بَرَاءَةٌ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ إِلَى الَّذِينَ عَاهَدْتُمْ مِنَ الْمُشْرِكِينَ
(Isheen tun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (dhaqqabduudha).
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بَرَاءَةٌ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ إِلَى الَّذِينَ عَاهَدْتُمْ مِنَ الْمُشْرِكِينَ
(Isheen tun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (dhaqqabduudha).
فَسِيحُوا فِي الْأَرْضِ أَرْبَعَةَ أَشْهُرٍ وَاعْلَمُوا أَنَّكُمْ غَيْرُ مُعْجِزِي اللَّهِ ۙ وَأَنَّ اللَّهَ مُخْزِي الْكَافِرِينَ
Ji’oota afuriif dachii keessa deemaa, Isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa. Rabbiin salphisaa kaafirootaati.
وَأَذَانٌ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ إِلَى النَّاسِ يَوْمَ الْحَجِّ الْأَكْبَرِ أَنَّ اللَّهَ بَرِيءٌ مِنَ الْمُشْرِكِينَ ۙ وَرَسُولُهُ ۚ فَإِنْ تُبْتُمْ فَهُوَ خَيْرٌ لَكُمْ ۖ وَإِنْ تَوَلَّيْتُمْ فَاعْلَمُوا أَنَّكُمْ غَيْرُ مُعْجِزِي اللَّهِ ۗ وَبَشِّرِ الَّذِينَ كَفَرُوا بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
(Kuni) labsii Rabbiifi ergamaa Isaa irraa gara namaatti guyyaa hajji guddaa keessatti tahe, “Rabbiin qindeessitoota irraa qulqulluudha; Ergamaan Isaas (akkasuma), Yoo tawbattaniif, inni isiniif caalaadha, Yoo garagaltan immoo isin Rabbiin dadhabsiisoo akka hin ta’in beekaa” jechuudhaan. Warra kafaran adabbii laalessaadhaan gammachiisi.
إِلَّا الَّذِينَ عَاهَدْتُمْ مِنَ الْمُشْرِكِينَ ثُمَّ لَمْ يَنْقُصُوكُمْ شَيْئًا وَلَمْ يُظَاهِرُوا عَلَيْكُمْ أَحَدًا فَأَتِمُّوا إِلَيْهِمْ عَهْدَهُمْ إِلَىٰ مُدَّتِهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَّقِينَ
Garuu qindeessitoota irraa Warri waadaa walii seentanii sana booda homaa isin hin hirdhisiniifi (nama) tokkollee isin irratti hin gargaarin, malee, hanga beellama isaaniitti waadaa isaanii isaaniif guutaa, Rabbiin sodaattota isaa jaalata.
فَإِذَا انْسَلَخَ الْأَشْهُرُ الْحُرُمُ فَاقْتُلُوا الْمُشْرِكِينَ حَيْثُ وَجَدْتُمُوهُمْ وَخُذُوهُمْ وَاحْصُرُوهُمْ وَاقْعُدُوا لَهُمْ كُلَّ مَرْصَدٍ ۚ فَإِنْ تَابُوا وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَآتَوُا الزَّكَاةَ فَخَلُّوا سَبِيلَهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Yeroo ji’oonni kabajamoon dabran, mushrikoota bakka isaan argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aa; isaan marsaa; karaa hunda irra isaaniif taa’aa, Yoo tawbatanii salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan (lola irraa dhaabaa) karaa isaanii isaaniif gadi dhiisaa, Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.
وَإِنْ أَحَدٌ مِنَ الْمُشْرِكِينَ اسْتَجَارَكَ فَأَجِرْهُ حَتَّىٰ يَسْمَعَ كَلَامَ اللَّهِ ثُمَّ أَبْلِغْهُ مَأْمَنَهُ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَا يَعْلَمُونَ
Yoo tokkoon qindeessitoota (kuffaara) irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade, nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, eegasii iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.
كَيْفَ يَكُونُ لِلْمُشْرِكِينَ عَهْدٌ عِنْدَ اللَّهِ وَعِنْدَ رَسُولِهِ إِلَّا الَّذِينَ عَاهَدْتُمْ عِنْدَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ ۖ فَمَا اسْتَقَامُوا لَكُمْ فَاسْتَقِيمُوا لَهُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ يُحِبُّ الْمُتَّقِينَ
Qindeessitootaaf waadaan Rabbiin biraafi ergamaa Isaa bira akkamitti tahaaf? (hintahuuf) warra masjiida kabajamaa biratti waadaa walii seentan malee (walii galtee hudeybiyyaa), waan isaan (waadaadhaan) isiniif dhaabbataniin isinis isaaniif dhaabbadhaa, Rabbiin warra Isa sodaatan jaalata.
كَيْفَ وَإِنْ يَظْهَرُوا عَلَيْكُمْ لَا يَرْقُبُوا فِيكُمْ إِلًّا وَلَا ذِمَّةً ۚ يُرْضُونَكُمْ بِأَفْوَاهِهِمْ وَتَأْبَىٰ قُلُوبُهُمْ وَأَكْثَرُهُمْ فَاسِقُونَ
Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? (hintahu). Afaanoowwan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneewwan isaanii immoo ni diddi. Irra hedduun isaaniis finciltoota.
اشْتَرَوْا بِآيَاتِ اللَّهِ ثَمَنًا قَلِيلًا فَصَدُّوا عَنْ سَبِيلِهِ ۚ إِنَّهُمْ سَاءَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ
Keeyyattoota Rabbiitiin bu’aa xiqqaa bitatanii karaa Isaa irraas (namoota) dhorgan, isaan wanti isaan dalagaa turan waa fokkate.
لَا يَرْقُبُونَ فِي مُؤْمِنٍ إِلًّا وَلَا ذِمَّةً ۚ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُعْتَدُونَ
Mu’umina keessatti, firummaas ta’ee waadaa hin eeggatanu, Warri sun isaanumatu daangaa dabritoota.
فَإِنْ تَابُوا وَأَقَامُوا الصَّلَاةَ وَآتَوُا الزَّكَاةَ فَإِخْوَانُكُمْ فِي الدِّينِ ۗ وَنُفَصِّلُ الْآيَاتِ لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ
Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaa kennan (isaan) amantii keessatti obboleeyyan keessani, keeyyattoota keenya ni addeessina Ummata xiinxallaniif .
وَإِنْ نَكَثُوا أَيْمَانَهُمْ مِنْ بَعْدِ عَهْدِهِمْ وَطَعَنُوا فِي دِينِكُمْ فَقَاتِلُوا أَئِمَّةَ الْكُفْرِ ۙ إِنَّهُمْ لَا أَيْمَانَ لَهُمْ لَعَلَّهُمْ يَنْتَهُونَ
Yoo erga waadaa seenanii booda waadaa isaanii diiganii amantii keessan xiqqeesan (arrabsan), hoggantoota kufriitin lolaa isaan waadaan isaaniif hin jiruu, akka dhorgamaniif.
أَلَا تُقَاتِلُونَ قَوْمًا نَكَثُوا أَيْمَانَهُمْ وَهَمُّوا بِإِخْرَاجِ الرَّسُولِ وَهُمْ بَدَءُوكُمْ أَوَّلَ مَرَّةٍ ۚ أَتَخْشَوْنَهُمْ ۚ فَاللَّهُ أَحَقُّ أَنْ تَخْشَوْهُ إِنْ كُنْتُمْ مُؤْمِنِينَ
Sila hinloltaniinii? ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyya irraa baasuuf barbaadan, isaan dursanii kan (lolaan) isin jalqaban odoo ta’anii jiranuu (maaliif isaaniin hin lolle?) (lolaanii) Sila isaan sodaattanii? Rabbitu isin Isa sodaachuutti irra haqa, Yoo mu’uminoota taatan.
قَاتِلُوهُمْ يُعَذِّبْهُمُ اللَّهُ بِأَيْدِيكُمْ وَيُخْزِهِمْ وَيَنْصُرْكُمْ عَلَيْهِمْ وَيَشْفِ صُدُورَ قَوْمٍ مُؤْمِنِينَ
Isaaniin lolaa, Rabbiin harkoowwan keessaniin isaan adaba; isaan salphisa; isaan irratti isinii tumsa; qomoowwan warra mu’uminootaa ni fayyisa.
وَيُذْهِبْ غَيْظَ قُلُوبِهِمْ ۗ وَيَتُوبُ اللَّهُ عَلَىٰ مَنْ يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Dallansuu onneewwan isaaniis ni deemsisa; Rabbiin nama fedhe irra toowbaa qeebala, Rabbiin beekaa, ogeessa.
أَمْ حَسِبْتُمْ أَنْ تُتْرَكُوا وَلَمَّا يَعْلَمِ اللَّهُ الَّذِينَ جَاهَدُوا مِنْكُمْ وَلَمْ يَتَّخِذُوا مِنْ دُونِ اللَّهِ وَلَا رَسُولِهِ وَلَا الْمُؤْمِنِينَ وَلِيجَةً ۚ وَاللَّهُ خَبِيرٌ بِمَا تَعْمَلُونَ
Sila odoo Rabbiin isin irraa namoota qabsaa’aniifi kan -Rabbiin, ergamaa isaatiifi mu’uminootaan- malee jaalalloo hin godhatin adda hin baafne dhiifamtu seetuu? (hinsehinaa) Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.
مَا كَانَ لِلْمُشْرِكِينَ أَنْ يَعْمُرُوا مَسَاجِدَ اللَّهِ شَاهِدِينَ عَلَىٰ أَنْفُسِهِمْ بِالْكُفْرِ ۚ أُولَٰئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ وَفِي النَّارِ هُمْ خَالِدُونَ
mushrikootaaf hin malu masjiidota Rabbii jiraachisuun, Odoo lubbuulee isaanii irratti kufrii ragaa ba’anii. Isaan dalagaaleen isaanii badde. Isaan ibidda keessa zalaalam jiraatu.
إِنَّمَا يَعْمُرُ مَسَاجِدَ اللَّهِ مَنْ آمَنَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَأَقَامَ الصَّلَاةَ وَآتَى الزَّكَاةَ وَلَمْ يَخْشَ إِلَّا اللَّهَ ۖ فَعَسَىٰ أُولَٰئِكَ أَنْ يَكُونُوا مِنَ الْمُهْتَدِينَ
Masjiidota Rabbii kan jiraachisu nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amane, kan salaata gadi dhaabe, zakaa kenneefi Rabbiin malee homaa hin sodaanne qofa, Warri kun qajeelfamtootarraa tahuun mirkana’eera.
