Al-Ma'idah 5:6

Compare 2 Oromo translations

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا قُمْتُمْ إِلَى الصَّلَاةِ فَاغْسِلُوا وُجُوهَكُمْ وَأَيْدِيَكُمْ إِلَى الْمَرَافِقِ وَامْسَحُوا بِرُءُوسِكُمْ وَأَرْجُلَكُمْ إِلَى الْكَعْبَيْنِ ۚ وَإِنْ كُنْتُمْ جُنُبًا فَاطَّهَّرُوا ۚ وَإِنْ كُنْتُمْ مَرْضَىٰ أَوْ عَلَىٰ سَفَرٍ أَوْ جَاءَ أَحَدٌ مِنْكُمْ مِنَ الْغَائِطِ أَوْ لَامَسْتُمُ النِّسَاءَ فَلَمْ تَجِدُوا مَاءً فَتَيَمَّمُوا صَعِيدًا طَيِّبًا فَامْسَحُوا بِوُجُوهِكُمْ وَأَيْدِيكُمْ مِنْهُ ۚ مَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيَجْعَلَ عَلَيْكُمْ مِنْ حَرَجٍ وَلَٰكِنْ يُرِيدُ لِيُطَهِّرَكُمْ وَلِيُتِمَّ نِعْمَتَهُ عَلَيْكُمْ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa). Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa). Yoo janaabawoo taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) qulqulleeffadhaa (dhiqadhaa). Yoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe, yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa). Isa irraas fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa'aa. Rabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhu. Garuu isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha, akka isin galateeffattaniif jecha.

Gali Ababor

Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan (ka'uu barbaaddan), fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa). Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa). Yoo janaabawoo taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) qulqulleeffadhaa (dhiqadhaa). Yoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe, yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa). Isa irraas fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa'aa. Rabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhu. Garuu isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha, akka isin galateeffattaniif jecha.

Rowwad Translation Center