Ta-Ha 20:40

Compare 2 Oromo translations

إِذْ تَمْشِي أُخْتُكَ فَتَقُولُ هَلْ أَدُلُّكُمْ عَلَىٰ مَنْ يَكْفُلُهُ ۖ فَرَجَعْنَاكَ إِلَىٰ أُمِّكَ كَيْ تَقَرَّ عَيْنُهَا وَلَا تَحْزَنَ ۚ وَقَتَلْتَ نَفْسًا فَنَجَّيْنَاكَ مِنَ الْغَمِّ وَفَتَنَّاكَ فُتُونًا ۚ فَلَبِثْتَ سِنِينَ فِي أَهْلِ مَدْيَنَ ثُمَّ جِئْتَ عَلَىٰ قَدَرٍ يَا مُوسَىٰ

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee deemtee ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen [yaadadhu], gara haadha keetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa jalaa si baraarree, mokkora cimaas si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. Sana booda yeroo Ani siif murteessetti (bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa!

Gali Ababor

(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee (kara sanduuqa bishaan oofu jala) deemtee, (warra isa fudhateen) ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen (yaadadhu). gara haadha teetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa (fii adabamuu) jalaa si baraarree, mokkoraalee si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. San booda murterratti (yeroo Ani siif murteessetti)(bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa.

Rowwad Translation Center