The Spoils · al-Anfal · سورة الأنفال · 75 ayahs

القرآن الكريمRowwad Translation Center

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ

(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.

يَسْأَلُونَكَ عَنِ الْأَنْفَالِ ۖ قُلِ الْأَنْفَالُ لِلَّهِ وَالرَّسُولِ ۖ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَصْلِحُوا ذَاتَ بَيْنِكُمْ ۖ وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ

Boojuu irraa si gaafatu, jedhi “Boojuun kan Rabbiifi ergamaa Isaati, Rabbiin sodaadhaa. Hariiroo gidduu keessan jiru tolchaa. Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa Yoo mu’umintoota taatan".

إِنَّمَا الْمُؤْمِنُونَ الَّذِينَ إِذَا ذُكِرَ اللَّهُ وَجِلَتْ قُلُوبُهُمْ وَإِذَا تُلِيَتْ عَلَيْهِمْ آيَاتُهُ زَادَتْهُمْ إِيمَانًا وَعَلَىٰ رَبِّهِمْ يَتَوَكَّلُونَ

Mu’umintoonni (dhugaa) warra yeroo (maqaan) Rabbii dubbatamu onneewwan isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuu, kan Gooftaa isaanii irratti irkataniidha.

الَّذِينَ يُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَمِمَّا رَزَقْنَاهُمْ يُنْفِقُونَ

Isaannan salaata (seera ishee guutanii) gad dhaabani, waan nuti isaaniif kennine irraa kennitaniidha.

أُولَٰئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا ۚ لَهُمْ دَرَجَاتٌ عِنْدَ رَبِّهِمْ وَمَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ

Isaannan sun isaan qofatu dhugumatti mu’uminoota, Gooftaa isaanii biratti sadarkaa hedduutu isaaniif jira, araaramaafi hiree gaarii ta’etu (jannatatu) (isaaniif jiraaf).

كَمَا أَخْرَجَكَ رَبُّكَ مِنْ بَيْتِكَ بِالْحَقِّ وَإِنَّ فَرِيقًا مِنَ الْمُؤْمِنِينَ لَكَارِهُونَ

Akkuma Rabbiin kee mana kee irraa dhugaan si baaseeti. gariin mu’uminootarraa (bahiinsa san) nijibban.

يُجَادِلُونَكَ فِي الْحَقِّ بَعْدَمَا تَبَيَّنَ كَأَنَّمَا يُسَاقُونَ إِلَى الْمَوْتِ وَهُمْ يَنْظُرُونَ

Siin falmu Dhugaa keessatti (jihaadaaf bahuu keessatti), erga inni ifa ta’ee booda, akka waan odoo argan gara du’aa oofamaa jiraniitti.

وَإِذْ يَعِدُكُمُ اللَّهُ إِحْدَى الطَّائِفَتَيْنِ أَنَّهَا لَكُمْ وَتَوَدُّونَ أَنَّ غَيْرَ ذَاتِ الشَّوْكَةِ تَكُونُ لَكُمْ وَيُرِيدُ اللَّهُ أَنْ يُحِقَّ الْحَقَّ بِكَلِمَاتِهِ وَيَقْطَعَ دَابِرَ الْكَافِرِينَ

Yeroo tokkoon gareewwan lamaanii isiniif ta’uu Rabbiin waadaa isiniif seene, isinis isheen tan lolaa hin ta’in (gareen daldaalaa) isiniif ta’uu jaallattan, Rabbiin nifedha jechoota (waadaa) Isaatiin dhugaa mirkaneessuu. hidda kaafirootaa muruu (fedha).

لِيُحِقَّ الْحَقَّ وَيُبْطِلَ الْبَاطِلَ وَلَوْ كَرِهَ الْمُجْرِمُونَ

(Wanti kana hojjateef) akka dhugaa mirkaneessee soba barbadeessuufi odoo kaafiroonni jibbanillee.

إِذْ تَسْتَغِيثُونَ رَبَّكُمْ فَاسْتَجَابَ لَكُمْ أَنِّي مُمِدُّكُمْ بِأَلْفٍ مِنَ الْمَلَائِكَةِ مُرْدِفِينَ

Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate “Ani maleykoota kumaa wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” (jedhe) (yaadadhu).

وَمَا جَعَلَهُ اللَّهُ إِلَّا بُشْرَىٰ وَلِتَطْمَئِنَّ بِهِ قُلُوبُكُمْ ۚ وَمَا النَّصْرُ إِلَّا مِنْ عِنْدِ اللَّهِ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ

Rabbiin gammachuu (keessanii)fi akka onneewwan teessan ittiin tasgabbooftuuf malee waan biraatiif isa hin goone, Injifannoon Rabbiin biraa malee hin taane. Rabbiin injifataa, ogeessa.

