ذَرَّةٍ ۖ وَإِنْ تَكُ حَسَنَةً يُضَاعِفْهَا وَيُؤْتِ مِنْ لَدُنْهُ أَجْرًا عَظِيمًا
40 Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo (hanga ulfinna mixii xiqqoo) nama hin miidhu, Yoo isheen dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es (dabalaan) ni kenna.24
٤١ فَكَيْفَ إِذَا جِئْنَا مِنْ كُلِّ أُمَّةٍ بِشَهِيدٍ وَجِئْنَا بِكَ عَلَىٰ هَٰؤُلَاءِ شَهِيدًا
41 Sila yeroo Nuti ummata hunda irraa ragaa fidneefi sillee warra kana irratti ragaa goonee si fidne (haalli isaanii) akkam ta’a?
٤٢ يَوْمَئِذٍ يَوَدُّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَعَصَوُا الرَّسُولَ لَوْ تُسَوَّىٰ بِهِمُ الْأَرْضُ وَلَا يَكْتُمُونَ اللَّهَ حَدِيثًا
42 Guyyaa san warri kafaraniifi ergamicha faallessan odoo (biyyee tahanii) dachiin isaan irratti wal qixxaattee jaalatu. Isaan haasawa Rabbiin hindhoksan.
٤٣ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَقْرَبُوا الصَّلَاةَ وَأَنْتُمْ سُكَارَىٰ حَتَّىٰ تَعْلَمُوا مَا تَقُولُونَ وَلَا جُنُبًا إِلَّا عَابِرِي سَبِيلٍ حَتَّىٰ تَغْتَسِلُوا ۚ وَإِنْ كُنْتُمْ مَرْضَىٰ أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوْ جَاءَ أَحَدٌ مِنْكُمْ مِنَ الْغَائِطِ أَوْ لَامَسْتُمُ النِّسَاءَ فَلَمْ تَجِدُوا مَاءً فَتَيَمَّمُوا صَعِيدًا طَيِّبًا فَامْسَحُوا بِوُجُوهِكُمْ وَأَيْدِيكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَفُوًّا غَفُورًا
43 Yaa warra amantan! salaatatti hin dhihaatinaa Haala isin machaahoo taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, yoo janaabawoo taatanis hanga dhiqattanutti karaa dabraaf malee. -yoo dhukkubsattootaa taatan, yookaa imala irra jiraattan, yookiin tokkoon keessan mana fincaaniitii (iddoo itti udaanuu) dhufe. yookiin dubartootaan wal tuqxanii- bishaan hin argatin biyyee qulqulluun tayammumadhaa; fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa’aa. Rabbiin irra dabraa araaramaa tahee jira.25
٤٤ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ أُوتُوا نَصِيبًا مِنَ الْكِتَابِ يَشْتَرُونَ الضَّلَالَةَ وَيُرِيدُونَ أَنْ تَضِلُّوا السَّبِيلَ
44 Sila gara warra kitaaba irraa qoodni isaaniif kennamee hin ilaallee? (Isaan) jallina bitu; isin karaa jallachuus ni barbaadu.
٤٥ وَاللَّهُ أَعْلَمُ بِأَعْدَائِكُمْ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَلِيًّا وَكَفَىٰ بِاللَّهِ نَصِيرًا
45 Rabbiin diinota keessan beekaadha. Eegumsaaf Rabbiin qofti ga’aa dha! Tumsaafis Rabbiin qofti ga’aadha.
٤٦ مِنَ الَّذِينَ هَادُوا يُحَرِّفُونَ الْكَلِمَ عَنْ مَوَاضِعِهِ وَيَقُولُونَ سَمِعْنَا وَعَصَيْنَا وَاسْمَعْ غَيْرَ مُسْمَعٍ وَرَاعِنَا لَيًّا بِأَلْسِنَتِهِمْ وَطَعْنًا فِي الدِّينِ ۚ وَلَوْ أَنَّهُمْ قَالُوا سَمِعْنَا وَأَطَعْنَا وَاسْمَعْ وَانْظُرْنَا لَكَانَ خَيْرًا لَهُمْ وَأَقْوَمَ وَلَٰكِنْ لَعَنَهُمُ اللَّهُ بِكُفْرِهِمْ فَلَا يُؤْمِنُونَ إِلَّا قَلِيلًا
46 Isaan yahuudoman irraa (warra) jechoota iddoo isaanii (kan sirrii) irraa jijjiirantu jira. Ni jedhus: “dhageenye; dinne. Dhagayamuun maletti dhaga'i." Arraboowwan isaanii micciiruufi amantii arrabsuuf jecha 'raa’inaa' jedhu. Odoo isaan “nuti dhageenye; toles jenne; atis dhagayi; nu mil’adhus (unzurnaa)” jedhanii, silaa santu isaaniif caalaafi sirrii ture. Garuu Rabbiin sababaa kufrii isaanitiin isaan abaare. Kanaaf isaan xiqqoo malee hin amananu.26
٤٧ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ آمِنُوا بِمَا نَزَّلْنَا مُصَدِّقًا لِمَا مَعَكُمْ مِنْ قَبْلِ أَنْ نَطْمِسَ وُجُوهًا فَنَرُدَّهَا عَلَىٰ أَدْبَارِهَا أَوْ نَلْعَنَهُمْ كَمَا لَعَنَّا أَصْحَابَ السَّبْتِ ۚ وَكَانَ أَمْرُ اللَّهِ مَفْعُولًا
47 isin Yaa warra kitaaba kennamtan! waan nuti buufne (qur'aana nabi muhammad irratti buufame) kan isa isin biraa dhugoomsutti amanaa, odoo nuti fuulleen haqnee duuba isheerratti hin deebisin yookiin akka warra sanbataa abaarretti hin abaarin dura (amanaa). Ajajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.
٤٨ إِنَّ اللَّهَ لَا يَغْفِرُ أَنْ يُشْرَكَ بِهِ وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَنْ يَشَاءُ ۚ وَمَنْ يُشْرِكْ بِاللَّهِ فَقَدِ افْتَرَىٰ إِثْمًا عَظِيمًا
48 Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu gonkumaa hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa kijibaan uumeera.27
٤٩ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ يُزَكُّونَ أَنْفُسَهُمْ ۚ بَلِ اللَّهُ يُزَكِّي مَنْ يَشَاءُ وَلَا يُظْلَمُونَ فَتِيلًا
49 Sila gara isaan lubbuulee isaanii qulqulleessanii hin ilaallee? Lakki; Rabbiin nama fedhe (qofa) qulqulleessa. Hanga kirrii qola Timiraa hin miidhamanu.
٥٠ انْظُرْ كَيْفَ يَفْتَرُونَ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ ۖ وَكَفَىٰ بِهِ إِثْمًا مُبِينًا
50 Akkamitti akka isaan Rabbirratti kijiba odeessan ilaali. Cubbuu ifa bahaa ta’uuf inninuu ga’aadha.
٥١ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ أُوتُوا نَصِيبًا مِنَ الْكِتَابِ يُؤْمِنُونَ بِالْجِبْتِ وَالطَّاغُوتِ وَيَقُولُونَ لِلَّذِينَ كَفَرُوا هَٰؤُلَاءِ أَهْدَىٰ مِنَ الَّذِينَ آمَنُوا سَبِيلًا
51 Sila gara warra kitaaba irraa qooda kennamanii hin ilaallee? Isaan sihriifi xaaghuutatti amanu. Isaan kafaraniin ni jedhu: “Warra kanatu isaan amanan (Muslimoota) caalaa karaatti qajeeloodha."
٥٢ أُولَٰئِكَ الَّذِينَ لَعَنَهُمُ اللَّهُ ۖ وَمَنْ يَلْعَنِ اللَّهُ فَلَنْ تَجِدَ لَهُ نَصِيرًا
52 Isaan Warra Rabbiin isaan abaare. Nama Rabbiin abaare gargaaraa isaaf hin argitu.
٥٣ أَمْ لَهُمْ نَصِيبٌ مِنَ الْمُلْكِ فَإِذًا لَا يُؤْتُونَ النَّاسَ نَقِيرًا
53 Sila mootummaa irraa qoodni wahii isaaniif jiraa? Yoggus hanga tuqaa (ija killee timiraa irra jiru) namaaf hin kennanu ture.
٥٤ أَمْ يَحْسُدُونَ النَّاسَ عَلَىٰ مَا آتَاهُمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ ۖ فَقَدْ آتَيْنَا آلَ إِبْرَاهِيمَ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَآتَيْنَاهُمْ مُلْكًا عَظِيمًا
54 Moo sila waan Rabbiin tola Isaa irraa namootaaf kenne irratti isaan waanyani? Dhugumatti Nuti maatii Ibraahiimiif kitaabaafi ogummaa kenninee jirra. Mootummaa guddaas isaaniif kenninee jirra.
٥٥ فَمِنْهُمْ مَنْ آمَنَ بِهِ وَمِنْهُمْ مَنْ صَدَّ عَنْهُ ۚ وَكَفَىٰ بِجَهَنَّمَ سَعِيرًا
55 Isaan irraa nama isatti amanetu jira. Isaan irraas nama isa irraa garagalee (namas irraa dhoowweetu) jira. Gubaatii (isaaniitiif) jahannam ga’aadha.
٥٦ إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا بِآيَاتِنَا سَوْفَ نُصْلِيهِمْ نَارًا كُلَّمَا نَضِجَتْ جُلُودُهُمْ بَدَّلْنَاهُمْ جُلُودًا غَيْرَهَا لِيَذُوقُوا الْعَذَابَ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَزِيزًا حَكِيمًا
56 Warra keeyyattoota keenyatti kafaran, Nuti (guyyaa qiyaamaa) ibidda isaan seensifna. Dhawaata gogaaleen isaanii gubatuun, gogaalee biraa isaaniif jijjiirra, akka isaan azaaba dhandhamaniif jecha. Rabbiin injifataa' ogeessa ta'e.
٥٧ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ سَنُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۖ لَهُمْ فِيهَا أَزْوَاجٌ مُطَهَّرَةٌ ۖ وَنُدْخِلُهُمْ ظِلًّا ظَلِيلًا
57 Isaannan amananii gaggaarii hojjatan, Nuti jannata laggeen ishee jala yaatu isaan seensifna. Ishee keessatti yeroo hunda hafoodha (zalaalam jiraatan). Achi keessa isaaniif niitiiwwan qulqulleeffamtuutu (huural ayni) jiru. Gaaddisa gaaddiddeessaa isaan seensifna.
