Dhugumatti, gara samii deddeebi’uu fuula keetii arginee jirra. Gara qiblaa ati jaallattuu si deebisuuf jirra. (Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchi. Eessattillee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaa. Dhugumatti, warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta'e ni beeku. Rabbiinis waan isaan hojjatan irraa dagataa miti.
Al-Baqarah 2:144
Compare 2 Oromo translations
قَدْ نَرَىٰ تَقَلُّبَ وَجْهِكَ فِي السَّمَاءِ ۖ فَلَنُوَلِّيَنَّكَ قِبْلَةً تَرْضَاهَا ۚ فَوَلِّ وَجْهَكَ شَطْرَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ ۚ وَحَيْثُ مَا كُنْتُمْ فَوَلُّوا وُجُوهَكُمْ شَطْرَهُ ۗ وَإِنَّ الَّذِينَ أُوتُوا الْكِتَابَ لَيَعْلَمُونَ أَنَّهُ الْحَقُّ مِنْ رَبِّهِمْ ۗ وَمَا اللَّهُ بِغَافِلٍ عَمَّا يَعْمَلُونَ
DragHold to move · × to hide
Dhugumatti, gara samii garagaggaluu fuula keetii arginee jirra. Gara qiblaa ati jaalattuu si deebisuuf jirra. (Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchi. Eessattillee yoo taatan fuulleen keessan gara isaa gara galchaa. Dhugumatti, warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta'e ni beeku. Rabbiin waan isaan hojjatan irraa dagataa miti.