Al-Ma'idah 5:3

Compare 2 Oromo translations

حُرِّمَتْ عَلَيْكُمُ الْمَيْتَةُ وَالدَّمُ وَلَحْمُ الْخِنْزِيرِ وَمَا أُهِلَّ لِغَيْرِ اللَّهِ بِهِ وَالْمُنْخَنِقَةُ وَالْمَوْقُوذَةُ وَالْمُتَرَدِّيَةُ وَالنَّطِيحَةُ وَمَا أَكَلَ السَّبُعُ إِلَّا مَا ذَكَّيْتُمْ وَمَا ذُبِحَ عَلَى النُّصُبِ وَأَنْ تَسْتَقْسِمُوا بِالْأَزْلَامِ ۚ ذَٰلِكُمْ فِسْقٌ ۗ الْيَوْمَ يَئِسَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ دِينِكُمْ فَلَا تَخْشَوْهُمْ وَاخْشَوْنِ ۚ الْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ الْإِسْلَامَ دِينًا ۚ فَمَنِ اضْطُرَّ فِي مَخْمَصَةٍ غَيْرَ مُتَجَانِفٍ لِإِثْمٍ ۙ فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Isinirratti haraama godhamte Baktiin, dhiignis, foon booyyees, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteetti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Gali Ababor

Isinirratti haraama godhamte Baktiin (waan osoo hingorra'amin du'e), dhiignis, foon booyyees, waan (yeroo gorra'amu) (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames (kana hundaa nyaachuun isirratti dhoowwaadha). xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteejirti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Rowwad Translation Center