٥٨ إِنَّ اللَّهَ يَأْمُرُكُمْ أَنْ تُؤَدُّوا الْأَمَانَاتِ إِلَىٰ أَهْلِهَا وَإِذَا حَكَمْتُمْ بَيْنَ النَّاسِ أَنْ تَحْكُمُوا بِالْعَدْلِ ۚ إِنَّ اللَّهَ نِعِمَّا يَعِظُكُمْ بِهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ سَمِيعًا بَصِيرًا
58 Rabbiin amaanawwan gara abbootii isiitti geessuufi yeroo nama gidduutti murteessitanis haqaan murteessuu isin ajaja. Wanti Rabbiin ittiin isin gorsu (barsiisu) waa tolee. Rabbiin dhagayaa, argaa ta'eera.28
٥٩ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَطِيعُوا اللَّهَ وَأَطِيعُوا الرَّسُولَ وَأُولِي الْأَمْرِ مِنْكُمْ ۖ فَإِنْ تَنَازَعْتُمْ فِي شَيْءٍ فَرُدُّوهُ إِلَى اللَّهِ وَالرَّسُولِ إِنْ كُنْتُمْ تُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ ۚ ذَٰلِكَ خَيْرٌ وَأَحْسَنُ تَأْوِيلًا
59 Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamtichaafis ajajmaa, warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis. Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa (Isaa) deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa). Kun caalaafi hiikaafis bareedaadha.29
٦٠ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ يَزْعُمُونَ أَنَّهُمْ آمَنُوا بِمَا أُنْزِلَ إِلَيْكَ وَمَا أُنْزِلَ مِنْ قَبْلِكَ يُرِيدُونَ أَنْ يَتَحَاكَمُوا إِلَى الطَّاغُوتِ وَقَدْ أُمِرُوا أَنْ يَكْفُرُوا بِهِ وَيُرِيدُ الشَّيْطَانُ أَنْ يُضِلَّهُمْ ضَلَالًا بَعِيدًا
60 Sila gara warra waan gara keetti buufamee (qur'aanaa)fi waan si dura buufame (kitaaba nabiyyootaa)tti amanne jedhanii hin ilaallee? Odoo isatti kafaruu ajajamanii jiranuu gara xaaghuutaatti murteeffachuu barbaadu. Sheyxaanni jallina fagoo ta’e isaan jallisuu fedha.
٦١ وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا إِلَىٰ مَا أَنْزَلَ اللَّهُ وَإِلَى الرَّسُولِ رَأَيْتَ الْمُنَافِقِينَ يَصُدُّونَ عَنْكَ صُدُودًا
61 Yeroo “gara waan Rabbiin buuseefi gara Ergamaa kottaa” (haa isin jiddutti murteessuu) isaaniin jedhame, kan munaafiqoonni gara galiinsa sirraa gara galan argita.
٦٢ فَكَيْفَ إِذَا أَصَابَتْهُمْ مُصِيبَةٌ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيهِمْ ثُمَّ جَاءُوكَ يَحْلِفُونَ بِاللَّهِ إِنْ أَرَدْنَا إِلَّا إِحْسَانًا وَتَوْفِيقًا
62 akkam ta’u laata? yeroo balaan sababaa waan harkoowan isaanii durfatteen isaan tuqee, ergasii Rabbitti kakataa “nuti toltuufi wal ta’iinsa malee waan biraa hin feene” (jedhaa) sitti dhufan.30
٦٣ أُولَٰئِكَ الَّذِينَ يَعْلَمُ اللَّهُ مَا فِي قُلُوبِهِمْ فَأَعْرِضْ عَنْهُمْ وَعِظْهُمْ وَقُلْ لَهُمْ فِي أَنْفُسِهِمْ قَوْلًا بَلِيغًا
63 Isaan warra waan onneewwan isaanii keessa jiru Rabbiin beekuudha. Isaan irraa gara gali. Isaan gorsi. Jecha hoonga gahaa lubbuu isaanii keessatti isaaniin jedhi.
٦٤ وَمَا أَرْسَلْنَا مِنْ رَسُولٍ إِلَّا لِيُطَاعَ بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ وَلَوْ أَنَّهُمْ إِذْ ظَلَمُوا أَنْفُسَهُمْ جَاءُوكَ فَاسْتَغْفَرُوا اللَّهَ وَاسْتَغْفَرَ لَهُمُ الرَّسُولُ لَوَجَدُوا اللَّهَ تَوَّابًا رَحِيمًا
64 Nuti ergamaa irraa akka eeyyama Rabbiitiin ajajni isaa fudhatamuuf malee hin ergine. Odoo isaan yeroo lubbuulee isaanii miidhan, sitti dhufanii Rabbiin araara kadhatanii Ergamaanis araara isaaniif kadhatee, silaa Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eeti argatu turan.31
٦٥ فَلَا وَرَبِّكَ لَا يُؤْمِنُونَ حَتَّىٰ يُحَكِّمُوكَ فِيمَا شَجَرَ بَيْنَهُمْ ثُمَّ لَا يَجِدُوا فِي أَنْفُسِهِمْ حَرَجًا مِمَّا قَضَيْتَ وَيُسَلِّمُوا تَسْلِيمًا
65 Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti.32
٦٦ وَلَوْ أَنَّا كَتَبْنَا عَلَيْهِمْ أَنِ اقْتُلُوا أَنْفُسَكُمْ أَوِ اخْرُجُوا مِنْ دِيَارِكُمْ مَا فَعَلُوهُ إِلَّا قَلِيلٌ مِنْهُمْ ۖ وَلَوْ أَنَّهُمْ فَعَلُوا مَا يُوعَظُونَ بِهِ لَكَانَ خَيْرًا لَهُمْ وَأَشَدَّ تَثْبِيتًا
66 Odoo Nuti isaan irratti “Lubbuulee keessan wal ajjeesaa yookiin manneen keessan irraa ba’aa” (jennee) katabnee silaa hanga xiqqaa isaan irraa ta’an malee (baay’een isaanii) isa hin dalaganu. Odoo isaan waan itti gorfaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaa, Akkaan (amantii irratti isaan) raggaasisaa taha ture.
٦٧ وَإِذًا لَآتَيْنَاهُمْ مِنْ لَدُنَّا أَجْرًا عَظِيمًا
67 Silaa yeroo san dhugumatti nu biraa mindaa guddaa isaaniif kennina turre.
٦٨ وَلَهَدَيْنَاهُمْ صِرَاطًا مُسْتَقِيمًا
68 Silaa dhugumatti karaa qajeelaa isaan qajeelchina turre.
٦٩ وَمَنْ يُطِعِ اللَّهَ وَالرَّسُولَ فَأُولَٰئِكَ مَعَ الَّذِينَ أَنْعَمَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ مِنَ النَّبِيِّينَ وَالصِّدِّيقِينَ وَالشُّهَدَاءِ وَالصَّالِحِينَ ۚ وَحَسُنَ أُولَٰئِكَ رَفِيقًا
69 Namni Rabbiifi Ergamaadhaaf ajajame isaan sun warra Rabbiin qanansiise waliin ta’u, nabiyyoota, dhugoomsitoota, shahiidotaafi warren gaggaarii (wajji tahu). Warra kanaan hiriyoomuun waa tole!
٧٠ ذَٰلِكَ الْفَضْلُ مِنَ اللَّهِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ عَلِيمًا
70 Tolli kun Rabbi irraayyi, Rabbiin gayaadha beekaa tahutti.
٧١ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا خُذُوا حِذْرَكُمْ فَانْفِرُوا ثُبَاتٍ أَوِ انْفِرُوا جَمِيعًا
71 Yaa warra amantan! uf eeggannoo keessan qabadhaa. Gareen duulaa yookiin dimshaashan duulaa.
٧٢ وَإِنَّ مِنْكُمْ لَمَنْ لَيُبَطِّئَنَّ فَإِنْ أَصَابَتْكُمْ مُصِيبَةٌ قَالَ قَدْ أَنْعَمَ اللَّهُ عَلَيَّ إِذْ لَمْ أَكُنْ مَعَهُمْ شَهِيدًا
72 Dhugumatti, isin irraa nama (duula irraa) rincicuutu jira. yoo balaan wahii isin tuqxe “Dhugumatti, Rabbiin na qananiisee jira yeroo ani isaan waliin (duula irratti) hinargamin " jedha.
٧٣ وَلَئِنْ أَصَابَكُمْ فَضْلٌ مِنَ اللَّهِ لَيَقُولَنَّ كَأَنْ لَمْ تَكُنْ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُ مَوَدَّةٌ يَا لَيْتَنِي كُنْتُ مَعَهُمْ فَأَفُوزَ فَوْزًا عَظِيمًا
73 Yoo tolli Rabbirraa ta'e wahii isin tuqe immoo nijedha: akka waan gidduu keessaniifi gidduu isaa jaalalli wahii hin turinii- “yaa hawwii kiyya! Odoo isaan waliin ta’ee, silaa milkii guddaa milkaaya ture” (jedha).
٧٤ فَلْيُقَاتِلْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ الَّذِينَ يَشْرُونَ الْحَيَاةَ الدُّنْيَا بِالْآخِرَةِ ۚ وَمَنْ يُقَاتِلْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَيُقْتَلْ أَوْ يَغْلِبْ فَسَوْفَ نُؤْتِيهِ أَجْرًا عَظِيمًا
74 (Mu’uminoonni) isaan jireenya addunyaa isa Aakhiraatti gurguratan karaa Rabbii keessatti haa lolani. Namni karaa Rabbii keessatti lolee ergasii ajjeefame yookiin injifate, Nuti ganaa mindaa guddaa isaaf kennina.33
٧٥ وَمَا لَكُمْ لَا تُقَاتِلُونَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالْمُسْتَضْعَفِينَ مِنَ الرِّجَالِ وَالنِّسَاءِ وَالْوِلْدَانِ الَّذِينَ يَقُولُونَ رَبَّنَا أَخْرِجْنَا مِنْ هَٰذِهِ الْقَرْيَةِ الظَّالِمِ أَهْلُهَا وَاجْعَلْ لَنَا مِنْ لَدُنْكَ وَلِيًّا وَاجْعَلْ لَنَا مِنْ لَدُنْكَ نَصِيرًا
75 Sila maaltu isiniif jiraatee karaa Rabbii keessatti, kan hinlolle? kan warri dadhaboo dhiirota, dubartoota, ijoollee irraa ta’an, jedhan “Gooftaa keenya! Magaalattii jiraattonni ishee miidhaa raawwattoota ta'an kana irraa nu baasi; gargaaraa Si biraa ta’es nuuf taasisi; tumsaa Si biraa ta’es nuuf taasisi” (jedhaniif jettanii hin lolle?)
٧٦ الَّذِينَ آمَنُوا يُقَاتِلُونَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا يُقَاتِلُونَ فِي سَبِيلِ الطَّاغُوتِ فَقَاتِلُوا أَوْلِيَاءَ الشَّيْطَانِ ۖ إِنَّ كَيْدَ الشَّيْطَانِ كَانَ ضَعِيفًا
76 Warri amanan karaa Rabbii keessatti lolu. Isaan kafaran immoo karaa xaaghuutaa (sheyxaanaa) keessatti lolu. jaalalleewwan sheyxaanatiin lolaa. shirri sheyxaanaa dadhabaa ta'e.
