The Argument · al-Mujadilah · سورة المجادلة · 22 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

قَدْ سَمِعَ اللَّهُ قَوْلَ الَّتِي تُجَادِلُكَ فِي زَوْجِهَا وَتَشْتَكِي إِلَى اللَّهِ وَاللَّهُ يَسْمَعُ تَحَاوُرَكُمَا ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ بَصِيرٌ

Dhugumatti Rabbiin dhaga'eera jecha ishee siin falmituu waa'ee abbaa manaa ishee keessatti, tan gara Rabbiitti himattee (dhagayeera). Rabbiin falmii keessan lamaan ni dhaga'a. Rabbiin dhagayaa, argaadha.

الَّذِينَ يُظَاهِرُونَ مِنْكُمْ مِنْ نِسَائِهِمْ مَا هُنَّ أُمَّهَاتِهِمْ ۖ إِنْ أُمَّهَاتُهُمْ إِلَّا اللَّائِي وَلَدْنَهُمْ ۚ وَإِنَّهُمْ لَيَقُولُونَ مُنْكَرًا مِنَ الْقَوْلِ وَزُورًا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَعَفُوٌّ غَفُورٌ

Isaan isin keessaa dubartoota (jaartiiwwan) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (hjaartiiwwan) haadholii isaaniitiimiti. Haadholiin isaanii hintaane tanneen isaan deesse san malee. Isaan jecha fokkataafi soba dubbatu. Rabbiin dhiifama godhaa araaramaadha.

وَالَّذِينَ يُظَاهِرُونَ مِنْ نِسَائِهِمْ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا قَالُوا فَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَتَمَاسَّا ۚ ذَٰلِكُمْ تُوعَظُونَ بِهِ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhanitti deebi'an, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisoomsuutu isaan irra jira. Kana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin jaje). Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

فَمَنْ لَمْ يَجِدْ فَصِيَامُ شَهْرَيْنِ مُتَتَابِعَيْنِ مِنْ قَبْلِ أَنْ يَتَمَاسَّا ۖ فَمَنْ لَمْ يَسْتَطِعْ فَإِطْعَامُ سِتِّينَ مِسْكِينًا ۚ ذَٰلِكَ لِتُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ۚ وَتِلْكَ حُدُودُ اللَّهِ ۗ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ

Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jira. Namni (kana) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qaba. Kun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifi. isheen tun daangaalee Rabbiiti. Kaafirootaf adabbii laaleessaa ta'etu jira.

إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ كُبِتُوا كَمَا كُبِتَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ وَقَدْ أَنْزَلْنَا آيَاتٍ بَيِّنَاتٍ ۚ وَلِلْكَافِرِينَ عَذَابٌ مُهِينٌ

warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiru, Nuti dhugumaan ragaalee ifaa buufnee jirra. Kaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira.

يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا ۚ أَحْصَاهُ اللَّهُ وَنَسُوهُ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu]. Rabbiin beekee galmeessera isaan isa dagatan. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.

أَلَمْ تَرَ أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ مَا يَكُونُ مِنْ نَجْوَىٰ ثَلَاثَةٍ إِلَّا هُوَ رَابِعُهُمْ وَلَا خَمْسَةٍ إِلَّا هُوَ سَادِسُهُمْ وَلَا أَدْنَىٰ مِنْ ذَٰلِكَ وَلَا أَكْثَرَ إِلَّا هُوَ مَعَهُمْ أَيْنَ مَا كَانُوا ۖ ثُمَّ يُنَبِّئُهُمْ بِمَا عَمِلُوا يَوْمَ الْقِيَامَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ

Sila Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) (gidduu) namoota sadihiitti tahee Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin hafu, giddu namoota shaniitti tahee Inni jahaffaa isaanii ta'u malee hinhafu, (giddu namoota) sanaa gadiis ta'ee kan sanarra hedduu iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee hinhafu. Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti hima. Rabbiin waan hunda beekaadha.

أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ نُهُوا عَنِ النَّجْوَىٰ ثُمَّ يَعُودُونَ لِمَا نُهُوا عَنْهُ وَيَتَنَاجَوْنَ بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُولِ وَإِذَا جَاءُوكَ حَيَّوْكَ بِمَا لَمْ يُحَيِّكَ بِهِ اللَّهُ وَيَقُولُونَ فِي أَنْفُسِهِمْ لَوْلَا يُعَذِّبُنَا اللَّهُ بِمَا نَقُولُ ۚ حَسْبُهُمْ جَهَنَّمُ يَصْلَوْنَهَا ۖ فَبِئْسَ الْمَصِيرُ

Sila ati hin laallee gara warra maqoo (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamaniitti deebi'anii, kan badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti maqatanii (dhooysaan mariyatanii) (hin ilaallee?) Yeroo sitti dhufan waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatu. Lubbuulee isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) (dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne? " jedhu. Jahannam isaaniif geessuudha; ishee seenu. Deebichi (isaanii) waa fokkate!

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا تَنَاجَيْتُمْ فَلَا تَتَنَاجَوْا بِالْإِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُولِ وَتَنَاجَوْا بِالْبِرِّ وَالتَّقْوَىٰ ۖ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mari'atinaa. toltuufi sodaa Rabbii irratti mari'adhaa. Rabbii gara Isaatti (guyyaa qiyaamaa kaafamtanii) oofamtan sodaadhaa.

