Iron · al-Hadid · سورة الحديد · 29 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ

Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa, Ogeessa.

لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۖ وَهُوَ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ

Mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas. Inni waan hunda irratti danda’aadha.

هُوَ الْأَوَّلُ وَالْآخِرُ وَالظَّاهِرُ وَالْبَاطِنُ ۖ وَهُوَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ

Inni duruma jira; kan boodaatis; mul’ataadha; dhokataadha Inni waan hunda beekaadha.

هُوَ الَّذِي خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ فِي سِتَّةِ أَيَّامٍ ثُمَّ اسْتَوَىٰ عَلَى الْعَرْشِ ۚ يَعْلَمُ مَا يَلِجُ فِي الْأَرْضِ وَمَا يَخْرُجُ مِنْهَا وَمَا يَنْزِلُ مِنَ السَّمَاءِ وَمَا يَعْرُجُ فِيهَا ۖ وَهُوَ مَعَكُمْ أَيْنَ مَا كُنْتُمْ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Inni Isa samiileefi dachii guyyoota jaha keessatti uumee; ergasii ‘Arshii’ irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Waan dachii keessa gadi seenu nibeeka, waan ishee irraa ba’us, waan samii irraa bu’us, waan ishee keessa ol ba’us (ni beeka). Inni eessallee yoo jiraattan isin waliin jira. Rabbiin waan isin dalagdan hunda ni arga.

لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ

Mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Dhimmoonni gara Rabbiitti deebifamti.

يُولِجُ اللَّيْلَ فِي النَّهَارِ وَيُولِجُ النَّهَارَ فِي اللَّيْلِ ۚ وَهُوَ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ

Halkan guyyaa keessa seensisa; guyyaas halkan keessa seensisa. Inni beekaa waan qomoota keessa jiruuti.

آمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَأَنْفِقُوا مِمَّا جَعَلَكُمْ مُسْتَخْلَفِينَ فِيهِ ۖ فَالَّذِينَ آمَنُوا مِنْكُمْ وَأَنْفَقُوا لَهُمْ أَجْرٌ كَبِيرٌ

Rabbiifi ergamaa Isaatti amanaa; waan Inni isa keessatti bakka bu’oota isin taasise irraas kennadhaa. Isin irraa isaan amananii, arjooman, isaaniif mindaa guddaatu jira.

وَمَا لَكُمْ لَا تُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ ۙ وَالرَّسُولُ يَدْعُوكُمْ لِتُؤْمِنُوا بِرَبِّكُمْ وَقَدْ أَخَذَ مِيثَاقَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ

Sila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan? Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taatan (maaltu amanuu isin dhooraga).

هُوَ الَّذِي يُنَزِّلُ عَلَىٰ عَبْدِهِ آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ لِيُخْرِجَكُمْ مِنَ الظُّلُمَاتِ إِلَى النُّورِ ۚ وَإِنَّ اللَّهَ بِكُمْ لَرَءُوفٌ رَحِيمٌ

Inni Isa gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an buuseedha, dukkanoowwan irraa gara ifaatti isin baasuuf jecha. Allaah’n isin mararfataa, rahmata godhaadha.

وَمَا لَكُمْ أَلَّا تُنْفِقُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَلِلَّهِ مِيرَاثُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ لَا يَسْتَوِي مِنْكُمْ مَنْ أَنْفَقَ مِنْ قَبْلِ الْفَتْحِ وَقَاتَلَ ۚ أُولَٰئِكَ أَعْظَمُ دَرَجَةً مِنَ الَّذِينَ أَنْفَقُوا مِنْ بَعْدُ وَقَاتَلُوا ۚ وَكُلًّا وَعَدَ اللَّهُ الْحُسْنَىٰ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Karaa Rabbii keessatti kan hin arjoomne maaltu isiniif tahe? Dhaalli samiileefi dachiis kan Allaah qofa. Isin irraa namni injifannoo (Makkaa) dura arjoomeefi lole (isaan sana booda arjoomaniifi lolan wajjiin) wal hin qixxaatu. Isaan sun warra sana booda arjoomaniifi lolan irra sadarkaa guddaa qabu. Hundaa Rabbiin (mindaa) gaarii waadaa galeefii jira. Rabbiin iccitii waan isin dalagdanii beekaadha.