إِذْ يُغَشِّيكُمُ النُّعَاسَ أَمَنَةً مِنْهُ وَيُنَزِّلُ عَلَيْكُمْ مِنَ السَّمَاءِ مَاءً لِيُطَهِّرَكُمْ بِهِ وَيُذْهِبَ عَنْكُمْ رِجْزَ الشَّيْطَانِ وَلِيَرْبِطَ عَلَىٰ قُلُوبِكُمْ وَيُثَبِّتَ بِهِ الْأَقْدَامَ

(yaadadhaa) Yeroo Inni mugaatiin isin haguuge tasgabbii Isa biraa ta’ee (adda waraanaatti). samii irraa yeroo bishaan isin irratti buuse (roobse), isaan isin qulqulleessuf, waswaasa sheyxaanaa isin irraa deemsisuuf, onneewwan keessanirratti (obsaan) jabeessuuf, faanowwan (keessanis cirracha irratti) ittiin gadi dhaabuuf jecha (isiniif roobse).

إِذْ يُوحِي رَبُّكَ إِلَى الْمَلَائِكَةِ أَنِّي مَعَكُمْ فَثَبِّتُوا الَّذِينَ آمَنُوا ۚ سَأُلْقِي فِي قُلُوبِ الَّذِينَ كَفَرُوا الرُّعْبَ فَاضْرِبُوا فَوْقَ الْأَعْنَاقِ وَاضْرِبُوا مِنْهُمْ كُلَّ بَنَانٍ

(yaadadhu) Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti beeksisa godhe “Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaa, Ani onneewwan isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Mormoowwan (isaanii) gubbaa dhawaa, Isaan irraas fiixa (qubaa) hunda dhawaa” (jedhee).

ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ شَاقُّوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ وَمَنْ يُشَاقِقِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَإِنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ

Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaa faallessaniifi, Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, (Rabbiin isa adaba) Rabbiin adabbiin isaa cimaadha.

ذَٰلِكُمْ فَذُوقُوهُ وَأَنَّ لِلْكَافِرِينَ عَذَابَ النَّارِ

Kun (adaba keessanii), isa dhandhamaa, Dhugumatti kaafirootaaf adabbii ibiddaatu jira.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا لَقِيتُمُ الَّذِينَ كَفَرُوا زَحْفًا فَلَا تُوَلُّوهُمُ الْأَدْبَارَ

Yaa warra amantan! (waraanaaf) kan walitti qabaman ta’anii yeroo warra kafaran qunnamtan, duuba keessan isaanitti gara hin galchinaa (hin dheeysisnaa) (gadi dhaabbadhaa gootummaan lolaa).

وَمَنْ يُوَلِّهِمْ يَوْمَئِذٍ دُبُرَهُ إِلَّا مُتَحَرِّفًا لِقِتَالٍ أَوْ مُتَحَيِّزًا إِلَىٰ فِئَةٍ فَقَدْ بَاءَ بِغَضَبٍ مِنَ اللَّهِ وَمَأْوَاهُ جَهَنَّمُ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ

Namni guyyaa san duuba isaa isaaniitti garagalche, yoo mijjeeffannaa lolaatiif yookiin gara hoomaa (isaa) siquuf ta’e malee, inni dhugumatti dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’ee jira, Teessoon isaas jahannami, Deebiin (isaanii jahannam tahuun) waa fokkatee.

فَلَمْ تَقْتُلُوهُمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ قَتَلَهُمْ ۚ وَمَا رَمَيْتَ إِذْ رَمَيْتَ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ رَمَىٰ ۚ وَلِيُبْلِيَ الْمُؤْمِنِينَ مِنْهُ بَلَاءً حَسَنًا ۚ إِنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ

Isin isaan hin ajjeefne Garuu Rabbitu isaan ajjeese. Ati hin darbanne Yeroo darbatte Garuu Rabbiitu darbate. Mu’uminootaafis tola gaarii isa biraa ta’e akka kennuuf (kana hojjate). Rabbiin dhagahaa, beekaadha.

ذَٰلِكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ مُوهِنُ كَيْدِ الْكَافِرِينَ

Kun (dhugaadha) Rabbiin dadhabsiisaa tooftaa kaafirootati.

إِنْ تَسْتَفْتِحُوا فَقَدْ جَاءَكُمُ الْفَتْحُ ۖ وَإِنْ تَنْتَهُوا فَهُوَ خَيْرٌ لَكُمْ ۖ وَإِنْ تَعُودُوا نَعُدْ وَلَنْ تُغْنِيَ عَنْكُمْ فِئَتُكُمْ شَيْئًا وَلَوْ كَثُرَتْ وَأَنَّ اللَّهَ مَعَ الْمُؤْمِنِينَ

(Yaa warra kafartan!) Yoo murtii barbaaddan, dhugumatti murtiin isiniif dhufee jira. Yoo (badii irraa) dhorgamtan inni isiniif caalaadha. Ammas yoo isin (waraanatti) deebitan, nutis (mu'imintootaaf tumsa keenyaan) ni deebina.Tuutni teessan odoo baay’attellee homaa isin hin fayyadanu. Rabbiin (gargaarsaan) mu’uminoota waliin jira.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا أَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَوَلَّوْا عَنْهُ وَأَنْتُمْ تَسْمَعُونَ

Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajajamaa, Odoo dhageessanuu Isa irraa gara hin galinaa.

وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ قَالُوا سَمِعْنَا وَهُمْ لَا يَسْمَعُونَ

Akka (kaafirootaa) isaan haala isaan hin dhageenyeen “dhageenyee jirra” jedhanii hin ta’inaa.

إِنَّ شَرَّ الدَّوَابِّ عِنْدَ اللَّهِ الصُّمُّ الْبُكْمُ الَّذِينَ لَا يَعْقِلُونَ

Dhugumatti irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti duudaa, arraba qabamaa, isaan aqlii hin qabneedha.

وَلَوْ عَلِمَ اللَّهُ فِيهِمْ خَيْرًا لَأَسْمَعَهُمْ ۖ وَلَوْ أَسْمَعَهُمْ لَتَوَلَّوْا وَهُمْ مُعْرِضُونَ

Rabbiin odoo isaan keessatti toltuu beekee silaa isaan dhageessisa ture. Odoo isaan dhageessisee, silaa isaan kan garagalan ta’anii irraa baqatu.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اسْتَجِيبُوا لِلَّهِ وَلِلرَّسُولِ إِذَا دَعَاكُمْ لِمَا يُحْيِيكُمْ ۖ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يَحُولُ بَيْنَ الْمَرْءِ وَقَلْبِهِ وَأَنَّهُ إِلَيْهِ تُحْشَرُونَ

Yaa warra amantan! Rabbiif awwaadhaa, Ergamaa Isaatiifis; yeroo inni waan isin jiraachisutti (diin kanatti) isin waame (awwaadhaa). beekaa Rabbiin gidduu namichaatiifi onnee isaa nigolga. isin gara Isaatti walitti qabamtan.

وَاتَّقُوا فِتْنَةً لَا تُصِيبَنَّ الَّذِينَ ظَلَمُوا مِنْكُمْ خَاصَّةً ۖ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ شَدِيدُ الْعِقَابِ

Rakkoo (Fitnaa) isin irraa warra miidhaa hojjatan qofa kophaatti hin tuqne (ta nama nagayaaa hunda walgeessu) sodaadhaa. Rabbiin adabbiin isaa cimaadhaa beekaa.

وَاذْكُرُوا إِذْ أَنْتُمْ قَلِيلٌ مُسْتَضْعَفُونَ فِي الْأَرْضِ تَخَافُونَ أَنْ يَتَخَطَّفَكُمُ النَّاسُ فَآوَاكُمْ وَأَيَّدَكُمْ بِنَصْرِهِ وَرَزَقَكُمْ مِنَ الطَّيِّبَاتِ لَعَلَّكُمْ تَشْكُرُونَ

Yaadadhaa yeroo isin (lakkoofsaan) xiqqoo, dachii keessattis hacuucamoo (taatanii), namoonni (saamichaafi ajjeechaan) isin bubbutuu sodaattan, (Rabbiin) isin qubsiisee, tumsa Isaatiin isin gargaare, gaggaarii irraa isii hire akka isin galateeffattaniif.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَخُونُوا اللَّهَ وَالرَّسُولَ وَتَخُونُوا أَمَانَاتِكُمْ وَأَنْتُمْ تَعْلَمُونَ

Yaa warra amantan! Rabbiifi ergamaa Isaa hin ganinaa, amaanaa keessanis hin ganinaa odoo beektanii.

وَاعْلَمُوا أَنَّمَا أَمْوَالُكُمْ وَأَوْلَادُكُمْ فِتْنَةٌ وَأَنَّ اللَّهَ عِنْدَهُ أَجْرٌ عَظِيمٌ

beekaa qabeenyaaleen keessaniifi ilmaan keessanis (fitnaa) mokkoroodha. Rabbiin mindaan guddaan Isa bira jira.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنْ تَتَّقُوا اللَّهَ يَجْعَلْ لَكُمْ فُرْقَانًا وَيُكَفِّرْ عَنْكُمْ سَيِّئَاتِكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ ذُو الْفَضْلِ الْعَظِيمِ

Yaa warra amantan! Yoo Rabbiin sodaattan, (beekkomsa) addaan baasaa (dhugaafi dharaa) isiniif godha. Badiilee teessan isin irraa haqa, Isiniif araaramas, Rabbiin saahiba arjummaa guddaati.

وَإِذْ يَمْكُرُ بِكَ الَّذِينَ كَفَرُوا لِيُثْبِتُوكَ أَوْ يَقْتُلُوكَ أَوْ يُخْرِجُوكَ ۚ وَيَمْكُرُونَ وَيَمْكُرُ اللَّهُ ۖ وَاللَّهُ خَيْرُ الْمَاكِرِينَ

Yeroo isaan kafaran shira sirratti baasan (yaadadhu), si hidhuuf yookiin si ajjeesuf yookiin (biyya irraa) si baasuuf. Isaan shira baasu; Rabbiinis shira baasa (shira isaanii isaan irratti deebisa), Rabbiin irra caalaa warra tooftaa baasuuti.

وَإِذَا تُتْلَىٰ عَلَيْهِمْ آيَاتُنَا قَالُوا قَدْ سَمِعْنَا لَوْ نَشَاءُ لَقُلْنَا مِثْلَ هَٰذَا ۙ إِنْ هَٰذَا إِلَّا أَسَاطِيرُ الْأَوَّلِينَ

Yeroo keeyyatoonni keenya isaan irratti qara’amtu nijedhan “Nuti (ishee) dhageenyee jirra, odoo feenee fakkaataa kanaa ni jenna; kuni ogbarruu warra duriiti malee waan biraatii miti”.

وَإِذْ قَالُوا اللَّهُمَّ إِنْ كَانَ هَٰذَا هُوَ الْحَقَّ مِنْ عِنْدِكَ فَأَمْطِرْ عَلَيْنَا حِجَارَةً مِنَ السَّمَاءِ أَوِ ائْتِنَا بِعَذَابٍ أَلِيمٍ

(yaadadhu) Yeroo isaan jedhan “Yaa Allaah! Yoo kuni dhugaa si biraa (bu’e) ta’e, samii irraa dhagaa nurratti roobsi; yookiin adabbii laalessaa nutti fidi”.

وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنْتَ فِيهِمْ ۚ وَمَا كَانَ اللَّهُ مُعَذِّبَهُمْ وَهُمْ يَسْتَغْفِرُونَ

Rabbiinis odoo ati isaan keessa jirtuu kan isaan adabu hin taane, Ammas Rabbiin odoo isaan araarama kadhatanuu kan isaan adabu hin taane.

وَمَا لَهُمْ أَلَّا يُعَذِّبَهُمُ اللَّهُ وَهُمْ يَصُدُّونَ عَنِ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ وَمَا كَانُوا أَوْلِيَاءَهُ ۚ إِنْ أَوْلِيَاؤُهُ إِلَّا الْمُتَّقُونَ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ

maaltu isaaniif tahe kan Rabbiin isaan hin adabneef, Haala isaan masjiida kabajamaa irraa (namoota) dhoorganiin. isaan jaalallee isaa hintaane. jaalalleewwan isaa Warra Rabbiin sodaatan malee kan biraa hin taane; garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

وَمَا كَانَ صَلَاتُهُمْ عِنْدَ الْبَيْتِ إِلَّا مُكَاءً وَتَصْدِيَةً ۚ فَذُوقُوا الْعَذَابَ بِمَا كُنْتُمْ تَكْفُرُونَ

Salaanni isaanii mana (Ka’abaa) biratti fiiysuu (siiksuu) fi harka dhahuu (shubbisuu) malee waan biraa hin taane, adabbii dhandhamaa waan kakafartan taataniif.

إِنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا يُنْفِقُونَ أَمْوَالَهُمْ لِيَصُدُّوا عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ ۚ فَسَيُنْفِقُونَهَا ثُمَّ تَكُونُ عَلَيْهِمْ حَسْرَةً ثُمَّ يُغْلَبُونَ ۗ وَالَّذِينَ كَفَرُوا إِلَىٰ جَهَنَّمَ يُحْشَرُونَ

Dhugumatti, isaan kafaran (namoota) karaa Rabbii irraa dhorguuf jecha qabeenya isaanii kennu, Fuula duras ishee kennu, Sana booda isaan irratti gaabbii taati, Ergasii ni injifatamu; warreen kafaran gara jahannamitti walitti qabamu.

لِيَمِيزَ اللَّهُ الْخَبِيثَ مِنَ الطَّيِّبِ وَيَجْعَلَ الْخَبِيثَ بَعْضَهُ عَلَىٰ بَعْضٍ فَيَرْكُمَهُ جَمِيعًا فَيَجْعَلَهُ فِي جَهَنَّمَ ۚ أُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ

Rabbiin fokkataa gaarii irraa adda baasuufi, fokkataa garii isaa garii gubbaatti taasisa, hunda isaanii walitti tuulee, ergasii jahannam keessatti isaan taasisuuf (walitti qabamu). Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.

قُلْ لِلَّذِينَ كَفَرُوا إِنْ يَنْتَهُوا يُغْفَرْ لَهُمْ مَا قَدْ سَلَفَ وَإِنْ يَعُودُوا فَقَدْ مَضَتْ سُنَّتُ الْأَوَّلِينَ

Isaan kafaraniin jedhi, yoo (kufrii irraa) dhorgaman wanti dabre isaaniif araaramama, Yoo (itti) deebi’an immoo dhugumatti, karaan (adabbiin) warra duraanii dabritee jirti.

وَقَاتِلُوهُمْ حَتَّىٰ لَا تَكُونَ فِتْنَةٌ وَيَكُونَ الدِّينُ كُلُّهُ لِلَّهِ ۚ فَإِنِ انْتَهَوْا فَإِنَّ اللَّهَ بِمَا يَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhorgaman (dhiisaa), dhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.

وَإِنْ تَوَلَّوْا فَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَوْلَاكُمْ ۚ نِعْمَ الْمَوْلَىٰ وَنِعْمَ النَّصِيرُ

Yoo isaan irraa gara galan, dhugumatti Rabbiin “gargaaraa keessanii beekaa, Tiksaan (Isa ta’uun) waa tole; tumsaan (Isa ta’uunis) waa tole.

وَاعْلَمُوا أَنَّمَا غَنِمْتُمْ مِنْ شَيْءٍ فَأَنَّ لِلَّهِ خُمُسَهُ وَلِلرَّسُولِ وَلِذِي الْقُرْبَىٰ وَالْيَتَامَىٰ وَالْمَسَاكِينِ وَابْنِ السَّبِيلِ إِنْ كُنْتُمْ آمَنْتُمْ بِاللَّهِ وَمَا أَنْزَلْنَا عَلَىٰ عَبْدِنَا يَوْمَ الْفُرْقَانِ يَوْمَ الْتَقَى الْجَمْعَانِ ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ

Beekaa wanti isin boojitan kumiyyuu tokko shanaffaan isaa Rabbiifi, ergamaa Isaatiifi, firoota dhihootiifi, yatiimotaafi, hiyyeeyyiifi, kara deemaaf taha; yoo kan Rabbiifi waan Nuti gabricha keenya irratti guyyaa addaba’iinsaa (dhugaafi soba addaan baafne), guyyaa (Badrii kan) tuutti lamaan wal qunnaman buufnetti kan amantan taatan (sana beekaa), Rabbiini waan hunda irratti danda’aadha.

إِذْ أَنْتُمْ بِالْعُدْوَةِ الدُّنْيَا وَهُمْ بِالْعُدْوَةِ الْقُصْوَىٰ وَالرَّكْبُ أَسْفَلَ مِنْكُمْ ۚ وَلَوْ تَوَاعَدْتُمْ لَاخْتَلَفْتُمْ فِي الْمِيعَادِ ۙ وَلَٰكِنْ لِيَقْضِيَ اللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا لِيَهْلِكَ مَنْ هَلَكَ عَنْ بَيِّنَةٍ وَيَحْيَىٰ مَنْ حَيَّ عَنْ بَيِّنَةٍ ۗ وَإِنَّ اللَّهَ لَسَمِيعٌ عَلِيمٌ

Yeroo isin moggaa (Madiinaatti) dhihootti taatanii, isaan moggaa fagootti ta’an, daldaltoonni immoo jala keessan ta’an (waan ta’e yaadadhaa). Odoo waliif beellamtanii, silaa beellama keessatti wal dhabdu turtan, Garuu Rabbiin dhimma (beekumsa isaa keessatti) raawwatamaa ta’e raawwachuuf, namni bades ragaa mul'atarrat (osoo beekuu) akka baduuf, namni jiraatus ragaa mul'atarratti (osoo beekuu) akka jiraatuuf (beellama malee walitti isin qabe). Dhugumatti Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.

إِذْ يُرِيكَهُمُ اللَّهُ فِي مَنَامِكَ قَلِيلًا ۖ وَلَوْ أَرَاكَهُمْ كَثِيرًا لَفَشِلْتُمْ وَلَتَنَازَعْتُمْ فِي الْأَمْرِ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ سَلَّمَ ۗ إِنَّهُ عَلِيمٌ بِذَاتِ الصُّدُورِ

Yeroo Rabbiin manaama kee keessatti (kuffaarri lakkoofsaan) xiqqoo ta’uu isaanii sitti argisiise (yaadadhu), Odoo baay’ee ta’anii isaan sitti agarsiisee silaa luynoomtan, dhimmicha keessatti wal mormitan turtan. Garuu Rabbiin nagaya (isin) godhe. Inni beekaa waan qoma keessa jiruuti.

وَإِذْ يُرِيكُمُوهُمْ إِذِ الْتَقَيْتُمْ فِي أَعْيُنِكُمْ قَلِيلًا وَيُقَلِّلُكُمْ فِي أَعْيُنِهِمْ لِيَقْضِيَ اللَّهُ أَمْرًا كَانَ مَفْعُولًا ۗ وَإِلَى اللَّهِ تُرْجَعُ الْأُمُورُ

Yeroo walitti dhuftanii (yeroo) isaan isin agarsiise ijoowwan keessan keessatti xiqqoo taasisee, isin ijoowwan isaanii keessatti kan xiqqeessu ta’e (yaadadhu). Rabbiin dhimma (beekumsa Isaa keessatti) hojjatamaa ta’e raawwachuuf jecha (kana hojjate), Wantoonni gara Rabbii deebifamti.

يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا لَقِيتُمْ فِئَةً فَاثْبُتُوا وَاذْكُرُوا اللَّهَ كَثِيرًا لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ

Yaa warra amantan! Yeroo garee (diinaa) wahii qunnamtan, gadi dhaabbadhaa (lolaa hinsodaatinaa); (faaruu) baay’ee Rabbiin faarsaa (isa kadhadhaa) akka milkooftaniif.

وَأَطِيعُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَا تَنَازَعُوا فَتَفْشَلُوا وَتَذْهَبَ رِيحُكُمْ ۖ وَاصْبِرُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ مَعَ الصَّابِرِينَ

Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa; wal hin morminaa; luynoomtanii humni keessan (isin irraa) deemtii; obsaa, Rabbiin obsitoota wajjin jira.

وَلَا تَكُونُوا كَالَّذِينَ خَرَجُوا مِنْ دِيَارِهِمْ بَطَرًا وَرِئَاءَ النَّاسِ وَيَصُدُّونَ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ ۚ وَاللَّهُ بِمَا يَعْمَلُونَ مُحِيطٌ

Akka isaan manneen isaanii irraa bahanii hin ta’inaa boonaa, namootatti argisiifataa. kan karaa Rabbii irraa (namoota) dhorgan (hiintahinaa). Rabbiin waan isaan dalaganitti marsaadha.