٧٧ أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ قِيلَ لَهُمْ كُفُّوا أَيْدِيَكُمْ وَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ فَلَمَّا كُتِبَ عَلَيْهِمُ الْقِتَالُ إِذَا فَرِيقٌ مِنْهُمْ يَخْشَوْنَ النَّاسَ كَخَشْيَةِ اللَّهِ أَوْ أَشَدَّ خَشْيَةً ۚ وَقَالُوا رَبَّنَا لِمَ كَتَبْتَ عَلَيْنَا الْقِتَالَ لَوْلَا أَخَّرْتَنَا إِلَىٰ أَجَلٍ قَرِيبٍ ۗ قُلْ مَتَاعُ الدُّنْيَا قَلِيلٌ وَالْآخِرَةُ خَيْرٌ لِمَنِ اتَّقَىٰ وَلَا تُظْلَمُونَ فَتِيلًا
77 Gara isaan harka keessan (lola irraa) qabadhaa; salaata gadi dhaabaa; zakaa kennaa jedhamanii hin ilaallee? Yeroma lolli dirqama isaan irratti taasifamu yoma san gareen isaan irraa ta’e sodaa akka Rabbiin sodaatanii yookiin sodaa san caalu nama sodaatan. “Yaa Gooftaa keenya! Maaliif lola dirqama nurratti taasifte? Odoo yeroo gabaabaa nu tursiiftee (maal qaba)?” jedhan. Jedi “Qananiin addunyaa xiqqaadha; Aakhiraan nama (Rabbiin) sodaatuuf caalaadha. Hanga qajjiisaa (qola killee Timiraa) hin miidhamtan" .
٧٨ أَيْنَمَا تَكُونُوا يُدْرِكْكُمُ الْمَوْتُ وَلَوْ كُنْتُمْ فِي بُرُوجٍ مُشَيَّدَةٍ ۗ وَإِنْ تُصِبْهُمْ حَسَنَةٌ يَقُولُوا هَٰذِهِ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۖ وَإِنْ تُصِبْهُمْ سَيِّئَةٌ يَقُولُوا هَٰذِهِ مِنْ عِنْدِكَ ۚ قُلْ كُلٌّ مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۖ فَمَالِ هَٰؤُلَاءِ الْقَوْمِ لَا يَكَادُونَ يَفْقَهُونَ حَدِيثًا
78 “Eessallee yoo taatan duuti isin dhaqqaba. Odoo gamoowwan ciccimoo keessa taatanillee (isin irraa hin hafu). Yoo toltuun isaan tuqxe immoo “tun Rabbiin biraayi” jedhu. Yoo hamtuun wahii isaan tuqxe immoo “(yaa Muhammad!) kun si biraayi" jedhu. “Hunduu Rabbiin biraayyi" jedhi. Ummanni kun maaltu isaaniif jiraayyi dubbii hubachuutti hin dhihaanne?34
٧٩ مَا أَصَابَكَ مِنْ حَسَنَةٍ فَمِنَ اللَّهِ ۖ وَمَا أَصَابَكَ مِنْ سَيِّئَةٍ فَمِنْ نَفْسِكَ ۚ وَأَرْسَلْنَاكَ لِلنَّاسِ رَسُولًا ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ شَهِيدًا
79 Toltuu irraa wanti si tuqe kamillee Rabbirraayyi. Hamtuu irraa wanti si tuqe kamillee lubbuu tee irraayi. ilma namaatiif ergamaa taasifneetiin si ergine. Ragummaaf Rabbiin qofti ga’adha.
٨٠ مَنْ يُطِعِ الرَّسُولَ فَقَدْ أَطَاعَ اللَّهَ ۖ وَمَنْ تَوَلَّىٰ فَمَا أَرْسَلْنَاكَ عَلَيْهِمْ حَفِيظًا
80 Namni ergamaa (muhammad) tole jedhe dhugaatti Rabbiin tole jedhe. Nama gara gale immoo (singaddisiisin) isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine.
٨١ وَيَقُولُونَ طَاعَةٌ فَإِذَا بَرَزُوا مِنْ عِنْدِكَ بَيَّتَ طَائِفَةٌ مِنْهُمْ غَيْرَ الَّذِي تَقُولُ ۖ وَاللَّهُ يَكْتُبُ مَا يُبَيِّتُونَ ۖ فَأَعْرِضْ عَنْهُمْ وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا
81 (Yaanni keenya siif) ajajamuudha” jedhu. Yeroo si biraa bahan, gareen isaan irraa taate faallaa waan dura jettee bulfatan (garaa keessatti qabatan). Rabbiin waan isaan bulfatan ni barreessa. Isaan irraa gara gali; Rabbi irratti irkadhu. Irkoo ta’uu irratti Rabbiin ga’aadha.35
٨٢ أَفَلَا يَتَدَبَّرُونَ الْقُرْآنَ ۚ وَلَوْ كَانَ مِنْ عِنْدِ غَيْرِ اللَّهِ لَوَجَدُوا فِيهِ اخْتِلَافًا كَثِيرًا
82 Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanii? Odoo Rabbi malee kan biroo biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.36
٨٣ وَإِذَا جَاءَهُمْ أَمْرٌ مِنَ الْأَمْنِ أَوِ الْخَوْفِ أَذَاعُوا بِهِ ۖ وَلَوْ رَدُّوهُ إِلَى الرَّسُولِ وَإِلَىٰ أُولِي الْأَمْرِ مِنْهُمْ لَعَلِمَهُ الَّذِينَ يَسْتَنْبِطُونَهُ مِنْهُمْ ۗ وَلَوْلَا فَضْلُ اللَّهِ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَتُهُ لَاتَّبَعْتُمُ الشَّيْطَانَ إِلَّا قَلِيلًا
83 Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi (oduun) wahii isaaniitti dhufe, (namoota keessatti) isa facaasu. Odoo gara Ergamaatiifi gara hooggantoota isaan irraa ta’anii isa deebisanii silaa isaan irraa warri isa qoratan (xiinxalan) isa beeku turan. Odoo arjoomni Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin hanga xiqqaa malee sheyxaana hordoftu turtan.37
٨٤ فَقَاتِلْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ لَا تُكَلَّفُ إِلَّا نَفْسَكَ ۚ وَحَرِّضِ الْمُؤْمِنِينَ ۖ عَسَى اللَّهُ أَنْ يَكُفَّ بَأْسَ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ وَاللَّهُ أَشَدُّ بَأْسًا وَأَشَدُّ تَنْكِيلًا
84 Karaa Rabbii keessatti loli; lubbuu tee malee hin dirqisiifamtu. Mu’umintootas kakaasi. Rabbiin hamtuu warra kafaranii (sirraa) qabuun ni kajeelama. Gama lolaatiin Rabbitu irra cimaadha; jiilchaanis irra cimaadha.
٨٥ مَنْ يَشْفَعْ شَفَاعَةً حَسَنَةً يَكُنْ لَهُ نَصِيبٌ مِنْهَا ۖ وَمَنْ يَشْفَعْ شَفَاعَةً سَيِّئَةً يَكُنْ لَهُ كِفْلٌ مِنْهَا ۗ وَكَانَ اللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ مُقِيتًا
85 Namni manguddummaa gaarii namaaf dhaabbate, ishee irraa qoodni (mindaan) isaaf ta’a. Namni manguddummaa hamtuu dhaabbate, ishee irraa qoodni (hamaan) isaaf ta’a. Rabbiin waan hunda irratti toohataa taheera.
٨٦ وَإِذَا حُيِّيتُمْ بِتَحِيَّةٍ فَحَيُّوا بِأَحْسَنَ مِنْهَا أَوْ رُدُّوهَا ۗ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ حَسِيبًا
86 Yeroo kabajaa wahiitiin kabajamtan,(salaamataan isiniin jedhame) ishee irra gaariidhaan kabajaa; yookiin isima deebisaa. Rabbiin waan hunda irratti qorataadha38
٨٧ اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۚ لَيَجْمَعَنَّكُمْ إِلَىٰ يَوْمِ الْقِيَامَةِ لَا رَيْبَ فِيهِ ۗ وَمَنْ أَصْدَقُ مِنَ اللَّهِ حَدِيثًا
87 Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba; isa keessa mamiin hin jiru. Eenyutu Rabbiin caalaa haasa’a dhugaa dubbata?
٨٨ فَمَا لَكُمْ فِي الْمُنَافِقِينَ فِئَتَيْنِ وَاللَّهُ أَرْكَسَهُمْ بِمَا كَسَبُوا ۚ أَتُرِيدُونَ أَنْ تَهْدُوا مَنْ أَضَلَّ اللَّهُ ۖ وَمَنْ يُضْلِلِ اللَّهُ فَلَنْ تَجِدَ لَهُ سَبِيلًا
88 Sila maaltu isiniif jiraannaan dhimma munaafiqootaa keessatti garee lamatti qoodamtan?odoo Rabbiin sababaa waan isaan hojjataniitiin duuba isaan deebisee jiruu, Sila isin nama Rabbiin jallise qajeelchuu barbaaddanii? nama Rabbiin jallise karaa (ittiin qajeelu) isaaf hin argitu.
٨٩ وَدُّوا لَوْ تَكْفُرُونَ كَمَا كَفَرُوا فَتَكُونُونَ سَوَاءً ۖ فَلَا تَتَّخِذُوا مِنْهُمْ أَوْلِيَاءَ حَتَّىٰ يُهَاجِرُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۚ فَإِنْ تَوَلَّوْا فَخُذُوهُمْ وَاقْتُلُوهُمْ حَيْثُ وَجَدْتُمُوهُمْ ۖ وَلَا تَتَّخِذُوا مِنْهُمْ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا
89 Odoo isin akkuma isaan kafaran kafartanii isaan waliin wal qixa taatanii jaalatu. Hanga karaa Rabbii keessatti godaananitti isaan irraa jaalallee hin qabatinaa. Yoo isaan gara galan, isaan qabaa (booji'aa), isaan ajjeesaa bakka isaan argitanitti. Isaan irraas jaalalleefi gargaaraa hin godhatinaa.39
٩٠ إِلَّا الَّذِينَ يَصِلُونَ إِلَىٰ قَوْمٍ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُمْ مِيثَاقٌ أَوْ جَاءُوكُمْ حَصِرَتْ صُدُورُهُمْ أَنْ يُقَاتِلُوكُمْ أَوْ يُقَاتِلُوا قَوْمَهُمْ ۚ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ لَسَلَّطَهُمْ عَلَيْكُمْ فَلَقَاتَلُوكُمْ ۚ فَإِنِ اعْتَزَلُوكُمْ فَلَمْ يُقَاتِلُوكُمْ وَأَلْقَوْا إِلَيْكُمُ السَّلَمَ فَمَا جَعَلَ اللَّهُ لَكُمْ عَلَيْهِمْ سَبِيلًا
90 Warra hidhata qaban malee orma jidduu keessaniifi gidduu isaaniitti walii galteen (nagaa) jiru wajjin. yookiin kanneen qomni isaanii isiniin loluu irraa dhiphattee, orma isaaniitiinis lolurraa (dhiphattee) isinitti dhufan malee. Rabbiin odoo fedhee isaan isin irratti ol taasisee isiniin lolu turan. Yoo isaan isin irraa fagaatanii isiniin hin loliniifi nagaa isiniif kennan Rabbiin (akka loltan) isaan irratti karaa isiniif hin goone.