مَنْ ذَا الَّذِي يُقْرِضُ اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا فَيُضَاعِفَهُ لَهُ وَلَهُ أَجْرٌ كَرِيمٌ

Namni Rabbiif liqii gaarii liqeessu eenyu? kan Inni (Rabbiin) dachaa isaaf taasisu, kan mindaan gaariin isaaf ta’u.

يَوْمَ تَرَى الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ يَسْعَىٰ نُورُهُمْ بَيْنَ أَيْدِيهِمْ وَبِأَيْمَانِهِمْ بُشْرَاكُمُ الْيَوْمَ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ

Guyyaa mu’uminoota dhiiraafi dubartootaa argitu kan ifaan isaanii fuuldura isaanitiifi mirgaalee isaanii irra deemu “gammachuun keessan ar’a, oyruu jala isii laggeen yaatuudha isii keessatti hafoo taatanii (isii seentu); Sun milkii guddaadha” (isaaniin jedhama).

يَوْمَ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالْمُنَافِقَاتُ لِلَّذِينَ آمَنُوا انْظُرُونَا نَقْتَبِسْ مِنْ نُورِكُمْ قِيلَ ارْجِعُوا وَرَاءَكُمْ فَالْتَمِسُوا نُورًا فَضُرِبَ بَيْنَهُمْ بِسُورٍ لَهُ بَابٌ بَاطِنُهُ فِيهِ الرَّحْمَةُ وَظَاهِرُهُ مِنْ قِبَلِهِ الْعَذَابُ

Guyyaa munaafiqoonni dhiirotaafi dubartootaa isaan amananiin “nu eegaa! Ifaa keessan irraa qabsiifannaa!” jedhan, “Gara booda keessaniitti deebi’aa! Ifaa (achii) barbaadaa” jedhama. Gidduu isaaniitti jogola (dahoo) balballi isaaf taheet kaayama, kan keessoo isaa keessi rahmanni, ala isaa immoo kallattii isaatiin azaabn jiru.

يُنَادُونَهُمْ أَلَمْ نَكُنْ مَعَكُمْ ۖ قَالُوا بَلَىٰ وَلَٰكِنَّكُمْ فَتَنْتُمْ أَنْفُسَكُمْ وَتَرَبَّصْتُمْ وَارْتَبْتُمْ وَغَرَّتْكُمُ الْأَمَانِيُّ حَتَّىٰ جَاءَ أَمْرُ اللَّهِ وَغَرَّكُمْ بِاللَّهِ الْغَرُورُ

(Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti (islaamummarratti) isin waliin hin turree?” (jedhuun). nijedhniin “Eeyyeen! Garuu isin lubbuulee keessan (munaafiqummaadhaan) jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, (amantiis) shakkitanii, hawwiin sobaa isin gowwoomsitee hanga ajajni Rabbii (duuti) dhufutti, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse.

فَالْيَوْمَ لَا يُؤْخَذُ مِنْكُمْ فِدْيَةٌ وَلَا مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ مَأْوَاكُمُ النَّارُ ۖ هِيَ مَوْلَاكُمْ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ

Har’a isiniifi warra kafaran irraas kafaltiin (furtuun) hin fuudhamu. Teessoon keessan ibidda. Isheen isiniin maltuu teessani. Deebiin waa fokkate!

أَلَمْ يَأْنِ لِلَّذِينَ آمَنُوا أَنْ تَخْشَعَ قُلُوبُهُمْ لِذِكْرِ اللَّهِ وَمَا نَزَلَ مِنَ الْحَقِّ وَلَا يَكُونُوا كَالَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ مِنْ قَبْلُ فَطَالَ عَلَيْهِمُ الْأَمَدُ فَقَسَتْ قُلُوبُهُمْ ۖ وَكَثِيرٌ مِنْهُمْ فَاسِقُونَ

Warra amananiif qalbiileen isaanii zikrii Rabbiitiifi dhugaa irraa waan bu’eef laafutti hindhihaannee? Akka warra isaaniin dura kitaaba kennamanii tahuu dhabutti (hin dhihaannee?),kan yeroon isaanirratti dheerattee, qalbiileen isaanii goggogdee. baay’een isaan irraa tahe jallatoodha.

اعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يُحْيِي الْأَرْضَ بَعْدَ مَوْتِهَا ۚ قَدْ بَيَّنَّا لَكُمُ الْآيَاتِ لَعَلَّكُمْ تَعْقِلُونَ

Beekaa! Rabbiin dachii erga isheen (goggoginaan) duutee booda (roobaan) jiraachisa. Dhugumatti, keeyyattoota (keenya) isiniif addeessinee jirra akka isin hubattaniif jecha.