وَإِذْ زَيَّنَ لَهُمُ الشَّيْطَانُ أَعْمَالَهُمْ وَقَالَ لَا غَالِبَ لَكُمُ الْيَوْمَ مِنَ النَّاسِ وَإِنِّي جَارٌ لَكُمْ ۖ فَلَمَّا تَرَاءَتِ الْفِئَتَانِ نَكَصَ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ وَقَالَ إِنِّي بَرِيءٌ مِنْكُمْ إِنِّي أَرَىٰ مَا لَا تَرَوْنَ إِنِّي أَخَافُ اللَّهَ ۚ وَاللَّهُ شَدِيدُ الْعِقَابِ

(yaadadhu) Yeroo sheyxaanni dalagaalee isaanii (gadhee) miidhagsee, nijedhe “har’a nama irraa injifataan isiniif hin jiru, Ani isiniif gargaaraadha”. Yeroma gareen lamaan wal argan, of duuba deebi’ee nijedhe “ani isin irraa qulqulluudha; ani waan isin hin agarren argaa, Ani Rabbiinin sodaadha, Rabbiin adabbiin Isaa cimaadha”.

إِذْ يَقُولُ الْمُنَافِقُونَ وَالَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ مَرَضٌ غَرَّ هَٰؤُلَاءِ دِينُهُمْ ۗ وَمَنْ يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَإِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ

Yeroo munaafiqoonniifi warri onneewwan isaanii keessa dhukkubni (kufrii) jiru jedhan (yaadadhu) “warra kana amantii isaaniitu isaan gowwoomse”. Namni Rabbirratti irkate (ni moohata), Rabbiin injifataa ogeessa.

وَلَوْ تَرَىٰ إِذْ يَتَوَفَّى الَّذِينَ كَفَرُوا ۙ الْمَلَائِكَةُ يَضْرِبُونَ وُجُوهَهُمْ وَأَدْبَارَهُمْ وَذُوقُوا عَذَابَ الْحَرِيقِ

odoo gartee Yeroo maleeykonni warra kafaran fuulleen isaaniitiifi duuydoowwan isaanii tumaa lubbuu baasan “azaaba gubu dhandhamaa” (jedhaaniin) (silaa dubbii cimaa argita).

ذَٰلِكَ بِمَا قَدَّمَتْ أَيْدِيكُمْ وَأَنَّ اللَّهَ لَيْسَ بِظَلَّامٍ لِلْعَبِيدِ

”Kun waan harkoowwan keessan dabarfatteefi. Rabbiin gabroota miidhaa miti” (isaaniin jedhama)

كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ ۙ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَفَرُوا بِآيَاتِ اللَّهِ فَأَخَذَهُمُ اللَّهُ بِذُنُوبِهِمْ ۗ إِنَّ اللَّهَ قَوِيٌّ شَدِيدُ الْعِقَابِ

(Haalli ummata kanaa) Akkuma haala warra Fir’awniifi warra isaan dura turaniiti. keeyyattoota Rabbiitti kafaranii Rabbiin badiiwwan isaaniitiin isaan qabeeti. Rabbiin jabaa, adabbiin Isaa cimaati.

ذَٰلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ لَمْ يَكُ مُغَيِّرًا نِعْمَةً أَنْعَمَهَا عَلَىٰ قَوْمٍ حَتَّىٰ يُغَيِّرُوا مَا بِأَنْفُسِهِمْ ۙ وَأَنَّ اللَّهَ سَمِيعٌ عَلِيمٌ

Kun waan Rabbiin qanani ummata irratti oole kan jirjiiru hintahiniifi hanga isaan waan lubbuulee isaanii keessa jiru jijjiirinitti. Rabbiin dhagayaa beekaadha.

كَدَأْبِ آلِ فِرْعَوْنَ ۙ وَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ ۚ كَذَّبُوا بِآيَاتِ رَبِّهِمْ فَأَهْلَكْنَاهُمْ بِذُنُوبِهِمْ وَأَغْرَقْنَا آلَ فِرْعَوْنَ ۚ وَكُلٌّ كَانُوا ظَالِمِينَ

Akka haala warra Fir’awnaafi warra isaan duraati. keeyyattoota Gooftaa isaanii kijibsiisan, ergasii badiiwwan isaaniitiin isaan balleessine; ummata Fir’awnaa bishaaniin dhidhimsiifne; hundumtuu miidhaa hojjattoota turan.

إِنَّ شَرَّ الدَّوَابِّ عِنْدَ اللَّهِ الَّذِينَ كَفَرُوا فَهُمْ لَا يُؤْمِنُونَ

Irra badaan lubbu qabeeyyii Rabbiin biratti warra kafarani; isaan hin amananu.

الَّذِينَ عَاهَدْتَ مِنْهُمْ ثُمَّ يَنْقُضُونَ عَهْدَهُمْ فِي كُلِّ مَرَّةٍ وَهُمْ لَا يَتَّقُونَ

(Isaan) warra ati waadaa wajji seente, eegasii marsaa (waadaa seenan) hunda ahdii isaanii nidiigan, isaan Rabbiin hin sodaatan.

فَإِمَّا تَثْقَفَنَّهُمْ فِي الْحَرْبِ فَشَرِّدْ بِهِمْ مَنْ خَلْفَهُمْ لَعَلَّهُمْ يَذَّكَّرُونَ

Yoo lola irratti isaan argite (akka hamatti isaan dhawii) namoota isaan boodaa isaaniin addaan facaasi (jiilchi), akka isaan gorfamaniif jecha .