٩١ سَتَجِدُونَ آخَرِينَ يُرِيدُونَ أَنْ يَأْمَنُوكُمْ وَيَأْمَنُوا قَوْمَهُمْ كُلَّ مَا رُدُّوا إِلَى الْفِتْنَةِ أُرْكِسُوا فِيهَا ۚ فَإِنْ لَمْ يَعْتَزِلُوكُمْ وَيُلْقُوا إِلَيْكُمُ السَّلَمَ وَيَكُفُّوا أَيْدِيَهُمْ فَخُذُوهُمْ وَاقْتُلُوهُمْ حَيْثُ ثَقِفْتُمُوهُمْ ۚ وَأُولَٰئِكُمْ جَعَلْنَا لَكُمْ عَلَيْهِمْ سُلْطَانًا مُبِينًا
91 Warra biraa kan nagaya isin irraafi nagaya ummata isaanii irraa barbaadan fuuldura ni argitu. Dhawaata gara shirkiitti deebifamaniin ishee keessa cuuphamu. Yoo isaan isin irraa hin fagaatin, nagaa gara keessan hin dhaqqabsiisiniifi harkoowwan isaanii hin qabin, isaan qabaa, isaan ajjeesaa bakka isaan argitanitti. Warra kana, Nuti isaan irratti (lola akka deemsiftan) ragaa ifa ta’e isiniif goonee jirra.
٩٢ وَمَا كَانَ لِمُؤْمِنٍ أَنْ يَقْتُلَ مُؤْمِنًا إِلَّا خَطَأً ۚ وَمَنْ قَتَلَ مُؤْمِنًا خَطَأً فَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مُؤْمِنَةٍ وَدِيَةٌ مُسَلَّمَةٌ إِلَىٰ أَهْلِهِ إِلَّا أَنْ يَصَّدَّقُوا ۚ فَإِنْ كَانَ مِنْ قَوْمٍ عَدُوٍّ لَكُمْ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مُؤْمِنَةٍ ۖ وَإِنْ كَانَ مِنْ قَوْمٍ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُمْ مِيثَاقٌ فَدِيَةٌ مُسَلَّمَةٌ إِلَىٰ أَهْلِهِ وَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مُؤْمِنَةٍ ۖ فَمَنْ لَمْ يَجِدْ فَصِيَامُ شَهْرَيْنِ مُتَتَابِعَيْنِ تَوْبَةً مِنَ اللَّهِ ۗ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا
92 Mu’umina ajjeesuun Mu’uminaaf hin ta'u.Yoo dogoggoraan ta’e malee, Namni mu’umina dogoggoraan ajjeese, gabra mu’uminaa bilisoomsuufi, gumaa gara maatii isaa (nama du’ee) kennamutu (baasuun isarra jira) yoo isaan (maatiin nama ajjeefamee) dhiifama godhaniif malee. Yoo inni (namni ajjeefame) haala mu’umina ta’een ummata diinota keessan irraa ta’ee gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (nama ajjeese)irra jira. Yoo inni ummata (muslima hintahin) kan gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen (nagaa) jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (isarra jira). Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin ji’a lama walitti aantuu soomuutu (irra jira). Tawbaa Rabbi irraa ta'e (haa toobatu). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.40
٩٣ وَمَنْ يَقْتُلْ مُؤْمِنًا مُتَعَمِّدًا فَجَزَاؤُهُ جَهَنَّمُ خَالِدًا فِيهَا وَغَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِ وَلَعَنَهُ وَأَعَدَّ لَهُ عَذَابًا عَظِيمًا
93 Namni odoo beekuu mu’umina ajjeese, galanni isaa jahannami achi keessatti hafa, Rabbiin isa irratti dallanee, isa abaaree jiraa. azaaba guddaa isaaf qopheesse.41
٩٤ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا ضَرَبْتُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَتَبَيَّنُوا وَلَا تَقُولُوا لِمَنْ أَلْقَىٰ إِلَيْكُمُ السَّلَامَ لَسْتَ مُؤْمِنًا تَبْتَغُونَ عَرَضَ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا فَعِنْدَ اللَّهِ مَغَانِمُ كَثِيرَةٌ ۚ كَذَٰلِكَ كُنْتُمْ مِنْ قَبْلُ فَمَنَّ اللَّهُ عَلَيْكُمْ فَتَبَيَّنُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًا
94 Yaa warra amantan! Yeroo karaa Rabbii keessatti (loluuf) deemtan (dubbii) adda baafadhaa. nama salaamtaa isiniin jedheen “ati Mu’uminaa miti" hin jedhinaa, meeshaa addunyaa barbaaduuf, Boojuun baay’een Rabbi bira jirtii, Duraan isinis akkasuma turtanii Rabbiin isin irratti tola oolee. dubbii adda baafadhaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaa ta'eera.
٩٥ لَا يَسْتَوِي الْقَاعِدُونَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ غَيْرُ أُولِي الضَّرَرِ وَالْمُجَاهِدُونَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ ۚ فَضَّلَ اللَّهُ الْمُجَاهِدِينَ بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ عَلَى الْقَاعِدِينَ دَرَجَةً ۚ وَكُلًّا وَعَدَ اللَّهُ الْحُسْنَىٰ ۚ وَفَضَّلَ اللَّهُ الْمُجَاهِدِينَ عَلَى الْقَاعِدِينَ أَجْرًا عَظِيمًا
95 Mu’uminoota irraa warri (jihaada irraa) taa’an, warra miidhama qaban malee, warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniin wal qixa hin ta’anu. Rabbiin warra qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an warra taa’an irra sadarkaa caalchisee jira. Rabbiin hundaafuu jannata waadaa seeneefii jira. Rabbiin warra qabsaa’an warra taa’an irra mindaa guddaan caalchisee jira.
٩٦ دَرَجَاتٍ مِنْهُ وَمَغْفِرَةً وَرَحْمَةً ۚ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا
96 Sadarkaawwan Isa irraa ta’an, araaramaafi rahmataan (isaan caalchise). Raabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
٩٧ إِنَّ الَّذِينَ تَوَفَّاهُمُ الْمَلَائِكَةُ ظَالِمِي أَنْفُسِهِمْ قَالُوا فِيمَ كُنْتُمْ ۖ قَالُوا كُنَّا مُسْتَضْعَفِينَ فِي الْأَرْضِ ۚ قَالُوا أَلَمْ تَكُنْ أَرْضُ اللَّهِ وَاسِعَةً فَتُهَاجِرُوا فِيهَا ۚ فَأُولَٰئِكَ مَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ ۖ وَسَاءَتْ مَصِيرًا
97 Warri haala lubbuu isaanii miidhoo ta'aniin malaykaan isaan ajjeefte, (malaykonni) “maal keessa turtan?” jedhan. “Dachii keessatti hacuucamoo turre” jedhu, “Sila dachiin Rabbii bal’oo hin taanee akka ishee keessa godaantaniif?” jedhan. Jarri sun qubsumni isaanii jahannami, Deebiin waa hammaatte!42
٩٨ إِلَّا الْمُسْتَضْعَفِينَ مِنَ الرِّجَالِ وَالنِّسَاءِ وَالْوِلْدَانِ لَا يَسْتَطِيعُونَ حِيلَةً وَلَا يَهْتَدُونَ سَبِيلًا
98 Isaan dadhaboo malee. dhiiraa, dubartootaafi ijoollee irraa kan ta’an, kan mala baafachuu hin dandeenyeefi karaa hin qajeelle (deemsa hindandeenye) (malee).43
٩٩ فَأُولَٰئِكَ عَسَى اللَّهُ أَنْ يَعْفُوَ عَنْهُمْ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَفُوًّا غَفُورًا
99 Warra kana Rabbiin irra isaaniif dabruun nikajeelama. Rabbiin akkaan irra dabraa, akkaan araaramaa ta'eera.
١٠٠ وَمَنْ يُهَاجِرْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ يَجِدْ فِي الْأَرْضِ مُرَاغَمًا كَثِيرًا وَسَعَةً ۚ وَمَنْ يَخْرُجْ مِنْ بَيْتِهِ مُهَاجِرًا إِلَى اللَّهِ وَرَسُولِهِ ثُمَّ يُدْرِكْهُ الْمَوْتُ فَقَدْ وَقَعَ أَجْرُهُ عَلَى اللَّهِ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا
100 Namni karaa Rabbii keessatti godaane, dachii keessatti iddoo godaansaa hedduufi bal'ina argata. Namni mana isaa irraa gara Rabbiitiifi ergamaa Isaa godaanuuf ba’ee ergasii duuti isa dhaqqabe, dhugumatti mindaan isaa Rabbiratti isaa mirkanaa’e, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.44
١٠١ وَإِذَا ضَرَبْتُمْ فِي الْأَرْضِ فَلَيْسَ عَلَيْكُمْ جُنَاحٌ أَنْ تَقْصُرُوا مِنَ الصَّلَاةِ إِنْ خِفْتُمْ أَنْ يَفْتِنَكُمُ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ إِنَّ الْكَافِرِينَ كَانُوا لَكُمْ عَدُوًّا مُبِينًا
101 Yeroo dachii keessa deemtan, badiin isin irra hin jiru salaata irraa gabaabsuu keessaniin, yoo warri kafaran isin rakkisuu sodaattan, Dhugumatti, kaafiroonni isiniif diinota mul'ataa ta'aniiru.45
١٠٢ وَإِذَا كُنْتَ فِيهِمْ فَأَقَمْتَ لَهُمُ الصَّلَاةَ فَلْتَقُمْ طَائِفَةٌ مِنْهُمْ مَعَكَ وَلْيَأْخُذُوا أَسْلِحَتَهُمْ فَإِذَا سَجَدُوا فَلْيَكُونُوا مِنْ وَرَائِكُمْ وَلْتَأْتِ طَائِفَةٌ أُخْرَىٰ لَمْ يُصَلُّوا فَلْيُصَلُّوا مَعَكَ وَلْيَأْخُذُوا حِذْرَهُمْ وَأَسْلِحَتَهُمْ ۗ وَدَّ الَّذِينَ كَفَرُوا لَوْ تَغْفُلُونَ عَنْ أَسْلِحَتِكُمْ وَأَمْتِعَتِكُمْ فَيَمِيلُونَ عَلَيْكُمْ مَيْلَةً وَاحِدَةً ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ إِنْ كَانَ بِكُمْ أَذًى مِنْ مَطَرٍ أَوْ كُنْتُمْ مَرْضَىٰ أَنْ تَضَعُوا أَسْلِحَتَكُمْ ۖ وَخُذُوا حِذْرَكُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ أَعَدَّ لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا مُهِينًا
102 Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa taate takka si waliin haa dhaabbattuu; meeshaalee isaaniis haa qabatanu, Yeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa tahanu. Gareen biraa tan hin salaatin dhufanii sii waliin haa salaatanu. Of eeggannoo isaaniifi meeshaalee isaaniis haa qabatanu. Warri kafaran odoo isin hidhannoo keessaniifii meeshaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii (tasa isin dagachiisanii isin weeraruu) jaalatu. Yoo rakkoon rooba irraa ta'e isin mudate yookiin dhukkubsataa taatan meeshaalee lolaa keessan lafa kaayachuun badiin isin irra hin jiru. Of eeggannoo keessan qabadhaa. Rabbiin kaafirootaaf azaaba salphisaa qopheessee jira.46
١٠٣ فَإِذَا قَضَيْتُمُ الصَّلَاةَ فَاذْكُرُوا اللَّهَ قِيَامًا وَقُعُودًا وَعَلَىٰ جُنُوبِكُمْ ۚ فَإِذَا اطْمَأْنَنْتُمْ فَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ ۚ إِنَّ الصَّلَاةَ كَانَتْ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ كِتَابًا مَوْقُوتًا
103 Yeroo salaata raawwattan, dhaabbataa, taa'aafi cinaachoowwan keessan irra (ciisoo) haala taataniin Rabbiin faarsaa. Yeroo tasgabbooftan salaata dhaabaa. Salaanni mu’uminoota irratti dirqama yeroon isaa murtaa’e ta’eera.