إِنَّ الْمُصَّدِّقِينَ وَالْمُصَّدِّقَاتِ وَأَقْرَضُوا اللَّهَ قَرْضًا حَسَنًا يُضَاعَفُ لَهُمْ وَلَهُمْ أَجْرٌ كَرِيمٌ

Dhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif taasifamaa. galanni gaariin isaaniif tahe.

وَالَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ أُولَٰئِكَ هُمُ الصِّدِّيقُونَ ۖ وَالشُّهَدَاءُ عِنْدَ رَبِّهِمْ لَهُمْ أَجْرُهُمْ وَنُورُهُمْ ۖ وَالَّذِينَ كَفَرُوا وَكَذَّبُوا بِآيَاتِنَا أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ الْجَحِيمِ

Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti amanani, isaantu warra dhugaan amananiidha. Wareegamtoonni Gooftaa isaanii biratti mindaa isaanitiifi ibsaa isaaniitu isaaniif jira. Isaan kafaranii keeyyattoota keenya kijibsiisan immoo isaan sun warra ibiddaati.

اعْلَمُوا أَنَّمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا لَعِبٌ وَلَهْوٌ وَزِينَةٌ وَتَفَاخُرٌ بَيْنَكُمْ وَتَكَاثُرٌ فِي الْأَمْوَالِ وَالْأَوْلَادِ ۖ كَمَثَلِ غَيْثٍ أَعْجَبَ الْكُفَّارَ نَبَاتُهُ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَاهُ مُصْفَرًّا ثُمَّ يَكُونُ حُطَامًا ۖ وَفِي الْآخِرَةِ عَذَابٌ شَدِيدٌ وَمَغْفِرَةٌ مِنَ اللَّهِ وَرِضْوَانٌ ۚ وَمَا الْحَيَاةُ الدُّنْيَا إِلَّا مَتَاعُ الْغُرُورِ

(Beekaa) Jireenyi addunyaa tapha, gammachuu (yeroo gabaabaa), miidhagina, dhaaddannoo gidduu keessaniitiifi qabeenyaafi ilmaan baay’ifaturratti waldorgomuu qofa. Akka fakkeenya rooba, margi isaa qotee bulaa dinqisiisee, kan ergasii gogee daalachaa’aa ta’uu argitee, ergasii caccabaa ta’eeti. Aakhiratti adabbii cimaa, araaramaafi jaalala Rabbi irraa ta’etu jira. Jireenyi addunyaa waan taane meeshaa daguuti malee.

سَابِقُوا إِلَىٰ مَغْفِرَةٍ مِنْ رَبِّكُمْ وَجَنَّةٍ عَرْضُهَا كَعَرْضِ السَّمَاءِ وَالْأَرْضِ أُعِدَّتْ لِلَّذِينَ آمَنُوا بِاللَّهِ وَرُسُلِهِ ۚ ذَٰلِكَ فَضْلُ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ

Wal dorgomaa Gara araarama Gooftaa keessan irraa taheetiifi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samiifi dachii ta’eetti. Isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti amananiif qophoofte. Kun tola Rabbiiti. isa nikenna nama fedheef. Rabbiin abbaa tola guddaati.

مَا أَصَابَ مِنْ مُصِيبَةٍ فِي الْأَرْضِ وَلَا فِي أَنْفُسِكُمْ إِلَّا فِي كِتَابٍ مِنْ قَبْلِ أَنْ نَبْرَأَهَا ۚ إِنَّ ذَٰلِكَ عَلَى اللَّهِ يَسِيرٌ

Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti (galmeessinu) malee hin hafu. kun Rabbi irratti laafaadha.

لِكَيْلَا تَأْسَوْا عَلَىٰ مَا فَاتَكُمْ وَلَا تَفْرَحُوا بِمَا آتَاكُمْ ۗ وَاللَّهُ لَا يُحِبُّ كُلَّ مُخْتَالٍ فَخُورٍ

Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi, waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe). Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu.

الَّذِينَ يَبْخَلُونَ وَيَأْمُرُونَ النَّاسَ بِالْبُخْلِ ۗ وَمَنْ يَتَوَلَّ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ

Isaan warra doynoomanii, namallee doynummatti ajajaniidha. Namni (amantii irraa) garagale (ufuma miidhe) Rabbiin dureessa faarfamaadha.

