An-Nisa' 4:24

Compare 2 Oromo translations

وَالْمُحْصَنَاتُ مِنَ النِّسَاءِ إِلَّا مَا مَلَكَتْ أَيْمَانُكُمْ ۖ كِتَابَ اللَّهِ عَلَيْكُمْ ۚ وَأُحِلَّ لَكُمْ مَا وَرَاءَ ذَٰلِكُمْ أَنْ تَبْتَغُوا بِأَمْوَالِكُمْ مُحْصِنِينَ غَيْرَ مُسَافِحِينَ ۚ فَمَا اسْتَمْتَعْتُمْ بِهِ مِنْهُنَّ فَآتُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ فَرِيضَةً ۚ وَلَا جُنَاحَ عَلَيْكُمْ فِيمَا تَرَاضَيْتُمْ بِهِ مِنْ بَعْدِ الْفَرِيضَةِ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلِيمًا حَكِيمًا

القرآن الكريم

DragHold to move · × to hide

Dubartoota irraayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa)Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun isiniif eeyyamameeraIsaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaaWaan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiruDhugumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.

Gali Ababor

Dubartoota irraa isaan (dhiiraan) tikfaman (jaartii namaa) kan harki keessan dhuunfatte malee (fuudhuun dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa) Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun (fuudhuun) isiniif eeyyamameera. Isaan irraa (warra fuutanii qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) itti qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaa. Waan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiru. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.

Rowwad Translation Center