١٠٤ وَلَا تَهِنُوا فِي ابْتِغَاءِ الْقَوْمِ ۖ إِنْ تَكُونُوا تَأْلَمُونَ فَإِنَّهُمْ يَأْلَمُونَ كَمَا تَأْلَمُونَ ۖ وَتَرْجُونَ مِنَ اللَّهِ مَا لَا يَرْجُونَ ۗ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا
104 Ummata (diinaa) barbaacha keessatti hin laafinaa; Yoo kan laalattan taatan isaanis akkuma isin laalattanitti laalatu, Rabbi irraa waan isaan hin kajeelle kajeeltu. Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.
١٠٥ إِنَّا أَنْزَلْنَا إِلَيْكَ الْكِتَابَ بِالْحَقِّ لِتَحْكُمَ بَيْنَ النَّاسِ بِمَا أَرَاكَ اللَّهُ ۚ وَلَا تَكُنْ لِلْخَائِنِينَ خَصِيمًا
105 Nuti kitaabicha (qur'aana) haqaan gara keetti buufnee jirra, akka waan Rabbiin sitti agarsiiseen gidduu namootaatti murteessituuf jecha. Gantootaaf falmaa hin ta'in.
١٠٦ وَاسْتَغْفِرِ اللَّهَ ۖ إِنَّ اللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَحِيمًا
106 Rabbiin araarama kadhu. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaa ta'eera.
١٠٧ وَلَا تُجَادِلْ عَنِ الَّذِينَ يَخْتَانُونَ أَنْفُسَهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ مَنْ كَانَ خَوَّانًا أَثِيمًا
107 Isaan lubbuulee isaanii ganan irraas hin falmin. Rabbiin nama akkaan ganaa dilaawaa ta’e hin jaalatu.
١٠٨ يَسْتَخْفُونَ مِنَ النَّاسِ وَلَا يَسْتَخْفُونَ مِنَ اللَّهِ وَهُوَ مَعَهُمْ إِذْ يُبَيِّتُونَ مَا لَا يَرْضَىٰ مِنَ الْقَوْلِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطًا
108 Nama irraa ni dhokatu; Rabbi irraa hin dhokatanu, inni yeroo isaan jecha irraa waan inni hin jaalanne bulfatan isaanii wajjin jira. Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaa ta'eera.47
١٠٩ هَا أَنْتُمْ هَٰؤُلَاءِ جَادَلْتُمْ عَنْهُمْ فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا فَمَنْ يُجَادِلُ اللَّهَ عَنْهُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَمْ مَنْ يَكُونُ عَلَيْهِمْ وَكِيلًا
109 Dhaga'aa! Isin warri kun jireenya addunyaa keessatti isaan irraa falmitanii, Guyyaa Qiyaamaa immoo eenyutu isaan irraa falma? Yookiin eenyutu isaan irratti tiksaa ta'a?
١١٠ وَمَنْ يَعْمَلْ سُوءًا أَوْ يَظْلِمْ نَفْسَهُ ثُمَّ يَسْتَغْفِرِ اللَّهَ يَجِدِ اللَّهَ غَفُورًا رَحِيمًا
110 Namni hamtuu hojjatee yookiin lubbuu isaa miidhee ergasii Rabbiin araarama kadhate, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’uu arga.
١١١ وَمَنْ يَكْسِبْ إِثْمًا فَإِنَّمَا يَكْسِبُهُ عَلَىٰ نَفْسِهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا
111 Namni badii oomishe, kan inni isa oomishu lubbuma isaa irratti. Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera.
١١٢ وَمَنْ يَكْسِبْ خَطِيئَةً أَوْ إِثْمًا ثُمَّ يَرْمِ بِهِ بَرِيئًا فَقَدِ احْتَمَلَ بُهْتَانًا وَإِثْمًا مُبِينًا
112 Namni dogoggora yookiin badii oomishee ergasii nama qulqulluu isaan darbate (arrabse), inni dhugumatti cubbuufi badii ifa ta’e baateera.
١١٣ وَلَوْلَا فَضْلُ اللَّهِ عَلَيْكَ وَرَحْمَتُهُ لَهَمَّتْ طَائِفَةٌ مِنْهُمْ أَنْ يُضِلُّوكَ وَمَا يُضِلُّونَ إِلَّا أَنْفُسَهُمْ ۖ وَمَا يَضُرُّونَكَ مِنْ شَيْءٍ ۚ وَأَنْزَلَ اللَّهُ عَلَيْكَ الْكِتَابَ وَالْحِكْمَةَ وَعَلَّمَكَ مَا لَمْ تَكُنْ تَعْلَمُ ۚ وَكَانَ فَضْلُ اللَّهِ عَلَيْكَ عَظِيمًا
113 Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa sirra jiraachuu baatee, silaa gareen isaan irraa taate tokko si jallisuuf yaaddee jirti. Lubbuulee isaanii malee homaa hin jallisanu. Homaa si hin miidhanus. Rabbiin kitaaba (Qur’aanaa)fi ogummaa (hadiisa) sirratti buuse; waan ati kabeektu hintahin si barsiise, Tolli Rabbiin sirratti oolu guddaa ta’eera.
١١٤ لَا خَيْرَ فِي كَثِيرٍ مِنْ نَجْوَاهُمْ إِلَّا مَنْ أَمَرَ بِصَدَقَةٍ أَوْ مَعْرُوفٍ أَوْ إِصْلَاحٍ بَيْنَ النَّاسِ ۚ وَمَنْ يَفْعَلْ ذَٰلِكَ ابْتِغَاءَ مَرْضَاتِ اللَّهِ فَسَوْفَ نُؤْتِيهِ أَجْرًا عَظِيمًا
114 hedduu maqoo isaanii keessa toltuun hin jiru. Nama sadaqaatti yookiin gaggaaritti yookiin gidduu namaa araarsutti ajaje malee, Namni jaalala Rabbii barbaaduuf kana hojjate, fuulduratti galata guddaa isaaf kennina.48
١١٥ وَمَنْ يُشَاقِقِ الرَّسُولَ مِنْ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُ الْهُدَىٰ وَيَتَّبِعْ غَيْرَ سَبِيلِ الْمُؤْمِنِينَ نُوَلِّهِ مَا تَوَلَّىٰ وَنُصْلِهِ جَهَنَّمَ ۖ وَسَاءَتْ مَصِيرًا
115 Namni erga qajeelloon ifa isaaf ta’ee booda ergamicha faallesseefi karaa mu’umintootaa kantahin hordofe, waan inni moo'e (jallina) irratti isa moosifna; jahannamiin isa seensifna. Deebittiin waa fokkattee!
١١٦ إِنَّ اللَّهَ لَا يَغْفِرُ أَنْ يُشْرَكَ بِهِ وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَنْ يَشَاءُ ۚ وَمَنْ يُشْرِكْ بِاللَّهِ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا بَعِيدًا
116 Rabbiin Isatti qindeeffamuu hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti jallina fagoo ta’e jallateera.49
١١٧ إِنْ يَدْعُونَ مِنْ دُونِهِ إِلَّا إِنَاثًا وَإِنْ يَدْعُونَ إِلَّا شَيْطَانًا مَرِيدًا
117 Isaa (Rabbii) gaditti dhaltuuwwan malee (tabotoota maqaa dhalaatiin moggaafamte) malee waan biraa hin gabbaran; shayxaana darbamaa malees homaa hin gabbaran.
١١٨ لَعَنَهُ اللَّهُ ۘ وَقَالَ لَأَتَّخِذَنَّ مِنْ عِبَادِكَ نَصِيبًا مَفْرُوضًا
118 Rabbiin isa abaareera. Innis ni jedhe: “kakadhee Ani gabroota kee irraa qooda murtaa’e nan qabadha (nanjallisa).
١١٩ وَلَأُضِلَّنَّهُمْ وَلَأُمَنِّيَنَّهُمْ وَلَآمُرَنَّهُمْ فَلَيُبَتِّكُنَّ آذَانَ الْأَنْعَامِ وَلَآمُرَنَّهُمْ فَلَيُغَيِّرُنَّ خَلْقَ اللَّهِ ۚ وَمَنْ يَتَّخِذِ الشَّيْطَانَ وَلِيًّا مِنْ دُونِ اللَّهِ فَقَدْ خَسِرَ خُسْرَانًا مُبِينًا
119 Isaanis nan jallisa; isaan (hawwii kijibaa) nan hawwisiisas; isaan nan ajajaa gurra beeyladaa ni tarsaasu; isaan nan ajajaa uumama Rabbii ni jijjiiru." Namni Rabbiin malee sheyxaana jaalallee godhate, inni dhugumatti hoongoo ifa ta’e hoonga’eera.
١٢٠ يَعِدُهُمْ وَيُمَنِّيهِمْ ۖ وَمَا يَعِدُهُمُ الشَّيْطَانُ إِلَّا غُرُورًا
120 (sheyxaanni) Isaaniif (waadaa kijibaa) waadaa seena; isaan (hawwii kijibaa) ni hawwisiisa. Shayxaanni gowwoomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.
١٢١ أُولَٰئِكَ مَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ وَلَا يَجِدُونَ عَنْهَا مَحِيصًا
121 Warri sun qubsumni isaanii jahannami; ishee irraa gara itti daban (gara itti dheeysan) hin argatanu.50
١٢٢ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ سَنُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۖ وَعْدَ اللَّهِ حَقًّا ۚ وَمَنْ أَصْدَقُ مِنَ اللَّهِ قِيلًا
122 Isaannan amananii, gaggaarii hojjatan, jannatoowwan laggeen ishee jala yaatu isaan seensifna. Yeroo hunda achi keessatti hafu. (zalaalam isii keessa jiraatu) Rabbiin waadaa seenee dhugaa isa godhe. Namni dubbiidhaan Rabbirra dhugaa eenyu? (Hin jiru).
١٢٣ لَيْسَ بِأَمَانِيِّكُمْ وَلَا أَمَانِيِّ أَهْلِ الْكِتَابِ ۗ مَنْ يَعْمَلْ سُوءًا يُجْزَ بِهِ وَلَا يَجِدْ لَهُ مِنْ دُونِ اللَّهِ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا
123 Hawwii keessaniifi hawwii warra kitaabaatiin hin taane; namni hamtuu hojjate isaan galata galfama; Rabbii gaditti jaalalleefi gargaaraas isaaf hin argu.
