Al-Baqarah 2:143

Compare 2 Oromo translations

وَكَذَٰلِكَ جَعَلْنَاكُمْ أُمَّةً وَسَطًا لِتَكُونُوا شُهَدَاءَ عَلَى النَّاسِ وَيَكُونَ الرَّسُولُ عَلَيْكُمْ شَهِيدًا ۗ وَمَا جَعَلْنَا الْقِبْلَةَ الَّتِي كُنْتَ عَلَيْهَا إِلَّا لِنَعْلَمَ مَنْ يَتَّبِعُ الرَّسُولَ مِمَّنْ يَنْقَلِبُ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ ۚ وَإِنْ كَانَتْ لَكَبِيرَةً إِلَّا عَلَى الَّذِينَ هَدَى اللَّهُ ۗ وَمَا كَانَ اللَّهُ لِيُضِيعَ إِيمَانَكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ بِالنَّاسِ لَرَءُوفٌ رَحِيمٌ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Akkasuma (akkuma isin qajeelchinetti)filatamtuu ummataa isin taasifne, namoota irratti ragaa akka taatanuufi ergamichis ragaa isin irratti ta’uuf jecha. Nuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifne. Dhugumatti sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turte. Rabbiin iimaana (salaata) keessan (kan gara Beytal-Maqdis gara galtanii sagadaa turtan) kan balleessu hin taane. Dhugumatti, Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha.

Gali Ababor

Akkuma kana (akkuma isin qajeelchinetti) filatamtuu ummataa isin taasifne, ilma namaa irratti (guyyaa qiyaamaa) ragaalee akka taataniifi, ergamtichis (muhammad s.a.w.) ragaa isin irratti ta’uuf jecha. Nuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifne. Dhugumatti (jirjiiramni qiblaa) sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turte. Rabbiin iimaana keessan kan balleessu hin taane. Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha.

Rowwad Translation Center