لَقَدْ أَرْسَلْنَا رُسُلَنَا بِالْبَيِّنَاتِ وَأَنْزَلْنَا مَعَهُمُ الْكِتَابَ وَالْمِيزَانَ لِيَقُومَ النَّاسُ بِالْقِسْطِ ۖ وَأَنْزَلْنَا الْحَدِيدَ فِيهِ بَأْسٌ شَدِيدٌ وَمَنَافِعُ لِلنَّاسِ وَلِيَعْلَمَ اللَّهُ مَنْ يَنْصُرُهُ وَرُسُلَهُ بِالْغَيْبِ ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ

Dhugumatti, ergamtoota keenya ragaawwan mul'ataa ta’aniin erginee, kitaabaafi miizaana isaan waliin buufnee akka namoonni haqaan dhaabbataniif jecha. Sibiilas buufneerra kan isa keessa humna cimaafi namootaaf bu’aawwan jiru goonee. Rabbiin nama Isaafi ergamtoota Isaa fagootti (ghaybiitti) tumsanu mul’isuuf (kana godhe). Rabbiin jabaa, injifataadha.

وَلَقَدْ أَرْسَلْنَا نُوحًا وَإِبْرَاهِيمَ وَجَعَلْنَا فِي ذُرِّيَّتِهِمَا النُّبُوَّةَ وَالْكِتَابَ ۖ فَمِنْهُمْ مُهْتَدٍ ۖ وَكَثِيرٌ مِنْهُمْ فَاسِقُونَ

Dhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirra. Sanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba (isaanirratti buufame) goonee jirra. Isaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota.

ثُمَّ قَفَّيْنَا عَلَىٰ آثَارِهِمْ بِرُسُلِنَا وَقَفَّيْنَا بِعِيسَى ابْنِ مَرْيَمَ وَآتَيْنَاهُ الْإِنْجِيلَ وَجَعَلْنَا فِي قُلُوبِ الَّذِينَ اتَّبَعُوهُ رَأْفَةً وَرَحْمَةً وَرَهْبَانِيَّةً ابْتَدَعُوهَا مَا كَتَبْنَاهَا عَلَيْهِمْ إِلَّا ابْتِغَاءَ رِضْوَانِ اللَّهِ فَمَا رَعَوْهَا حَقَّ رِعَايَتِهَا ۖ فَآتَيْنَا الَّذِينَ آمَنُوا مِنْهُمْ أَجْرَهُمْ ۖ وَكَثِيرٌ مِنْهُمْ فَاسِقُونَ

Ergasii faana isaanii irra ergamtoota keenya hordofsiifne. Iisaa ilma Maryamis hordofsiifnee, Injiiliin isaaf kenninee jirra. Onneewwan warra isa (Iisaa) hordofanii keessattis waliif rifatuufi gara laafummaa goone. Moloksummaa ishee ni eegalan. Nuti isaan irratti hin barreessine, Jaalala Rabbii barbaaduuf (eegalan). (Garuu) dhugaa eeggachuu ishee hin eegganne. Isaan irraa warra amananiif mindaa kennina. Baay’een isaanii immoo finciltoota.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَآمِنُوا بِرَسُولِهِ يُؤْتِكُمْ كِفْلَيْنِ مِنْ رَحْمَتِهِ وَيَجْعَلْ لَكُمْ نُورًا تَمْشُونَ بِهِ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ

Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa. Ergamaa Isaatti (Muhammadittis SAW) amanaa! (Rabbiin) rahmata Isaa irraa qooda lama isiniif kenna; ifaa ittiin deemtanis isiniif taasisa; isiniifis ni araarama. Rabbiin araaramaa, mararfataadha.

لِئَلَّا يَعْلَمَ أَهْلُ الْكِتَابِ أَلَّا يَقْدِرُونَ عَلَىٰ شَيْءٍ مِنْ فَضْلِ اللَّهِ ۙ وَأَنَّ الْفَضْلَ بِيَدِ اللَّهِ يُؤْتِيهِ مَنْ يَشَاءُ ۚ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ

Akka beekaniifi warri kitaabaa (Yahuudonniifi Kiristaanonni) qananii Rabbii irratti homaa akka hin dandeenye, qananiin harka Rabbii jiraa, abbaafedheef isa kennaa (haa beekaniif kana ibse). Rabbiin abbaa tola guddaati.