١٢٤ وَمَنْ يَعْمَلْ مِنَ الصَّالِحَاتِ مِنْ ذَكَرٍ أَوْ أُنْثَىٰ وَهُوَ مُؤْمِنٌ فَأُولَٰئِكَ يَدْخُلُونَ الْجَنَّةَ وَلَا يُظْلَمُونَ نَقِيرًا
124 Dhiiraafi dhalaa irraa namni mu’umina ta’ee hojii gaggaarii hojjate, isaan sun jannata seenu; hanga tuqaa temiraas hin miidhamanu.
١٢٥ وَمَنْ أَحْسَنُ دِينًا مِمَّنْ أَسْلَمَ وَجْهَهُ لِلَّهِ وَهُوَ مُحْسِنٌ وَاتَّبَعَ مِلَّةَ إِبْرَاهِيمَ حَنِيفًا ۗ وَاتَّخَذَ اللَّهُ إِبْرَاهِيمَ خَلِيلًا
125 Eenyutu irra tole amanatiin nama haala bareechaa ta'een fuula isaa Rabbiif bulchee caalaa? kan amantii Ibraahiim qajeelaa haala ta'een hordofe. Rabbiin Ibraahiimiin jaalallee godhateera.
١٢٦ وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ مُحِيطًا
126 Wantoonni samiifi dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti. Rabbiin waan hundatti (beekumsaan) marsaa ta'e.
١٢٧ وَيَسْتَفْتُونَكَ فِي النِّسَاءِ ۖ قُلِ اللَّهُ يُفْتِيكُمْ فِيهِنَّ وَمَا يُتْلَىٰ عَلَيْكُمْ فِي الْكِتَابِ فِي يَتَامَى النِّسَاءِ اللَّاتِي لَا تُؤْتُونَهُنَّ مَا كُتِبَ لَهُنَّ وَتَرْغَبُونَ أَنْ تَنْكِحُوهُنَّ وَالْمُسْتَضْعَفِينَ مِنَ الْوِلْدَانِ وَأَنْ تَقُومُوا لِلْيَتَامَىٰ بِالْقِسْطِ ۚ وَمَا تَفْعَلُوا مِنْ خَيْرٍ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِهِ عَلِيمًا
127 Waa'ee dubartootaa keessatti si gaafatu. jedhi "Waa'ee isaanii keessatti Rabbiin isiniif ibsa, Wanti kitaaba keessatti isin irratti dubbifamutu. waa'ee dubartoota yatiimaa keessatti kan isin waan isaaniif barreeffame isaaniif hin kenninefi isaan fuuchuu jibbitaniifi dadhabdoota ijoollee irraa ta'aniifi yatiimotaafis haqaan dhaabbachuu (Rabbiin isiniif ibsa). Toltuu irraa waan isin hojjattan kamillee dhugumatti Rabbiin isa beekaa ta’eera.
١٢٨ وَإِنِ امْرَأَةٌ خَافَتْ مِنْ بَعْلِهَا نُشُوزًا أَوْ إِعْرَاضًا فَلَا جُنَاحَ عَلَيْهِمَا أَنْ يُصْلِحَا بَيْنَهُمَا صُلْحًا ۚ وَالصُّلْحُ خَيْرٌ ۗ وَأُحْضِرَتِ الْأَنْفُسُ الشُّحَّ ۚ وَإِنْ تُحْسِنُوا وَتَتَّقُوا فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًا
128 Yoo dubartiin takka dhirsa ishee jibbaa yookiin irraa gara galiinsa sodaatte, gidduu isaaniitti walii galtee uumuun badiin isaan irra hin jiru. araaratu caala. Lubbuuleen don’ummaa kennamte. Yoo tolchitanii (badii irraa) eeggattan, dhugumatti Rabbiin waan isin hojjattan (hunda) keessa beekaadha.
١٢٩ وَلَنْ تَسْتَطِيعُوا أَنْ تَعْدِلُوا بَيْنَ النِّسَاءِ وَلَوْ حَرَصْتُمْ ۖ فَلَا تَمِيلُوا كُلَّ الْمَيْلِ فَتَذَرُوهَا كَالْمُعَلَّقَةِ ۚ وَإِنْ تُصْلِحُوا وَتَتَّقُوا فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ غَفُورًا رَحِيمًا
129 Odoma bololtaniillee gidduu dubartootaa (jaalala qalbii keessatti) wal qixxeessuu hin dandeessanu; (Gara ishee tokkoo) dabiinsa hunda dabdanii (ishee kaan) akka rarraafamtuutti hin dhiisinaa. Yoo tolchitanii (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.51
١٣٠ وَإِنْ يَتَفَرَّقَا يُغْنِ اللَّهُ كُلًّا مِنْ سَعَتِهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ وَاسِعًا حَكِيمًا
130 Yoo isaan lameen (jaarsaf jaartiin) adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsa. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera.
١٣١ وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَلَقَدْ وَصَّيْنَا الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِنْ قَبْلِكُمْ وَإِيَّاكُمْ أَنِ اتَّقُوا اللَّهَ ۚ وَإِنْ تَكْفُرُوا فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ غَنِيًّا حَمِيدًا
131 Wantoonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Rabbiiti. Dhugumatti warra isin dura kitaaba kennamaniifi isiniifis Rabbiin sodaadhaa jechuu dhaamnee jirra. Yoo kafartan Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Rabbiiti. Rabbiin dureessa, faarfamaa ta’eera.
١٣٢ وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا
132 Wantoonni samiifi dachii keessaa hundi kan Rabbiiti. Hirkoodhaaf Rabbiin ga’aadha.
١٣٣ إِنْ يَشَأْ يُذْهِبْكُمْ أَيُّهَا النَّاسُ وَيَأْتِ بِآخَرِينَ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلَىٰ ذَٰلِكَ قَدِيرًا
133 isin Yaa namootaa! (Rabbiin) yoo fedhe isin deemsisee (isin dhabamsiiseeti) warra biraa (qajeelaa) fida. Rabbiin kana irratti danda’aa ta'eera.
١٣٤ مَنْ كَانَ يُرِيدُ ثَوَابَ الدُّنْيَا فَعِنْدَ اللَّهِ ثَوَابُ الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ سَمِيعًا بَصِيرًا
134 Namni mindaa addunyaa kan fedhu ta'e, mindaan addunyaafi Aakhiraa Rabbiin bira qofa jira (isarraa haabarbaaduu). Rabbiin dhaga’aa, argaa ta’eera.
١٣٥ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُونُوا قَوَّامِينَ بِالْقِسْطِ شُهَدَاءَ لِلَّهِ وَلَوْ عَلَىٰ أَنْفُسِكُمْ أَوِ الْوَالِدَيْنِ وَالْأَقْرَبِينَ ۚ إِنْ يَكُنْ غَنِيًّا أَوْ فَقِيرًا فَاللَّهُ أَوْلَىٰ بِهِمَا ۖ فَلَا تَتَّبِعُوا الْهَوَىٰ أَنْ تَعْدِلُوا ۚ وَإِنْ تَلْوُوا أَوْ تُعْرِضُوا فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرًا
135 isin Yaa warra amantan! haqaan dhaabbattoota Rabbiif ragaalee ta’aa odoma lubbuulee teessan yookiin abbaa haadha keessaniifi firoota keessan irrattis tahellee. Yoo dureessa yookiin hiyyeessa ta’e Rabbitu irra isaanitti aana. Haqa irraa dabuuf fedha lubbuu keessanii hin hordofinaa. Yoo (ragaa) dabsitan yookiin (ragaa bahuu irraa) gara galtan, Rabbiin waan isin dalagdan hunda beekaa ta'eera.52
١٣٦ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا آمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَالْكِتَابِ الَّذِي نَزَّلَ عَلَىٰ رَسُولِهِ وَالْكِتَابِ الَّذِي أَنْزَلَ مِنْ قَبْلُ ۚ وَمَنْ يَكْفُرْ بِاللَّهِ وَمَلَائِكَتِهِ وَكُتُبِهِ وَرُسُلِهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا بَعِيدًا
136 Isin Yaa warra amantan! Rabbitti amanaa, ergamaa Isaattis (muhammadittis), kitaaba ergamaa Isaa irratti buufamettis (qur'aanattis) kitaaba Inni sana dura buusettis (amanaa). Namni Rabbitti kafare maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis, fi Guyyaa Aakhiraatti (kafare), inni dhugumatti jallina fagoo jallateera.53
١٣٧ إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا ثُمَّ كَفَرُوا ثُمَّ آمَنُوا ثُمَّ كَفَرُوا ثُمَّ ازْدَادُوا كُفْرًا لَمْ يَكُنِ اللَّهُ لِيَغْفِرَ لَهُمْ وَلَا لِيَهْدِيَهُمْ سَبِيلًا
137 Isaan amananii ergasii kafaran, ergasii amananii ergasii kafaran, ergasiis kufrii dabalatan, Rabbiin kan isaaniif araaramu, kan karaa isaan qajeelchu hin taane.
١٣٨ بَشِّرِ الْمُنَافِقِينَ بِأَنَّ لَهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا
138 munaafiqoota gammachiisi. Adabni laalessaan isaaniif jira jechuudhaan.
١٣٩ الَّذِينَ يَتَّخِذُونَ الْكَافِرِينَ أَوْلِيَاءَ مِنْ دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۚ أَيَبْتَغُونَ عِنْدَهُمُ الْعِزَّةَ فَإِنَّ الْعِزَّةَ لِلَّهِ جَمِيعًا
139 (Isaan) warra mu’uminootaa dhiisanii kaafiroota jaalallee godhataniidha. Sila jabeenya isaan bira barbaadanii? Dhugumatti, jabeenyi hundi kan Rabbiiti.
١٤٠ وَقَدْ نَزَّلَ عَلَيْكُمْ فِي الْكِتَابِ أَنْ إِذَا سَمِعْتُمْ آيَاتِ اللَّهِ يُكْفَرُ بِهَا وَيُسْتَهْزَأُ بِهَا فَلَا تَقْعُدُوا مَعَهُمْ حَتَّىٰ يَخُوضُوا فِي حَدِيثٍ غَيْرِهِ ۚ إِنَّكُمْ إِذًا مِثْلُهُمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ جَامِعُ الْمُنَافِقِينَ وَالْكَافِرِينَ فِي جَهَنَّمَ جَمِيعًا
140 Dhugumatti, kitaaba keessatti (Rabbiin) isin irratti buuseera “yeroo keeyyattoota Rabbii kan isaanitti kafaramuufi isaanitti qoofamu dhageessan, isaan waliin hin taa’inaa hanga isaan haasa’a biraa keessa seenanitti ” jechuun. Yoos isinis fakkaattota isaaniiti. Rabbiin munaafiqootaafi kaafiroota jahannam keessatti walitti qabaadha.54
١٤١ الَّذِينَ يَتَرَبَّصُونَ بِكُمْ فَإِنْ كَانَ لَكُمْ فَتْحٌ مِنَ اللَّهِ قَالُوا أَلَمْ نَكُنْ مَعَكُمْ وَإِنْ كَانَ لِلْكَافِرِينَ نَصِيبٌ قَالُوا أَلَمْ نَسْتَحْوِذْ عَلَيْكُمْ وَنَمْنَعْكُمْ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ ۚ فَاللَّهُ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۗ وَلَنْ يَجْعَلَ اللَّهُ لِلْكَافِرِينَ عَلَى الْمُؤْمِنِينَ سَبِيلًا
141 (Isaan) warra (hamtuu) isinitti eeganuudha. Yoo injifannoon Rabbi irraa isiniif ta’e “nuti isinii wajjiin hin turree?” jedhu. Yoo carraan kaafirootaf ta’e immoo “sila nuti isin irratti akkaan hin hoggannee? Mu’uminoota isin irraa hin dhorginee?” (kaafirootaan) jedhu. Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa gidduu keessanitti ni murteessa. Rabbiin kaafirootaaf mu’uminoota irratti karaa hin godhu.
