The Woman Tested · al-Mumtahina · سورة الممتحنة · 13 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا عَدُوِّي وَعَدُوَّكُمْ أَوْلِيَاءَ تُلْقُونَ إِلَيْهِمْ بِالْمَوَدَّةِ وَقَدْ كَفَرُوا بِمَا جَاءَكُمْ مِنَ الْحَقِّ يُخْرِجُونَ الرَّسُولَ وَإِيَّاكُمْ ۙ أَنْ تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ رَبِّكُمْ إِنْ كُنْتُمْ خَرَجْتُمْ جِهَادًا فِي سَبِيلِي وَابْتِغَاءَ مَرْضَاتِي ۚ تُسِرُّونَ إِلَيْهِمْ بِالْمَوَدَّةِ وَأَنَا أَعْلَمُ بِمَا أَخْفَيْتُمْ وَمَا أَعْلَنْتُمْ ۚ وَمَنْ يَفْعَلْهُ مِنْكُمْ فَقَدْ ضَلَّ سَوَاءَ السَّبِيلِ

Yaa warra amantan! Diina kiyyaafi diina keessan jaalalleewwan hin godhatinaa. kan isin gara isaaniitti jaalala dhaqqabsiiftan (hingodhatinaa). dhugaa irraa waan isinitti dhufetti kafaranii jiran. Ergamichaafi isinis baasanii jiranuu, sababa isin Rabbii Gooftaa keessanitti amantaniif qofa. Yoo karaa Kiyya keessatti qabsaa'uufi jaalala Kiyya barbaacha kan baatan taataniif (jaalalloo hin godhatinaa). kan gara isaaniitti iccitiin jaalala dhaqqabsiiftan (hingodhatinaa). Ani waan isin dhoksitaniifi waan isin ifa gootan ninbeeka. Isin irraa namni kana hojjate dhugumatti karaa qajeelaa irraa jallateera.

إِنْ يَثْقَفُوكُمْ يَكُونُوا لَكُمْ أَعْدَاءً وَيَبْسُطُوا إِلَيْكُمْ أَيْدِيَهُمْ وَأَلْسِنَتَهُمْ بِالسُّوءِ وَوَدُّوا لَوْ تَكْفُرُونَ

Yoo isin arganiif diinota isiniif ta'u. Harkoowwaniifi arraboowwan isaanii hamtuun gara keessanitti diriirsu. osoo kafartanii jaalatu.

لَنْ تَنْفَعَكُمْ أَرْحَامُكُمْ وَلَا أَوْلَادُكُمْ ۚ يَوْمَ الْقِيَامَةِ يَفْصِلُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Firoonni keessaniifi ilmaan keessanis homaa isin hin fayyadan; Guyyaa Qiyaamaa (Rabbiin) jidduu keessan addaan isin baasa. Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.

قَدْ كَانَتْ لَكُمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ فِي إِبْرَاهِيمَ وَالَّذِينَ مَعَهُ إِذْ قَالُوا لِقَوْمِهِمْ إِنَّا بُرَآءُ مِنْكُمْ وَمِمَّا تَعْبُدُونَ مِنْ دُونِ اللَّهِ كَفَرْنَا بِكُمْ وَبَدَا بَيْنَنَا وَبَيْنَكُمُ الْعَدَاوَةُ وَالْبَغْضَاءُ أَبَدًا حَتَّىٰ تُؤْمِنُوا بِاللَّهِ وَحْدَهُ إِلَّا قَوْلَ إِبْرَاهِيمَ لِأَبِيهِ لَأَسْتَغْفِرَنَّ لَكَ وَمَا أَمْلِكُ لَكَ مِنَ اللَّهِ مِنْ شَيْءٍ ۖ رَبَّنَا عَلَيْكَ تَوَكَّلْنَا وَإِلَيْكَ أَنَبْنَا وَإِلَيْكَ الْمَصِيرُ

Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif ta'eera. Yeroo (isaan) ummata isaaniitiin jedhan "nuti isiniifi waan isin Rabbiin malee gabbartan irraa qulqullaawoodha; isinitti kafarre; gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa ba'eera hanga Rabbii tokkichatti amantanutti" (jedhan) (kana keessatti hidhannoon gaariin isiniif jira). Jecha Ibraahiim malee kan abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo homaa siif hin fayyadu" "Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keetti deebine; deebiin garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa).

رَبَّنَا لَا تَجْعَلْنَا فِتْنَةً لِلَّذِينَ كَفَرُوا وَاغْفِرْ لَنَا رَبَّنَا ۖ إِنَّكَ أَنْتَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ

"Gooftaa keenya! warra kafaraniif mokkoroo nu hin godhin. Gooftaa keenya! Nuuf araarami; Ati injifataa ogeessa.

لَقَدْ كَانَ لَكُمْ فِيهِمْ أُسْوَةٌ حَسَنَةٌ لِمَنْ كَانَ يَرْجُو اللَّهَ وَالْيَوْمَ الْآخِرَ ۚ وَمَنْ يَتَوَلَّ فَإِنَّ اللَّهَ هُوَ الْغَنِيُّ الْحَمِيدُ

Dhugumatti, isaan keessa hidhannoo gaariitu isiniif jira nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa kajeeluuf. Namni (kanarraa) garagale (ofuma miidha) Rabbiin inni dureessa faarfamaadha.

عَسَى اللَّهُ أَنْ يَجْعَلَ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَ الَّذِينَ عَادَيْتُمْ مِنْهُمْ مَوَدَّةً ۚ وَاللَّهُ قَدِيرٌ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ

Rabbiin gidduu keessaniifi gidduu warra isin isaan irraa diinomfattanii (nyaapha godhattanii) jaalala taasisuun ni kajeelama. Rabbiin Danda'aadha. Ammas Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.

لَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ لَمْ يُقَاتِلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَلَمْ يُخْرِجُوكُمْ مِنْ دِيَارِكُمْ أَنْ تَبَرُّوهُمْ وَتُقْسِطُوا إِلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُقْسِطِينَ

Rabbiin (tola itti ooluu) isin hindhoowwu isaan amantii keessatti isin hin waraaniniifi manneen keessan irraa isin hin baasiniif tola ooluufi haqaa isaanitti hojjachuu isin hin dhorgu. Rabbiin warra haqa dalagan jaalata.

إِنَّمَا يَنْهَاكُمُ اللَّهُ عَنِ الَّذِينَ قَاتَلُوكُمْ فِي الدِّينِ وَأَخْرَجُوكُمْ مِنْ دِيَارِكُمْ وَظَاهَرُوا عَلَىٰ إِخْرَاجِكُمْ أَنْ تَوَلَّوْهُمْ ۚ وَمَنْ يَتَوَلَّهُمْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ

Kan Rabbiin (jaalallee godhachuu) isin dhorgu warra sababaa amantiitiin isin waraananiifi manneen keessan irraa isin baasan, akkasumas isin baasuu irratti gargaaran isin isaan jaalalloo godhachuu (irraa isin dhoowwa). Namni isaan jaalalloo godhate, isaan isaanumaatu zaalimoota.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا جَاءَكُمُ الْمُؤْمِنَاتُ مُهَاجِرَاتٍ فَامْتَحِنُوهُنَّ ۖ اللَّهُ أَعْلَمُ بِإِيمَانِهِنَّ ۖ فَإِنْ عَلِمْتُمُوهُنَّ مُؤْمِنَاتٍ فَلَا تَرْجِعُوهُنَّ إِلَى الْكُفَّارِ ۖ لَا هُنَّ حِلٌّ لَهُمْ وَلَا هُمْ يَحِلُّونَ لَهُنَّ ۖ وَآتُوهُمْ مَا أَنْفَقُوا ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ أَنْ تَنْكِحُوهُنَّ إِذَا آتَيْتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ ۚ وَلَا تُمْسِكُوا بِعِصَمِ الْكَوَافِرِ وَاسْأَلُوا مَا أَنْفَقْتُمْ وَلْيَسْأَلُوا مَا أَنْفَقُوا ۚ ذَٰلِكُمْ حُكْمُ اللَّهِ ۖ يَحْكُمُ بَيْنَكُمْ ۚ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ

Yaa warra amantan! Yeroo dubartoonni mu’uminaa godaantuu ta'anii isinitti dhufan (amantiif godaanuu isaanii baruuf) isaan qoradhaa. Iimaana isaanii Rabbiin beekaa. Yoo mu’uminoota ta'uu isaanii bartan gara kaafirootaatti isaan hin deebisnaa. Isaan (dubartoonni mu'iminaa) isaaniif (dhiira kuffaaraatiif) halaalii miti; isaanis (dhiironni kaafiraa) isaaniif (dubartoota muslimaatiif) halaalii miti. Isaaniif (dhirsota isaanii kan kaafiraatiif) waan isaan baasan kennaa. Yeroo mahrii isaanii isaaniif kennitan isaan fuuchuun diliin isin irra hin jiru. Waadaalee fuudhaa kan niitiwwan teessan kaafiraa hin qabatinaa (nikaan diigameera). Isinis waan isaan (niitolii keessan kan kufrii irra jiran) irratti baaftan gaafadhaa; isaanis (dhirsotiin kaafiraa kan niitolii isaanii amanan) waan baasan haa gaafatani. Kun murtii Rabbiiti (Isatu) gidduu keessanitti murteessa. Rabbiin beekaa ogeessa.

وَإِنْ فَاتَكُمْ شَيْءٌ مِنْ أَزْوَاجِكُمْ إِلَى الْكُفَّارِ فَعَاقَبْتُمْ فَآتُوا الَّذِينَ ذَهَبَتْ أَزْوَاجُهُمْ مِثْلَ مَا أَنْفَقُوا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي أَنْتُمْ بِهِ مُؤْمِنُونَ

Yoo tokkoon niitolee teessan irraa taate gara kaafirootaa isin jalaa baatee ergasii loltanii boojitan isaan niitoleen isaanii (gara kufrii) deemaniif fakkaataa waan isaan baasanii kennaafii. Rabbii isa itti amantan san sodaadhaa.

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ إِذَا جَاءَكَ الْمُؤْمِنَاتُ يُبَايِعْنَكَ عَلَىٰ أَنْ لَا يُشْرِكْنَ بِاللَّهِ شَيْئًا وَلَا يَسْرِقْنَ وَلَا يَزْنِينَ وَلَا يَقْتُلْنَ أَوْلَادَهُنَّ وَلَا يَأْتِينَ بِبُهْتَانٍ يَفْتَرِينَهُ بَيْنَ أَيْدِيهِنَّ وَأَرْجُلِهِنَّ وَلَا يَعْصِينَكَ فِي مَعْرُوفٍ ۙ فَبَايِعْهُنَّ وَاسْتَغْفِرْ لَهُنَّ اللَّهَ ۖ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ

Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoonni mu’uminaa gara kee dhufan waadaa sii galuuf, (wanni irratti waadaa galan) Rabbitti homaa qindeessuu dhabuu, hatuu dhabuu, Zinaa godhuu dhabuu, ijoollee isaanii ajjeesuu dhabuu, cubbuu harka isaaniitiifi miila isaanii gidduutti uumanii odeessuu dhabuufi akka waan gaarii keessatti ajaja kee hin faallessine waadaa seensisi. Rabbiin araarama isaaniif kadhu. Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَوَلَّوْا قَوْمًا غَضِبَ اللَّهُ عَلَيْهِمْ قَدْ يَئِسُوا مِنَ الْآخِرَةِ كَمَا يَئِسَ الْكُفَّارُ مِنْ أَصْحَابِ الْقُبُورِ

Yaa warra amantan! Ummata Rabbiin irratti dallane jaalallee hin godhatinaa. Akkuma kaafiroonni warra qabrii irraa abdii muratan isaanis Aakhiraa irraa abdii muratanii (itti kafaraanii jiru).