أَجَعَلْتُمْ سِقَايَةَ الْحَاجِّ وَعِمَارَةَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ كَمَنْ آمَنَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَجَاهَدَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۚ لَا يَسْتَوُونَ عِنْدَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ
Sila warra hajja’u obaasuufi masjiida kabajamaa jiraachisuu akka (imaana) nama Rabbiifi Guyyaa Qiyaamaatti amanee, karaa Rabbii keessatti qabsaa’ee gootanii? Rabbiin biratti wal hin qixxaawan. Rabbiin ummata midhaa hojjatoota hin qajeelchu.
الَّذِينَ آمَنُوا وَهَاجَرُوا وَجَاهَدُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ أَعْظَمُ دَرَجَةً عِنْدَ اللَّهِ ۚ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْفَائِزُونَ
Isaan amananii, godaananiifi karaa Rabbii keessatti qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’an; Rabbiin biratti sadarkaadhaan irra guddatoodha. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
يُبَشِّرُهُمْ رَبُّهُمْ بِرَحْمَةٍ مِنْهُ وَرِضْوَانٍ وَجَنَّاتٍ لَهُمْ فِيهَا نَعِيمٌ مُقِيمٌ
Gooftaan isaanii isaan gammachiisa rahmata isarraa taheen, jaalalaafi jannatoowwan ishee keessa qananiin yeroo hundaa isaaniif jirtuun.
خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۚ إِنَّ اللَّهَ عِنْدَهُ أَجْرٌ عَظِيمٌ
Yeroo hunda ishee keessa kan jiraatan ta’anii (isaan gammachiisa); Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا تَتَّخِذُوا آبَاءَكُمْ وَإِخْوَانَكُمْ أَوْلِيَاءَ إِنِ اسْتَحَبُّوا الْكُفْرَ عَلَى الْإِيمَانِ ۚ وَمَنْ يَتَوَلَّهُمْ مِنْكُمْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ
Yaa warra amantan! Abbootii keessaniifi obboleeyyan keessan (firoota keeysan hunaa) yoo isaan iimaana irra kufrii jaalatan jaalallee hin taasifatinaa, Isin irraa namni jaalallee isaan taasifate, warri sun isaanumatu midhaa raawwatoota.
قُلْ إِنْ كَانَ آبَاؤُكُمْ وَأَبْنَاؤُكُمْ وَإِخْوَانُكُمْ وَأَزْوَاجُكُمْ وَعَشِيرَتُكُمْ وَأَمْوَالٌ اقْتَرَفْتُمُوهَا وَتِجَارَةٌ تَخْشَوْنَ كَسَادَهَا وَمَسَاكِنُ تَرْضَوْنَهَا أَحَبَّ إِلَيْكُمْ مِنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ وَجِهَادٍ فِي سَبِيلِهِ فَتَرَبَّصُوا حَتَّىٰ يَأْتِيَ اللَّهُ بِأَمْرِهِ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ
Jedhiin “Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan Teessan, firoonni keessan, qabeenyi isin ishee horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti (yoo) jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin (adaba isaatiin) dhufutti eegaa” (jedhi). Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
لَقَدْ نَصَرَكُمُ اللَّهُ فِي مَوَاطِنَ كَثِيرَةٍ ۙ وَيَوْمَ حُنَيْنٍ ۙ إِذْ أَعْجَبَتْكُمْ كَثْرَتُكُمْ فَلَمْ تُغْنِ عَنْكُمْ شَيْئًا وَضَاقَتْ عَلَيْكُمُ الْأَرْضُ بِمَا رَحُبَتْ ثُمَّ وَلَّيْتُمْ مُدْبِرِينَ
Dhugumatti, Rabbiin iddoo baay’eetti isinii tumseera. Guyyaa (lola) Hunayni, yeroo baay’inni keessan isin dinqisiise, kan homaa isin irraa hin deebisin, dachiin bal’ina ishee wajjin isinitti dhiphattee, eegasii duubatti garagaltanii dheessitan (waan ta’e yaadadhu).
ثُمَّ أَنْزَلَ اللَّهُ سَكِينَتَهُ عَلَىٰ رَسُولِهِ وَعَلَى الْمُؤْمِنِينَ وَأَنْزَلَ جُنُودًا لَمْ تَرَوْهَا وَعَذَّبَ الَّذِينَ كَفَرُوا ۚ وَذَٰلِكَ جَزَاءُ الْكَافِرِينَ
Ergasii Rabbiin ergamaa Isaatiifi mu’uminoota irratti tasgabbii Isaa buuse. Waraana isin hin argines buusee, Isaan kafaran adabe. Kun galata kaafirootaati.
ثُمَّ يَتُوبُ اللَّهُ مِنْ بَعْدِ ذَٰلِكَ عَلَىٰ مَنْ يَشَاءُ ۗ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Rabbiin eegasii nama fedhe irraa tawbaa isaa qeebala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنَّمَا الْمُشْرِكُونَ نَجَسٌ فَلَا يَقْرَبُوا الْمَسْجِدَ الْحَرَامَ بَعْدَ عَامِهِمْ هَٰذَا ۚ وَإِنْ خِفْتُمْ عَيْلَةً فَسَوْفَ يُغْنِيكُمُ اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ إِنْ شَاءَ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Isin Yaa warra amantan! Mushrikoonni najisa; waggaa isaanii kana booda masjiidicha kabajamatti akka hin dhiyaanne. Yoo hiyyummaa sodaattan Rabbiin yoo fedhe tola Isa irraa ta’een isin duroomsa. Dhugumatti, Rabbiin beekaa, ogeessa.
قَاتِلُوا الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَلَا بِالْيَوْمِ الْآخِرِ وَلَا يُحَرِّمُونَ مَا حَرَّمَ اللَّهُ وَرَسُولُهُ وَلَا يَدِينُونَ دِينَ الْحَقِّ مِنَ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ حَتَّىٰ يُعْطُوا الْجِزْيَةَ عَنْ يَدٍ وَهُمْ صَاغِرُونَ
Isaan Rabbiifi Guyyaa Dhumaatti hin amannen lolaa, kan waan Rabbiifi ergamaan Isaa haraam godhe haraam hin godhin (hindhiisin), kan amantii haqaa hin fudhanne, warra kitaaba kennaman irraa kan ta’an hanga isaan salpatoo ta’anii gibira harkatti kennanitti (loolaani).
وَقَالَتِ الْيَهُودُ عُزَيْرٌ ابْنُ اللَّهِ وَقَالَتِ النَّصَارَى الْمَسِيحُ ابْنُ اللَّهِ ۖ ذَٰلِكَ قَوْلُهُمْ بِأَفْوَاهِهِمْ ۖ يُضَاهِئُونَ قَوْلَ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْ قَبْلُ ۚ قَاتَلَهُمُ اللَّهُ ۚ أَنَّىٰ يُؤْفَكُونَ
Yahuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jette. Kiristaanonni “Masiih ilma Rabbiiti” jette. Kun jecha isaanii (kankijibaa) kanuma afaanoowwan isaaniiti (baheedha). Jecha isaan duraan kafaraniitti ni fakkeessu. Rabbi isaan haa balleessu, akkamitti (dhugaa irraa) garagalu!
اتَّخَذُوا أَحْبَارَهُمْ وَرُهْبَانَهُمْ أَرْبَابًا مِنْ دُونِ اللَّهِ وَالْمَسِيحَ ابْنَ مَرْيَمَ وَمَا أُمِرُوا إِلَّا لِيَعْبُدُوا إِلَٰهًا وَاحِدًا ۖ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۚ سُبْحَانَهُ عَمَّا يُشْرِكُونَ
Hayyoota isaaniitiifi molokseewwan isaanii Rabbiin achitti gabaramtoota godhatan; Masiih ilma Maryamis (gabbaramaa godhatan). Gooftaa tokkicha (Allaah) gabbarutti malee hin ajajamne, Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru, Inni waan isaan itti qindessan irraa qulqullaa’e.
يُرِيدُونَ أَنْ يُطْفِئُوا نُورَ اللَّهِ بِأَفْوَاهِهِمْ وَيَأْبَى اللَّهُ إِلَّا أَنْ يُتِمَّ نُورَهُ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ
Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii (islaamummaa) afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu barbaadan, Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida, Odoo kaafirtoonni jibbanuu.
هُوَ الَّذِي أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِالْهُدَىٰ وَدِينِ الْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ عَلَى الدِّينِ كُلِّهِ وَلَوْ كَرِهَ الْمُشْرِكُونَ
Inni (Rabbiin) Isa ergamaa Isaa (muhammadiin) qajeelumaafi (Qur'aanaafii) amantii haqaatiin ergeedha, amantii hundarra ol taasisuuf jecha, odoma mushrikoonni jibbanuu.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنَّ كَثِيرًا مِنَ الْأَحْبَارِ وَالرُّهْبَانِ لَيَأْكُلُونَ أَمْوَالَ النَّاسِ بِالْبَاطِلِ وَيَصُدُّونَ عَنْ سَبِيلِ اللَّهِ ۗ وَالَّذِينَ يَكْنِزُونَ الذَّهَبَ وَالْفِضَّةَ وَلَا يُنْفِقُونَهَا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَبَشِّرْهُمْ بِعَذَابٍ أَلِيمٍ
Yaa warra amantan! Dhugumatti irra hedduun qeesotaafi moloksootaa qabeenya namootaa dharaan (haqaan malee) nyaatan; karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan (akka hin islaamoyne dhoowwan), Isaan meetaafi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne (zakaa irraa hinbaafne) adabbii laalessaan isaan gammachiisi.
يَوْمَ يُحْمَىٰ عَلَيْهَا فِي نَارِ جَهَنَّمَ فَتُكْوَىٰ بِهَا جِبَاهُهُمْ وَجُنُوبُهُمْ وَظُهُورُهُمْ ۖ هَٰذَا مَا كَنَزْتُمْ لِأَنْفُسِكُمْ فَذُوقُوا مَا كُنْتُمْ تَكْنِزُونَ
Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addawwan isaanii, cinaachowwan isaaniitiifi dugdoowwan isaanii isheen gubamtu (kawuyeeffamu), “Kun waan isin lubbuulee keessaniif kuusaattani; waan kuusaa turtan (adaba isaa) dhandhamaa” (jedhamu).
