سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ
Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa ogeessa.
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
سَبَّحَ لِلَّهِ مَا فِي السَّمَاوَاتِ وَمَا فِي الْأَرْضِ ۖ وَهُوَ الْعَزِيزُ الْحَكِيمُ
Wantoonni samiilee keessaafi wantoonni dachii keessaa (hundi) Rabbiin qulqulleesse. Inni injifataa ogeessa.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لِمَ تَقُولُونَ مَا لَا تَفْعَلُونَ
Yaa warra amantan! Maaliif waan hin hojjanne jettan?
كَبُرَ مَقْتًا عِنْدَ اللَّهِ أَنْ تَقُولُوا مَا لَا تَفْعَلُونَ
Waan hin hojjanne jechuun keessan jibbaansi isaa Rabbiin biratti guddate.
إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الَّذِينَ يُقَاتِلُونَ فِي سَبِيلِهِ صَفًّا كَأَنَّهُمْ بُنْيَانٌ مَرْصُوصٌ
Rabbiin warra karaa Isaa keessatti akka ijaarsaa wal qabataa ta'anii hiriiraan lolan ni jaalata.
وَإِذْ قَالَ مُوسَىٰ لِقَوْمِهِ يَا قَوْمِ لِمَ تُؤْذُونَنِي وَقَدْ تَعْلَمُونَ أَنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُمْ ۖ فَلَمَّا زَاغُوا أَزَاغَ اللَّهُ قُلُوبَهُمْ ۚ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe "yaa ummata (kiyya) maaliif na rakkiftan! Odoo akka ani Ergamaa Rabbii kan gara keessanitti (ergame ta'uu) sirriitti beektanuu?" [jedhe yaadadhaa]. Yeroma isaan jallatanu Rabbiin onneewwan isaanii jallise. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
وَإِذْ قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ يَا بَنِي إِسْرَائِيلَ إِنِّي رَسُولُ اللَّهِ إِلَيْكُمْ مُصَدِّقًا لِمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَمُبَشِّرًا بِرَسُولٍ يَأْتِي مِنْ بَعْدِي اسْمُهُ أَحْمَدُ ۖ فَلَمَّا جَاءَهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ قَالُوا هَٰذَا سِحْرٌ مُبِينٌ
Yeroo Iisaa ilma Maryam jedhe "yaa ilmaan Israa'iil! Ani Ergamaa Rabbii kan garakeessanitti ergameedha. kan waan Tawraatirraa na dura bu'e dhugoomsuufi ergamaa na booda dhufu kan maqaan isaa Ahmad ta'een (isin) gammachiisu ta'ee" (jedhe yaadadhaa). Yeroma inni ragaawwan ifaan isaanitti dhufe "kun 'sihrii' (falfala) ifa galaadha" jedhan.
وَمَنْ أَظْلَمُ مِمَّنِ افْتَرَىٰ عَلَى اللَّهِ الْكَذِبَ وَهُوَ يُدْعَىٰ إِلَى الْإِسْلَامِ ۚ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ
odoo gara Islaamaa waamamuu Nama Rabbi irratti kijiba uumee odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu?(hinjiru). Rabbiin ummata miidhaa raawwattoota hin qajeelchu.
يُرِيدُونَ لِيُطْفِئُوا نُورَ اللَّهِ بِأَفْوَاهِهِمْ وَاللَّهُ مُتِمُّ نُورِهِ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ
Ifaa Rabbii afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu fedhu. Rabbiin ifaa Isaa ni guuta (islaamummaa oltaasisa) Odoma kaafiroonni jibbaniiyyuu.
هُوَ الَّذِي أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِالْهُدَىٰ وَدِينِ الْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ عَلَى الدِّينِ كُلِّهِ وَلَوْ كَرِهَ الْمُشْرِكُونَ
Inni Isa ergamaa Isaa (muhammadiin) qajeelfamaafi amantii haqaatiin (islaamummaan) ergeedha amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha, odoo mushrikoonni jibbanuu.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا هَلْ أَدُلُّكُمْ عَلَىٰ تِجَارَةٍ تُنْجِيكُمْ مِنْ عَذَابٍ أَلِيمٍ
Yaa warra amantan! Mee daldala azaaba laalessaa irraa isin baraarsurratti isin qajeelchuu?
تُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَتُجَاهِدُونَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ بِأَمْوَالِكُمْ وَأَنْفُسِكُمْ ۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ
Rabbiifi ergamaa Isaatti amantu, akkasumas karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin qabsooftu, kanatu (waan hunda) isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.
يَغْفِرْ لَكُمْ ذُنُوبَكُمْ وَيُدْخِلْكُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ وَمَسَاكِنَ طَيِّبَةً فِي جَنَّاتِ عَدْنٍ ۚ ذَٰلِكَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
(Yoo kana dalagdaniif Rabbiin) badiilee keessan isiniif araarama. Jannatoota laggeen jala ishee yaatu isin seensisa. Manneen babbareedaa Jannata qubannaa keessatti (isiniif qopheessee jira). Kun milkii guddaadha.
وَأُخْرَىٰ تُحِبُّونَهَا ۖ نَصْرٌ مِنَ اللَّهِ وَفَتْحٌ قَرِيبٌ ۗ وَبَشِّرِ الْمُؤْمِنِينَ
)(bu'aa daldala kanaarraa) Waan biraas kan isin jaalattan (isiniif kenna) (Isheenis) tumsa Rabbi irraa ta'eefi banamuu (Makkaa) dhihoo ta'eedha. Mu’uminoota gammachiisi.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُونُوا أَنْصَارَ اللَّهِ كَمَا قَالَ عِيسَى ابْنُ مَرْيَمَ لِلْحَوَارِيِّينَ مَنْ أَنْصَارِي إِلَى اللَّهِ ۖ قَالَ الْحَوَارِيُّونَ نَحْنُ أَنْصَارُ اللَّهِ ۖ فَآمَنَتْ طَائِفَةٌ مِنْ بَنِي إِسْرَائِيلَ وَكَفَرَتْ طَائِفَةٌ ۖ فَأَيَّدْنَا الَّذِينَ آمَنُوا عَلَىٰ عَدُوِّهِمْ فَأَصْبَحُوا ظَاهِرِينَ
Yaa warra amantan! tumsitoota Rabbii ta'aa, Akkuma Iisaa Ibnu Maryam hawaariyyootaan jedhe "(waamicha ani) gara Rabbiitti (godhu irratti) namni na tumsu eenyu?" (jennaan) hawaariyoonnis "nutu tumsitoota Rabbiiti" jedhan san. Ilmaan Israa'iil irraa gareentokko amananii gareenkuun kafaran. Isaan amanan san diinota isaanii irratti jabeessinee injifatoo ta'an.