إِنَّمَا النَّجْوَىٰ مِنَ الشَّيْطَانِ لِيَحْزُنَ الَّذِينَ آمَنُوا وَلَيْسَ بِضَارِّهِمْ شَيْئًا إِلَّا بِإِذْنِ اللَّهِ ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ

Iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi. (Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata). Waan tokkollee isaan miidhaa hintaane hayyama Rabbiitiin malee. Mu’uminoonnis Rabbuma qofarratti haa hirkatanii.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا قِيلَ لَكُمْ تَفَسَّحُوا فِي الْمَجَالِسِ فَافْسَحُوا يَفْسَحِ اللَّهُ لَكُمْ ۖ وَإِذَا قِيلَ انْشُزُوا فَانْشُزُوا يَرْفَعِ اللَّهُ الَّذِينَ آمَنُوا مِنْكُمْ وَالَّذِينَ أُوتُوا الْعِلْمَ دَرَجَاتٍ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumaalee keessa waliif babal'isaa isiniin jedhame waliif babal'isaa; Rabbiin isiniif bal'isaa. Yeroo ka'aa jedhames ka'aa. Rabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaalee isaan ol fuudha. Rabbiin waan isin hojjattan keessa Beekaadha.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نَاجَيْتُمُ الرَّسُولَ فَقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَةً ۚ ذَٰلِكَ خَيْرٌ لَكُمْ وَأَطْهَرُ ۚ فَإِنْ لَمْ تَجِدُوا فَإِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ

Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa dursaa (kennaa). Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadha. Yoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo (akkanumatti sadaqaa malee dubbisaa) Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha.

أَأَشْفَقْتُمْ أَنْ تُقَدِّمُوا بَيْنَ يَدَيْ نَجْوَاكُمْ صَدَقَاتٍ ۚ فَإِذْ لَمْ تَفْعَلُوا وَتَابَ اللَّهُ عَلَيْكُمْ فَأَقِيمُوا الصَّلَاةَ وَآتُوا الزَّكَاةَ وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ

Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaalee dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheera. Salaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.

أَلَمْ تَرَ إِلَى الَّذِينَ تَوَلَّوْا قَوْمًا غَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ مَا هُمْ مِنْكُمْ وَلَا مِنْهُمْ وَيَحْلِفُونَ عَلَى الْكَذِبِ وَهُمْ يَعْلَمُونَ

Sila gara Isaan tuuta Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; kijiba irratti kakatu odoo beekanuu.

أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ عَذَابًا شَدِيدًا ۖ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ

Rabbiin azaaba cimaa isaanif qopheessee jira. Isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate!

اتَّخَذُوا أَيْمَانَهُمْ جُنَّةً فَصَدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ فَلَهُمْ عَذَابٌ مُهِينٌ

Kakuulee isaanii gaachena taasifatan. karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaaniif azaaba xiqqeessaatu jira.

لَنْ تُغْنِيَ عَنْهُمْ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُمْ مِنَ اللَّهِ شَيْئًا ۚ أُولَٰئِكَ أَصْحَابُ النَّارِ ۖ هُمْ فِيهَا خَالِدُونَ

Qabeenyaaleen isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa waatakkallee isaan hin duroomsanu. Isaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.

يَوْمَ يَبْعَثُهُمُ اللَّهُ جَمِيعًا فَيَحْلِفُونَ لَهُ كَمَا يَحْلِفُونَ لَكُمْ ۖ وَيَحْسَبُونَ أَنَّهُمْ عَلَىٰ شَيْءٍ ۚ أَلَا إِنَّهُمْ هُمُ الْكَاذِبُونَ

Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu san akkuma isiniif kakatan Isaafis (Rabbiifis) kakatu. Waan (haqa) wahii irra jiran of se'u. Dhagayaa! isaan isaanumatu kijibdoota.

اسْتَحْوَذَ عَلَيْهِمُ الشَّيْطَانُ فَأَنْسَاهُمْ ذِكْرَ اللَّهِ ۚ أُولَٰئِكَ حِزْبُ الشَّيْطَانِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ الشَّيْطَانِ هُمُ الْخَاسِرُونَ

Sheyxaanni isaan irratti moo'ee faaruu Rabbii isaan dagachiisee. Isaan garee sheyxaanati. Dhaga'aa! Gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha.

إِنَّ الَّذِينَ يُحَادُّونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ أُولَٰئِكَ فِي الْأَذَلِّينَ

Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra (kaafira) xiqqaatoo keessatti ta’u.

كَتَبَ اللَّهُ لَأَغْلِبَنَّ أَنَا وَرُسُلِي ۚ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ عَزِيزٌ

Rabbiin Barreesse "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni injifanna" (jechuun). Rabbiin Jabaa, Injifataadha.

لَا تَجِدُ قَوْمًا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ يُوَادُّونَ مَنْ حَادَّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَوْ كَانُوا آبَاءَهُمْ أَوْ أَبْنَاءَهُمْ أَوْ إِخْوَانَهُمْ أَوْ عَشِيرَتَهُمْ ۚ أُولَٰئِكَ كَتَبَ فِي قُلُوبِهِمُ الْإِيمَانَ وَأَيَّدَهُمْ بِرُوحٍ مِنْهُ ۖ وَيُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا عَنْهُ ۚ أُولَٰئِكَ حِزْبُ اللَّهِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ اللَّهِ هُمُ الْمُفْلِحُونَ

Hin argitu Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman kan jaallatanu hin argitu. odoma abbootii isaanii tahanillee, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii (ta'anillee). Isaan sana (Rabbiin) onneelee isaanii keessatti iimaana barreessee jira. qilleensa (tumsa) Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseera. Jannatoota laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa achi keessaatti hafoo haala ta'aniin. Rabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Isaan tuuta Rabbiiti. Dhagayaa! cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.