وَالنَّجْمِ إِذَا هَوَىٰ
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene).
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
وَالنَّجْمِ إِذَا هَوَىٰ
Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene).
مَا ضَلَّ صَاحِبُكُمْ وَمَا غَوَىٰ
Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.
وَمَا يَنْطِقُ عَنِ الْهَوَىٰ
Fedhii lubbuu irraa hin haasawu.
إِنْ هُوَ إِلَّا وَحْيٌ يُوحَىٰ
Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.
عَلَّمَهُ شَدِيدُ الْقُوَىٰ
(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.
ذُو مِرَّةٍ فَاسْتَوَىٰ
Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.
وَهُوَ بِالْأُفُقِ الْأَعْلَىٰ
Inni (jibriil) moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e).
ثُمَّ دَنَا فَتَدَلَّىٰ
Ergasii dhihaatee gadis bu’e.
فَكَانَ قَابَ قَوْسَيْنِ أَوْ أَدْنَىٰ
Hanga (fageenya) qabannaa gooboo (dagaanaa) lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e.
فَأَوْحَىٰ إِلَىٰ عَبْدِهِ مَا أَوْحَىٰ
Gara gabricha Isaatti waan wahyii godhe wahyii godhe.
مَا كَذَبَ الْفُؤَادُ مَا رَأَىٰ
Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.
أَفَتُمَارُونَهُ عَلَىٰ مَا يَرَىٰ
Sila waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormitanii?
وَلَقَدْ رَآهُ نَزْلَةً أُخْرَىٰ
Dhugumatti yeroo biraas isa argeera.
عِنْدَ سِدْرَةِ الْمُنْتَهَىٰ
Qurquraa dhumaa (samii torbaffaa) biratti arge.
عِنْدَهَا جَنَّةُ الْمَأْوَىٰ
Ishee bira jannata qubsumaatu jira.
إِذْ يَغْشَى السِّدْرَةَ مَا يَغْشَىٰ
Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).
مَا زَاغَ الْبَصَرُ وَمَا طَغَىٰ
Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.
لَقَدْ رَأَىٰ مِنْ آيَاتِ رَبِّهِ الْكُبْرَىٰ
Dhugumatti, inni (Nabi Muhammad) mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera.
أَفَرَأَيْتُمُ اللَّاتَ وَالْعُزَّىٰ
Mee (taabota) Laatiifi Uzzaa (jedhaman) naaf himaa?
وَمَنَاةَ الثَّالِثَةَ الْأُخْرَىٰ
(tan biroo) Manaatiin tan sadaffaa taates (naaf himaa)?
أَلَكُمُ الذَّكَرُ وَلَهُ الْأُنْثَىٰ
Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?
تِلْكَ إِذًا قِسْمَةٌ ضِيزَىٰ
Isheen kun yoggas qooda jalloodha.
إِنْ هِيَ إِلَّا أَسْمَاءٌ سَمَّيْتُمُوهَا أَنْتُمْ وَآبَاؤُكُمْ مَا أَنْزَلَ اللَّهُ بِهَا مِنْ سُلْطَانٍ ۚ إِنْ يَتَّبِعُونَ إِلَّا الظَّنَّ وَمَا تَهْوَى الْأَنْفُسُ ۖ وَلَقَدْ جَاءَهُمْ مِنْ رَبِّهِمُ الْهُدَىٰ
Isheen (taabonni) maqoota (qullaa) isiniifi abbootiin keessan moggaaftani malee homaa miti. Rabbiin ragaa isheef hin buufne. Se’aafi waan lubbuuleen isaanii feetu malee waan biraa hin hordofan. Dhugumaan qajeellloon Rabbii isaanii irraa isaanitti dhufee jira.
أَمْ لِلْإِنْسَانِ مَا تَمَنَّىٰ
Moo namaaf waanuma hawwetu jira?
فَلِلَّهِ الْآخِرَةُ وَالْأُولَىٰ
Aakiraafi tanduraatis Rabbiif taate.
وَكَمْ مِنْ مَلَكٍ فِي السَّمَاوَاتِ لَا تُغْنِي شَفَاعَتُهُمْ شَيْئًا إِلَّا مِنْ بَعْدِ أَنْ يَأْذَنَ اللَّهُ لِمَنْ يَشَاءُ وَيَرْضَىٰ
meeqaa meeqaatu Maleeykota irraa samii keessa jiru? kan manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne, erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee, jaallate malee.
إِنَّ الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِالْآخِرَةِ لَيُسَمُّونَ الْمَلَائِكَةَ تَسْمِيَةَ الْأُنْثَىٰ
Isaan Aakhiratti hin amanne moggaasa dubartootaa maleeykota moggaasu.
وَمَا لَهُمْ بِهِ مِنْ عِلْمٍ ۖ إِنْ يَتَّبِعُونَ إِلَّا الظَّنَّ ۖ وَإِنَّ الظَّنَّ لَا يُغْنِي مِنَ الْحَقِّ شَيْئًا
Isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Shakkii malee homaa hin hordofanu. Shakkiin immoo dhugaa irraa homaa hin duroomsu.
فَأَعْرِضْ عَنْ مَنْ تَوَلَّىٰ عَنْ ذِكْرِنَا وَلَمْ يُرِدْ إِلَّا الْحَيَاةَ الدُّنْيَا
Nama yaadannoo keenya irraa garagalee, jiruu addunyaa malee hin fedhin irraa garagali.
ذَٰلِكَ مَبْلَغُهُمْ مِنَ الْعِلْمِ ۚ إِنَّ رَبَّكَ هُوَ أَعْلَمُ بِمَنْ ضَلَّ عَنْ سَبِيلِهِ وَهُوَ أَعْلَمُ بِمَنِ اهْتَدَىٰ
Kun beekumsa irraa daangaa isaaniiti. Rabbiin kee Isumatu nama karaa Isaa irraa jallate akkaan beekaadha. Inni nama qajeeles akkaan beekaadha.
وَلِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ لِيَجْزِيَ الَّذِينَ أَسَاءُوا بِمَا عَمِلُوا وَيَجْزِيَ الَّذِينَ أَحْسَنُوا بِالْحُسْنَى
Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan Rabbiiti. Isaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif galata galchuuf isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).
الَّذِينَ يَجْتَنِبُونَ كَبَائِرَ الْإِثْمِ وَالْفَوَاحِشَ إِلَّا اللَّمَمَ ۚ إِنَّ رَبَّكَ وَاسِعُ الْمَغْفِرَةِ ۚ هُوَ أَعْلَمُ بِكُمْ إِذْ أَنْشَأَكُمْ مِنَ الْأَرْضِ وَإِذْ أَنْتُمْ أَجِنَّةٌ فِي بُطُونِ أُمَّهَاتِكُمْ ۖ فَلَا تُزَكُّوا أَنْفُسَكُمْ ۖ هُوَ أَعْلَمُ بِمَنِ اتَّقَىٰ
Isaan sun warra dogoggora xixiqqoo malee dilii gugurdoofi sagaagalummaa irraa fagaataniidha. Gooftaan kee araaramni Isaa bal’aadha. Inni akkaan isin beekaadha yeroo dachii irraa isin uumeefi yeroo isin garaalee haadholee teessanii keessatti ulfoowwan taatanii jirtan . Lubbuulee teessan hin qulqulleessinaa. Inni nama (Isa) sodaatu akkaan beekaadha.
أَفَرَأَيْتَ الَّذِي تَوَلَّىٰ
Mee isa gara gale naaf himi?
وَأَعْطَىٰ قَلِيلًا وَأَكْدَىٰ
Kan xiqqoo kennee, ergasii dhoorgate.
أَعِنْدَهُ عِلْمُ الْغَيْبِ فَهُوَ يَرَىٰ
Sila beekumsi fagoottu isa bira jiraa? inni (isa) beekee? (lakkii nikijibaa).
