Al-Baqarah 2:217

Compare 2 Oromo translations

يَسْأَلُونَكَ عَنِ الشَّهْرِ الْحَرَامِ قِتَالٍ فِيهِ ۖ قُلْ قِتَالٌ فِيهِ كَبِيرٌ ۖ وَصَدٌّ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ وَكُفْرٌ بِهِ وَالْمَسْجِدِ الْحَرَامِ وَإِخْرَاجُ أَهْلِهِ مِنْهُ أَكْبَرُ عِنْدَ اللَّهِ ۚ وَالْفِتْنَةُ أَكْبَرُ مِنَ الْقَتْلِ ۗ وَلَا يَزَالُونَ يُقَاتِلُونَكُمْ حَتَّىٰ يَرُدُّوكُمْ عَنْ دِينِكُمْ إِنِ اسْتَطَاعُوا ۚ وَمَنْ يَرْتَدِدْ مِنْكُمْ عَنْ دِينِهِ فَيَمُتْ وَهُوَ كَافِرٌ فَأُولَٰئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۖ وَأُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatu. Jedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadha. Karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, (namoota) Masjidal Haraam (irraa dhorguun) jiraattota isaa achi irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadha. Mokkoraatu (Shirkiitu) ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadha. Yoo danda’an hanga diinii keessan irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deeman. Namni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Ammas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.

Gali Ababor

Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatu. Jedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadha. Karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, (namoota) Masjidal Haraam (irraa dhorguun) jiraattota isaa isa irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadha (irra hamaadha). Mokkoraatu (Shirkiitu) ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadha. (mushriktoonni) Yoo danda’an hanga diinii keessan (islaamummaa) irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deeman. Namni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Ammas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha.

Rowwad Translation Center