وَالسَّمَاءِ ذَاتِ الْبُرُوجِ
Samii abbaa buufataale (orbitii) (aduu, ji'aafii urjiin ittiin naannawaniin) kakadha.
القرآن الكريمRowwad Translation Center
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
(Nin jalqaba) Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Taheetiin.
وَالسَّمَاءِ ذَاتِ الْبُرُوجِ
Samii abbaa buufataale (orbitii) (aduu, ji'aafii urjiin ittiin naannawaniin) kakadha.
وَالْيَوْمِ الْمَوْعُودِ
Guyyaa beellamamaanis (guyyaa qiyaamaa)tiinis (ninkakadha),
وَشَاهِدٍ وَمَشْهُودٍ
Ragaa ba'aafi warra ragaan itti ba'amuunis (nan kakadhaa),
قُتِلَ أَصْحَابُ الْأُخْدُودِ
Warri handaqa abaaraman.
النَّارِ ذَاتِ الْوَقُودِ
(Warri) ibidda boba’aa.
إِذْ هُمْ عَلَيْهَا قُعُودٌ
Yeroo isaan ishee irra taa'an,
وَهُمْ عَلَىٰ مَا يَفْعَلُونَ بِالْمُؤْمِنِينَ شُهُودٌ
Isaan waan mu'imintootatti hojjatan irratti hirmaattota.
وَمَا نَقَمُوا مِنْهُمْ إِلَّا أَنْ يُؤْمِنُوا بِاللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَمِيدِ
Rabbii injifataa, faarfamaatti amanuu malee homaa isaan irraa hinjibbine.
الَّذِي لَهُ مُلْكُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ ۚ وَاللَّهُ عَلَىٰ كُلِّ شَيْءٍ شَهِيدٌ
(Rabbiin) Isa mootummaan samiileefi dachii Isaaf ta'eedha. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
إِنَّ الَّذِينَ فَتَنُوا الْمُؤْمِنِينَ وَالْمُؤْمِنَاتِ ثُمَّ لَمْ يَتُوبُوا فَلَهُمْ عَذَابُ جَهَنَّمَ وَلَهُمْ عَذَابُ الْحَرِيقِ
Isaan mu'imintoota dhiiraafi dubartootaa rakkisanii ergasii gara Rabbii isaanii kan hin deebi'in (hin tawbatin) isaaniif adabbii jahannamtu jira; ammas isaaniif adabbii gubaatu jira.
إِنَّ الَّذِينَ آمَنُوا وَعَمِلُوا الصَّالِحَاتِ لَهُمْ جَنَّاتٌ تَجْرِي مِنْ تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ ۚ ذَٰلِكَ الْفَوْزُ الْكَبِيرُ
Isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaaniif jannatoowwan laggeen jala ishee yaatutu jira. Sun milkii guddaadha.
إِنَّ بَطْشَ رَبِّكَ لَشَدِيدٌ
Qabaan Gooftaa keetii (kan zaalimtoota qabu) haalaan cimaadha.
إِنَّهُ هُوَ يُبْدِئُ وَيُعِيدُ
Inni Isumatu [uumama] jalqaba; (du'a boodas) ni deebisa.
وَهُوَ الْغَفُورُ الْوَدُودُ
Inni akkaan araaramaa, akkaan jaalataadha
ذُو الْعَرْشِ الْمَجِيدُ
(Inni) abbaa Arshiiti; guddaadha.
فَعَّالٌ لِمَا يُرِيدُ
Waan fedhe akkaan hojjataadha.
هَلْ أَتَاكَ حَدِيثُ الْجُنُودِ
Sila oduun waraanaa si ga'eeraa?
فِرْعَوْنَ وَثَمُودَ
(Waraana) Fir'awnaafi Samuud.
بَلِ الَّذِينَ كَفَرُوا فِي تَكْذِيبٍ
Dhugumatti, isaan kafaran kijibsiisuu keessa jiru.
وَاللَّهُ مِنْ وَرَائِهِمْ مُحِيطٌ
Rabbiin immoo duuba isaanii irraan marsaadha.
بَلْ هُوَ قُرْآنٌ مَجِيدٌ
Dhugumatti, inni Qur'aana guddaadha.
فِي لَوْحٍ مَحْفُوظٍ
Luuhii tiikfamaa keessa jira.