١٤٢ إِنَّ الْمُنَافِقِينَ يُخَادِعُونَ اللَّهَ وَهُوَ خَادِعُهُمْ وَإِذَا قَامُوا إِلَى الصَّلَاةِ قَامُوا كُسَالَىٰ يُرَاءُونَ النَّاسَ وَلَا يَذْكُرُونَ اللَّهَ إِلَّا قَلِيلًا
142 Munaafiqoonni Rabbiin ganu. Innis (mindaa dalagaa isaaniitiif) ganaa isaaniiti. Yeroo gara salaataa ka'anis, taatiyaahaa (hifataa) dhaabbatu, nama argisiifatan. Xiqqoo malee Rabbiin hin faarsan.55
١٤٣ مُذَبْذَبِينَ بَيْنَ ذَٰلِكَ لَا إِلَىٰ هَٰؤُلَاءِ وَلَا إِلَىٰ هَٰؤُلَاءِ ۚ وَمَنْ يُضْلِلِ اللَّهُ فَلَنْ تَجِدَ لَهُ سَبِيلًا
143 Gidduu kanatti dhama'oo (xawalwaallee) ta'anii gara isaan kanaas miti; gara isaan sanaas miti (Gara mu'imintootas hinjiran, gara kaafirootas hinjiran). Nama Rabbiin jallise karaa (qajeelumaa) isaaf hin argitu.
١٤٤ يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا الْكَافِرِينَ أَوْلِيَاءَ مِنْ دُونِ الْمُؤْمِنِينَ ۚ أَتُرِيدُونَ أَنْ تَجْعَلُوا لِلَّهِ عَلَيْكُمْ سُلْطَانًا مُبِينًا
144 isin Yaa warra amantan! Mu’uminootaa achitti kaafiroota jaalallee hin taasifatinaa. Sila isin irratti Rabbiif ragaa mul'ataa taasisuu feetuu?
١٤٥ إِنَّ الْمُنَافِقِينَ فِي الدَّرْكِ الْأَسْفَلِ مِنَ النَّارِ وَلَنْ تَجِدَ لَهُمْ نَصِيرًا
145 Dhugumatti, munaafiqoonni ibidda irraa sadarkaa gadii (hamaa) keessa ta'u. Tumsaa isaaniif hin argitu.
١٤٦ إِلَّا الَّذِينَ تَابُوا وَأَصْلَحُوا وَاعْتَصَمُوا بِاللَّهِ وَأَخْلَصُوا دِينَهُمْ لِلَّهِ فَأُولَٰئِكَ مَعَ الْمُؤْمِنِينَ ۖ وَسَوْفَ يُؤْتِ اللَّهُ الْمُؤْمِنِينَ أَجْرًا عَظِيمًا
146 Isaan tawbatanii, tolchanii, Rabbiin qabataniifi amantii isaanii Rabbiif qulqulleessan malee. Warri kun mu’uminoota waliin ta’u. Rabbiin mu’uminootaaf mindaa guddaa ni kenna.
١٤٧ مَا يَفْعَلُ اللَّهُ بِعَذَابِكُمْ إِنْ شَكَرْتُمْ وَآمَنْتُمْ ۚ وَكَانَ اللَّهُ شَاكِرًا عَلِيمًا
147 Yoo isin (Isa) galateeffattanii (Isatti) amantan Rabbiin azzabuu keessan irraa maal godha? Rabbiin galateeffataa, beekaa ta’eera.
١٤٨ لَا يُحِبُّ اللَّهُ الْجَهْرَ بِالسُّوءِ مِنَ الْقَوْلِ إِلَّا مَنْ ظُلِمَ ۚ وَكَانَ اللَّهُ سَمِيعًا عَلِيمًا
148 Yoo nama roorrifame ta’e malee Rabbiin jecha irraa hamaa mul'isuu hin jaalatu. Rabbiin dhagayaa, beekaa ta'eera.
١٤٩ إِنْ تُبْدُوا خَيْرًا أَوْ تُخْفُوهُ أَوْ تَعْفُوا عَنْ سُوءٍ فَإِنَّ اللَّهَ كَانَ عَفُوًّا قَدِيرًا
149 Yoo toltuu mul'iftanii yookiin isa dhoksitan (hojjatan) yookiin hamtuu irraa dhiifama gootan (Rabbirraa galata argattu) Rabbiin akkaan dhiifama godhaa, danda’aa ta'eera.56
١٥٠ إِنَّ الَّذِينَ يَكْفُرُونَ بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ وَيُرِيدُونَ أَنْ يُفَرِّقُوا بَيْنَ اللَّهِ وَرُسُلِهِ وَيَقُولُونَ نُؤْمِنُ بِبَعْضٍ وَنَكْفُرُ بِبَعْضٍ وَيُرِيدُونَ أَنْ يَتَّخِذُوا بَيْنَ ذَٰلِكَ سَبِيلًا
150 Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaaniitti ni amanna; garii Isaaniitti ni kafarra” jedhan, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan,
١٥١ أُولَٰئِكَ هُمُ الْكَافِرُونَ حَقًّا ۚ وَأَعْتَدْنَا لِلْكَافِرِينَ عَذَابًا مُهِينًا
151 Isaan warra dhugaan kafareedha, kaafirootaaf azaaba xiqqeessaa qopheessinee jirra.
١٥٢ وَالَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ وَلَمْ يُفَرِّقُوا بَيْنَ أَحَدٍ مِنْهُمْ أُولَٰئِكَ سَوْفَ يُؤْتِيهِمْ أُجُورَهُمْ ۗ وَكَانَ اللَّهُ غَفُورًا رَحِيمًا
152 Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanan, gidduu tokkoon isaan irraa ta'ees adda hin baasin, isaan san (Rabbiin) mindaa isaanii isaaniif kenna. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.
١٥٣ يَسْأَلُكَ أَهْلُ الْكِتَابِ أَنْ تُنَزِّلَ عَلَيْهِمْ كِتَابًا مِنَ السَّمَاءِ ۚ فَقَدْ سَأَلُوا مُوسَىٰ أَكْبَرَ مِنْ ذَٰلِكَ فَقَالُوا أَرِنَا اللَّهَ جَهْرَةً فَأَخَذَتْهُمُ الصَّاعِقَةُ بِظُلْمِهِمْ ۚ ثُمَّ اتَّخَذُوا الْعِجْلَ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَتْهُمُ الْبَيِّنَاتُ فَعَفَوْنَا عَنْ ذَٰلِكَ ۚ وَآتَيْنَا مُوسَىٰ سُلْطَانًا مُبِينًا
153 warri kitaabaa samii irraa kitaaba isaan irratti buusuu si gaafatu. Muusaas waan kana irra guddaa gaafataniiru. “Rabbiin ifatti nu agarsiisi” jedhani. Sababaa miidhaa isaaniitiin gaggabbiin (duuti) isaan qabde. Sana booda erga ragaawwan isaanitti dhufanii jibicha (gabbaramaa) godhatan. Sanas irra isaaniif dabrine. Muusaaf ragaa mul'ataa kennine.57
١٥٤ وَرَفَعْنَا فَوْقَهُمُ الطُّورَ بِمِيثَاقِهِمْ وَقُلْنَا لَهُمُ ادْخُلُوا الْبَابَ سُجَّدًا وَقُلْنَا لَهُمْ لَا تَعْدُوا فِي السَّبْتِ وَأَخَذْنَا مِنْهُمْ مِيثَاقًا غَلِيظًا
154 Waadaa isaan galchuuf gaara isaan irratti ol kaafnee, “sujuuda godhaa balbalicha seenaa” isaaniin jenne, “Sanbata keessatti (qurxummii al'ooluun) daangaa hin tarinaa" isaaniin jenne, Waadaa ulfaataa isaan irraa fuune.
١٥٥ فَبِمَا نَقْضِهِمْ مِيثَاقَهُمْ وَكُفْرِهِمْ بِآيَاتِ اللَّهِ وَقَتْلِهِمُ الْأَنْبِيَاءَ بِغَيْرِ حَقٍّ وَقَوْلِهِمْ قُلُوبُنَا غُلْفٌ ۚ بَلْ طَبَعَ اللَّهُ عَلَيْهَا بِكُفْرِهِمْ فَلَا يُؤْمِنُونَ إِلَّا قَلِيلًا
155 Sababa isaan waadaa isaanii diiguutiin, keeyyattoota Rabbiitti kafaruutiin, nabiyyoota haqaan malee ajjeesuu isaaniitiifi, “onneewwan teenya haguugamtee jirti” jechuu isaaniitiin (isaan abaarre). Dhugumatti Rabbiin sababaa kufrii isaaniitiif ishee (onnee isaanii) irratti haguuge; muraasa malee hin amanan.
١٥٦ وَبِكُفْرِهِمْ وَقَوْلِهِمْ عَلَىٰ مَرْيَمَ بُهْتَانًا عَظِيمًا
156 Sababaa kufrii isaaniitiifi Maryam irratti kijiba guddaa odeessuu isaanitiif (isaan abaarre).58
١٥٧ وَقَوْلِهِمْ إِنَّا قَتَلْنَا الْمَسِيحَ عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ رَسُولَ اللَّهِ وَمَا قَتَلُوهُ وَمَا صَلَبُوهُ وَلَٰكِنْ شُبِّهَ لَهُمْ ۚ وَإِنَّ الَّذِينَ اخْتَلَفُوا فِيهِ لَفِي شَكٍّ مِنْهُ ۚ مَا لَهُمْ بِهِ مِنْ عِلْمٍ إِلَّا اتِّبَاعَ الظَّنِّ ۚ وَمَا قَتَلُوهُ يَقِينًا
157 Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre), isa hin ajjeefne; hin fannisnes Isaaniitti fakkeeffame malee. warreen isa keessatti wal dhaban isa keessatti shakkii keessa jiru, isarratti beekumsa homaatuu hin qaban sehaa hordofuu malee Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.59
١٥٨ بَلْ رَفَعَهُ اللَّهُ إِلَيْهِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
158 Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiin injifataa, ogeessa ta'e.60
١٥٩ وَإِنْ مِنْ أَهْلِ الْكِتَابِ إِلَّا لَيُؤْمِنَنَّ بِهِ قَبْلَ مَوْتِهِ ۖ وَيَوْمَ الْقِيَامَةِ يَكُونُ عَلَيْهِمْ شَهِيدًا
159 warra kitaabaa kamillee odoo hin du'in dura isatti amanu malee hin hafu, Guyyaa Qiyaamaa isaan irratti ragaa ta’a.61
١٦٠ فَبِظُلْمٍ مِنَ الَّذِينَ هَادُوا حَرَّمْنَا عَلَيْهِمْ طَيِّبَاتٍ أُحِلَّتْ لَهُمْ وَبِصَدِّهِمْ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ كَثِيرًا
160 Sababaa miidhaa warra yahuudomaniifi gaggaarii halaala isaaniif ta’ee ture haraama isaan irratti taasifne, sababaa isaan baay’ee karaa Rabbii irraa deebisaniif (dhoowwaniif) .
