Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifne. Isaan irraa nama Rabbiin ittiin dubbatetu jira. Garii isaaniis sadarkaa heddu ol kaase. Iisaa ilma Maryamiif ragaawwan ifa ta’an kenninee jirra. Ruuhii qulqulluun (Jibriiliin) isa jajjabeessine. Odoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turan. Garuu isaan wal dhabani. Isaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jira. Odoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata.
Al-Baqarah 2:253
Compare 2 Oromo translations
تِلْكَ الرُّسُلُ فَضَّلْنَا بَعْضَهُمْ عَلَىٰ بَعْضٍ ۘ مِنْهُمْ مَنْ كَلَّمَ اللَّهُ ۖ وَرَفَعَ بَعْضَهُمْ دَرَجَاتٍ ۚ وَآتَيْنَا عِيسَى ابْنَ مَرْيَمَ الْبَيِّنَاتِ وَأَيَّدْنَاهُ بِرُوحِ الْقُدُسِ ۗ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ مَا اقْتَتَلَ الَّذِينَ مِنْ بَعْدِهِمْ مِنْ بَعْدِ مَا جَاءَتْهُمُ الْبَيِّنَاتُ وَلَٰكِنِ اخْتَلَفُوا فَمِنْهُمْ مَنْ آمَنَ وَمِنْهُمْ مَنْ كَفَرَ ۚ وَلَوْ شَاءَ اللَّهُ مَا اقْتَتَلُوا وَلَٰكِنَّ اللَّهَ يَفْعَلُ مَا يُرِيدُ
DragHold to move · × to hide
Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifne. Isaan irraa nama Rabbiin itti haasayetu jira. Garii isaanii sadarkaa heddu ol fuudhe. Iisaa ilma Maryamiif ragaawwan ifa ta’an kenninee jirra. Ruuhulqudusiin (Jibriiliin) isa jajjabeessine. Odoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turan. Garuu isaan wal dhabani. Isaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jira. Odoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata.