Clot · al-'Alaq · سورة العلق · 19 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

اقْرَأْ بِاسْمِ رَبِّكَ الَّذِي خَلَقَ

Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.

خَلَقَ الْإِنْسَانَ مِنْ عَلَقٍ

(Isa) nama dhiiga ititaa irraa uume.

اقْرَأْ وَرَبُّكَ الْأَكْرَمُ

Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.

الَّذِي عَلَّمَ بِالْقَلَمِ

Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.

عَلَّمَ الْإِنْسَانَ مَا لَمْ يَعْلَمْ

Nama, waan inni hin beekne barsiise.

كَلَّا إِنَّ الْإِنْسَانَ لَيَطْغَىٰ

Dhugumatti, namni (jallaan) daangaa dabra.

أَنْ رَآهُ اسْتَغْنَىٰ

Sababa duroomuu of arguutiin.

إِنَّ إِلَىٰ رَبِّكَ الرُّجْعَىٰ

(guyyaa qiyaamaa) Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.

أَرَأَيْتَ الَّذِي يَنْهَىٰ

Sila isa dhorgu san argitee?

عَبْدًا إِذَا صَلَّىٰ

Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)?

أَرَأَيْتَ إِنْ كَانَ عَلَى الْهُدَىٰ

Yoo inni (dhoorgame kun) qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!

أَوْ أَمَرَ بِالتَّقْوَىٰ

Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?

أَرَأَيْتَ إِنْ كَذَّبَ وَتَوَلَّىٰ

Yoo inni (Abuu Jahal) (ergamaa) kijibsiisee (islaamummaa) irraa gara gale hoo mee naaf himi?

أَلَمْ يَعْلَمْ بِأَنَّ اللَّهَ يَرَىٰ

Sila inni (abujahli) (hamtuu inni hojjate tana) Rabbiin niargaa hin beekuu?

كَلَّا لَئِنْ لَمْ يَنْتَهِ لَنَسْفَعًا بِالنَّاصِيَةِ

Miti; yoo inni (Abuu Jahal) dhorgamuu baate, sammuu (isa) qabna.

نَاصِيَةٍ كَاذِبَةٍ خَاطِئَةٍ

Sammuu sobduu, dogoggortuu taate (qabna).

فَلْيَدْعُ نَادِيَهُ

(akka isa gargaaraniif) Garee isaa haa waammatu.

سَنَدْعُ الزَّبَانِيَةَ

Nutis waardiyyaa keenya (kan azaabaa) waammachuuf jirra.

كَلَّا لَا تُطِعْهُ وَاسْجُدْ وَاقْتَرِبْ ۩

Miti! ajaja isaa tole hinjedhin, Sujuudi, gara Rabbiitti dhihaadhu.