وَاللَّيْلِ إِذَا يَغْشَىٰ
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) (dukkanaan dachii) haguuge.
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
وَاللَّيْلِ إِذَا يَغْشَىٰ
Halkaniin (nan kakadha); yeroo (inni) (dukkanaan dachii) haguuge.
وَالنَّهَارِ إِذَا تَجَلَّىٰ
Guyyaanis (ninkakadhaa) yeroo inni mul'ate;
وَمَا خَلَقَ الذَّكَرَ وَالْأُنْثَىٰ
Uuminsa isa kormaafi dhalaa uumeenis;
إِنَّ سَعْيَكُمْ لَشَتَّىٰ
Dhugumatti, dalagaan keessan adda adda (wal dhaba) (kuun jallaa kuun qajeelaadha).
فَأَمَّا مَنْ أَعْطَىٰ وَاتَّقَىٰ
Ammoo Namni kennatee Rabbiin sodaate,
وَصَدَّقَ بِالْحُسْنَىٰ
(Islaamummaa) bareedduu dhugoomse,
فَسَنُيَسِّرُهُ لِلْيُسْرَىٰ
(Karaa) laaftuuf isa laaffisuuf jirra (hojii gaarii isaaf laaffifna).
وَأَمَّا مَنْ بَخِلَ وَاسْتَغْنَىٰ
Ammoo Nama dony'oomee (karaa Rabbii keessatti kennuu didee) of ga’e,
وَكَذَّبَ بِالْحُسْنَىٰ
(Islaamummaa) bareedduu sobsiise,
فَسَنُيَسِّرُهُ لِلْعُسْرَىٰ
(Karaa) jabduuf isa laaffisuuf jirra (hamtuu hojjatuutu isaaf laafa).
وَمَا يُغْنِي عَنْهُ مَالُهُ إِذَا تَرَدَّىٰ
Yeroo inni (ibiddatti) kufu qabeenyi isaa isa hin fayyadu.
إِنَّ عَلَيْنَا لَلْهُدَىٰ
Karaa qajeelaa ifa galchuun (mul'isuun) Nurra jira.
وَإِنَّ لَنَا لَلْآخِرَةَ وَالْأُولَىٰ
Aakhiraafi addunyaan nuuf tahe (keenya).
فَأَنْذَرْتُكُمْ نَارًا تَلَظَّىٰ
(Yaa ilmaan namaa) (Ani) Ibidda qabsiifamaa ta'e isin sodaachise.
لَا يَصْلَاهَا إِلَّا الْأَشْقَى
Hoonga’aa (kaafira) malee ishee hin seenu.
الَّذِي كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ
Kan (islaamummaa) sobsiisee gara gale (malee).
وَسَيُجَنَّبُهَا الْأَتْقَى
Namni Rabbiin sodaatu ishee irraa fageeffamuuf jira.
الَّذِي يُؤْتِي مَالَهُ يَتَزَكَّىٰ
Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu.
وَمَا لِأَحَدٍ عِنْدَهُ مِنْ نِعْمَةٍ تُجْزَىٰ
Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamtu hin jirreen (kan kennatu).
إِلَّا ابْتِغَاءَ وَجْهِ رَبِّهِ الْأَعْلَىٰ
Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta'e barbaachaaf malee (hin kennu).
وَلَسَوْفَ يَرْضَىٰ
Dhugumatti, inni fuulduratti (galata Rabbiin isaa galchuun) jaalachuuf jira.