وَإِمَّا تَخَافَنَّ مِنْ قَوْمٍ خِيَانَةً فَانْبِذْ إِلَيْهِمْ عَلَىٰ سَوَاءٍ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْخَائِنِينَ

Garuu yoo namoota irraa ganiinsa sodaatte ifaan ifatti (walqixatti) (waadaa isaanii) gara isaanitti darbi, Rabbiin warra (waadaa) gantoota hin jaalatu.

وَلَا يَحْسَبَنَّ الَّذِينَ كَفَرُوا سَبَقُوا ۚ إِنَّهُمْ لَا يُعْجِزُونَ

Isaan kafaran (adaba Rabbii jalaa) miliqan uf hinsehin., isaan (Nu) hin dadhabsiisanu.

وَأَعِدُّوا لَهُمْ مَا اسْتَطَعْتُمْ مِنْ قُوَّةٍ وَمِنْ رِبَاطِ الْخَيْلِ تُرْهِبُونَ بِهِ عَدُوَّ اللَّهِ وَعَدُوَّكُمْ وَآخَرِينَ مِنْ دُونِهِمْ لَا تَعْلَمُونَهُمُ اللَّهُ يَعْلَمُهُمْ ۚ وَمَا تُنْفِقُوا مِنْ شَيْءٍ فِي سَبِيلِ اللَّهِ يُوَفَّ إِلَيْكُمْ وَأَنْتُمْ لَا تُظْلَمُونَ

Waan dandeessan isaaniin (Loluuf) qopheessaa, Humnaafi faradoo hidhaman irraa kan tahee, kan ittiin adawwii Rabbii fii adawwii keessan sodaachiftaniin. (akkasuma kan) ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan isin isaan hin beekne, Rabbiin isaan beeku ittiin akka sodaachiftaniif. Wanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (mindaan isaa) (guutamee) isiniif kennama, Isin hin miidhamtanu.

وَإِنْ جَنَحُوا لِلسَّلْمِ فَاجْنَحْ لَهَا وَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْعَلِيمُ

Yoo gara araaraatti daban, atis gara isheetti dabi; Rabbi irratti irkadhu, Inni dhaga’aa, argaadha.

وَإِنْ يُرِيدُوا أَنْ يَخْدَعُوكَ فَإِنَّ حَسْبَكَ اللَّهُ ۚ هُوَ الَّذِي أَيَّدَكَ بِنَصْرِهِ وَبِالْمُؤْمِنِينَ

Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti gayaan kee Rabbuma, Inni Isa si jabeesse tumsa Isaatiifi mu’uminootaan.

وَأَلَّفَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ ۚ لَوْ أَنْفَقْتَ مَا فِي الْأَرْضِ جَمِيعًا مَا أَلَّفْتَ بَيْنَ قُلُوبِهِمْ وَلَٰكِنَّ اللَّهَ أَلَّفَ بَيْنَهُمْ ۚ إِنَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ

Gidduu onneewwan isaanii wal taasise (walitti araarse). odoo (wal taasisuuf) waan dachii keessaa hunda arjoomteeyyuu gidduu onneewwan isaanii wal taasisuu hin dandeessu, Garuu Rabbitu gidduu isaanii wal taasise. Inni injifataa, ogeessa.

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ حَسْبُكَ اللَّهُ وَمَنِ اتَّبَعَكَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ

Yaa nabiyyii (kiyya)! Rabbiin siif gahaadha, mu’uminoota irraa namoota si hordofaniifis (gayaadha).

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ حَرِّضِ الْمُؤْمِنِينَ عَلَى الْقِتَالِ ۚ إِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ عِشْرُونَ صَابِرُونَ يَغْلِبُوا مِائَتَيْنِ ۚ وَإِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ مِائَةٌ يَغْلِبُوا أَلْفًا مِنَ الَّذِينَ كَفَرُوا بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَا يَفْقَهُونَ

Yaa nabiyyii (kiyya)! Mu’uminoota lola irratti kakaasi, Isin irraa obsitoonni digdamni yoo jiraate, dhibba lama (adawwii kuffaaraarraa) haa injifatanu (haaloluunii), Isin irraa dhibbi tokko yoo jiraate isaan kafaran irraa kuma haa injifatanu (haaloluunii), waan isaan ummata hin hubanne ta’aniif.

الْآنَ خَفَّفَ اللَّهُ عَنْكُمْ وَعَلِمَ أَنَّ فِيكُمْ ضَعْفًا ۚ فَإِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ مِائَةٌ صَابِرَةٌ يَغْلِبُوا مِائَتَيْنِ ۚ وَإِنْ يَكُنْ مِنْكُمْ أَلْفٌ يَغْلِبُوا أَلْفَيْنِ بِإِذْنِ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ مَعَ الصَّابِرِينَ

Amma Rabbiin isin irraa laaffiseera, Isin keessa dadhabbiin akka jirus beekeera, Isin irraa obsitoonni dhibbi tokko yoo argame, dhibba lama haa injifatu (haa loluunii), Isin irraa kumni tokko yoo argame, kuma lama haa injifatu (haaloluunii), hayyama Rabbiitiin. Rabbiin obsitootaa wajjin jira.

