Aal 'Imran 3:154

Compare 2 Oromo translations

ثُمَّ أَنْزَلَ عَلَيْكُمْ مِنْ بَعْدِ الْغَمِّ أَمَنَةً نُعَاسًا يَغْشَىٰ طَائِفَةً مِنْكُمْ ۖ وَطَائِفَةٌ قَدْ أَهَمَّتْهُمْ أَنْفُسُهُمْ يَظُنُّونَ بِاللَّهِ غَيْرَ الْحَقِّ ظَنَّ الْجَاهِلِيَّةِ ۖ يَقُولُونَ هَلْ لَنَا مِنَ الْأَمْرِ مِنْ شَيْءٍ ۗ قُلْ إِنَّ الْأَمْرَ كُلَّهُ لِلَّهِ ۗ يُخْفُونَ فِي أَنْفُسِهِمْ مَا لَا يُبْدُونَ لَكَ ۖ يَقُولُونَ لَوْ كَانَ لَنَا مِنَ الْأَمْرِ شَيْءٌ مَا قُتِلْنَا هَاهُنَا ۗ قُلْ لَوْ كُنْتُمْ فِي بُيُوتِكُمْ لَبَرَزَ الَّذِينَ كُتِبَ عَلَيْهِمُ الْقَتْلُ إِلَىٰ مَضَاجِعِهِمْ ۖ وَلِيَبْتَلِيَ اللَّهُ مَا فِي صُدُورِكُمْ وَلِيُمَحِّصَ مَا فِي قُلُوبِكُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Ergasii cinqaa booda tasgabbii, hirriba garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuse. Garee biraa immoo dhugumatti lubbuuleen isaanii isaan yaachifteetti. Waan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu. “Sila nuti dhimmicha irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuulee isaanii keessatti dhoksu. “Odoo dhimmicha irraa waan tokko qabaannee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhu. Jedhi “odoma manneen keessan keessa taataniiyyuu, warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qomoota keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onneelee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe). Rabbiinis waan qomoota keessaa beekaadha.

Gali Ababor

Ergasii cinqaa booda tasgabbii, mugaatii garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuse. Garee biraa immoo lubbuuleen isaanii isaan yaachifteetti. Waan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu. “Sila nuti dhimmicha irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuulee isaanii keessatti dhoksu. “Odoo dhimmicha irraa wanni tokko nuuf tahee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhu. Jedhi “odoo manneen keessan keessa taatanillee warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qomoota keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onneelee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe). Rabbiin waan qomoota keessaa beekaadha.

Rowwad Translation Center