Al-Baqarah 2:26

Compare 2 Oromo translations

إِنَّ اللَّهَ لَا يَسْتَحْيِي أَنْ يَضْرِبَ مَثَلًا مَا بَعُوضَةً فَمَا فَوْقَهَا ۚ فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا فَيَعْلَمُونَ أَنَّهُ الْحَقُّ مِنْ رَبِّهِمْ ۖ وَأَمَّا الَّذِينَ كَفَرُوا فَيَقُولُونَ مَاذَا أَرَادَ اللَّهُ بِهَٰذَا مَثَلًا ۘ يُضِلُّ بِهِ كَثِيرًا وَيَهْدِي بِهِ كَثِيرًا ۚ وَمَا يُضِلُّ بِهِ إِلَّا الْفَاسِقِينَ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Dhugumatti Rabbiin bookees taatee waan ishee irra guddaa (yookiin xiqqaa) fakkeenya taasisuu hin saalfatu. Warri amanan akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta’e ni beeku. Isaan kafaran immoo "Rabbiin fakkeenya kanatti maal fedhe?" jedhu. [Rabbiin] kanaan (namoota) baay’ee jallisee, (namoota) baay’ees qajeelcha. Finciltoota malees (kan biraa) ittiin hin jallisu.

Gali Ababor

Dhugumatti Rabbiin bookees taatee waan ishee irra guddaa (yookiin xiqqaa) fakkeenya taasisuu hin saalfatu. Warri amanan akka inni dhugaa Gooftaa isaaniirraa ta’e ni beeku. Isaan kafaran immoo "Rabbiin fakkeenya kanatti maal fedhe?" jedhu. [Rabbiin] kanaan (namoota) baay’ee jallisa, (namoota) baay’ees qajeelcha. Finciltoota malees (kan biraa) ittiin hin jallisu.

Rowwad Translation Center