The Hypocrites · al-Munafiqun · سورة المنافقون · 11 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

إِذَا جَاءَكَ الْمُنَافِقُونَ قَالُوا نَشْهَدُ إِنَّكَ لَرَسُولُ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ يَعْلَمُ إِنَّكَ لَرَسُولُهُ وَاللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّ الْمُنَافِقِينَ لَكَاذِبُونَ

Munaafiqoonni yeroo sitti dhufan "ati Ergamaa Rabbii ta'uu kee ragaa baana" jedhu. Rabbiin ati Ergamaa isaa ta'uu ni beeka. Munaafiqoonni kijibdoota ta'uu Rabbiin ragaa ba'a.

اتَّخَذُوا أَيْمَانَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ ۚ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ

Kakuulee isaanii gaachana godhatanii karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaan wanti isaan dalagaa turan fokkate.}

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ آمَنُوا ثُمَّ كَفَرُوا فَطُبِعَ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَفْقَهُونَ

Kun sababa isaan amananii ergasii (dhooysaan) kafaraniifi, onneewwan isaanii irratti cufame, isaan hin hubatan.

وَإِذَا رَأَيْتَهُمْ تُعْجِبُكَ أَجْسَامُهُمْ ۖ وَإِنْ يَقُولُوا تَسْمَعْ لِقَوْلِهِمْ ۖ كَأَنَّهُمْ خُشُبٌ مُسَنَّدَةٌ ۖ يَحْسَبُونَ كُلَّ صَيْحَةٍ عَلَيْهِمْ ۚ هُمُ الْعَدُوُّ فَاحْذَرْهُمْ ۚ قَاتَلَهُمُ اللَّهُ ۖ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ

Yeroo isaan argite qaamoleen isaanii si dinqisiifti. Yoo isaan haasa'anis dubbii isaanii ni dhageeffata. Isaan akka mukkeen (dibaa)(gudeelcha) hirkifameeti. Iyya hundaa isaan irratti (iyyame) jechuu yaadu. Isaanumatu diinota isaan eeggadhu. Rabbiin isaan haa abaaruu akkamitti (amantii irraa) deebi'an!

وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا يَسْتَغْفِرْ لَكُمْ رَسُولُ اللَّهِ لَوَّوْا رُءُوسَهُمْ وَرَأَيْتَهُمْ يَصُدُّونَ وَهُمْ مُسْتَكْبِرُونَ

Yeroo "kottaa Ergamaan Rabbii araarama (Rabbi) isiniif haa kadhatuu" isaaniin jedhame (qishnaaf jecha) mataalee isaanii naannessu, Kan isaan boonaa gara galan ni argita.

سَوَاءٌ عَلَيْهِمْ أَسْتَغْفَرْتَ لَهُمْ أَمْ لَمْ تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ لَنْ يَغْفِرَ اللَّهُ لَهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ

Araarama isaanii kadhattus isaanii kadhachuu baattus isaan irratti wal qixa; Rabbiin isaaniif hin araaramu. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.

هُمُ الَّذِينَ يَقُولُونَ لَا تُنْفِقُوا عَلَىٰ مَنْ عِنْدَ رَسُولِ اللَّهِ حَتَّىٰ يَنْفَضُّوا ۗ وَلِلَّهِ خَزَائِنُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَلَٰكِنَّ الْمُنَافِقِينَ لَا يَفْقَهُونَ

Isaan warra "namoota Ergamaa Rabbii bira jiranirratti hin arjoominaa hanga isaan faffaca'anutti " jedhanuudha. Kuusaaleen samiileefi dachii kan Rabbiiti; garuu munaafiqoonni hin hubatanu.

يَقُولُونَ لَئِنْ رَجَعْنَا إِلَى الْمَدِينَةِ لَيُخْرِجَنَّ الْأَعَزُّ مِنْهَا الْأَذَلَّ ۚ وَلِلَّهِ الْعِزَّةُ وَلِرَسُولِهِ وَلِلْمُؤْمِنِينَ وَلَٰكِنَّ الْمُنَافِقِينَ لَا يَعْلَمُونَ

Nijedhan "Yoo gara Madiinaa deebine, jajjaboonni lallaafota baasuuf jira". Injifannoon kan Rabbiiti, kan Ergamaa Isaatiifi kan mu’uminootaati; garuu munaafiqoonni hin beekan.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تُلْهِكُمْ أَمْوَالُكُمْ وَلَا أَوْلَادُكُمْ عَنْ ذِكْرِ اللَّهِ ۚ وَمَنْ يَفْعَلْ ذَٰلِكَ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ

Yaa warra amantan! Qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessan zikrii Rabbii irraa isin hin dagin, Namni kana dalage isaan isaanumatu hoonga'oota.

وَأَنْفِقُوا مِنْ مَا رَزَقْنَاكُمْ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَأْتِيَ أَحَدَكُمُ الْمَوْتُ فَيَقُولَ رَبِّ لَوْلَا أَخَّرْتَنِي إِلَىٰ أَجَلٍ قَرِيبٍ فَأَصَّدَّقَ وَأَكُنْ مِنَ الصَّالِحِينَ

Waan nuti isiniif kennine irraa kennadhaa Odoo tokkoon keessan duuti itti dhuftee hinjenneen dura. "Gooftaa kiyya! Odoo hanga beellama gabaabaatti na tursiiftee, silaa dhugumatti, sadaqadheen warra gaggaarii irraayis ta'a"

وَلَنْ يُؤَخِّرَ اللَّهُ نَفْسًا إِذَا جَاءَ أَجَلُهَا ۚ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ

Rabbiin lubbuu takkallee yeroo beellamni ishee dhufe hin tursiisu. Rabbiin keessa Beekaa waan isin dalagdaniiti.