إِنَّ عِدَّةَ الشُّهُورِ عِنْدَ اللَّهِ اثْنَا عَشَرَ شَهْرًا فِي كِتَابِ اللَّهِ يَوْمَ خَلَقَ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضَ مِنْهَا أَرْبَعَةٌ حُرُمٌ ۚ ذَٰلِكَ الدِّينُ الْقَيِّمُ ۚ فَلَا تَظْلِمُوا فِيهِنَّ أَنْفُسَكُمْ ۚ وَقَاتِلُوا الْمُشْرِكِينَ كَافَّةً كَمَا يُقَاتِلُونَكُمْ كَافَّةً ۚ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَعَ الْمُتَّقِينَ
Lakkoofsi ji’ootaa Rabbi biratti ji’a kudha lamaI, kitaaba Rabbii keessatti, gaafuma samiifi dachii uume. saan keessaa afur kabajamoodha. kanatu amantii sirriiti. Isaan keessatti lubbuulee keessan hin miidhinaa. Mushrikoota tokko ta’aatii lolaan akkuma isaan tokko ta’anii isiniin lolan; Rabbiin warra isa sodaatan wajjin ta’uu beekaa.
إِنَّمَا النَّسِيءُ زِيَادَةٌ فِي الْكُفْرِ ۖ يُضَلُّ بِهِ الَّذِينَ كَفَرُوا يُحِلُّونَهُ عَامًا وَيُحَرِّمُونَهُ عَامًا لِيُوَاطِئُوا عِدَّةَ مَا حَرَّمَ اللَّهُ فَيُحِلُّوا مَا حَرَّمَ اللَّهُ ۚ زُيِّنَ لَهُمْ سُوءُ أَعْمَالِهِمْ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْكَافِرِينَ
(Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti) siiysuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudha, Warri kafaran isaan jallifamu, Waggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhu, Akka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha, waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhu, Fokkataan hojii isaanii isaaniif miidhagfame, Rabbiin ummata kaafira hin qajeelchu.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا مَا لَكُمْ إِذَا قِيلَ لَكُمُ انْفِرُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ اثَّاقَلْتُمْ إِلَى الْأَرْضِ ۚ أَرَضِيتُمْ بِالْحَيَاةِ الدُّنْيَا مِنَ الْآخِرَةِ ۚ فَمَا مَتَاعُ الْحَيَاةِ الدُّنْيَا فِي الْآخِرَةِ إِلَّا قَلِيلٌ
Yaa warra amantan! Maaltu isiniif jiraayyi yeroo karaa Rabbii keessatti (lolaaf) bahaa isiniin jedhame gara lafaatti rinciccan? Sila jireenya Addunyaa Aakhiraarra jaalatanii? Qananiin jireenya Adunyaa Aakhiraa biratti xiqqo malee hintaane.
إِلَّا تَنْفِرُوا يُعَذِّبْكُمْ عَذَابًا أَلِيمًا وَيَسْتَبْدِلْ قَوْمًا غَيْرَكُمْ وَلَا تَضُرُّوهُ شَيْئًا ۗ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ
Yoo isin (jihaadaaf) bahuu baattan, (Rabbiin) adabbii laalessaa isin adaba; Ummata isin hintahin (qajeelaa) bakka keessan buusa; isin homaa Isa hin miitan, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
إِلَّا تَنْصُرُوهُ فَقَدْ نَصَرَهُ اللَّهُ إِذْ أَخْرَجَهُ الَّذِينَ كَفَرُوا ثَانِيَ اثْنَيْنِ إِذْ هُمَا فِي الْغَارِ إِذْ يَقُولُ لِصَاحِبِهِ لَا تَحْزَنْ إِنَّ اللَّهَ مَعَنَا ۖ فَأَنْزَلَ اللَّهُ سَكِينَتَهُ عَلَيْهِ وَأَيَّدَهُ بِجُنُودٍ لَمْ تَرَوْهَا وَجَعَلَ كَلِمَةَ الَّذِينَ كَفَرُوا السُّفْلَىٰ ۗ وَكَلِمَةُ اللَّهِ هِيَ الْعُلْيَا ۗ وَاللَّهُ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Yoo isin isaaf tumsuu baattan, dhugumatti Rabbiin isaaf tumseera -yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaarraa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda (sawrii) keessatti ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin (Abiibakri ssiddiiqiin) “hin gaddin Rabbiin nu waliin jiraa; ” jedhu san- (Rabbiin isaaf tumseera). tasgabbii Isaa Rabbiin isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesse, Jecha warra kafaranii gad aantuu taasise, Jechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudha, Rabbiin injifataa ogeessa.
انْفِرُوا خِفَافًا وَثِقَالًا وَجَاهِدُوا بِأَمْوَالِكُمْ وَأَنْفُسِكُمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ ۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَكُمْ إِنْ كُنْتُمْ تَعْلَمُونَ
Salphoo taatanii yookiin ulfaatoo taataniis duulaaf bahaa; Qabeenyaaleefi lubbuulee keessaniin karaa Rabbii keessatti lolaa. kanatu isiniif caalaadha, Yoo kan beektan taatan.
لَوْ كَانَ عَرَضًا قَرِيبًا وَسَفَرًا قَاصِدًا لَاتَّبَعُوكَ وَلَٰكِنْ بَعُدَتْ عَلَيْهِمُ الشُّقَّةُ ۚ وَسَيَحْلِفُونَ بِاللَّهِ لَوِ اسْتَطَعْنَا لَخَرَجْنَا مَعَكُمْ يُهْلِكُونَ أَنْفُسَهُمْ وَاللَّهُ يَعْلَمُ إِنَّهُمْ لَكَاذِبُونَ
(Wanti ati itti isaan waamtu) odoo bu’aa dhihoofi imala giddu galeessa ta’ee silaa si hordofu turan. Garuu imalatu isaanitti fagaate, “Odoo dandeenyee silaa isin wajjiin baana turre” (jedhanii) Rabbiin kakatu. Lubbuulee isaanii balleessu. Rabbiin nibeeka kijibdoota ta’uu isaanii.
عَفَا اللَّهُ عَنْكَ لِمَ أَذِنْتَ لَهُمْ حَتَّىٰ يَتَبَيَّنَ لَكَ الَّذِينَ صَدَقُوا وَتَعْلَمَ الْكَاذِبِينَ
(Yaa Muhammad!) Rabbiin dhiifama siif godhee, (lola irraa hafuu) maalif isaaniif hayyamte? hanga isaan dhugaa dubbatan siif adda bahanii warra soban beektutti.
لَا يَسْتَأْذِنُكَ الَّذِينَ يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ أَنْ يُجَاهِدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالْمُتَّقِينَ
Isaan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin qabsaa’uu irraa (hafuuf) hayyama sin gaafatan. Rabbiin warra Isa sodaatu beekaadha.
إِنَّمَا يَسْتَأْذِنُكَ الَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَارْتَابَتْ قُلُوبُهُمْ فَهُمْ فِي رَيْبِهِمْ يَتَرَدَّدُونَ
(Lola irraa hafuuf) hayyama kan si gaafatu isaan Rabbiifi guyyaa aakhiraatti hin amanin kan onneewwan isaanii shakkiteedha (munaafiqoota); Isaan shakkii isaanii keessa deddeebi’u.
وَلَوْ أَرَادُوا الْخُرُوجَ لَأَعَدُّوا لَهُ عُدَّةً وَلَٰكِنْ كَرِهَ اللَّهُ انْبِعَاثَهُمْ فَثَبَّطَهُمْ وَقِيلَ اقْعُدُوا مَعَ الْقَاعِدِينَ
Odoo (lolaaf) bahuu fedhanii silaa qophii isaaf qophaa’u turan, Garuu Rabbiin bahuu isaanii jibbee duubatti isaan hanbise; “warra taa’uu wajjiin taa’aa” jedhame.
لَوْ خَرَجُوا فِيكُمْ مَا زَادُوكُمْ إِلَّا خَبَالًا وَلَأَوْضَعُوا خِلَالَكُمْ يَبْغُونَكُمُ الْفِتْنَةَ وَفِيكُمْ سَمَّاعُونَ لَهُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ بِالظَّالِمِينَ
Odoma isiniin waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanu. Rakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turan, Isin keessa namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiru. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka.
لَقَدِ ابْتَغَوُا الْفِتْنَةَ مِنْ قَبْلُ وَقَلَّبُوا لَكَ الْأُمُورَ حَتَّىٰ جَاءَ الْحَقُّ وَظَهَرَ أَمْرُ اللَّهِ وَهُمْ كَارِهُونَ
isaan amma duras rakkoo barbaadanii dhimmoota siif gara gaggalchanii turan, hanga dhugaan dhufee murtiin Rabbii ifa ba’utti osomaa isaan jibbanuu.
وَمِنْهُمْ مَنْ يَقُولُ ائْذَنْ لِي وَلَا تَفْتِنِّي ۚ أَلَا فِي الْفِتْنَةِ سَقَطُوا ۗ وَإِنَّ جَهَنَّمَ لَمُحِيطَةٌ بِالْكَافِرِينَ
Isaan irraa nama “(hafuuf) naaf hayyami; nan mokkorin” jedhuutu jira, Dhagayaa! (isaan) qormaata keessatti kufaniiru. Dhugumatti Jahannam kaafirootatti marsituudha.
إِنْ تُصِبْكَ حَسَنَةٌ تَسُؤْهُمْ ۖ وَإِنْ تُصِبْكَ مُصِيبَةٌ يَقُولُوا قَدْ أَخَذْنَا أَمْرَنَا مِنْ قَبْلُ وَيَتَوَلَّوْا وَهُمْ فَرِحُونَ
Yoo toltuun si mudatte, isaan gaddisiifti, Yoo balaan si mudatte immoo “nuti dursinee of eeggannoo keenya qabannee jirra” jedhan; kan gammadan ta’anii uf duuba garagalu.
قُلْ لَنْ يُصِيبَنَا إِلَّا مَا كَتَبَ اللَّهُ لَنَا هُوَ مَوْلَانَا ۚ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ
“Waan Rabbiin nuuf barreesse malee homaa nu hin mudatu. Inni tiksaa keenya” jedhi, Mu’umintoonni Rabbuma (qofa) irratti haa irkatanii.