١٦١ وَأَخْذِهِمُ الرِّبَا وَقَدْ نُهُوا عَنْهُ وَأَكْلِهِمْ أَمْوَالَ النَّاسِ بِالْبَاطِلِ ۚ وَأَعْتَدْنَا لِلْكَافِرِينَ مِنْهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا
161 Dhala odoo dhugumaan irraa dhorgamanii jiranuu fudhachuu isaaniitiin, horii namaa dharaan waan nyaataniif (isaan abaarre), Kaafirtoota isaan irraa ta'aniif adabbii laalessaa qopheessineerra.
١٦٢ لَٰكِنِ الرَّاسِخُونَ فِي الْعِلْمِ مِنْهُمْ وَالْمُؤْمِنُونَ يُؤْمِنُونَ بِمَا أُنْزِلَ إِلَيْكَ وَمَا أُنْزِلَ مِنْ قَبْلِكَ ۚ وَالْمُقِيمِينَ الصَّلَاةَ ۚ وَالْمُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَالْمُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ أُولَٰئِكَ سَنُؤْتِيهِمْ أَجْرًا عَظِيمًا
162 Garuu isaan irraa warri beekumsa gadi fagoo qabaniifi mu’umintoonni waan gara keetti bu’eefi (qur'aana) waan si dura bu’etti (tawraat, zabuur, injiil) ni amanu; warra salaata dhaaban. Warri zakaa kennaniifi, Rabbiifi Guyyaa Aakhiraattis amanan, isaan sana mindaa guddaa isaaniif kennina.
١٦٣ إِنَّا أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ كَمَا أَوْحَيْنَا إِلَىٰ نُوحٍ وَالنَّبِيِّينَ مِنْ بَعْدِهِ ۚ وَأَوْحَيْنَا إِلَىٰ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالْأَسْبَاطِ وَعِيسَىٰ وَأَيُّوبَ وَيُونُسَ وَهَارُونَ وَسُلَيْمَانَ ۚ وَآتَيْنَا دَاوُودَ زَبُورًا
163 Nuti gara keetti beeksisa goonee jirra akkuma gara Nuuhiifi nabiyyoota isa boodatti beeksisa goone, Gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, asbaax (ilmaan Ya’aquub), Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haaruuniifi Suleymaanittis beeksisa goonee jirra. Daawuudiif Zabuur kennineerra.
١٦٤ وَرُسُلًا قَدْ قَصَصْنَاهُمْ عَلَيْكَ مِنْ قَبْلُ وَرُسُلًا لَمْ نَقْصُصْهُمْ عَلَيْكَ ۚ وَكَلَّمَ اللَّهُ مُوسَىٰ تَكْلِيمًا
164 Ergamtoota san dura siif himneefi kan siif hin himiniis (erginee jirra). Rabbiin Muusaa haasofsiise haasofsiinsa.62
١٦٥ رُسُلًا مُبَشِّرِينَ وَمُنْذِرِينَ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَى اللَّهِ حُجَّةٌ بَعْدَ الرُّسُلِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا
165 Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine.), Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namaaf ragaan (rakkoo himatuun) hin argamneef. Rabbiin injifataa, ogeessa.tahee jira.
١٦٦ لَٰكِنِ اللَّهُ يَشْهَدُ بِمَا أَنْزَلَ إِلَيْكَ ۖ أَنْزَلَهُ بِعِلْمِهِ ۖ وَالْمَلَائِكَةُ يَشْهَدُونَ ۚ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ شَهِيدًا
166 Garuu Rabbiin waan gara keetti buuse (qur'aana) irratti ragaa ba’a, Beekumsa Isaatiin isa buuse, Malaa’ikoonnis ragaa ba’u, Ragaadhaaf Rabbiin ga’aadha.
١٦٧ إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَصَدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ قَدْ ضَلُّوا ضَلَالًا بَعِيدًا
167 Warri kafaranii karaa Rabbii irraa (nama) deebisan (islaamummarraa dhoorgan), dhugumatti isaan jallina fagoo ta’e jallataniiru.
١٦٨ إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا وَظَلَمُوا لَمْ يَكُنِ اللَّهُ لِيَغْفِرَ لَهُمْ وَلَا لِيَهْدِيَهُمْ طَرِيقًا
168 isaan kafaranii miidhaa hojjatan, Rabbiin kan isaaniif araaramuufi karaa isaan qajeelchu hin taane.
١٦٩ إِلَّا طَرِيقَ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۚ وَكَانَ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرًا
169 karaa jahannam malee, ishee keessa zalaalam jiraatoodha, Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.
١٧٠ يَا أَيُّهَا النَّاسُ قَدْ جَاءَكُمُ الرَّسُولُ بِالْحَقِّ مِنْ رَبِّكُمْ فَآمِنُوا خَيْرًا لَكُمْ ۚ وَإِنْ تَكْفُرُوا فَإِنَّ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَلِيمًا حَكِيمًا
170 isin Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti, ergamaan Gooftaa keessan irraa ta’ee dhugaan isinitti dhufeeraa; (isatti) amanaa caalaa isiniif (ta'aa). Yoo kafartan, wantoonni samiifi dachii keessaa kan Rabbiiti. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.63
١٧١ يَا أَهْلَ الْكِتَابِ لَا تَغْلُوا فِي دِينِكُمْ وَلَا تَقُولُوا عَلَى اللَّهِ إِلَّا الْحَقَّ ۚ إِنَّمَا الْمَسِيحُ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ رَسُولُ اللَّهِ وَكَلِمَتُهُ أَلْقَاهَا إِلَىٰ مَرْيَمَ وَرُوحٌ مِنْهُ ۖ فَآمِنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۖ وَلَا تَقُولُوا ثَلَاثَةٌ ۚ انْتَهُوا خَيْرًا لَكُمْ ۚ إِنَّمَا اللَّهُ إِلَٰهٌ وَاحِدٌ ۖ سُبْحَانَهُ أَنْ يَكُونَ لَهُ وَلَدٌ ۘ لَهُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۗ وَكَفَىٰ بِاللَّهِ وَكِيلًا
171 Yaa warra kitaabaa! amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa’inaa. Masiih, Iisaan Ilmi Maryam ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta'i jedhu) kan Inni isii gara Maryam darbeedha. Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta'eedha. Rabbiifi ergamtoota Isaattis amanaa. “(Rabbiin) sadihi” hin jedhina. Isarraa dhorgamaa; isiniif caalaa (ta'aa). Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofa. Inni ilmi Isaaf ta’uu irraa qulqullaa’e. Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Isaati. Hirkoodhaaf Rabbiin qofti ga’aadha.64
١٧٢ لَنْ يَسْتَنْكِفَ الْمَسِيحُ أَنْ يَكُونَ عَبْدًا لِلَّهِ وَلَا الْمَلَائِكَةُ الْمُقَرَّبُونَ ۚ وَمَنْ يَسْتَنْكِفْ عَنْ عِبَادَتِهِ وَيَسْتَكْبِرْ فَسَيَحْشُرُهُمْ إِلَيْهِ جَمِيعًا
172 Masiih Rabbiif gabricha ta’uu irraa hin nuffu; Malaa’ikoonni dhihoonis (hin nuffanu). Namni Isa gabbaruu irraa nuffeefi boone, Inni hunda isaanii gara Isaatti walitti isaan qaba.
١٧٣ فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ فَيُوَفِّيهِمْ أُجُورَهُمْ وَيَزِيدُهُمْ مِنْ فَضْلِهِ ۖ وَأَمَّا الَّذِينَ اسْتَنْكَفُوا وَاسْتَكْبَرُوا فَيُعَذِّبُهُمْ عَذَابًا أَلِيمًا وَلَا يَجِدُونَ لَهُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ وَلِيًّا وَلَا نَصِيرًا
173 Isaannan amananiifi gaggaarii hojjatan, mindaalee isaanii isaaniif guuta,Tola Isaa irraas isaaniif dabala. Isaannan nuffaniifi boonan adabbii laalessaa isaan adaba. Isaaniifi Rabbii gaditti jaalalleefii tumsaa hin argatanu.
١٧٤ يَا أَيُّهَا النَّاسُ قَدْ جَاءَكُمْ بُرْهَانٌ مِنْ رَبِّكُمْ وَأَنْزَلْنَا إِلَيْكُمْ نُورًا مُبِينًا
174 isin Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufeera. Ifaa mul’ataa gara keessanitti buufnee jirra.65
١٧٥ فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَاعْتَصَمُوا بِهِ فَسَيُدْخِلُهُمْ فِي رَحْمَةٍ مِنْهُ وَفَضْلٍ وَيَهْدِيهِمْ إِلَيْهِ صِرَاطًا مُسْتَقِيمًا
175 Isaannan Rabbitti amananii, Isa qabatan immoo, fuulduratti rahmata Isa irraa ta’eefi tola keessa isaan seensisa. Gara isaatti karaa qajeelaa isaan qajeelcha.
١٧٦ يَسْتَفْتُونَكَ قُلِ اللَّهُ يُفْتِيكُمْ فِي الْكَلَالَةِ ۚ إِنِ امْرُؤٌ هَلَكَ لَيْسَ لَهُ وَلَدٌ وَلَهُ أُخْتٌ فَلَهَا نِصْفُ مَا تَرَكَ ۚ وَهُوَ يَرِثُهَا إِنْ لَمْ يَكُنْ لَهَا وَلَدٌ ۚ فَإِنْ كَانَتَا اثْنَتَيْنِ فَلَهُمَا الثُّلُثَانِ مِمَّا تَرَكَ ۚ وَإِنْ كَانُوا إِخْوَةً رِجَالًا وَنِسَاءً فَلِلذَّكَرِ مِثْلُ حَظِّ الْأُنْثَيَيْنِ ۗ يُبَيِّنُ اللَّهُ لَكُمْ أَنْ تَضِلُّوا ۗ وَاللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ
176 Si gaafatu, Jedhi: “Rabbiin waa'ee ‘kalaalah’ (nama jalaafi gubbaan kan isa dhaalu hin qabne) keessatti isiniif ibsa. Yoo namtichi du'e kan ilmi isaaf hintahin kan obboleettiin isaaf taate, isheedhaaf walakkaa waan inni dhiisetu jira. Inni yoo isheen ilma hin qabaatin (qabeenya hunda) ishee dhaala. Yoo isaan (obboleettiiwwan) lama ta’an, isaaniif dhaala inni dhiise irraa lama sadaffaatu jira. Yoo obbolaan dhiirotaafi dubartoota ta'an immoo dhiiraaf fakkii qooda dubartii lamaatu jira. Rabbiin akka isin hin jallanneef isiniif ibsa. Rabbiin waan hunda beekaadha."66