يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيِ اللَّهِ وَرَسُولِهِ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيِ اللَّهِ وَرَسُولِهِ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa dura hin dabrinaa. Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَرْفَعُوا أَصْوَاتَكُمْ فَوْقَ صَوْتِ النَّبِيِّ وَلَا تَجْهَرُوا لَهُ بِالْقَوْلِ كَجَهْرِ بَعْضِكُمْ لِبَعْضٍ أَنْ تَحْبَطَ أَعْمَالُكُمْ وَأَنْتُمْ لَا تَشْعُرُونَ
Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyichaa irra ol hin kaasinaa. haasa’a isa irratti ol hin fuudhinaa, akka olfuudhinsa gariin keessan garii irratti (olfuudhutti). Akka dalagaawwan keessan hin banneef jecha odoo isin hin beekne.
إِنَّ الَّذِينَ يَغُضُّونَ أَصْوَاتَهُمْ عِنْدَ رَسُولِ اللَّهِ أُولَٰئِكَ الَّذِينَ امْتَحَنَ اللَّهُ قُلُوبَهُمْ لِلتَّقْوَىٰ ۚ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَأَجْرٌ عَظِيمٌ
Isaan sagaleewwan isaanii ergamaa Rabbii biratti gadi qabatan, isaan sun warra Rabbiin onneewwan isaanii sodaa isaatiif qormaate. Isaaniif araaramaafi mindaa guddaatu jira.
إِنَّ الَّذِينَ يُنَادُونَكَ مِنْ وَرَاءِ الْحُجُرَاتِ أَكْثَرُهُمْ لَا يَعْقِلُونَ
Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatan.
وَلَوْ أَنَّهُمْ صَبَرُوا حَتَّىٰ تَخْرُجَ إِلَيْهِمْ لَكَانَ خَيْرًا لَهُمْ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala taha ture. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنْ جَاءَكُمْ فَاسِقٌ بِنَبَإٍ فَتَبَيَّنُوا أَنْ تُصِيبُوا قَوْمًا بِجَهَالَةٍ فَتُصْبِحُوا عَلَىٰ مَا فَعَلْتُمْ نَادِمِينَ
Yaa warra amantan! Yoo jallaan oduun isinitti dhufe dubbii adda baafadhaa, akka wallaalumaan namoota miitanii, ergasii waan hojjattan irratti akka gaabboo hintaaneef.
وَاعْلَمُوا أَنَّ فِيكُمْ رَسُولَ اللَّهِ ۚ لَوْ يُطِيعُكُمْ فِي كَثِيرٍ مِنَ الْأَمْرِ لَعَنِتُّمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ حَبَّبَ إِلَيْكُمُ الْإِيمَانَ وَزَيَّنَهُ فِي قُلُوبِكُمْ وَكَرَّهَ إِلَيْكُمُ الْكُفْرَ وَالْفُسُوقَ وَالْعِصْيَانَ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الرَّاشِدُونَ
Isin keessa ergamaa Rabbiittu jiraa beekaa. Dhimmoota baay’ee keessatti odoo isin tole jedhee nirakkattu ture. Garuu Rabbiin iimaana gara keessanitti jaallachiise, onneewwan keessan keessatti isa bareeche, kufrii, fincilaafi dilii gara keessanitti jibbamaa godhe. Isaan sun (warri iimaana jaalatanii kufrii jibban) isaanumatu qajeeloodha.
فَضْلًا مِنَ اللَّهِ وَنِعْمَةً ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Tolaafi ni’imaa Rabbi irraa ta’een (kana godhe). Rabbiin beekaa, ogeessa.
وَإِنْ طَائِفَتَانِ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ اقْتَتَلُوا فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا ۖ فَإِنْ بَغَتْ إِحْدَاهُمَا عَلَى الْأُخْرَىٰ فَقَاتِلُوا الَّتِي تَبْغِي حَتَّىٰ تَفِيءَ إِلَىٰ أَمْرِ اللَّهِ ۚ فَإِنْ فَاءَتْ فَأَصْلِحُوا بَيْنَهُمَا بِالْعَدْلِ وَأَقْسِطُوا ۖ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ
Yoo gareen mu’uminoota irraa ta’an lama wal waraanan, gidduu isaanii araarsaa. Yoo takkaan isaan lameeni taan irratti daangaa dabrite, ishee daangaa dabrite san hanga isheen gara ajaja Rabbii deebitutti waraanaa. Yoo isheen (ajaja Rabbiitif) bulte gidduu isaanitti haqaan tolchaa; wal qixxeessa. Rabbiin warra wal qixxeessan jaallata.
إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ إِخْوَةٌ فَأَصْلِحُوا بَيْنَ أَخَوَيْكُمْ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ لَعَلَّكُمْ تُرْحَمُونَ
Mu’umintoonni obboleeyyani; gidduu obboleeyyan keessanii tolchaa. Rabbiin sodaadhaa Akka rahmanni isinii godhamuuf jecha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِنْ قَوْمٍ عَسَىٰ أَنْ يَكُونُوا خَيْرًا مِنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِنْ نِسَاءٍ عَسَىٰ أَنْ يَكُنَّ خَيْرًا مِنْهُنَّ ۖ وَلَا تَلْمِزُوا أَنْفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَنْ لَمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ
Isin yaa warra amantan ormi orma irratti (Dhiironni dhiirota biraatti) hin qoosin. Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Dubartoonnis dubartoota biraa (hinqoosin). Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. lubbuulee teessan wal hin eybessinaa; maqaa qoosaatiin wal hin arrabsinaa. Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (jallinaa) waa fokkatee! Namni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اجْتَنِبُوا كَثِيرًا مِنَ الظَّنِّ إِنَّ بَعْضَ الظَّنِّ إِثْمٌ ۖ وَلَا تَجَسَّسُوا وَلَا يَغْتَبْ بَعْضُكُمْ بَعْضًا ۚ أَيُحِبُّ أَحَدُكُمْ أَنْ يَأْكُلَ لَحْمَ أَخِيهِ مَيْتًا فَكَرِهْتُمُوهُ ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ تَوَّابٌ رَحِيمٌ
Yaa warra amantan! Hedduu seehaa (mamii) irraa fagaadhaa; gariin seehaa diliidha. Wal hin basaasinaa. Gariin keessanis garii hin hamatin. Tokkoon keessan foon obboleessa isaa odoo du’ee jiruu nyaachuu ni fedhaa? jibbitanii jirtan. (isa jiraa hoo maalif nyaachuu feetan?) Rabbiin sodaadhaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha.
يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُمْ مِنْ ذَكَرٍ وَأُنْثَىٰ وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِنْدَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ
Isin Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii (Aadamiifii hawwaa) irraa isin uumne, sabootaafi gosoota isin taasifne akka wal beektaniif jecha. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin beekaa keessa hubataadha.
قَالَتِ الْأَعْرَابُ آمَنَّا ۖ قُلْ لَمْ تُؤْمِنُوا وَلَٰكِنْ قُولُوا أَسْلَمْنَا وَلَمَّا يَدْخُلِ الْإِيمَانُ فِي قُلُوبِكُمْ ۖ وَإِنْ تُطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ لَا يَلِتْكُمْ مِنْ أَعْمَالِكُمْ شَيْئًا ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Shanaanoon “nuti amanneerra” jette. jedhiin isin hin amanne garuu islaamoyne jedhaa, hanga silaa iimaanni onneewwan keessan keessa hin seenne. yoo ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhattan, hojiiwwan keessan irraa homaa isinduraa hin hir’isu. Rabbiin araaramaa, mararfataadha.
إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ثُمَّ لَمْ يَرْتَابُوا وَجَاهَدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الصَّادِقُونَ
Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii hinshakkini, qabeenyaalee isaanitiifi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan isaanumatu warra dhugaati.
قُلْ أَتُعَلِّمُونَ اللَّهَ بِدِينِكُمْ وَاللَّهُ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ
Jedhi: “Amantii keessan Rabbiin beysiistanii? Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru ni beeka. Rabbiin waan hunda beekaadha.”
يَمُنُّونَ عَلَيْكَ أَنْ أَسْلَمُوا ۖ قُلْ لَا تَمُنُّوا عَلَيَّ إِسْلَامَكُمْ ۖ بَلِ اللَّهُ يَمُنُّ عَلَيْكُمْ أَنْ هَدَاكُمْ لِلْإِيمَانِ إِنْ كُنْتُمْ صَادِقِينَ
Islaamawuu isaaniitiin sirratti galata himatu “Islaamummaa keessaniin ana irratti galata hin himatinaa, Rabbiin waan imaanatti isin qajeelcheef isin irratti galata himata” jedhiin. Yoo warra dhugaa taatan (kan galata himatu Rabbi tahuu beekaa).
إِنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ غَيْبَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ بَصِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ
Rabbiin fagoo samiileefi dachii keessaa ni beeka. Rabbiin waan isin dalagdan (hunda) argaadha.”