قُلْ هَلْ تَرَبَّصُونَ بِنَا إِلَّا إِحْدَى الْحُسْنَيَيْنِ ۖ وَنَحْنُ نَتَرَبَّصُ بِكُمْ أَنْ يُصِيبَكُمُ اللَّهُ بِعَذَابٍ مِنْ عِنْدِهِ أَوْ بِأَيْدِينَا ۖ فَتَرَبَّصُوا إِنَّا مَعَكُمْ مُتَرَبِّصُونَ
Jedhiin “Sila tokkoo toltuu lamaanii malee waan biraa nutti eegduu? Nuti Rabbiin adabbii Isa biraa ta’een yookiin harkoowwan keenyaan isin tuquu (isin azzabuu) eegna. Isinis eegaa; nutis isin wajjiin eegoodha” (jedhi).
قُلْ أَنْفِقُوا طَوْعًا أَوْ كَرْهًا لَنْ يُتَقَبَّلَ مِنْكُمْ ۖ إِنَّكُمْ كُنْتُمْ قَوْمًا فَاسِقِينَ
“tolaan (jaalalaan) yookaa jibbaan arjoomaa; isin irraa hin qeebalamu, isin ummata finciltoota turtan” jedhi.
وَمَا مَنَعَهُمْ أَنْ تُقْبَلَ مِنْهُمْ نَفَقَاتُهُمْ إِلَّا أَنَّهُمْ كَفَرُوا بِاللَّهِ وَبِرَسُولِهِ وَلَا يَأْتُونَ الصَّلَاةَ إِلَّا وَهُمْ كُسَالَىٰ وَلَا يُنْفِقُونَ إِلَّا وَهُمْ كَارِهُونَ
wanti sadaqaan isaanii isaan irraa qeebalamuu dhorge hin jiru Rabbiifi ergamaa isaatti kafaruu isaanii malee, waan (akkasuma) salaata hifatoo ta’anii malee kan hin dhufne tahaniifi, kan jibban ta’anii malee arjoomuu dhabuu (isaanii malee).
فَلَا تُعْجِبْكَ أَمْوَالُهُمْ وَلَا أَوْلَادُهُمْ ۚ إِنَّمَا يُرِيدُ اللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ بِهَا فِي الْحَيَاةِ الدُّنْيَا وَتَزْهَقَ أَنْفُسُهُمْ وَهُمْ كَافِرُونَ
Qabeenyaaleen isaaniitiifi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisin, wanti Rabbiin fedhu jireenya Addunyaa keessatti isheedhaan isaan adabuufi kaafiroota ta’anii lubbuun isaanii bahuu fedha.
وَيَحْلِفُونَ بِاللَّهِ إِنَّهُمْ لَمِنْكُمْ وَمَا هُمْ مِنْكُمْ وَلَٰكِنَّهُمْ قَوْمٌ يَفْرَقُونَ
Isaan dhugumatti isin irraayyi jechuun Rabbiin kakatu; isaan isin irraayii miti, Garuu isaan ummata sodaatanuudha.
لَوْ يَجِدُونَ مَلْجَأً أَوْ مَغَارَاتٍ أَوْ مُدَّخَلًا لَوَلَّوْا إِلَيْهِ وَهُمْ يَجْمَحُونَ
Odoo iddoo itti baqatan yookiin goda yookiin iddoo seenan (qaawwa wahii) argatanii silaa kan fiigan ta’anii gara isaatti deebi’u turan.
وَمِنْهُمْ مَنْ يَلْمِزُكَ فِي الصَّدَقَاتِ فَإِنْ أُعْطُوا مِنْهَا رَضُوا وَإِنْ لَمْ يُعْطَوْا مِنْهَا إِذَا هُمْ يَسْخَطُونَ
Isaan irraas nama (qooda) sadaqaa keessatti maqaa si xureessutu jira, Yoo ishee irraa kennaman ni jaallatu; yoo ishee irraa hin kennamne immoo yoosan isaan ni jibbu (sitti aaru).
وَلَوْ أَنَّهُمْ رَضُوا مَا آتَاهُمُ اللَّهُ وَرَسُولُهُ وَقَالُوا حَسْبُنَا اللَّهُ سَيُؤْتِينَا اللَّهُ مِنْ فَضْلِهِ وَرَسُولُهُ إِنَّا إِلَى اللَّهِ رَاغِبُونَ
Odoo isaan waan Rabbiifi ergamaan Isaa isaaniif kenne jaalatanii “Rabbiin nuuf ga’aadha, Rabbiin fuula dura tola Isaa irraa nuuf kenna, Ergamaan Isaas (akkasuma). nuti gara Rabbii kajeeloodha” jedhanii (silaa isaaniif caalaa ture).
إِنَّمَا الصَّدَقَاتُ لِلْفُقَرَاءِ وَالْمَسَاكِينِ وَالْعَامِلِينَ عَلَيْهَا وَالْمُؤَلَّفَةِ قُلُوبُهُمْ وَفِي الرِّقَابِ وَالْغَارِمِينَ وَفِي سَبِيلِ اللَّهِ وَابْنِ السَّبِيلِ ۖ فَرِيضَةً مِنَ اللَّهِ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Zakaawwan (kan qoodamtu) dhabeeyyiif, hiyyeeyyiif, warra ishee irratti hojjataniif, warra onneewwan isaanii (Islaamummaa) barsiifamtuuf, gabra bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruuf, karaa Rabbii keessattiifi kara deemaadhaaf (qofa). Dirqama Rabbi irraa ta’e (qabadhaa). Rabbiin beekaa ogeessa.
وَمِنْهُمُ الَّذِينَ يُؤْذُونَ النَّبِيَّ وَيَقُولُونَ هُوَ أُذُنٌ ۚ قُلْ أُذُنُ خَيْرٍ لَكُمْ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَيُؤْمِنُ لِلْمُؤْمِنِينَ وَرَحْمَةٌ لِلَّذِينَ آمَنُوا مِنْكُمْ ۚ وَالَّذِينَ يُؤْذُونَ رَسُولَ اللَّهِ لَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Isaan irraas warra Nabiyyii rakkisantu jiru; “Inni gurra” jedhu. Jedhiin: “(Eeyyeen inni) gurra isiniif gaarii ta’eedha; Rabbitti ni amana, Mu’uminootas ni dhugoomsa. Isin irraa warra amananiifis rahmata.” Isaan ergamaa Rabbii rakkisan, isaaniif azaaba laalessaatu jira.
يَحْلِفُونَ بِاللَّهِ لَكُمْ لِيُرْضُوكُمْ وَاللَّهُ وَرَسُولُهُ أَحَقُّ أَنْ يُرْضُوهُ إِنْ كَانُوا مُؤْمِنِينَ
Isin gammachiisuf Rabbiin isiniif kakatan; Rabbiifi ergamaa Isaatu isaan isa gammachiisuu irra haqa godhata yoo mu’uminoota ta’an.
أَلَمْ يَعْلَمُوا أَنَّهُ مَنْ يُحَادِدِ اللَّهَ وَرَسُولَهُ فَأَنَّ لَهُ نَارَ جَهَنَّمَ خَالِدًا فِيهَا ۚ ذَٰلِكَ الْخِزْيُ الْعَظِيمُ
Sila isaan hin beeknee? nama Rabbiifi ergamaa Isaa faallesse, ibidda jahannamtu ishee keessatti kan hafu ta’ee isaaf jira jechuu. Kun salphina guddaadha.
يَحْذَرُ الْمُنَافِقُونَ أَنْ تُنَزَّلَ عَلَيْهِمْ سُورَةٌ تُنَبِّئُهُمْ بِمَا فِي قُلُوبِهِمْ ۚ قُلِ اسْتَهْزِئُوا إِنَّ اللَّهَ مُخْرِجٌ مَا تَحْذَرُونَ
Munaafiqoonni suuraan waan onneewwan isaanii keessa jiru isaanitti odeessitu isaan irratti buufamuu sodaatu. Jedhiin: “qishnaa godhaa. Rabbiin waan isin sodaattan (ifa) baasaadha.”
وَلَئِنْ سَأَلْتَهُمْ لَيَقُولُنَّ إِنَّمَا كُنَّا نَخُوضُ وَنَلْعَبُ ۚ قُلْ أَبِاللَّهِ وَآيَاتِهِ وَرَسُولِهِ كُنْتُمْ تَسْتَهْزِئُونَ
Yoo isaan gaafatte “Nuti haasawatti kan seennuufi kan taphannu qofa turre” jedhu. “Sila Rabbitti, keeyyattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti qishnaa kan gootan taatanii? jedhiin.
لَا تَعْتَذِرُوا قَدْ كَفَرْتُمْ بَعْدَ إِيمَانِكُمْ ۚ إِنْ نَعْفُ عَنْ طَائِفَةٍ مِنْكُمْ نُعَذِّبْ طَائِفَةً بِأَنَّهُمْ كَانُوا مُجْرِمِينَ
Rakkoo hin himatinaa (dhiifama hingaafatinaa)! Dhugumatti isin erga amanuu keessaniitii booda kafartanii jirtu. Yoo garee isin irraa ta’eef irra dabarre, garee biraa ni adabna, waan isaan yakkamtoota ta’aniif.
الْمُنَافِقُونَ وَالْمُنَافِقَاتُ بَعْضُهُمْ مِنْ بَعْضٍ ۚ يَأْمُرُونَ بِالْمُنْكَرِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمَعْرُوفِ وَيَقْبِضُونَ أَيْدِيَهُمْ ۚ نَسُوا اللَّهَ فَنَسِيَهُمْ ۗ إِنَّ الْمُنَافِقِينَ هُمُ الْفَاسِقُونَ
Munaafiqoonni dhiiraatiifi munaafiqoonni dubartii gariin isaanii garii irraayi. Waan jibbamaatti ni ajaju; waan gaarii irraa immoo ni dhorgu; harkoowwan isaanii (kenna irraa) ni deeffatu (nitamtoommatu); Rabbiin dagatan; Innis isaan dhiise. munaafiqoonni isaanumatu finciltoota.
وَعَدَ اللَّهُ الْمُنَافِقِينَ وَالْمُنَافِقَاتِ وَالْكُفَّارَ نَارَ جَهَنَّمَ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ هِيَ حَسْبُهُمْ ۚ وَلَعَنَهُمُ اللَّهُ ۖ وَلَهُمْ عَذَابٌ مُقِيمٌ
Rabbiin munaafiqoota dhiiraa, munaafiqoota dubartiifi kaafirootaafis ibidda jahannam beellamee jira, ishee keessatti zalaalam jitaatoodha, isheen isaaniif geessuudha, Rabbiin isaan abaareera. Isaaniif adabbii itti fufaatu jira.
كَالَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ كَانُوا أَشَدَّ مِنْكُمْ قُوَّةً وَأَكْثَرَ أَمْوَالًا وَأَوْلَادًا فَاسْتَمْتَعُوا بِخَلَاقِهِمْ فَاسْتَمْتَعْتُمْ بِخَلَاقِكُمْ كَمَا اسْتَمْتَعَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ بِخَلَاقِهِمْ وَخُضْتُمْ كَالَّذِي خَاضُوا ۚ أُولَٰئِكَ حَبِطَتْ أَعْمَالُهُمْ فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْخَاسِرُونَ
(Isin) akkuma warra isin dura dabraniiti; Isaan humnaan isin irra jajjaboo turan, qabeenyaafi ilmaaniinis isin irra baay’ee turan, Isaan qooda isaaniitti qanani’an, akkuma warri isin dura (dabran) qooda isaanitti qanani’an isiniis qooda keessanitti qananiitan. Akkuma isaan (tapha) keessa seenan isinis (tapha) keessa seentan. Warri sun Addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Warri sun isaanumatu hoonga’oodha.
أَلَمْ يَأْتِهِمْ نَبَأُ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِهِمْ قَوْمِ نُوحٍ وَعَادٍ وَثَمُودَ وَقَوْمِ إِبْرَاهِيمَ وَأَصْحَابِ مَدْيَنَ وَالْمُؤْتَفِكَاتِ ۚ أَتَتْهُمْ رُسُلُهُمْ بِالْبَيِّنَاتِ ۖ فَمَا كَانَ اللَّهُ لِيَظْلِمَهُمْ وَلَٰكِنْ كَانُوا أَنْفُسَهُمْ يَظْلِمُونَ
Sila oduun warra isaan duraa isaanitti hin dhufnee? (Oduun) ummata Nuuh, Aad, Samuud, ummata Ibraahiim, jiraattota Madyaniifi (gandattii) garagalfamtuu (ummata luux) (isaanitti hin dhufnee)? Ergamtoonni isaanii ragaalee mul'ataan isaanitti dhufanii jiru. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan.
وَالْمُؤْمِنُونَ وَالْمُؤْمِنَاتُ بَعْضُهُمْ أَوْلِيَاءُ بَعْضٍ ۚ يَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَيُقِيمُونَ الصَّلَاةَ وَيُؤْتُونَ الزَّكَاةَ وَيُطِيعُونَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ أُولَٰئِكَ سَيَرْحَمُهُمُ اللَّهُ ۗ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ حَكِيمٌ
Mu’uminoonni dhiiratiifi Mu’uminoonni dubaraa gariin isaanii jaalallee gariiti. Toltutti ajaju; hamtuu irraa dhorgu, salaata gadi dhaabu; Zakaa ni kennu; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ni ajajamu. Warri sun Rabbiin fuula dura rahmata isaaniif godha. Rabbiin injifataa, ogeessa.
وَعَدَ اللَّهُ الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا وَمَسَاكِنَ طَيِّبَةً فِي جَنَّاتِ عَدْنٍ ۚ وَرِضْوَانٌ مِنَ اللَّهِ أَكْبَرُ ۚ ذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
Rabbiin mu’uminoota dhiiraatiifi dubartootaatiifis jannata laggeen ishee jala yaatu waadaa seene, ishee keessatti kan hafan ta’anii manneen gaggaarii jannata qubsumaa keessa taates (waadaa galee jira). Jaalalli Rabbiin irraa ta’e (waahunda)rra guddaadha. Kun milkii guddaadha.
يَا أَيُّهَا النَّبِيُّ جَاهِدِ الْكُفَّارَ وَالْمُنَافِقِينَ وَاغْلُظْ عَلَيْهِمْ ۚ وَمَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ ۖ وَبِئْسَ الْمَصِيرُ
Yaa Nabiyyichaa! kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa’i; isaan irratti jabeessi. Teesson isaanii jahannami. Deebiin isaanii (jahannam tahuun) waa hammaatee!
يَحْلِفُونَ بِاللَّهِ مَا قَالُوا وَلَقَدْ قَالُوا كَلِمَةَ الْكُفْرِ وَكَفَرُوا بَعْدَ إِسْلَامِهِمْ وَهَمُّوا بِمَا لَمْ يَنَالُوا ۚ وَمَا نَقَمُوا إِلَّا أَنْ أَغْنَاهُمُ اللَّهُ وَرَسُولُهُ مِنْ فَضْلِهِ ۚ فَإِنْ يَتُوبُوا يَكُ خَيْرًا لَهُمْ ۖ وَإِنْ يَتَوَلَّوْا يُعَذِّبْهُمُ اللَّهُ عَذَابًا أَلِيمًا فِي الدُّنْيَا وَالْآخِرَةِ ۚ وَمَا لَهُمْ فِي الْأَرْضِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ
Homaa hin jenne jedhanii Rabbiin kakatu. Dhugumatti isaan jecha kufrii jedhaniiru; Erga Islaamummaa isaaniitii kafaraniiru; Waan itti hin geenye yaadaniiru; Rabbiifi ergamaan isaa tola Isa irraa ta’een isaan duroomsuu malee waan biraa hin jibbine. Yoo tawbatan caalaa isaaniif ta’a; yoo (irraa) garagalan immoo Rabbiin Addunyaafi Aakhiraattis adabbii laalessaan isaan adaba. Dachii keessatti jaalalleefi tumsaan isaaniif hin jiru.
وَمِنْهُمْ مَنْ عَاهَدَ اللَّهَ لَئِنْ آتَانَا مِنْ فَضْلِهِ لَنَصَّدَّقَنَّ وَلَنَكُونَنَّ مِنَ الصَّالِحِينَ
Isaan (munaafiqoota) irraas kan “Yoo (Rabbiin) tola Isaa irraa nuuf kenne, silaa dhugumatti ni arjoomna; Gaggaarii irraa ni taana” (jechuun) Rabbiif waadaa seenantu jiru.
فَلَمَّا آتَاهُمْ مِنْ فَضْلِهِ بَخِلُوا بِهِ وَتَوَلَّوْا وَهُمْ مُعْرِضُونَ
Yeroma (Rabbiin) tola Isaa irraa isaaniif kenne, (waadaa diiganii) isa doynoomanii (kennachuu didan); kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an.
فَأَعْقَبَهُمْ نِفَاقًا فِي قُلُوبِهِمْ إِلَىٰ يَوْمِ يَلْقَوْنَهُ بِمَا أَخْلَفُوا اللَّهَ مَا وَعَدُوهُ وَبِمَا كَانُوا يَكْذِبُونَ
Munaafiqummaa onneewwan isaanii keessatti isaan dhaalchise hanga guyyaa (qiyaamaa) Isaan wal qunnamaniitti. waan Rabbiin waadaa isaa faallessaniifi waan sobaa turaniif.
أَلَمْ يَعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ يَعْلَمُ سِرَّهُمْ وَنَجْوَاهُمْ وَأَنَّ اللَّهَ عَلَّامُ الْغُيُوبِ
Sila Rabbiin iccitii isaaniitiifi maqoo isaaniis kan beeku ta’uufi Rabbiin wantoota fagoo hundas akkaan beekaa ta’uu hin beeknee?
الَّذِينَ يَلْمِزُونَ الْمُطَّوِّعِينَ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ فِي الصَّدَقَاتِ وَالَّذِينَ لَا يَجِدُونَ إِلَّا جُهْدَهُمْ فَيَسْخَرُونَ مِنْهُمْ ۙ سَخِرَ اللَّهُ مِنْهُمْ وَلَهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
(Isaan) warra mu’uminoota irraa warra arjoomuu keessatti tola oolaniifi isaan waan dandeettii isaanii malee hin arganne maqaa xureessaniidha; Isaan isaanitti qishinu. Rabbiin isaanitti qishina (isaan adaba). Isaaniif adabbii laalessaatu jira.
اسْتَغْفِرْ لَهُمْ أَوْ لَا تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ إِنْ تَسْتَغْفِرْ لَهُمْ سَبْعِينَ مَرَّةً فَلَنْ يَغْفِرَ اللَّهُ لَهُمْ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ كَفَرُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ
Araarama isaaniif kadhadhu yookiin araarama isaaniif kadhachuu dhiisi; yoo yeroo torbaatama araarama isaaniif kadhatte, Rabbiin isaaniif hin araaramu. Kun waan isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti kafaraniifi. Rabbiin ummata finciltoota hin qajeelchu.
فَرِحَ الْمُخَلَّفُونَ بِمَقْعَدِهِمْ خِلَافَ رَسُولِ اللَّهِ وَكَرِهُوا أَنْ يُجَاهِدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَقَالُوا لَا تَنْفِرُوا فِي الْحَرِّ ۗ قُلْ نَارُ جَهَنَّمَ أَشَدُّ حَرًّا ۚ لَوْ كَانُوا يَفْقَهُونَ
Isaan (duula irraa) hafan, booda ergamaa Rabbiitii taa’uu isaaniitti gammadan; qabeenyaaleefi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’u ni jibban; “ho’a keessa duulaaf hin bahinaa” jedhan. “Odoo beekanii ibidda jahannamtu ho’atti irra cimaadha” jedhiin.
فَلْيَضْحَكُوا قَلِيلًا وَلْيَبْكُوا كَثِيرًا جَزَاءً بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ
(Adduniyatti) xiqqoo kolfanii (Aakhiratti) baay’ee haa booyani. Galata waan kan hojjatan tahaniitiif.
فَإِنْ رَجَعَكَ اللَّهُ إِلَىٰ طَائِفَةٍ مِنْهُمْ فَاسْتَأْذَنُوكَ لِلْخُرُوجِ فَقُلْ لَنْ تَخْرُجُوا مَعِيَ أَبَدًا وَلَنْ تُقَاتِلُوا مَعِيَ عَدُوًّا ۖ إِنَّكُمْ رَضِيتُمْ بِالْقُعُودِ أَوَّلَ مَرَّةٍ فَاقْعُدُوا مَعَ الْخَالِفِينَ
Yoo Rabbiin gara garee isaan irraa taateetti si deebisee, (duulaaf) bahuuf hayyama si gaafatan, jedhiin. “na wajjiin gonkumaa hin baatan; na wajjinis diinaan hin loltanu, Isin yeroo jalqabaa taa’umsa jaalattanii jirtu. warra (mana) taa’an wajjin taa’aa”(jedhiin).
وَلَا تُصَلِّ عَلَىٰ أَحَدٍ مِنْهُمْ مَاتَ أَبَدًا وَلَا تَقُمْ عَلَىٰ قَبْرِهِ ۖ إِنَّهُمْ كَفَرُوا بِاللَّهِ وَرَسُولِهِ وَمَاتُوا وَهُمْ فَاسِقُونَ
Isaan irraa nama du’e tokkollee irratti (salaata janaazaa) hin sagadin, Qabrii isaa irras (araarama isaa kadhachuuf) hin dhaabbatin, isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaran. finciltoota ta’anii du’aniiru.
وَلَا تُعْجِبْكَ أَمْوَالُهُمْ وَأَوْلَادُهُمْ ۚ إِنَّمَا يُرِيدُ اللَّهُ أَنْ يُعَذِّبَهُمْ بِهَا فِي الدُّنْيَا وَتَزْهَقَ أَنْفُسُهُمْ وَهُمْ كَافِرُونَ
Qabenyi isaaniitiifi ilmaan isaanii si hin ajaa’ibsiisin. Rabbiin isheedhaan addunyaa keessatti isaan adabuu fedha, isaan kaafiroota ta’anii lubbuun isaanii bahuu (fedha).
وَإِذَا أُنْزِلَتْ سُورَةٌ أَنْ آمِنُوا بِاللَّهِ وَجَاهِدُوا مَعَ رَسُولِهِ اسْتَأْذَنَكَ أُولُو الطَّوْلِ مِنْهُمْ وَقَالُوا ذَرْنَا نَكُنْ مَعَ الْقَاعِدِينَ
Yeroo suuraan Rabbitti amanaa ergamaa Isaa wajjiin qabsaa’aa isaaniin jettu takka buufamte, isaan irraa warri qabeenya qaban si hayyamsiifatan “Nu dhiisi nuti warra taa’an wajjin taanaa” jedhan.
رَضُوا بِأَنْ يَكُونُوا مَعَ الْخَوَالِفِ وَطُبِعَ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَفْقَهُونَ
Warra (duula irraa) (rakkoof) hafan wajjiin tahuu jaalatan. Onneewwan isaanii irratti cufameera, isaan hin hubatan.
لَٰكِنِ الرَّسُولُ وَالَّذِينَ آمَنُوا مَعَهُ جَاهَدُوا بِأَمْوَالِهِمْ وَأَنْفُسِهِمْ ۚ وَأُولَٰئِكَ لَهُمُ الْخَيْرَاتُ ۖ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ
Garuu ergamaan (muhammad) warri isaa wajjin amanan, qabeenyaaleefi lubbuuwwan isaaniitiin qabsaa’anii jiru. Warri sun toltuuwwantu isaaniif jira. Warri sun isaanumatu milkaa’oodha.
أَعَدَّ اللَّهُ لَهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ ذَٰلِكَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
Rabbiin jannata laggeen ishee jala yaatu, Isaan ishee keessatti kan hafan ta’anii, isaaniif qopheessee jira. Kuni milkii guddaadha.
وَجَاءَ الْمُعَذِّرُونَ مِنَ الْأَعْرَابِ لِيُؤْذَنَ لَهُمْ وَقَعَدَ الَّذِينَ كَذَبُوا اللَّهَ وَرَسُولَهُ ۚ سَيُصِيبُ الَّذِينَ كَفَرُوا مِنْهُمْ عَذَابٌ أَلِيمٌ
Tikfattoota baadiyyaa irraa warri rakkoo himatan akka hayyamni isaaniif godhamuuf jecha dhufan. Isaan Rabbiifi ergamaa Isaa kijibsiisan ni taa’an (rakkoo hinhimanne). Isaan irraa warra kafaran fuula dura adabbii laalessaatu isaan tuqa.
لَيْسَ عَلَى الضُّعَفَاءِ وَلَا عَلَى الْمَرْضَىٰ وَلَا عَلَى الَّذِينَ لَا يَجِدُونَ مَا يُنْفِقُونَ حَرَجٌ إِذَا نَصَحُوا لِلَّهِ وَرَسُولِهِ ۚ مَا عَلَى الْمُحْسِنِينَ مِنْ سَبِيلٍ ۚ وَاللَّهُ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Dadhabdoota, dhukkubsattootaafi isaan waan kennatan hin arganne irratti diliin hin jiru, yoo Rabbiifi ergamaa Isaatiif toltuu yaadan (duuluu baatanis). Toltuu raawattoota irra karaan (komii) hin jiru. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
وَلَا عَلَى الَّذِينَ إِذَا مَا أَتَوْكَ لِتَحْمِلَهُمْ قُلْتَ لَا أَجِدُ مَا أَحْمِلُكُمْ عَلَيْهِ تَوَلَّوْا وَأَعْيُنُهُمْ تَفِيضُ مِنَ الدَّمْعِ حَزَنًا أَلَّا يَجِدُوا مَا يُنْفِقُونَ
Isaan (sanirras komiin hinjiru) kan akka waan yaabbatan isaaniif kennitu yeroo sitti dhufan, ati “waan yaabbattan isiniif hin argu” jetteen, waan sadaqatan dhabuu irraa gaddaan ijji isaanii imimmaan yaasaa deebi’an irras (komiin) hin jiru.
إِنَّمَا السَّبِيلُ عَلَى الَّذِينَ يَسْتَأْذِنُونَكَ وَهُمْ أَغْنِيَاءُ ۚ رَضُوا بِأَنْ يَكُونُوا مَعَ الْخَوَالِفِ وَطَبَعَ اللَّهُ عَلَىٰ قُلُوبِهِمْ فَهُمْ لَا يَعْلَمُونَ
Karaan (Komii) kan jiru warra dureeyyii ta’anii hayyama si gaafatan qofa irra. Warra hafan waliin ta’uu jaalatan; Rabbiin onneewwan isaanii irratti cufe; kanaafuu, isaan homaa hin beekan.
يَعْتَذِرُونَ إِلَيْكُمْ إِذَا رَجَعْتُمْ إِلَيْهِمْ ۚ قُلْ لَا تَعْتَذِرُوا لَنْ نُؤْمِنَ لَكُمْ قَدْ نَبَّأَنَا اللَّهُ مِنْ أَخْبَارِكُمْ ۚ وَسَيَرَى اللَّهُ عَمَلَكُمْ وَرَسُولُهُ ثُمَّ تُرَدُّونَ إِلَىٰ عَالِمِ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ فَيُنَبِّئُكُمْ بِمَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ
Yeroo gara isaanii deebitan rakkina isinitti dhiheeffatu. jedhiin “rakkina hin himatinaa; Nuti isiniif hin amannu. Dhugumatti, Rabbiin oduu keessan irraa nuuf himee jira. Rabbiifi ergamaan Isaas hojii keessan arguuf jiru. Sana booda gara isa waan mul’atuufi hin mul’anne beekuutti deebifamtu. Waan isin dalagaa turtan isinitti hima” (jedhiin).
سَيَحْلِفُونَ بِاللَّهِ لَكُمْ إِذَا انْقَلَبْتُمْ إِلَيْهِمْ لِتُعْرِضُوا عَنْهُمْ ۖ فَأَعْرِضُوا عَنْهُمْ ۖ إِنَّهُمْ رِجْسٌ ۖ وَمَأْوَاهُمْ جَهَنَّمُ جَزَاءً بِمَا كَانُوا يَكْسِبُونَ
Yeroo isin gara isaanii deebitan akka isin isaan irraa gara galtaniif Rabbiin isiniif kakatu; isaan irraa gara galaa (dallanaa isaan dhiisaa oodaanii); isaan najisa. teesson isaanii jahannama galata waan dalagaa turaniitiif.
يَحْلِفُونَ لَكُمْ لِتَرْضَوْا عَنْهُمْ ۖ فَإِنْ تَرْضَوْا عَنْهُمْ فَإِنَّ اللَّهَ لَا يَرْضَىٰ عَنِ الْقَوْمِ الْفَاسِقِينَ
Akka isin isaan irraa jaalattaniif isiniif kakatu, Yoo isin isaan irraa jaalattanis, Rabbiin dhugumatti ummata finciltoota irraa hin jaalatu.
الْأَعْرَابُ أَشَدُّ كُفْرًا وَنِفَاقًا وَأَجْدَرُ أَلَّا يَعْلَمُوا حُدُودَ مَا أَنْزَلَ اللَّهُ عَلَىٰ رَسُولِهِ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Horsiisee bultoonni kufriifi munaafiqummaatti irra cimoodha; daangaawwan waan Rabbiin ergamaa Isaa irratti buusee beekuu dhabuutti irra dhihoodha. Rabbiin hunda beekaa, ogeessa.
وَمِنَ الْأَعْرَابِ مَنْ يَتَّخِذُ مَا يُنْفِقُ مَغْرَمًا وَيَتَرَبَّصُ بِكُمُ الدَّوَائِرَ ۚ عَلَيْهِمْ دَائِرَةُ السَّوْءِ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Horsiisee bultoota irraa namoota waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomu akka idaatti qabatujjira. naannoowwaa (rakkina) isinitti eega. Naannoon hamtuu isaan irratti haa ta’u. Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.
وَمِنَ الْأَعْرَابِ مَنْ يُؤْمِنُ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ وَيَتَّخِذُ مَا يُنْفِقُ قُرُبَاتٍ عِنْدَ اللَّهِ وَصَلَوَاتِ الرَّسُولِ ۚ أَلَا إِنَّهَا قُرْبَةٌ لَهُمْ ۚ سَيُدْخِلُهُمُ اللَّهُ فِي رَحْمَتِهِ ۗ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Tikfattoota baadiyyaa irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomus Rabbiin biratti dhiheenyaafi kadhaa ergamaa (muhammad) (ittiin argat) godhatutu jira. Dhagayaa! dhugumatti isheen isaaniif dhiheenya. Rabbiin fuula dura rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
وَالسَّابِقُونَ الْأَوَّلُونَ مِنَ الْمُهَاجِرِينَ وَالْأَنْصَارِ وَالَّذِينَ اتَّبَعُوهُمْ بِإِحْسَانٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا عَنْهُ وَأَعَدَّ لَهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي تَحْتَهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا أَبَدًا ۚ ذَٰلِكَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
Muhaajirootaafi Ansaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru. Jannata ishee jala laggeen yaatu kan ishee keessatti abad hafan ta’anii isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaadha.
وَمِمَّنْ حَوْلَكُمْ مِنَ الْأَعْرَابِ مُنَافِقُونَ ۖ وَمِنْ أَهْلِ الْمَدِينَةِ ۖ مَرَدُوا عَلَى النِّفَاقِ لَا تَعْلَمُهُمْ ۖ نَحْنُ نَعْلَمُهُمْ ۚ سَنُعَذِّبُهُمْ مَرَّتَيْنِ ثُمَّ يُرَدُّونَ إِلَىٰ عَذَابٍ عَظِيمٍ
Tikfattoota baadiyyaa irraa gariin warra naannoo keessan jiruu munaafiqoota. Warra Madiinaa irraas (namoota) munaafiqummaa irratti ragga’an jiru, ati isaan hin beeknetu. Nuti isaan ni beekna. Fuula dura yeroo lama isaan adabna. Ergasii isaan gara adabbii guddaa deebifamu.
وَآخَرُونَ اعْتَرَفُوا بِذُنُوبِهِمْ خَلَطُوا عَمَلًا صَالِحًا وَآخَرَ سَيِّئًا عَسَى اللَّهُ أَنْ يَتُوبَ عَلَيْهِمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ غَفُورٌ رَحِيمٌ
Warri biroo immoo (kan lolarraa hafan) kan badiilee isaanii fudhatan, dalagaa gaariifi fokkataa biraa walitti makantu jiru; Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebaluun nikajeelama, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.
خُذْ مِنْ أَمْوَالِهِمْ صَدَقَةً تُطَهِّرُهُمْ وَتُزَكِّيهِمْ بِهَا وَصَلِّ عَلَيْهِمْ ۖ إِنَّ صَلَاتَكَ سَكَنٌ لَهُمْ ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituufi isaaniif dabaltuun fuudhi. Rabbiin isaaniif kadhu; kadhaan kee isaaniif tasgabbiidha. Rabbiin dhagayaa, beekadha.
أَلَمْ يَعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ هُوَ يَقْبَلُ التَّوْبَةَ عَنْ عِبَادِهِ وَيَأْخُذُ الصَّدَقَاتِ وَأَنَّ اللَّهَ هُوَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ
Sila isaan ‘Rabbiin Isatu gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalaafi sadaqaas fudha’ jechuu hin beeknee? Rabbiin isatu tawbaa qeebalaafi rahmata godhaa dha’ jechuus (hin beeknee?).
وَقُلِ اعْمَلُوا فَسَيَرَى اللَّهُ عَمَلَكُمْ وَرَسُولُهُ وَالْمُؤْمِنُونَ ۖ وَسَتُرَدُّونَ إِلَىٰ عَالِمِ الْغَيْبِ وَالشَّهَادَةِ فَيُنَبِّئُكُمْ بِمَا كُنْتُمْ تَعْمَلُونَ
Hojjadhaa jedhiin, Rabbiin, ergamaan Isaatiifi mu’umintoonnis dalagaa keessan ni argu, Gara beekaa wantoota fagoofii wantoota mul’ataniis fuula dura ni deebitu, Waan isin dalagaa turtanis isinitti odeessa.
وَآخَرُونَ مُرْجَوْنَ لِأَمْرِ اللَّهِ إِمَّا يُعَذِّبُهُمْ وَإِمَّا يَتُوبُ عَلَيْهِمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Warri biroo immoo kan murtii Rabbii (eeguuf) booda aanfamantu jiru. Yookiin isaan adaba, yookiin immoo tawbaa isaan irraa qeebala. Rabbiin beekaa, ogeessa.
وَالَّذِينَ اتَّخَذُوا مَسْجِدًا ضِرَارًا وَكُفْرًا وَتَفْرِيقًا بَيْنَ الْمُؤْمِنِينَ وَإِرْصَادًا لِمَنْ حَارَبَ اللَّهَ وَرَسُولَهُ مِنْ قَبْلُ ۚ وَلَيَحْلِفُنَّ إِنْ أَرَدْنَا إِلَّا الْحُسْنَىٰ ۖ وَاللَّهُ يَشْهَدُ إِنَّهُمْ لَكَاذِبُونَ
Warri (mu’uminoota) rakkisuuf,masjiida tolfatan, akkasuma kufrii (babal’isuuf), gidduu mu’uminootaa addaan baasuufi, nama duraan Rabbiifi ergamaa Isaatiin loleef eegumsa godhuuf, (jecha masjiida tolfatanis isaanuma irraayyi). Dhugumatti kakatu “Nuti toltuu malee homaa hin feene” jedhanii. Rabbiin isaan kijibdoota tahuu ragaa baha.
لَا تَقُمْ فِيهِ أَبَدًا ۚ لَمَسْجِدٌ أُسِّسَ عَلَى التَّقْوَىٰ مِنْ أَوَّلِ يَوْمٍ أَحَقُّ أَنْ تَقُومَ فِيهِ ۚ فِيهِ رِجَالٌ يُحِبُّونَ أَنْ يَتَطَهَّرُوا ۚ وَاللَّهُ يُحِبُّ الْمُطَّهِّرِينَ
Gonkumaa isa (masjiidicha) keessa hin dhaabbatin. masjiida guyyaa jalqabaa irraa sodaa (Rabbii) irratti bu'ureeffametu ati isa keessa dhaabbachuu haqa godhata. Isa keessa namoota qulqulleeffachuu jaalatantu jiru. Rabbiin qulqulleeffattoota jaalata.
أَفَمَنْ أَسَّسَ بُنْيَانَهُ عَلَىٰ تَقْوَىٰ مِنَ اللَّهِ وَرِضْوَانٍ خَيْرٌ أَمْ مَنْ أَسَّسَ بُنْيَانَهُ عَلَىٰ شَفَا جُرُفٍ هَارٍ فَانْهَارَ بِهِ فِي نَارِ جَهَنَّمَ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الظَّالِمِينَ
Sila nama jaarmaya isaa sodaa Rabbirraa ta’eefi jaalala (Isaa) irratti bu’ureesse ccaalamoo, nama jaarmaya isaa afaan (qarqara) boollaa (jijjiiyduu) kan cituutti dhiyaate irratti bu’uuressee, ibidda jahannam keessatti isaan jigetu caala? Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
لَا يَزَالُ بُنْيَانُهُمُ الَّذِي بَنَوْا رِيبَةً فِي قُلُوبِهِمْ إِلَّا أَنْ تَقَطَّعَ قُلُوبُهُمْ ۗ وَاللَّهُ عَلِيمٌ حَكِيمٌ
Ijaarsi isaanii inni isaan ijaaran onneewwan isaanii keessatti (munaafiqummaafi) shakkii ta’uu irraa hin deemu. yoo onneewwan isaanii ciccitte malee. Rabbiin beekaa, ogeessa.
إِنَّ اللَّهَ اشْتَرَىٰ مِنَ الْمُؤْمِنِينَ أَنْفُسَهُمْ وَأَمْوَالَهُمْ بِأَنَّ لَهُمُ الْجَنَّةَ ۚ يُقَاتِلُونَ فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَيَقْتُلُونَ وَيُقْتَلُونَ ۖ وَعْدًا عَلَيْهِ حَقًّا فِي التَّوْرَاةِ وَالْإِنْجِيلِ وَالْقُرْآنِ ۚ وَمَنْ أَوْفَىٰ بِعَهْدِهِ مِنَ اللَّهِ ۚ فَاسْتَبْشِرُوا بِبَيْعِكُمُ الَّذِي بَايَعْتُمْ بِهِ ۚ وَذَٰلِكَ هُوَ الْفَوْزُ الْعَظِيمُ
Rabbiin mu’uminoota irraa jannanni isaaniif ta’uudhaan lubbuuleefi qabeenyaalee isaanii biteera. Karaa Rabbii keessatti lolu; ni ajjeesu; ni ajjeefamus. Kun Tawraat, Injiiliifi Qur’aana keessatti waadaa Isa irratti tahee mirkanaa’eedha. Namni Rabbi irra waadaa isaa guutu eenyu? Kanaafuu gurgurtaa keessan isa gurgurattaniin gammadaa. Sunis isatu milkii guddaadha.
التَّائِبُونَ الْعَابِدُونَ الْحَامِدُونَ السَّائِحُونَ الرَّاكِعُونَ السَّاجِدُونَ الْآمِرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَالنَّاهُونَ عَنِ الْمُنْكَرِ وَالْحَافِظُونَ لِحُدُودِ اللَّهِ ۗ وَبَشِّرِ الْمُؤْمِنِينَ
(Isaan) tawbattoota, gabbartoota, faarsitoota, soomtoota, warra rukuu’a godhan, warra sujuuda godhan, warra toltuutti ajajan, warra hamtuu irraa dhorganiifi warra daangaalee Rabbii eeganiidha. Mu’uminootas (jannataan) gammachiisi.
مَا كَانَ لِلنَّبِيِّ وَالَّذِينَ آمَنُوا أَنْ يَسْتَغْفِرُوا لِلْمُشْرِكِينَ وَلَوْ كَانُوا أُولِي قُرْبَىٰ مِنْ بَعْدِ مَا تَبَيَّنَ لَهُمْ أَنَّهُمْ أَصْحَابُ الْجَحِيمِ
Nabiyyichaafi warra amananiif, mushrikootaaf (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane, odoo firoota dhihoo ta’anillee, erga warra jahannam ta’uun isaaniif ifabahe booda.
وَمَا كَانَ اسْتِغْفَارُ إِبْرَاهِيمَ لِأَبِيهِ إِلَّا عَنْ مَوْعِدَةٍ وَعَدَهَا إِيَّاهُ فَلَمَّا تَبَيَّنَ لَهُ أَنَّهُ عَدُوٌّ لِلَّهِ تَبَرَّأَ مِنْهُ ۚ إِنَّ إِبْرَاهِيمَ لَأَوَّاهٌ حَلِيمٌ
Araarama abbaa isaatiif kadhachuun Ibraahiim waadaa ishee isaaf seene sana (guutuu) irraayyi malee waan biraa hin turre. Yeroma inni (kufrirratti du'u isaa beeysifamuun) diina Rabbii ta’uun ifa isaaf tahe isa irraa qulqullaaye, Dhugumatti Ibraahiim akkaan Rabbi kadhataadha obsaadha.
وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُضِلَّ قَوْمًا بَعْدَ إِذْ هَدَاهُمْ حَتَّىٰ يُبَيِّنَ لَهُمْ مَا يَتَّقُونَ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِكُلِّ شَيْءٍ عَلِيمٌ
Rabbiin ummata tokko erga isaan qajeelchee booda hanga waan isaan eeggachuu qaban isaaniif ibsutti kan (isaan) jallisu (yakkamaa godhu) hin taane, Dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaadha.
إِنَّ اللَّهَ لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۖ يُحْيِي وَيُمِيتُ ۚ وَمَا لَكُمْ مِنْ دُونِ اللَّهِ مِنْ وَلِيٍّ وَلَا نَصِيرٍ
Rabbiin mootummaan samiileefi dachii kan Isaati. Ni jiraachisa; ni ajjeesas. Rabbiin malee tiksaafi tumsaan tokkollee isiniif hin jiru.
لَقَدْ تَابَ اللَّهُ عَلَى النَّبِيِّ وَالْمُهَاجِرِينَ وَالْأَنْصَارِ الَّذِينَ اتَّبَعُوهُ فِي سَاعَةِ الْعُسْرَةِ مِنْ بَعْدِ مَا كَادَ يَزِيغُ قُلُوبُ فَرِيقٍ مِنْهُمْ ثُمَّ تَابَ عَلَيْهِمْ ۚ إِنَّهُ بِهِمْ رَءُوفٌ رَحِيمٌ
Dhugumatti Rabbiin nabiyyicha, muhaajirootaafi ansaarota itti araarame. warra yerottii rakkoo keessa isa hordofan, erga onneen garee isaan irraa ta’anii jallachuutti dhihaatee booda. Sana booda Rabbiin tawbaa isaanii qeebaleera, inni isaaniif mararfataa rahmata godhaadha.
وَعَلَى الثَّلَاثَةِ الَّذِينَ خُلِّفُوا حَتَّىٰ إِذَا ضَاقَتْ عَلَيْهِمُ الْأَرْضُ بِمَا رَحُبَتْ وَضَاقَتْ عَلَيْهِمْ أَنْفُسُهُمْ وَظَنُّوا أَنْ لَا مَلْجَأَ مِنَ اللَّهِ إِلَّا إِلَيْهِ ثُمَّ تَابَ عَلَيْهِمْ لِيَتُوبُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ هُوَ التَّوَّابُ الرَّحِيمُ
Warra sadeen booda aanfaman (irraa Rabbiin tawbaa qeebale) kaneen hanga dachiin bal’ina ishee wajjin isaan irratti dhiphattee, lubbuuleen isaaniis isaan irratti dhiphattee, Rabbi irraas gara Isaatti malee iddoon itti baqatan hin jiruu hanga mirkaneeffatanitti (booda aanfaman irraas) (Rabbiin tawbaa qeebaleera). Sana booda akka isaan tawbataniif jecha tawbaa isaan irraa qeebale. Dhugumatti, Rabbiin Isatu araaramaa rahmata godhaadha.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اتَّقُوا اللَّهَ وَكُونُوا مَعَ الصَّادِقِينَ
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; warra dhugaa wajjiin ta’aa.
مَا كَانَ لِأَهْلِ الْمَدِينَةِ وَمَنْ حَوْلَهُمْ مِنَ الْأَعْرَابِ أَنْ يَتَخَلَّفُوا عَنْ رَسُولِ اللَّهِ وَلَا يَرْغَبُوا بِأَنْفُسِهِمْ عَنْ نَفْسِهِ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ لَا يُصِيبُهُمْ ظَمَأٌ وَلَا نَصَبٌ وَلَا مَخْمَصَةٌ فِي سَبِيلِ اللَّهِ وَلَا يَطَئُونَ مَوْطِئًا يَغِيظُ الْكُفَّارَ وَلَا يَنَالُونَ مِنْ عَدُوٍّ نَيْلًا إِلَّا كُتِبَ لَهُمْ بِهِ عَمَلٌ صَالِحٌ ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُضِيعُ أَجْرَ الْمُحْسِنِينَ
Warra Madiinaatiifi tikfattoota baadiyyaa irraa warra moggaa isaaniitti argamaniif ergamaa Rabbii irraa duubatti hafuufi lubbuu isaaniis lubbuu isaa irra jaalachuun isaaniif hin malu ture. Sunis malee karaa Rabbii keessatti dheebuun, dadhabbiifi beellis isaan mudatee hojiin gaariin isaanii barreefamu malee hin hafan. akkasumas iddoo ejjannaa kaafiroota dallansiisu tokkoos ijjatanii diina irraas (ajjeesuufi booji’uun) qaqqabiinsa tokkos qaqqabanii (hojiin gaariin isaanii barreefamu malee hinhafan). Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu raawwattootaa hin balleessu.
وَلَا يُنْفِقُونَ نَفَقَةً صَغِيرَةً وَلَا كَبِيرَةً وَلَا يَقْطَعُونَ وَادِيًا إِلَّا كُتِبَ لَهُمْ لِيَجْزِيَهُمُ اللَّهُ أَحْسَنَ مَا كَانُوا يَعْمَلُونَ
Kennaa xiqqoos ta’ee guddaa kennanii hinhafan; laga tokkos qaxxaamuranii hinhafan isaaniif barreeffamu malee, Rabbiin gaarii waan isaan dalagaa turanii isaanii galata galcha.
وَمَا كَانَ الْمُؤْمِنُونَ لِيَنْفِرُوا كَافَّةً ۚ فَلَوْلَا نَفَرَ مِنْ كُلِّ فِرْقَةٍ مِنْهُمْ طَائِفَةٌ لِيَتَفَقَّهُوا فِي الدِّينِ وَلِيُنْذِرُوا قَوْمَهُمْ إِذَا رَجَعُوا إِلَيْهِمْ لَعَلَّهُمْ يَحْذَرُونَ
Mu’uminoonni (nabiyyii wajjin yoo ta’e malee) dimshaashatti duulatti bahuun isaaniin hin malu. Sila maaliif garee hunda irraa muraasni tokko hin lolle? (Warri biroo immoo) akka amantii keessatti hubannoo godhatanii yeroo gara isaaniitti deebi’an, akka ummata isaanii dinniinaniif (gorsaniif) jecha (maaliif hin hafne). Akka isaan (hamtuu) eeggataniif.
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا قَاتِلُوا الَّذِينَ يَلُونَكُمْ مِنَ الْكُفَّارِ وَلْيَجِدُوا فِيكُمْ غِلْظَةً ۚ وَاعْلَمُوا أَنَّ اللَّهَ مَعَ الْمُتَّقِينَ
Yaa warra amantan! Kuffaara irraa warra isinitti aananiin lolaa. Isin keessattis jabeenya haa arganu. Rabbiin warra Isa sodaatan wajjin jiraachuu beekaa.
وَإِذَا مَا أُنْزِلَتْ سُورَةٌ فَمِنْهُمْ مَنْ يَقُولُ أَيُّكُمْ زَادَتْهُ هَٰذِهِ إِيمَانًا ۚ فَأَمَّا الَّذِينَ آمَنُوا فَزَادَتْهُمْ إِيمَانًا وَهُمْ يَسْتَبْشِرُونَ
Yeroo suuraan tokka buute isaan irraa nama “eenyuu keessaniif isheen tun iimaana dabalte?” jedhutu jira. Egaa isaan amananiif kan gammadanu ta’anii iimaana isaaniif dabalte.
وَأَمَّا الَّذِينَ فِي قُلُوبِهِمْ مَرَضٌ فَزَادَتْهُمْ رِجْسًا إِلَىٰ رِجْسِهِمْ وَمَاتُوا وَهُمْ كَافِرُونَ
Isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru immoo najisa isaanii irratti najisa isaaniif dabalte. Isaan kaafiroota ta’anii du’an.
أَوَلَا يَرَوْنَ أَنَّهُمْ يُفْتَنُونَ فِي كُلِّ عَامٍ مَرَّةً أَوْ مَرَّتَيْنِ ثُمَّ لَا يَتُوبُونَ وَلَا هُمْ يَذَّكَّرُونَ
Sila isaan waggaa hunda keessa yeroo tokko yookiin yeroo lama mokkoramuu isaanii hin arganuu? Ergasii hin tawbatanii? Isaan hin gorfamanuu?
وَإِذَا مَا أُنْزِلَتْ سُورَةٌ نَظَرَ بَعْضُهُمْ إِلَىٰ بَعْضٍ هَلْ يَرَاكُمْ مِنْ أَحَدٍ ثُمَّ انْصَرَفُوا ۚ صَرَفَ اللَّهُ قُلُوبَهُمْ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَا يَفْقَهُونَ
Yeroo suuraan (isaan saaxiltu) takka buufamte, gariin isaanii gara garii isaanii ilaala “namni tokkolleen sila isin argaa jiraa?” jedhaa. Sana booda garagalanii deemu. Rabbiin onneewwan isaanii garagalche Waan isaan ummata hubannoo hin qabne ta’aniif.
لَقَدْ جَاءَكُمْ رَسُولٌ مِنْ أَنْفُسِكُمْ عَزِيزٌ عَلَيْهِ مَا عَنِتُّمْ حَرِيصٌ عَلَيْكُمْ بِالْمُؤْمِنِينَ رَءُوفٌ رَحِيمٌ
Dhugumatti, iisinitti dhufe ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e.
فَإِنْ تَوَلَّوْا فَقُلْ حَسْبِيَ اللَّهُ لَا إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ۖ عَلَيْهِ تَوَكَّلْتُ ۖ وَهُوَ رَبُّ الْعَرْشِ الْعَظِيمِ
Yoo isaan (sirraa) garagalan, jedhi “Rabbiin naaf gahaadha. Isa malee haqaan Gabbaramaan hin jiru. Isa qofa irrattin irkadhe; Inni Gooftaa arshii guddaati”.