مَا كَانَ لِنَبِيٍّ أَنْ يَكُونَ لَهُ أَسْرَىٰ حَتَّىٰ يُثْخِنَ فِي الْأَرْضِ ۚ تُرِيدُونَ عَرَضَ الدُّنْيَا وَاللَّهُ يُرِيدُ الْآخِرَةَ ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ

Nabiyyii kamiifuu booji’amtoonni isaaf ta’uun isaaf hin malu, hanga lafa irratti injifatutti (ajjeechaa isaanii bakkaan gahutti). Isin meeshaa (faa’idaa) addunyaa feetu; Rabbiin immoo Aakhiraa (isiniif) fedha, Rabbiin injifataa, ogeessa.

لَوْلَا كِتَابٌ مِنَ اللَّهِ سَبَقَ لَمَسَّكُمْ فِيمَا أَخَذْتُمْ عَذَابٌ عَظِيمٌ

Odoo murtiin Rabbi irraa dabre ta’uu baatee, silaa waan isin fudhattan keessatti adabbiin guddaan isin mudata ture.

فَكُلُوا مِمَّا غَنِمْتُمْ حَلَالًا طَيِّبًا ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ

Haala hayyamamaafi gaarii ta’een waan boojitan irraa nyaadhaa, Rabbiin sodaadhaa, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ قُلْ لِمَنْ فِي أَيْدِيكُمْ مِنَ الْأَسْرَىٰ إِنْ يَعْلَمِ اللَّهُ فِي قُلُوبِكُمْ خَيْرًا يُؤْتِكُمْ خَيْرًا مِمَّا أُخِذَ مِنْكُمْ وَيَغْفِرْ لَكُمْ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ

Ati Yaa nabiyyicha Booji’amtoota irraa namoota harka kee keessa jiraniin jedhi: “yoo Rabbiin onneewwan keessan keessatti toltuu wahii beekee, waan isin irraa fudhatame waan caalu isiniif kenna, isiniifis ni araarama, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.

وَإِنْ يُرِيدُوا خِيَانَتَكَ فَقَدْ خَانُوا اللَّهَ مِنْ قَبْلُ فَأَمْكَنَ مِنْهُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ

Yoo isaan si ganuu fedhan, dhugumatti kana duras Rabbiin gananii jiru; isaan irraa (ajjeesuufi booji’uun) (siif) mijjeessee jira, Rabbiin beekaa, ogeessa.

إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالَّذِينَ آوَوْا وَنَصَرُوا أُولَٰئِكَ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ وَالَّذِينَ آمَنُوا وَلَمْ يُهَاجِرُوا مَا لَكُمْ مِنْ وَلَايَتِهِمْ مِنْ شَيْءٍ حَتَّىٰ يُهَاجِرُوا ۚ وَإِنِ اسْتَنْصَرُوكُمْ فِي الدِّينِ فَعَلَيْكُمُ النَّصْرُ إِلَّا عَلَىٰ قَوْمٍ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُمْ مِيثَاقٌ ۗ وَاللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ بَصِيرٌ

Isaannan amananii godaananii, karaa Rabbii keessattis qabeenyaafi lubbuulee isaanitiin qabsaa’aniifi isaannan (isaan) qubsiisanii, gargaarsas (isaaniif) godhan, jarri sun gariin isaanii jaalallee gariiti. Isaan amananii hin godaanin immoo hanga godaananitti jaalala isaanii irraa homtuu isiniif hin taane. Yoo amantii keessatti tumsa isin gaafatan isaan tumsuun isin irratti dirqama. -namoota gidduu keessaniifi gidduu isaanii waadaan jiru irratti (yoo ta’e) malee- Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.

وَالَّذِينَ كَفَرُوا بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ إِلَّا تَفْعَلُوهُ تَكُنْ فِتْنَةٌ فِي الْأَرْضِ وَفَسَادٌ كَبِيرٌ

Isaannan kafaran gariin isaanii jaalallee gariiti. Yoo isin isa (mu’uminoota jaallattanii kaafiroota jibbuu) hojjachuu baattan dachii keessatti balaa (shirkii)fi badii guddaatu argama.

وَالَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَالَّذِينَ آوَوْا وَنَصَرُوا أُولَٰئِكَ هُمُ الْمُؤْمِنُونَ حَقًّا ۚ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ

Isaan amananii, godaananii, karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniifi isaan (isaan) qubsiisanii, gargaarsa (isaaniif) godhan, warri sun isaanumatu mu’uminoota dhugaati, Isaaniif araaramaafi hiree gaariitu jira.

وَالَّذِينَ آمَنُوا مِنْ بَعْدُ وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا مَعَكُمْ فَأُولَٰئِكَ مِنْكُمْ ۚ وَأُولُو الْأَرْحَامِ بَعْضُهُمْ أَوْلَىٰ بِبَعْضٍ فِي كِتَابِ اللَّهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ

Warri sana booda amananii, godaananiifi isin waliin qabsaa’an, isaan isin irraayyi. (Dhaala ilaalchisee) warri firaa gariin isaanii garii (dhaaluu)tti irra caalaadha kitaaba Rabbii keessatti, Rabbiin waan hunda beekaadha.