أَمْ لَمْ يُنَبَّأْ بِمَا فِي صُحُفِ مُوسَىٰ
Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?
وَإِبْرَاهِيمَ الَّذِي وَفَّىٰ
Kan (barreefama) Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees.
أَلَّا تَزِرُ وَازِرَةٌ وِزْرَ أُخْرَىٰ
(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.
وَأَنْ لَيْسَ لِلْإِنْسَانِ إِلَّا مَا سَعَىٰ
Namaaf (galata) waan hojjate malee hintaane.
وَأَنَّ سَعْيَهُ سَوْفَ يُرَىٰ
Hojiin isaa uf duratti (guyyaa qiyaamaa) ni mul'ata.
ثُمَّ يُجْزَاهُ الْجَزَاءَ الْأَوْفَىٰ
eegasii mindaa guutuutu isaaf kennamaadha.
وَأَنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ الْمُنْتَهَىٰ
Xumurri (deebiin) (waan hundaas) gara Rabbii keetiitti.
وَأَنَّهُ هُوَ أَضْحَكَ وَأَبْكَىٰ
Inni Isumatu kofalchiise; boochises.
وَأَنَّهُ هُوَ أَمَاتَ وَأَحْيَا
Inni Isumatu ajjeese; jiraachises.
وَأَنَّهُ خَلَقَ الزَّوْجَيْنِ الذَّكَرَ وَالْأُنْثَىٰ
Inni cqidii lama, kormaafi dhalaa, uume.
مِنْ نُطْفَةٍ إِذَا تُمْنَىٰ
Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo (gadaamessaa keessatti) nagamtu.
وَأَنَّ عَلَيْهِ النَّشْأَةَ الْأُخْرَىٰ
Uumuun boodaas isuma (Rabbuma) irra jira. (kun kan kaafamiinsa guyyaa qiyaamaati).
وَأَنَّهُ هُوَ أَغْنَىٰ وَأَقْنَىٰ
Inni Isa duroomseefi hiyyoomseedha.
وَأَنَّهُ هُوَ رَبُّ الشِّعْرَىٰ
Inni Isumatu Gooftaa Shi’iraati
وَأَنَّهُ أَهْلَكَ عَادًا الْأُولَىٰ
Isumatu Aadii duraa balleesse.
وَثَمُودَ فَمَا أَبْقَىٰ
(Ummata) Samuudis (nidhabamsiise) hin hambifne.
وَقَوْمَ نُوحٍ مِنْ قَبْلُ ۖ إِنَّهُمْ كَانُوا هُمْ أَظْلَمَ وَأَطْغَىٰ
Ummata Nuuhis sana dura (balleesse) Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.
وَالْمُؤْتَفِكَةَ أَهْوَىٰ
Ganda gombifamtuus gadi kuffise.
فَغَشَّاهَا مَا غَشَّىٰ
Wanti haguuge ishee haguuge (dhagaacha irratti roobsamerraa kantahe).
فَبِأَيِّ آلَاءِ رَبِّكَ تَتَمَارَىٰ
Ni’imaalee Rabbii keetii irraa kamiin shakkita?
هَٰذَا نَذِيرٌ مِنَ النُّذُرِ الْأُولَىٰ
Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.
أَزِفَتِ الْآزِفَةُ
Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatte.
لَيْسَ لَهَا مِنْ دُونِ اللَّهِ كَاشِفَةٌ
Rabbiin malee isheef mul’iftuun hin jirtu.
أَفَمِنْ هَٰذَا الْحَدِيثِ تَعْجَبُونَ
Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?
وَتَضْحَكُونَ وَلَا تَبْكُونَ
Ni kolfitanii! Hin boochanii?
وَأَنْتُمْ سَامِدُونَ
Haala isin dagamoo taataniin (irraa garagaltanii)?
فَاسْجُدُوا لِلَّهِ وَاعْبُدُوا ۩
Allaah’f sujuudaa; (Isuma qofa) gabbaraa